Finxaaleyyiin aantee hin qabdu jechuun ejjennoo motummaan qabatee jiruun bakka seensaa dhabanii kan jiran finxaaleyyiin dursanii baduu isaanii hubatan yeroo gara yerootti mira abdii kutannaatiin uummata nagaa shororkeessuu kajeelu.
Tibba kana wayita mootummaan uummataafi qaamolee nageenyaa qindeessuun tarkaanfii fudhachaa jiru kanatti humnoonni qabeenya uummataa saamuufi gubuu akkasumas lubbuu nama nagaa ajjeesuun araada isaanii ta’e bakka seensaa dhabuun watwaachuu irratti argamu.
Mootummaan shororkeessitootaafi finxaaleyyii gam tokkoo irratti wayita tarkaanfii fudhatu finxaaleyyiin kan biraan uumamauun bayyaannatanii biyya akka jeeqaniif daandii banuu miti. Saba kam irraas dhalatu, bakka kamittuu dhalatu qaamni meeshaa hidhatee uummataafi biyya shororkeessu kamuu diina sabaaf saba lammootaafi uummattoota Itoophiyaati.
Finxaaleyyiin uumamuma isaaniitiin guuza sobaa ijaarrachuun beekamu. Kanaafuu guuza sobaa argachuuf jecha Kaayyoo badii isaanii amantaafi sabummaa keessa dhokfachuun uummata namummaafi amantaa isaa waliif kabajee nagaan jiraatu ‘amantaankee miidhame, uummannikee midhame ’ jechuun olola sobaa qindeessanii garee horachuuf mannaagu.
Itoophiyaan biyya sabootniifi sablammoonni afaan, seenaa, aadaafi amantaa adda addaa qaban 85 ol ta’an nagaan wal kababajanii bara hamtuutti wal cina hiriiranii, bara gaariis wal kabajuun waliin jiraachaa jiranidha. Finxaaleyyiin maqaa amantaafi sabaa da’effatan garuu dhugaa kana utuuma beekanii akka waan hin beekneetti, utuu arganii akka waan hin agarreetti gaara dhiibuuf aggaamu. Tokkummaan sabootaafi sab lammoota biyya kanaa gaafa rakkoo hamtuuyyuu hin diigamne har’a gaafa imala badhaadhinaas abadan diigamuu hin danda’u. Finxaalessi eessaas haa dhufu eessaa; farra tokkummaa, jaalala, amantaafi eenyummaa sabaafi sab lammoota Itoophiyaati.
Kanaafuu finxaaleyyii maqaa uummataafi amantaan daldaluun kaayyoo dhokataa isaanii fiixaan baasuuf dharraa’an saaxiluun uummanni tokkummaa isaa jabeeffachuu qaba. Mootummaani finxaaleyyii kamiifiyyuu obsa hin qabu.
Namoota ijaarsa seeraan alaa keessatti hirmaatan 200 ol ta’an irratti tarkaanfiin seeraa fudhatame
Bulchiinsi Magaalaa Burraayyuutti namoota 200 ol ijaarsa seeraan alaa keessatti hirmaatan tarkaanfiin seeraa fudhatamuu I/G Waajiraa Lafaa Bulchiinsa Magaalaa Burraayyuu obbo Zarihuun Fayyeeraa ibsan.
Tarkaanfiin fudhatame kun qindoomina caasaa mootummaafi hirmaannaa ummanni taasiseen bara kana manneen ijaarsa seeraan alaa ijaraman 6,000 ol ta’an kan diigamaniifi namoota ijaarsa seeraan alaa keessatti hirmaatan 200 ol irratti tarkaanfii seeraa fudhatame keessaa hoggansiifi caasaan mootummaa harka keessaa qaban irrattis tarkaanfiin seeraa fudhatamee jiraachuu himameera.
Tarkaanfiin ijaarsa seeraan alaa irraatti fudhatamaa jiru kun cimee kan itti fuufu ta’uu ibsuun, bakka maneen ijaarsa seeran alaa irraa diigaman Bulchiinsi Magaalichaafi saajjirri lafaa waliin ta’uun namoota harka qalleeyyii iddoo dawoo mana jireenyaa hin qabnee akka keessa jiraataniif ijaarsarra jirachuu himaniiru.
Rakkoo lafaa bu’uura irraa hiikuun, seeraan hogganuufi beekanii bulchuuf kutannoon hoggansaa murteessaa ta’uu dhaamaniiru.
Lafa jechuun waan hunda, siyaasa, diinagdeefi eenyummaa ummatichaa wajjin waan wal qabatuuf qabeenya guddaa kana tiksuufi misoomsuun dhalootaaf dabarsuuf tumsa nama hundaa gaafata jedhan.
Gama biraan bulchiinsa gaarii keessaa inni guddaan kenna tajaajiila ammayyaa uumuu waan ta’eef, tekinoloojiitti fayyadamuun rakkoo kenna tajaajilaa bu’uura irraa ni fura kan jedhan obbo Zarihuun sirna kadaasteraa hojiira olchuun tekinoloojii haaraa kana hanga gandaatti diriirsuun akkasumas seektara biroo waliin walitti hidhuun tajaajila si’aataa, qulqulluufi xuxuqqaarraa bilisa ta’e abbaa dhimmaaf kennamaa jiraachuu ibsaniiru.
“Siistema queuing” jedhamu fayyadamuun keenya immoo abbaan dhimmaa rakkoo tokko malee seeraan akka keessummeeffaman nu gargaareera jedhan.
Tekinoloojii kanaanis faayilonni kuma Afurtamii torba maanuwaalii irraa gara dijitaalaatti jijjiiramee bifa ammayyaan qindaa’ee jiraachuus himaniiru.
Tekinoloojiin fayyadamuun komii ummataa hir’isee jira kan jedhaan ammoo Bulchaa Ganda Malkaa Gafarsaa obbo Balaay Takkalaati.
Sirna bulchiinsa lafaa ammayyessuu keessatti tekinoloojiin baay’ee murteessaa akka ta’e Obbo Balaay ibsuun akka bulchiinsa Ganda Malkaa Gafarsaatti siistema tekinoloojii diriirsuun tajaajila ariifataafi qulqulluun bifa ammayyaan kennamaa jiraachuu ibsaniiru. Kanaanis itti quufinsi maammilaa dabalaa dhufuufii bu’aan argame guddaa ta’uu obbo Balaay himaniiru.
BARIISAA SANBATAA Ebla 8 Bara 2014