Qonna magaalaa cimsuun wabii nyaataa haa mirkaneeffannu

Bal’inni lafaa guddachaa kan deemu miti. Kanaaf lafa jiru qusannaafi malaan yoo itti fayyadamame malee baay’ina ummataa yeroo yerootti dabalaa jiruun faayidaa irraa barbaadamu argachuun rakkisaadha. Rakkoon lafaa keessumaa magaalaatti hammaata. Namoonni baadiyyaarraa gara magaalotaatti godaanan daran dabalaa jiraachuun rakkoo lafa magaalaa hammeessaa jira.

Humni qotee ummata magaalaa soorullee har’a magaalaatti galuu filateera. Inni baadiyyaatti hafemmoo ummata magaalaa sooruun itti ulfaachaa jira. Ummanni magaalaammoo gamoofi mana ijaaruu malee yaaddoo qallabasaa warra baadiyyaatti dhiiseera. Aadaan kun jijjiiramuu baannaan garuu wabiin nyaataan of danda’uu ummata biyyattii gaaffii keessa gala.

Akkuma namni baadiyyaadhaa magaalaatti galaa jiru qonnis magaalaatti galuu qaba. Namni magaalaa jiraatu lafaafi bakka xiqqoo qaburratti qe’eesaa keessatti waan nyaataaf ta’u misoomsuu danda’uu qaba. Malawwan garagaraa kanneen haayilaandiitti biyyee xiqqoo naquun keenyan irratti fannisanii raafuufi salaaxaa keessa dhaabuullee haa ta’u fayyadamuu qaba.

Ministirri Muummee Itoophiyaas dhiheenya kana fuula feesbuukiisaaniirratti “bal’inni boroo keenya hammam xiqqaatuyyuu ykn boroodhaa bakka dhabnullee, guddinni magaalota keenyaa wayita itti fufee jirutti wabii nyataa mirkaneessuufi nyaata madaalawaa argachuuf mana keessatti bakka kuduraaleen itti biqilfaman qabachuun qonna magaalaa cimsuuf murteessaadha” jedhaniiru.

Meeshaalee deddeebisanii faayidaa kennuu danda’anitti fayyadamuun bakkeewwan kuduraalee itti magarsuu danda’an hojjechuun hedduwwaniif salphaa ta’uufi maatiiwwan humnasaaniin kana godhanii itti fayyadamuu danda’an akka ilaalan jajjabeessaniiru.

Walumaagalatti, wabiin nyaataa baadiyyaarratti qofa bu’uureeffate jijjiirama fiduu waan hindandeenyeef duulli qonna magaalaa amma akka guutuu biyyaatti eegalame cimee itti fufuu qaba. Namuu bakka qabutti fayyadamuun qe’eesaatti fuduraafi muduraa misoomsuun wabii nyaataasaa mirkaneeffachaa nyaata madaalamaallee argachuu qaba.

BARIISAA SANBATAA Ebla 1 Bara 2014

Recommended For You