Namoonni hedduun akka carraa ta’ee sababoota garagaraatiin biyyaa ba’u. Kanneen biyyaa ba’an keessaa kan barnootaafi hojiidhaan milkaa’ee ofiifi maatii gargaaruurra darbee biyyaaf bu’aa olaanaa buusu garuu muraasa. Keessummaan keenya har’aas nama sababa siyaasaatiin biyyaa ba’an, boodarra garuu beekumsaafi maallaqa biyyaaf fiduun dinagdee biyyattii keessatti gaheesaanii ba’atanii jiraniidha.
Keessumaa dameewwan albuudaa, anniisaa elektirikiifi xaa’oorratti namoota hedduuuf carraa hojii uumaniiru, biyyaafis sharafa alaa argamsiisaniiru; Obbo Najiib Abbaabiyyaa. Nutis muuxannoofi mudannoosaanii isin, dubbistoota akeenyaaf qooduuf keessummaa maxxansa kanaa taasifanneerraa dubbisa gaarii.
Bariisaa: Jalqabarratti galatoomaa jechaa, mee dubbistoota keenyaan walbaraa.
Obbo Najiib: Tole, isinillee galatoomaa. Ani Najiib Abbaabiyyaan jedhama. Kanin dhaladhee guddadhe Magaalaa Jimmaa Abbaa Jifaaritti. Barnootakoo sadarkaa tokkoffaas achumattin baradhe. Barnoota sadarkaa lammaffaammoo gara Finfinnee dhufuun Mana Barnootaa Jeneraal Wiingeetittin baradhe.
Utuman achi barachaa jiruun bara 1966 qabsoo Oromootti seene. Aniifi hiriyoonnikoo mana barumsichaa keessatti fincila olaanaa taasisaa kan turre yoo ta’u, dhumarratti ni ari’atamne. Isaa booda bakka ani hinjirretti mootummaan yeroosii du’a natti murteessinaan baqadheen biyyaa ba’e. Baqattummaadhaan gara Kaanaadaa Toroontoo deemeen achitti hogganaa Adda Bilisummaa Oromoo ta’uun namoota biroo waliin hojii baay’ee hojjetaan ture. Qabsoo cinaattis barumsakoo ittifufuun yunivarsiitii beekamaa Toroontootti, mana barnootaa Biznasii tokko seene. Ergan barumsicha xumuree boodas dhaabbilee bebbeekamoo addunyaa garagaraa keessa hojjedheera. Akka fakkeenyaattis Kubbaaniyyaa Tooshibaa keessa hanga sadarkaa pirezdaantii ittaanaatti hojjedheera. Boodarra garuu hojii mindeeffamanii hojjechuu dhaabuun gara biznasii mataakootti seene.
Bariisaa: Yommuu hojii dhuunfaa keessanitti seentan achumatti eegaltanii? Gara Itoophiiyaattoo akkamiin deebitan?
Obbo Najiib: Yeroo sana hojii teknolojii dhiiseen gara albuudaatti seene. Sababnisaas yommuun damee teknolojiirra ture piroojektiiwwan garagaraa hojjedheen gurguree biraa deema; kan biraammoo hojjedha. Kanaaf waan walfakkaataa hojjechuuf yoo xiqqaate waanin waggaa shan eeguu qabuufan dhiisee gara albuudaatti seene jechuudha.
Hojii kanaanis gara Afrikaa Lixaa biyyoota akka Giiniifi Maaliittin hojii eegale. Biyyoonni kunneen warqii dabalatee akaakuuwwan albuudaa hedduudhaan beekamoodha. Kubbaaniyyaa beekamaa Toorontoo jiruufi biyyoota kanneen waliin hojjetu Forbiis Inihaataa jedhamu keessa pirezdaantii ittaanaa baankii misoomaa ta’een seene. Kubbaaniyyaan kun Raashiyaa dabalatee biyyoota addunyaa 37 ta’an waliin kan hojjetuudha. Anis isa Afrikaa Lixaarratti xiyyeeffadheen hojjechuu eegale. Carraan gara Itoophiyaa dhufuus kanaan naa baname jechuudha.
