“Riikardii torban sadiif na harkaa bahee ture deebifachuu kootti guddaan gammade” -Atileet Saamu’eel Tafarraa

Ispoortiin atileetiksii dorgommiiwwan heddu of keessatti hammata. Fiigicha gabaabaa meetira dhibbaatii kaasee hanga fageenya dadhabsiisaa kiiloometira 42.195 of keessaa kan qabuudha. Ispoortiiwwan hunda caalaas meedaaliyaawwan baay’ees kan argamsiisuudha.

Itoophiyaanis addunyaarratti, keessumaa addababa’ii olompikii, shaampiyoonaawwan atileetiksii addunyaafi dorgommiiwwan qaxxaamura biyyaarratti kan beekamtu ispoortuma kanaani.

Har’as shaampiyoonaa atileetiksii addunyaa mana keessatti adeemsifamutti akkuma kanaan duraa meedaaliyaawwan heddu fudhachuudhaan caalaatti beekamaa jirti.

Dhiheenya kanas shaampiyoonaa atileetiksi mana keessaatti yeroo 18ffaaf magaalaa guddoo Sarbiyaa, Beelgireeditti adeemsifametti biyyoota misensota Waldaa Federeeshinii Atileetiksii Addunyaa (‘IAAF’) beekamoota mo’achuudhaan yoomiyyuu caalaa addunyaarratti mul’atteetti.

Shaampiyoonicharratti biyyoota 128 irraa atileetota 611 akaakuuwwan atileetiksii 26n kan hirmaatan yoo ta’u,biyyoonni 31 qoftti gabate meedaaliyaa keessa galaniiru.

Dorgommii kanarratti meedaaliyaawwan 79 kan argaman yoo ta’u, isaan keessaa warqiin 26, meetiin 26fi nahaasni 27. Itoophiyaan kan hirmaate fiigicha meetira kuma sadii, 1,500fi 800 walumaagalatti atileetota 14n dhiiraafi dubaraani. Hirmaannaa kanaanis meedaaliyaa warqii afur, meetii sadiifi nahaasa lamaan dimshaashumatti meedaaliyaawwan sagaliin Addunyaafi Afrikaarraa yeroo jalqabaatiif tokkoffaa ta’uun milkiidhaan galteetti.

Atileetota meedaaliyaa warqii argamsiisan kanneen keessaa tokko kan ta’e atileetin kilaba Dhaabbata Bosonaafi Bineensota Bosonaa Oromiyaa Saamu’eel Tafarraa Gaazexaa Bariisaa wajjin gaafdeebii taasiseera.

Bariisaa: Dorgommiin mana keessaa Beelgireed akkam ture?

Saamu’eel: Eeyyeen dorgommichi gaarii ture. Fiigichi meetira kuma 1fi 500 ulfaataadha. Akka carraa ta’ee tokkoffaa bahuudhaan mo’adheera. Anilee hin yaane Waaqayyotti haatoluu mo’adheera.

Bariisaa: Keessattuu sa’aatii gaarii galmeessisteeti kan mo’atte, kanarra ga’uuf qophiin kee hakkam ture mee?

Saamu’eel: Qophiin kiyya baay’ee bareedaadha. Sirriitti shaakallee qophofne. Olompikiirratti sababa miili kiyya xinnoo nadhukkubeef gadi bu’ee ture. Isaan as miilli kiyyas waan naaf fayyeef, anis shaakala cimaa waanan taasiseef qabxii akkanaa galmeessisu danda’eera.

Bariisaa: Kilabii Dhaabbata Bosonaafi Bineensota Bosonaa Oromiyaatti yoom makamte? Sadarkaa kanarra akka geessuuf leenjiin sii kennamaa ture akkamitti ibsama?

Saamu’eel: Kilaba kana kanan gale 2008. Asuma keessattin guddadhe jechuun ni danda’a.

Kanaafuu kilabni kun kilaba baay’ee bareedaafi guddaadha. Atileetonni as keessa jiranis ciccimoodha. Haalli leenjilee daran namatti tola. Leenjisaan keenyas osoo qorraafi aduu hinjedhin halkanii guyyaa nufaana dadhabe sadarkaa kanarraan nu ga’eera.

Bariisaa: Mee xinnoo of duuba deebinaatii jalqaba eessatti fiigichatti seente?

Saamu’eel: Ani kanan dhaladhe Godina Shawaa Lixaa, Aanaa Miidaaqany, Ganda Gootuu Mandiiti. Fiigicha kanin jalqabe yeroon kutaa saddeettaffaa baradhuudha.

