Utuu hindhukkubsatiin mana yaalaa deemanii ilaalamuu

Osoo hindhukkubsatiin yookaan mallattoo dhukkuba kamiiyyuu osoo ofirratti hinargiin mana yaalaa deemanii of qorachiisuun dhukkuboota akkamii irraa nu baraaruu danda’aa? Hangamis barbaachisaadha?

Yeroo baay’ee namoonni baay’een dhibee ofirraa ittisuun alatti erga baay’ee dhukkubsatanii booda mana yaalaa dhaquu filatu. Kanaafis carraan dhukkubichi hedduu itti hammaachuufi irraa damdamachuuf yeroo fudhachuu ni uumama.

Faallaa kanaa ammoo utuu ittisarratti xiyyeeffannee du’arraa namoota baay’ee baraaruun ni danda’ama. Fakkeenyaaf namoonni baay’een wal qunnamtiin saalaa daangaa hinqabne dhibeewwan daddarboo ta’an baay’ee kanneen akka ‘HIV’ nama saaxiluu isaa utuu beekanii ajaja kana irra darbuun dhibee kanaan gaaga’amaa jiru.

Akkasumas tamboo aarsuun carraa dhibee kaanseriin qabamuu kanneen akka kaanserii sombaa, kaanserii garaachaaa, kaanserii mar’imaanii, kaanserii gadameessaafi kanneen kana fakkaataniif nama saaxiluu isaa utuu beekanii dhibee kanaaf saaxilamuun namoonni baay’een addunyaa kanarraa yeroo isaanii malee darbaa jiru. Kun akka hintaaneef garuu ogeessi akka isa ilaallatutti hubannoo uumuurratti xiyyeeffachuu danda’uun tarkaanfii isa jalqaabaati jedheen amana.

Dhimmoota fayyummaan wal-qabatan hedduuf xiyyeeffannoo kennuu dhabuu keenyaanis ollaa miidhamaafi dhukkubaa yookaan ammoo du’aa taanee jiraachuuf of dirqina. Sababa kanaan rakkoo dhalatan danuu arguun ogeessonni fayyaa taajjabbii lakkoobsaan olii baayyee beekna. Uummanni keenya wantoota salphaattii manatti of yaaluu danda’u hubannoo dhabuu irraas kan ka’e sababa mataa jabummaan yeroon of oolchuuf yaaluu dhabuun gaaga’amaaf of saaxila. Taatee akka kanaa yeroo arginus akka ogeessota fayyaatti gaddi humnaan olii nutti dhaga’ama; nu dhukkubas.

Ilaalchi osoo hindhukkubsatiin yaalamuu jedhu biyya keenya keessatti yeroo hedduu kan baratamaa hintaaneedha. Namoonni yeroo hedduu kan of qorachiisan yoo haalonni garagaraa isaan dirqisiisan akka qacarrii hojiiwwan garaagaraa, gara biyyoota biraa deemuufi kkf yoo isaan mudatedha.

Haa ta’u malee dhukkuboonni addunyaa kana irraa lubbuu namaa duguuguudhaan sadarkaa ol’aanaa qabatanii jiran akka dhiibbaa dhiigaa, dhukkuba sukkaaraa, istirookii, dhukkuba onnee baay’inaan osoo mallattoo hinargisiisiin qaama namaa erga miidhanii booda kan mul’atan. Dhukkuboota akkasii kana kan ofirratti beekuu dandeenyuufi ofirraa ittisuu dandeenyu yoo osoo hindhukkubsatiin mana yaalaa yokaan kiliinika dhuunfaa garagaraa deemnee of qorachiifne qofa.

Barteen yokaan amalli osoo hindhukkubsatiin

dhukkuboota akkasii of qorachiisuu biyya keenya keessatti maal fakkaata kan jedhuuf deebii dhuunfaama keenya irraa kaanee ilaaluu dandeenya. Yeroo hedduu biyya keenya keessatti osoo hindhukkubsatin of qorachiisuu miti, yoo mallattoon dhukkubaa namatti dhaga’ame illee ariitiidhaan dafanii mana yaalaa deemuun baratamaa miti. “Xiqqoo turtee na dhiifti” jedhanii obsuun waanuma baratamaadha.

Rakkoon maallaqaa, manni yaalaa bakka barbaadanitti argamuu dhabuun, mana yaalaa deemaniis meeshaalee garagaraa mana yaalaa keessaa dhabuun akkuma jirutti ta’ee amma kan kaasuu barbaanne waa’ee mala fayyuummaa ofiif yaadanii mana yaalaa deemuuti.

Kanaaf waanti godhamuu qabu akkasi, mallattoon dhukkubaa yoo namatti dhaga’amu dafanii mana yaalaa deemuun dhukkubni osoo namatti hincimiin yoo argame, lubbuu ofii baraaruuf akkasumas baasii garmalee dhukkubni kun namatti cimee nama baasisu irraa baraaramuuf hedduu nama gargaara.

Dabalataan mallattoo dhukkubaa kamiyyuu osoo ofirratti hinargin of qorachiisuun ammoo dhukkuboota lubbuu galaafatan hedduun argamanii akka yaalaman nama gargaara. Fakkeenyumaaf akka qorannoon tokko tokko ibsanitti biyya keenya keessatti namoonni ga’eessota ta’an haga dhibbeentaa 15% ta’an dhiibbaa dhiigaa qabu jedhamee yaadama.