ALA bara 2006 turtii waggoota 27 booda gara biyyaatti deebi’e. Yeroo sanas carraa pirezdaantii Oromiyaa yeroosii Obbo Abbaaduulaa Gammadaafi anaga’oota biroo waliin walarguu argadheen ture. Yeroonsaa yeroo Itoophiyaatti filannoon adeemsifamee jeequmsi wayii uumamee waan tureef haalli rakkisaa ture. Abbaanduulaas “waan hundi ni sirrata nu waliin hojjedhu” jechuun na gaafatan. Anis hojjechuuf fedha godhadhe jechuudha.
Bariisaa: Turtii hammanaan booda gaafa deebitan Itoophiyaa akkamiin agartan? Akkuma dhiistanii deemtanitti moo jijjiiramni tureera?
Obbo Najiib: Dhugaa dubbachuuf waan baay’eetu jijjiirame. Yeroon biyya kana ture ijaarsi bu’uuraalee misoomaa reefu eegala. Gaafan deebi’uu garuu daandiin mimmiidhagaa, manneen barnootaa sadarkaa sadarkaadhaan jiran, dhaabbileen fayyaafi kkf heddumminaan ijaaramaniin arge. Baayi’inni ummataallee daran dabaleen arge. Yommuu ani biyyaa ba’e sana baay’inni ummata Itoophiyaayyuu miiliyoona 25 jedhama ture. Gaafan deebi’ee dhufe garuu Finfinnee keessayyuu nama miiliyoona lamaa ol ni ta’a. Akka waliigalaatti jijjiiramoonni hedduu karaa siyaas-dinagdee turaniiru. Si’oominni ummataallee jijjiirameen arge. Ergan biiznasiitti seenuu jalqabee ture. Miidhaawwan garagaraa jiraatanillee, waantota gaarii baay’eetu ture.
Ammammoo caalaatti waantonni hundi haala adda ta’een jijjiiramaniiru. Ofitti amanamummaan namni of, sabaafi mootummaarratti qabu olaanaadha. Waggoota muraasa keessatti jijjiiramni gama hundaan jiru jajjabeessaadha.
Bariisaa: Tole, akka dhuftaniin hojii maaliitti seentaniree?
Obbo Najiib: Gara hojii albuuda omishuuttin seene. Yeroo sanatti kubbaaniyyaadhumti jabaan hojii kanarratti bobba’e hinjiru jechuun ni danda’ama, yoo Meedrook ta’e malee. Biyya guddoo qabeenya albuudaa qabdu tana keessa kubbaaniyyaan guddaa albuuda baasu dhabamuun ajaa’iba natti ta’e. Biyya xiqqoo Giinii, tokko afraffaa biyya keenyaa taatutti kubbaaniyyaawwan warqii qofa baasan 20 oltu jira. Albuudota kanneen akka booksaayitii, ayiran ooriifi kanneen biroo kan baasanillee akkanuma baay’eedha.
Kanaaf gaafan hojii eegalu maaliif kun ta’e isa jedhurraa ka’uun filadhe. Muuxannoo albuudaa waaniin qabuufis hojiikoo achirraa eegaluun yaade. Dura qorannoon ji’ooloojii hojjetamee lafa taa’ee yoo jiraate jedhee yommuun barbaadu homtuu hinjiru. Kanaaf isarraan jalqabe jechuudha. Yeroo sana Ministeera Albuudaafi Inarjii kan turan Obbo Alamaayyoo Taganuu waliin haasa’een qorannoo qilleensarraan taasise. Bu’aa qorannoo sanaas mootummaadhaaf kenne. Isaanis ijoollee hedduu itti mindeessanii hojiitti galchan. Achirraa kaaseetu qabeenya albuudaa biyyattii beeksisuu eegalle jechuudha.
Bariisaa: Egaa gaafa hojii haaraa tokko eegalan bu’aa ba’iin hindhibu. Isinoo yeroos wanti abdii isin kutachiisee, “utuun hindhufne ta’ee” isin jechisiise hinturree?
Obbo Najiib: Isa yeroo hundan jedha. Biyya kana keessatti hojii hojjechuun daran nama dadhabsiisa. Birokraasiin jiru daran abdii si kutachiisa. Kana malees yeroo sana mootummaa keessa mootummaa biraatu jira. Ministirri Muummee yeroos turan murtoo kennuu kan danda’an hinturre. Ta’us qabsoodha, biyyakooti, ummatakooti.
