Finiinaa: Nyaata aadaa Oromoo hanga waggaa sadiitti turuu danda’u

Torban aadaa Oromiyaa mataduree, “Misooma Aadaa keenya guddina turiiziimiif” jedhuun Bitootessa 18- 20 bara 2014tti Godina Arsii Lixaa, Magaalaa Shaashamanneetti kabajameera. Agarsiisawwan kabaja ayyaanichaarratti dhiyaatan keessaa tokko nyaatawwan aadaa Oromooti.

Aadde Sanii Abdoo Haadholii Siinqee kabaja ayyaanichaarratti nyaatawwan aadaa Oromoo agarsiisaaf dhiyeessan keessaa isaan tokko. Ayyaanichi aadaafi seenaa ummataa dhokatee ture ifatti akka ba’u taasisuu keessatti gumaacha olaanaa kan qabu ta’uufi ayyaanicharrattis nyaatawwan aadaa kanneen akka buna qalaa, alaqanaa, caccabsaa, micciirraa, marmaaree, koofaa, marqaa, sutaa, finiinaafi urgoo qabatanii kan dhiyaatan ta’uu Gaazexaa Bariisaatti himaniiru. Barreeffamni kun nyaatawwan aadaa Oromoo olitti eeraman keessaa akkaataa nyaanni aadaa Finiinaafi Alaqanaan itti qophaa’u irratti xiyyeeffata.

Finiinaa

Finiinaan nyaata aadaa Oromoo foon diimina jaji’amee mimmixaan sukkuumuudhaan hanga ji’a sadiitti fannifamee akka gogu taasifama. Foon jaji’amee fannifamee gogee kun utuu harkaan hintuqamiin mukaan gad buusanii erga tumanii bulleessanii booda gingilchanii daakuu garbuu xiqqoo itti dabaluudhaan dhadhaa baqfameen sukkuumamee hojjetama.

Nyaatni aadaa kun hanga waggaa sadiitti waan turuu danda’uuf abbootiin nyaata aadaa kana gonofaa duulaa (galaa) kana fudhatanii gara waraanaa deemu turan. Dhaloonni ammaa baay’ee nyaata aadaa kana waan hinbeekneef akkaataa nyaatni kun itti hojjetamu barsiisaa jirra jedhu.

Alaqanaa

Alaqanaan nyaata aadaa daakuu garbuu dhadhaa baqfameen sukkuumameen hojjetamu ta’uu kan himan Haati Siinqee kun, nyaanni kun irra caalaa aannan ho’aa waliin ganama ijoolleef kennama. Nyaatni kun ijoolleen humna godhatanii akka guddataniif gargaara. Oromoon horsiisa looniitiinis waan beekamuuf ijoolleen Oromoo aannaniifi dhadhaadhaan guddatu jedhu.

Harmootiin keenya midhaan dhagaarratti harkaan daakanii biddeena, maxinoo, caccabsaafi nyaatawwan aadaa biroo hojjechaa akka turan himanii, nutis nyaatawwan aadaa garbuu dhagaarratti harkaan daaknee hojjechaa jirra. Midhaan dhagaarratti harkaan daakamee hojjetamu yeroo nyaatan mi’aa addaa waan qabuuf aadaa kana dhaloota ammaa barsiisaa jirra. Nyaatawwan aadaa hedduun garbuu dhagaarratti harkaan daakamee dhadhaa baqfameen sukkuumamerraa kan hojjetamu ta’uus eeraniiru.

Dhaloonni ammaa aadaafi duudhaa Oromoo ganamaatti akka deebi’uuf irratti hojjechaa jirra kan jedhan Haati Siinqee kun, sirni fuudhaafi heerumaas akka aadaa Oromootti fardaan akka ta’uuf irratti hojjetamaa waan jiruuf fardaafi faaruu aadaa Oromootiin sirna gaa’eelaa gaggeeffachuun babal’achaa jira. “Nuti Haadholiin Siinqee ambaasaaddara aadaa taanee dhaloota ammaa aadaafi duudhaa Oromoo ganamaa barsiisaa jirra” jedhu.

Dhaloonni ammaa nyaatawwan aadaa Oromoo akka hojjetuuf barsiisaa jirra kan jedhan Aadde Saniin, ogummaa nyaata aadaa hojjechuu warra keenyarraa dhaalle dhaloota ammaaf qoodaa, barsiisaafi gorsaa jirra. Fakkeenyaaf intalli kiyya nyaatawwan aadaa Oromoo ani hojjedhu ni hojjetti.” jedhu.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 8 Bara 2014

Recommended For You