Bariisaa:Atileetin tokko jalqaba wayita ispoortii jalqabu bakka abaluun ga’a jedha. Ati waan akkasi yaaddee turtee?

Saamu’eel: Ani jalqaba sadarkaa kanarra gahuuf jedhee miti kanan jalqabe. Warri kaan kubbaa miilaa, kuun ammoo kubbaa saaphanaafi kachoo taphatu. Anis wayitan atileetiksii jalqabu kennaan qabun osoon mana barumsaa kiyyaaf seenaa tokko hingalmeessisin hinbahu kan jedhun malee waan biraa yaadee miti.

Bariisaa: Otoo gara kilabiitti hingaliin dura gulaalliin jira. Gulaalaan ati keessa dabarte maal fakkaataa? Qabxiin kee hoo akkam ture?

Saamu’eel: Bara 2005, 2006 manuma barumsaatti shaakalaa ture. Bara 2008 gara kilaba kanaa dhufee ijoollee wajjin shaakala jalqabe. Shaampiyoonaa atileetiksii Shawaa Lixaa, magaalaa Gudartti gaggeeffametti 3ffaa ta’een darbe. Yeroo san haalli nageenyaa gaarii waan hinturiniif calallii malee sadii taanee shaampiyoonaa Oromiyaarratti hirmaachuuf carraa arganne.

Wayitan shaampiyoonichaaf filatamu akka carraa ta’ee tokkoffaa bahuudhaan waanan mo’adheef, achumaan gara kilabii kanaa dhufe.

Bariisaa: Akka kilabiitti, akka biyyaatti dorgommiin hanga ammaatti adeemsifte maal fakkaata? Keessattuu yeroo jalqabaatiif biyya alaaatti hoo jalqaba eessatti dorgomte? Qabxii aragtte wajjin naa ibsi mee?

Saamu’eel: Ani durumaa kaasee dandeettii uumamaan qaba. Osoon ifaajii guddaa keessa hingaliin bara 2008 kilaba kanatti makame. Gaafan kilaba kanatti makamu sadarkaa 1ffaa-3ffaa keessan ture.

Oromiyaa bakka bu’ee shaampiyoonaa atileetiksii Itoophiyaa bara 2009 adeemsifamerratti hirmaadhee 2ffaa ta’uun waanan mo’adheef garee biyyaatiif filatamee yeroo jalqabaatiif dorgommii biyyoolessaa Heengilootti adeemsifametti meetira kuma 1fi 500n hirmaadhe. Tokkoffaa ta’uunis biyya kiyyaaf meedaaliyaa warqii argamsiise.

Haata’u malee shaampiyoonaa atileetiksii addunyaa Ingiliz, Landanitti adeemsifametti atileetota addunyaarratti muuxannoo guddaafi dandeettii olaanaa qaban wajjin fiigee mo’ame.

Atileetonni kunneen fiigicha qofaan osoo hinta’in warreen sammuudhaan bilchaataniifi taaktikii guddaa qabaniidha. Sababuma kanaan ani yeroo sanatti hindandeenye.

Bariisaa: Egrasii hoo karaa maanaajariitiinis ta’u akka dhuunfaatti waan jiru nutti himi mee?

Saamu’ee: Karaa manaajaraatiin fiigicha baay’ee mana keessaafi manaa alaa fiigeera. Isaanis milkaa’eera jechuun danda’a.

Bariisaa: Shaampiyoonii atileetiksii addunyaa ji’a Hagayyaa dhufu adeemsifamuun qophii akkamii gochaa jirta?

Saamu’eel: Shaampiyoonichi akka kanaan duraa waan natti ulfaatu hinfakkaatu. Shaakala gaarii gochaa adeemna. Sammuudhanis bilchaachaa, qaamaanis cimaa waan deemnuuf. Taaktikii ittifayyadamnuun muuxannoo argachaa waan adeemnuuf hangana nutti ulfaata jechuun hindanda’amu.

Fiigicha jechuun hammuma kaatte mo’atta jechuu miti. Turtii yeroo baay’ee keessatti muuxannoo argattuun bu’aaqabeessa taata. Kanaafuu yoo Waaqayyo nugargaare ni mo’annan jedha.

Bariisaa: Adeemsa kee hanga ammaatiin kan addatti si gammachiiseefi si gaddisiise yoo jiraate?

Saamu’eel: Hanga ammaatti fiigichin fiigee itti gammade kan mana keessaa amma gaggeeffame kana. Mucaan amma nafaana ture torban sadii dura riikardii kiyya kan fooyyesse ture.