Zamana qabsoo sana ana biraa ijoollee hedduutu kufe. Animmoo hafeen carraa kana argadhe. Kanaaf jabaadhee hojjedheen warra kaaniif fakkeenya ta’uu qaba malee irraa baqachuu hinqabu. Dubbiin waa’ee dhuunfaa ofii miti, waa’ee ummataafi biyyaaf yaaduuti. Ani yoon gama kootiin ummatakoof fakkeenya gaarii ta’uu danda’e waan guddaadha kan jedhuunin deemaa ture.
Bariisaa: Ammawoo hojiidhuma albuudaa kanaan ittifuftanii jirtuu moo damee biroorrattis hirmaattanii jirtu?
Obbo Najiib: Kubbaaniyyaa potaashii tokkos dhaabeen ture. Ani yommuun kubbaaniyyaa dhaabu biyya alaattin dhaaba, eeyyamammoo biyya keessaan fudha. Isaa booda doolaara alaan fida. Biyya kanatti namni baay’ee doolaara hinqabu. Hojiin immoo kan hojjetamu doolaaraani. Ani hamman hojjedhetti doolaara tokkollee biyyaa baasee hinebeeku; nan fida malee. Yommuun kubbaaniyyaa albuudarratti hojjetu, ‘East African Metal’ jedhamu hojjedhus haala kanaanin addunyaarratti beeksisee doolaara ittiin fidaa ture. Kubbaaniyyaan potaashii olaanaa ani hundeessees haaluma kanaan hojjechaa kan tureedha.
Bariisaa: Amma Kubbaaniyyaa Olaanaa Potaash maalitti jira? Moggaasisaawoo maalirraa madde?
Obbo Najiib: Olaanaan akka olaanuuf yaadamee itti moggaafame; olaanees ture. Ta’us dhiibbaawwan garagaraa turerraa ka’uun ergan waggoota ja’aaf ittiin hojjedhe booda nan gurgure. Sababnisaas inni duraa gabaan addunyaa dadhabuusaati. Kubbaaniyyaan kun piroojektii doolaara biiliyoona lamaa yoo ta’u, gad cabsineetu gurgurre.
Inni lammaffaammoo biyya kana keessatti hojjechuunis daranrakkisaa ta’aa dhufe. Qaamni nuti hinbeekne biiroo keenya cabsa, ammaa amma sakatta’u, nama nuti akka hogganuuf fidnellee konkolaataadhaan rukutanii ajjeesuuf turan. Kanaaf irratti waliigallee kubbaaniyyaa beekamaa, maallaqa olaanaa qabu kan biyya Israa’eelitti gurgurre. Qorannoo keenya qofa doolaara miiliyoona 200n nurraa bitan.
Waanti nama gaddisiisu garuu isaanis hojjechuu hindandeenye. Doorsisa garagaraatu irra ga’aa ture. Kanarraa ka’uun waggaa tokko keessatti dhiisanii deemuuf dirqaman. Sababa kanaan hojjetaa kuma tokkoofi 500 oltu hojii dhabe. Itoophiyaanis piroojektii doolaaraa biiliyoona 1.5 itti dhabde. Gaafa kunniin hundi ta’an garuu namni maaliif ta’e jedhee gaafatu dhabamuunsaa daran nama gaddisiisa.
Bariisaa: Ammawoo hojii maalitti jirturee?
Obbo Najiib: Amma gara hojii xaa’ootti seeneera. Naannoo Affaar keessa kubbaaniyyaa guddaa Sarkam Miniraal jedhamun qaba. Akkasumas hojii elektirikii waliin walqabatuun hojjetaa jira. Kanneen lamaan baay’een jaaladha.
Hojiin xaa’oo nama nyaachisa. Rabbii lafa hojjechuu dhiiseera. Waan qabnutti akka sirnaan fayyadamnuuf nuu dhiise. Kana jechuun lafa biraa ol ijaaruu hindandeenyu; yoo Maarsirra deemne malee. Lafa qabnurraa waan gaarii argachuuf ammoo xaa’oo fayyadamuu qabna jechuudha. Yoo kana ta’e biyyattiis jijjiiruu dandeenya. Akka carraa ta’ee garuu kanarratti biyyattiin tarsiimoo hinqabdu. Yommuu hojii kanatti seennu namni gorsallee nuu kenne hinjiru.