Kanneen keessaa kan dhiibbaa dhiigaa akka qaban beekamee qoricha fudhatan hedduu xiqqoodha. Kana malees warrumti dhiibbaa dhiigaa akka qaban baranii qoricha fudhatan illee dhiibbaa dhiigaa qabaachuun isaaniii kan baramu sababa dhukkuba biraaf mana yaalaa deemanii dhiibbaan dhiigaa isaanii achumaan safaramuudhaan malee, ofiin of qorachiisanii miti.

Akkasuma dhukkubni sukkaaraa hawaasa keessa haga dhibbeentaa 10% kan ta’u yoo ta’u, dhukkuba sukkaaraa kan ofirratti baru garuu namni erga dhukkubsatee mana yaalaa deemee booda. Kun ammoo erga dhukkubni sukkaaraa kalee, onnee, ijaafi qaamota biraa illee hedduu miidhee booda waan ta’eef faayidaan yaala isaa irraa argamu hedduu gad bu’aadha.

Akka saayinsiin fayyaa jedhutti ammoo akkuma kana dura kaafne namoonni haala armaan gadii keessatti argaman dhukkuba sukkaaraaf qoratamuu qabu: namoota ulfaatinni isaanii olka’aa ta’e ykn BMI isaanii 25 kg/m2 ol ta’eefi kanneen sochii qaamaa kan hintaasifne, fira dhiigaa dhiyoo (kan akkka haadha, abbaa, obbolaafi kkf) yoo kan dhukkuba sukkaaraa qaban ta’e, dhukkuboota sirna onneefi hidda dhiigaa beekame kan qabu/qabdu yoo taate, dhukkuba dhiibbaa dhiigaa akkasumas, dhukkuba garmalee olka’uu cooma ykn koolesteroolii (hypercholesterolemia) qaamaa kan qabu/qabdu. Namoota umriin isaanii wagga 45 ga’e ammoo hunduu qoratamuu qabu, yoo bilisa ta’anis wagga sadi, sadiin itti deebanii ilaalamuu qabu. Akkasumas dubartii yeroo ulfaa dhukkuba sukkaaraa yeroo ulfaan qabamtee turte, yoo xiqqaate wagga sadi sadiin qoratamuu qabdi.

Akkasuma illee dhukkuboota daddarboo ta’an keessumaa ammoo dhukkuba vaayiresii tiruu gosa Bfi Vaayiresii tiruu gosa C qoratamanii of beekuun faayidaa guddaa qaba. Vaayiresoonnii kun biyya keenya keessatti argama baay’ee ol’aanaa ta’e kan qabaniifi keessumaa vaayiresiin tiruu gosa ‘B’ haga dhibbeentaa 8 ga’a jedhamee yaadama. Vaayiresiin kun HIV caalaatti qunnaamtii saalaan daddarba, walqunnaamtii saalaan alatti illee waltuttuqqaa mana keessaa yeroo dheeraan illee carraan darbuu isaa olka’aadha.

Kanaaf yoo qoratamnee ofbeekne irraa kan hafe, vayiresii kanarraa bilisa jedhanii yaaduun baay’ee ulfaataadha. Vaayiresoonni kun yoo osoo hinqoratamin qaama keessa yeroo dheeraaf turan, tiruu namaa dadhabsiisuun akkasumas Kaanserii tiruu nama qabsiisuun lubbuu namaa galafaatu.

Namoonni hedduun akka vaayiresiin kun qaama isaanii keessa jiru kan baran erga tiruun isaanii miidhamee booda, kun ammoo tasuma ta’uu hinqabu. Yoo qoratamanii vaayiresiin tiruu qaama namaa keessatti aragame vayiresii tiruu gosa ‘B’f qoricha fudhachuudhaan yeroo dheeraaf akka miidhaa namarraan hingeessifne gochuun ni danda’ama.

Yoo kan vaayiresiin gosa ‘B’ kun kan nama keessa hinjirre ta’e ammoo talaallii isaa fudhachuudhaan sana booda akka namatti hindabarre dhorkuun ni danda’ama. Vayireesiin tiruu gosa ‘C’ ammoo yoo kan nama keessatti argamu ta’e yaalamanii guutummaa guutuutti fayyuun ni danda’ama. Haa ta’uu garuu kana mara kan fayyadamaa ta’uu danda’an yoo qoratamanii of baran qofa.

Akkasumas namoonni umuriin isaanii wagga 18 ol ta’e dhiibbaa dhiigaa isaanii akka of qorachiisanii beekuu qaban ogeeyyin fayyaa biyyoota garagaraa ni gorsu, dhiibbaa dhiigaa ofqoratanii beekuun ammoo dhukkuboota dhiibbaa dhiigaa irraan dhufan mara akka hambisu kaasnee jirra.

Dhukkuba sukkaaraa, dhukkuba vaayiresii tiruu, dhukkuba vaayiresii HIV, dhukkuba dhiibbaa dhiigaa akka fakeenyaatti haa kaafnu malee dhukkuboonni hedduun qoratamuudhaan irraa faayidaa argannu hedduutu jira.qorannooleen dhukkuboota armaan olitti ibsaman kanaaf godhaman baay’ee salphaafi bakka kamittuu argamuu kan danda’an akkasumas kaffaltiin isaanii hedduu xiqqaa kan ta’eedha. Kanaaf ergaan keenya, utuu qaamni keenya hinmiidhamiin dhukkuboota irraa qoratamnee lubbuu keenyaaf gumaacha guddaa haa goonu kan jedhuudha.

Horaa bulaa!

Doktar Naafyaad Geetuu

BARIISAA SANBATAA Ebla 8 Bara 2014

Recommended For You