Addunyaarratti daaw’ataa dhiisii miidiyaaleen marti kan isa wajjin jiruudha. Sirumayyuu waggoota shanan dhufaniif riikardiiwwan addunyaa marti harkasaatti galu jedhamee itti amanamee ture.

Dorgommicharratti isa mo’adhee riikardi kiyyas deebifachuu kiyyatti guddaan gammade. Biyyi keenya addunyaarraa tokkoffaa ta’uusheetti gammachuu guddaatu natti dhagahame.

Maaliif yoo jedhame fiigicha meetira kuma 1fi 500 kanatti osoo tokkoffaa ba’uu baannee Ameerikaan tokkoffaa baati ture. Itoophiyaan tokkoffaa taateetti xumuruushiittis gammadeera.

Bariisaa: Waanti si gaddisiise hoo?

Saamu’eel: Kanan itti gadde Olompikii Tookiyoo Jaappaanitti adeemsifameef osoon qophaa’aa jiruu mana kiyyatti mucucaadhee miidhaa narra gaheen hafu kiyya. Miidhaa narra gaheen ji’oota lamaa oliif waanan kophee kaawwadhe shaakaluu hindandenyeef hirmaachuu hindandeenye.

Bariisaa: Fageenuma kanaan ittifufta moo karoorri kee akkami?

Saamu’eel: Karoori kiyya fiigicha dheeraa fiiguudha. Keessumaa kuma sadii, kuma 10. Sana boddee ammoo fiigicha maaraatoniitti ce’uudha. Wanti sidinqu shaampiyoonaa baranaa kanatti kanin fiigu barbaade kuma sadii ture. Fiigicha meetira kuma 1fi 500n mucaan amma lammaffaa ba’ee kun riikardii haaraa waan harkatti galfateef isa sodaataniiti nakadhatanii nadeebisan. Anis yeroo baay’ee leenjistoota wajin walitti bu’uun naamusa ispoortichaa waan hintaaneef tole jedheen fiige. Akuma jedhame mo’adhe riikardii keenya deebise.

Bariisaa: Milkaa’ina kee kanaaf namni galateefattu yoo jiraate?

Saamu’eel: Kan galateeffachuu barbaadu leenjisaa keenya, Birhaanuu Mokonnon halkanii guyyaa nufaana dhama’uudha. Maatii kiyyas yeroon ani dadhabee galu kan nakununnsuudhaan na gargaaraa turan galteeffachuun barbaada.

Akkasumas dhaabbata keenyaa kan anaafi hiriyoota kiyya haala barbaachisaa ta’een nu gargaaruudhaan asin nuga’e baay’een galateeffachuu barbaada.

Bariisaa: Akka biyyaatti karaa federeeshiniitiinis ta’u waldaalee ispoortiitiin wanti ispoortii kana quucarsu jiraa?

Saamu’eel: Akka Oromiyaatti haali ittiin atileetiksii qaban daran laafaadha. Atileetonni akkamitti jiru namni jedhu hinjiru jechaadha. Leenjisaas ta’u atileetiin tokko ofumaa dhama’ee qabxii fida malee namni isa duuksa bu’ee isa gargaaru hinjiru. Oromiyaa keessatti hordoffiin ispoortii atileetiksiis daaran laafaadha.

Bariisaa: Kan sadarkaa biyyaa hoo akkamitti ibsama?

Saamu’eel: Atileetiin atileetumarraa muuxannoo argata malee qaama biraarraa hinargatu. Gubbaadhaa namni muuxannoo ta’uuf waan jiru natti hinfakkaatu. Keessumaa naannoo Oromiyaa keessa atileetota baay’ee cicimootatu jira.Isuma gubbaa jiru malee kan daka jiru namni gadi bu’ee ilaalu hinjiru.

Naannoo kam keessa, godinaafi aanaalee kam keessa atileetonni ciccimoota akkamiitu biqilaa jira. Achitti hoo maal gochuufiitu nurra jira qaamni jedhu hinjiru. Atileetota dakana jiru dhisi kanneen gubaa jiranu achii gadi dhisanii gara finfinneefi naannolee biraatti baqachaa jiru. Kanaafuu atileetiksiin Oromiyaa keessatti laafaa jira natti fakkaata.

Kanaaf atileetiksii Oromiyaa keessatti garamitti adeemsifamaa jira yoo jedhamu anaaf gaafiidha. Ijoolleen shaampiyoonaa atileetiksii Itoophaarratti qabxii olaanaa naannichaaf fidan gara Finfinneetti godaanaa waan jiraniif gaaffii kana naannichaafin dhiisa.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 8 Bara 2014

Recommended For You