Hojii inni lammataa hojii ji’ootarmaaliiti. Yoo humni elektirikii jiraate malee indastiriin hinjiru. Itoophiyaa keessa anniisaa elektirikii haayidiroofi qilleensaatu jira. Inni kun gaariidha. Ta’us dhaabbataa miti. Dhaabbataa ta’uu kan danda’u ji’ootarmaaliidha. Ani waan kana waggaa 13 duran arge. Gaafan jalqabu baay’een maal sii godha naan jechaa turan. Isa keessa darbinee hojjechuun waggaa dhufu elektirikii maddisiisuuf deemna. Dhiheenya kana Ministeera Albuudaatti Kaampaanii beekamaa Jaappaan ‘Mistbushi’fi Chaayinaa wajjin waliigaltee maanifaakchariingii tarbaayinii mallatteessineerra.
Bariisaa: Yommuu dhaabbatichi hojiitti seenu qabatamaadhaan maal jijjiira jechuu dandeenya?
Obbo Najiib: Akkuman siin jedhe ji’ootarmaaliin hinjijjiiramu. Haayidiroon daran bareedaadha; garuu dhaabbataa miti siin jedheera. Yoo roobni hinjiraanne hidhisaa gadi bu’a; bishaan gadi bu’emmoo humni ni hir’ata. Inni qilleensaan hojjetus qilleensi yoo hinjiraanne bu’aaqabeessa miti. Soolaariinis yoo aduun hinjiraanne tajaajila ga’aa hinkennu. Kanneen hunda qabaachuun gaarii ta’us anniisaa dhaabbataa sii hinkennu.
Ji’ootarmaaliin garuu anniisaa dhaabbataa kennuun Itoophiyaa ceesisuu danda’a. Itoophiyaa biyya nyaanni itti rakasaa godha. Itoophiyaan Afrikaarra darbee addunyaallee nyaachisuu dandeessi. Fedhiinkoo inni guddaan ummanni koo nyaatee arguu, teknoolojiin kun ammoo Afrikaa keessatti babal’atee Afrikaan nyaattee arguudha. Hojiin keenya tokkichaan kan dhaabbatu waan hintaaneef yaadni keenye ni milkaa’aa jedheen yaada.
Bariisaa: Dhaabbanni Ji’ootarmaalii keessan eessatti argama? Sababa bakka sana itti filtannoo ni qabduu?
Obbo Najiib: Godina Arsii lamaan keessatti; Shaashamanneefi Itayyaatti. Inni tokko Dhaabbata Ji’ootarmaalii Tulluu Mooyyee yoo ta’u, ganda Aannoleetti argama. Inni biroon ammoo Dhaabbata Ji’ootarmaalii Korbeettii yoo ta’u, Ganda Ajjeetti argama.
Sababni naannawaa kanneen itti filadheef ammoo inni duraa ji’oolojiinsaa daran bareedaadha. Lammaffaan sarara daddabarsaatti dhihoodha, sadaffaa wiirtuuwwan magaalaa kanneen akka Adaamaa, Asallaa, Shaashamanneefi kkf hedduutu jira. Afraffaammoo ummatakoo wajjin hojjechuufi.
Bariisaa: Dhaabbanni kun namoota hammamiif carraa hojii baneera?
Obbo Najiib: Dhaabbiidhaan gara namoota 400-500 ta’antu kallattiidhaan hojiitti hirmaataa jira. Kun garuu kan jalqabaati. Yommuu babal’achaa deemu humni namaas akkasuma dabalaa deema. Isarra garuu kan caalu ce’umsi beekumsaafi teknoolojii jiru olaanaadha. Ijoollee naannawa sanaa 40 ta’an mana barnootaa bultii galchinee akka isaan leenji’an taasisaa jirra. Kubbaaniyyichi achitti ijaaramuusaatiin walqabatee carraan hojii uumamummoo olaanaadha. Akka jiraattonni naannawichaa akaayii, shaayii, bunaafi kkf nutti gurguran gochuun namoonni baay’een biiznasiitti akka seenan gooneerra. Kana malees karaa nuti hojjennerra hawaasni tajaajilamaa jira.
Piroojektii tokkoon qabatee, daandiin ba’uun, elektirikiin galuun, manni barnootaafi keellaan fayyaa ijaaramuun naannawa tokko ni jijjiira. Nutis piroojektii keenyaan walqabatee hospitaala jabeessineerra, kilinikii ijaarreerra. Yommuu kana goonu ammatti galii qabaannee miti. Amma invastimantiidhuma qofatti jirra; waggoota booda garuu kan irraa fayyadamnu ta’a.
Bariisaa: Warshaan xaa’oo keessanoo maalirra jira?
Obbo Najiib: Warshichi kan dhaabbate Naannoo Affaar keessa. Affaar wantoota xaa’oof ta’an baay’ee qabdi. Ammaaf piroojektichi qoratamee xaa’oo baasuuf qophiitti jirra. Qaama mootummaa keessaa kan nu waliin hojjechuu barbaadu yoo jiraate waliin hojjechuuf fedha qabna. Ammaaf haala nageenyaa wajjin walqabatee itti hojjechaa kan hinjirre yoo ta’u, akkuma nageenyi naannawichaa sirrateen warshicha ijaarree potaashii baasnee gurguruu eegalla. Yoo kan nu waliin hojjetu argannemmoo gara omishuutti galla. Hojichi kaappitaala olaanaa barbaada.
Bariisaa: Yeroon ammaa yeroo hanqinni xaa’oo daran itti mul’achaa jiruudha. Warshaan keessanoo yoom hojiitti seenee rakkoo kana hiika laata?
Obbo Najiib: Egaa waa hundi harka Rabbii jira; Rabbiitti aaneemmoo harka mootummaa jira. Yoo mootummaan nageenya mirkaneesse nuti kaappitaala argachuu dandeenya. Keessumaa yeroo ammaa waan Raashiyaan waraanatti jirtuuf gabaan xaa’oo addunyaa cufameera. Kana keessa nuuf carraa bal’aatu jira. Nuti ALA bara 2026 guutuutti hojiitti seennee rakkoo xaa’oo biyya kanaa furuuf yaada qabna.
Bariisaa: Inni kunihoo namoota hammamiif carraa hojii banuu danda’a?
Obbo Najiib: Bal’aadha; kallattiidhaan hanga namoota kuma afurii mindeessuu danda’a. Kuniyyuu akka hojii guyyaatti osoo hintaane mindaa gaariidhaan jechuudha. Akkan sila sii kaase garuu sanatti aanee waan uumamuutu caala. Yommuu warshichi achitti jalqabamu mana nyaataa, mana bunaa, kilinikii, suuqii, geejibaafi kkftu banama.
Bariisaa: Akka waliigalaatti egaa isin hojiiwwan invastimantii garagaraarratti hirmaattanii jirtu. Ammammoo haala qabatamaa biyyattiin keessa jirtuun walqabatee namoonni biyyattiitti invasti gochuu hinbarbaadan. Kanarratti yaada akkamii qabdu? Dhuguma haalli Itoophiyaa keessa jiru hojjechuuf mijataa mitii?
Obbo Najiib: Dhugaa dubbachuuf haalli baroodha, rakkoon garuu mataa namaa keessa jira. Ilaa, gariin mootummaadhuma kan jibbuutu jira; sababoota garagaraarraa ka’uun. Inni kaan immoo bitaa itti galuurraa kan ka’e kan jibbuutu jira. Inni hattuun immoo qarshii miliqsuuf jibba.
Kanneen Abbichuu arrabsuudhaan akka mootummaan kun dadhabu hojjetan baay’eedha. Garuu biyyattiin waraanuma keessallee taatee carraa hedduu qabdi. Inni kun dhugaa lafarra jiruudha. Rakkoon nageenyaa bakka tokko tokkotti ni jira. Inni kun immoo qajeelaa deema. Biyyi ji’a sadii duraafi har’a tokko miti. Ji’a ja’a boodammoo caalaatti fooyya’a. Dhugummaa kanaa mul’isuuf waan dandeessu hojjettee agarsiisuu qabda. Amma waliigalteefi mariin bakkeewwan garagaraatti taasifamaa jiru haala biyyattii caalaatti fooyyeessa.
Bariisaa: Namoota yaada akkanaa qabaniif hojiidhuma keessaniin itti agarsiisuurra darbee haala itti kakaastan ni qabduu?
Obbo Najiib: Namoonni biyya alaa jiran hedduunsaanii odeeffannoo qabu. Odeeffannoon qaban garuu gariin waldha’aadha. Kana dura Ministira Muummee duraanii Hayilamaariyaam, Pirezdaantii RFDI duraanii Doktar Mulaatuufi Ministira Dhimma Alaa duraanii Doktar Teediroosfaa waliin Ameerikaa deemnee turre. Yeroo sana dinagdeen harka garee tokkoorra waan jirtuuf ani akka taajjabaattin deeme malee waaniin ittigaafatamummaa fudhadhee hawaasa amansiise hinqabu.
Amma garuu utuu carraan akkanaa uumame ergama fudhachuudhaan ofitti amanamummaa cimaadhaan namoota hedduu tasgabbeessuufi amansiisuu dandeenya. Sababnisaas doolaara biiliyoonotaan lakkaa’amu biyyattiitti invasti goonee hojjetaa waan jirruuf.
Inni biraa ani utuu hinkaasiin hindabarre, ani akka nama biiznasii tokkootti mootummaan kam yoo aangoorra jiraate irraa dhimma hinqabu. Sababnisaa yeroo Mallas, yeroo Hayilamaariyaamiif amma ittin jira. Hojiikee qulqullummaan hojjennaan, hattoota waliin hidhata hinqabdu taanaan turullee mo’attee waan gaarii hojjetta.
Bariisaa: Obbo Najiib amma harattanii biyyatti deebitan moo, Kaanaadaafi Itoophiyaa gidduu deddeebitanii hojjettu?
Obbo Najiib: Ani jireenyakoo harka caalu biyya alaattiin dabarse. Kanaaf haradhee Itoophiyaatti dhufee guyyoota 365, sa’atii 24 taa’uu hindanda’u. Itoophiyaa qofa osoo hintaane biyya kamiinu. Ijoolleenkoo biyya addaddaa jiraatu. Haatiikoofi obboleewwan koo hundi ala jiru. Namoonni dur ani biyya kanaa qabu lubbuun darbaniiru. Kanaaf deebi’anii as taa’uun ulfaataa ta’uyyuu harka caalaa asuman jira.
Bariisaa: Erga waa’ee maatii naa kaastanii, isin maatii keessaniif ilma meeqaffaadha, isinoo ijoollee meeqa qabdu?
Obbo Najiib: Abbaankoo haadha warraa lamarraa ijoollee 26 horan. Ani haadha duraa ijoollee 12 godhatan keessaa ilma shanaffaadha. Animmoo dhiira sadii godhadheera. Sadanuu baratanii xumuranii hojii mataasaanii ni qabu; gama kanaan ani baay’ee carraa qabeessa.
Bariisaa: Isin carraa hojii biyyattii keessa jiru arguu dandeessaniittu. Dargaggoonni hojii mootummaa qofa eeggachuu dhiisanii akka carraa jiru ilaalanii itti hojjetaniif maal dhaamtu?
Obbo Najiib: Biyya kana keessatti wanti baay’ee qalbii na cabsu tokko namni yeroo hunda “abaluun kana naaf haa godhu” jedheetu waa abdatee taa’a. Kunimmoo waan hintaaneedha. Fakkeenya tokkoon sii kaasa. Ani gaafan Kaanaadaa deeme mootummaan deeggarsa olaanaa naa kennuu danda’a. Hoteela na kaa’ee, horii naa kenne. Hanga waggaa tokkootti haala kanaan ji’a ji’aan sii kennu. Ani garuu torbee lama utuu hinta’iinin keessaa ba’e. Qarshii isaan naa kennan dhiiseen ba’aa baaachuun jalqabe. Isaan maqaasaa bareechanii ‘shipinig’ jedhu. Daandiirraammoo cabbiin hara. Gaafa ijoolleen biyya kanaa achi deeman na argan “ati maraatudha” naan jedhu. Kanin hindaganne tokko namichi Tashaagar jedhamu tokko bakka waliin hoteela turrerraa na dhabee, akkan eessatti bade na gaafate. Anis hojii jalqabuukoo itti hime. Gaafan hojii hojjedhu itti himu baay’ee na’ee, “akkamiin hojii akkanaa hojjettee biyya arrabsiista” naan jedhe. Anis biyya arrabsiisuun taa’anii horii namaa nyaachuu malee hojjechuu akka hintaane itti himee dhiise.
Kaanaadaatti mootummaan waan barbaadde waan si kennuuf ijoolleen keenya baay’een dhibaa’oo ta’anii hafan. Isuma mootummaan kennuufin nyaatanii dhugu malee hojii hojjechuu hinbarbaadan. Ameerikaa yoo deemtemmoo mootummaan homaa sii hinkennu; ijoolleedhumatu tattaafatee jiraata.
Ani haala kanaan hojiitti seenee utuun waggaa hinguutiin barnootallee utuun hineegaliin kubbaaniyyaa tokko keessatti namoota 30 irratti raawwachiisaa hojiin ta’e. Namichi yeroo sana akkamitti hojii ba’aa hojjetta naan jedhe, “maaliif nu hinmindeessitu naan jedhe. Biyya sanatti, yoo ati jabaa taate si beeksisee ol si kaasa malee malaammaltummaadhaan si hinmindeessu. Isarraa ka’uunin sadarkaa amma jirurra qaqqabe.
Ani ijoollee cepha’uuf osoo hintaane, asitti carraan hojii bal’aa utuu jiruu kan biraarraa eeguutu jira. Hojii mootummaarraa qofa osoo hintaane ofii uummachuutu barbaachisa. Yoo akaayii gurgurte maal ta’a? Maaliif mana teessa? Maaliif ganama subii rafta? Gadi ba’iitii waa bitii gurguri. Timaatimii bitii ganda biraa geessii gurguri. Namuu al tokkoon miliyeenaraafi biliyeenara hinta’u. Amma asitti wanti barame qarshii kadhachuu, lafa mootummaafi ummataa fuudhanii gurguruudha.
Dargaggeessi tokko utuma humnaafi fayyaa qabuu akkamiin harka namaa eeggata? Mootummaan kan gochuu qabu hojii uumuu barsiisuudha. Mootummaan Rabbiin miti waan kadhatte kan sii kennu. Kanaafuu mootummaarraa waa hunda eeguun sirrii miti.
Bariisaa: Fuuldurattihoo maal yaaddu?
Obbo Najiib: Hojiiwwan amma eegale fiixaan baasuudha yaadnikoo. Kan ji’ootarmaaliifi warshaa xaa’oo jechuudha. Waan biraas hojjechuun barbaada garuu, takaallaa hedduutu jira. Ani waan harkakoo xureessu hojjechuu hinbarbaadu. Waan qulqulluu hojjedhee dhalootaaf waan gaarii dhiisee darbuun barbaada. Tulluu Mooyyeefi Korbeettiin gaafa dhaabbatan kan dhaabe “Ilma Abbaabiyyaa, ilma Oromoo”ti jedhama. Affaarittis “Ilma Itoophiyaa” tokkootu kana ijaare jedhama. Nutu walxiqqeessinee of xiqqeessina malee namoota dandeettii hedduu qabnuudha.
Bariisaa: Dhumarratti waan dubbachuu barbaaddan yoo qabaattan carraa isinii kenna.
Obbo Najiib: Wantoonni hedduun ka’aniiru. Garuu Gaazexaa Bariisaa maqaafi seenaa guddaa qabdu; kan hiriyaankoo Mahaadii Hamiid Muudee hundeesserratti gaafdeebiif dhihaachuun koo guddaa na boonsa. Mahaadiin hiriyaakooti. ALA bara 2009 Itoophiyaa dhufee akka ilaalullee kan taasisee ana. Yeroos isa dabalatee ijoollee hedduun gara biyyaa akka dhufan godheen ture. Kanaaf Gaazeexaa Bariisaarratti keessummaa na taasisuu keessaniif galannikoo guddaadha.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Ebla 8 Bara 2014