“Haroon Dambal osoo sirnaan misoomee walakkaa ummata magaalattiitiif carraa hojii kan uumuudha” – Obbo Gazzaanyi Dajanee

Hayyu duree Haroowwan sulula qiinxamaa, mi’aawaa dhandhama uumamaa, mijeessaa jireenya dhala namaa, bakka hormaata qurxummii uumamaa, wanti hundi isumaan waamamaa, Haroon Dambal sun akkam jiraree amma?

Mee waa aramaan sun attam ta’e laata? irraa hir’achaa jiramoo itti hammaataa? Qurxummiin bade sun hoo deebiteertii laata? Harri faalame sun qulqullaa’ee laata? Bishaan lagatame sun hoo dhugamaa jiraa laata? Dhufaa darban hunduu kanuma walgaafata.

Isa faalamaa bishaanii sanas hindaganne maaloo inni hoo akkam laata xiqqoo hinfooyyoofnee?

Dhimma kanaaf immoo namtokko filannee, sirritti akka nuu ibsaniif keessummaa godhanne. Waa’ee Haroo Dambal dubbachuuf namuu garaa hinjiruu, keessuummaan keenya immoo nama waadaan Dambal Baatuu harka isaa jiru. Isaanis Kantiibaa Magaalattii Obbo Gazzahaanyi Dajaneeti, isiniif dhihaateera akka armaan gadiitti.

Bariisaa: Tattaaffiin Haroo Dambal irraa aramaa bocee balleessuu sadarkaa maalirratti argama achirraa eegalluu ?

Obbo Gazzahaanyi: Hayyee. Akkuma beekamu Haroon kun haroowwan biyyattiin qabdu isaan sulula qiinxamaa keessatti argaman keessaa isa guddaafi bal’aadha. Qabeenya uumamaa garaa garaatiin kan badhaadheefi gidduu harichaattis odoolawwan hedduu kan argamaniidha.

Haa ta’uu malee, aramaan bocee kun immoo haroo bareedaafi qabeenya uumamaa garagaraatiin badhaadhe kana gogsuufi faaluu irratti sodaa uumuu danda’eera. Kanarraa ka’uuudhaanis bulchiinsi magaalattiifi hawaasni naannawa sanaa yeroo qabeenyi uumamaan naannoo sanaaf kenname kun badu taa’anii ilaaluun of dagachuufi qabeenya ofii wallaaluu waan ta’eef aramaa kana balleessuuf murteeffatee gara hojiitti galeera.

Aramaan kun qarqara Haroo Dambalitti lafa hektaara 56 ta’u guututti kan uwwisee fudhate yemmuu ta’u, sochii hanga ammaatti aramaa kana balleessuufi dhabamsiisuuf taasifameen immoo lafa hektaara 43 ta’u irraa aramaa bocee kana balleessuun danda’ameera.

Duula aramaa bocee sodaa Haroo Dambal kana balleessuuf taasifamaa jiruun immoo hanga ammaatti lammiileen magaalattiifi naannawashee jiraatan kuma 15 ol ta’an kan hirmaatan yemmuu ta’u, hojiin hirmaannaa ummataatiin tola ooltummaadhaan hojjatame kun gara maallaqaatti yemmuu shallagamu birrii miliyoona afuri kan ta’uudha.

Kanaaf sochiin haroo kana sodaa aramaa kanaa jalaa baasuu cimee kan itti fufu qofaa osoo hintaane, ji’a ji’aan bifa duulaatiin hojiin aramaa kana buqqisuufi qarqara Haroo kana qulqulleessuu cimee itti fufa. Waan nama ajaa’ibu immoo hojiin aramaa qarqara haroo kanaa ture hektaara 43 qulqulleessuu kun ji’oota lama qofa keessatti kan raawwatame ta’uusaati. Kun immoo ji’oottan ittaananitti osoo hin nuffiniifi addaan hinkutiin hojjannaan yeroo gabaabaa keessatti aramaa hamaa kana balleessuun akka danda’amu kan agarsiisuudha.

Bariisaa: Kanaan dura warshaaleen naannawa kanaa xuraawaa gara Haroo kanaatti gadi lakkisaniin bishaan isaa faalamaa tureera. Har’a hoo wanti geeddarame jiraa laata?

Obbo Gazzahaanyi: Haalootni kanaan dura kenna invastimantiin walqabateefi invastarootni immoo kunuunsaafi eegumsa naannawaatiif xiyyeeffannoo kennuun walqabatee rakkoon akka ture ifaadha. Kanumaan walqabatee warshaan abaaboo qarqara haroo kanaatti hundaa’ee hojjechaa jirus bishaan haroo kanaa faaluun walqabatee maqaansaa ka’aa akka tures ni beekama.

Har’arra dhaabbanni wanta qabatamaa lafarra jiru yemmuu ilaallu garuu warshaan abaaboo kun xuraawaa dur gara lagaatti lakkisaa ture sana yeroo ammaatti taankara mataasaa dallaa warshichaa keessatti ijaarratee achumatti dhabamsiisaa jira.

Xuraawaa dur harotti gadi lakkisan achitti hambisuu qofa osoo hintaane bishaanicha yaaluudhaan immoo irra deebisanii faayidaa lammataatiif oolchaa jiru. Kana immoo qabatamaan warshicha deemanii ilaaluun ni danda’ama. Kana qofaa osoo hintaane, akaakuuwwan qorichaa haala qilleensaafi sirnakkoo naannawaa faaluu danda’anis fayyadamuu akka dhaaban itti himamee sunis raawwatameera.

Kanaaf wantootni dur warshaa abaabootiin walqabatanii ka’aa turan sun yeroo ammaa fooyya’anii akka jiran baruun barbaachisaadha. Invastimantiiwwan tanaan dura turanis ta’ee isaan gara fuulduraatti naannawa sanatti hojjachuu fedhan kamiyyuu dursa eegumsa naannawaatiif xiyyeeffannoo akka kennaan, naannawa, qilleensaafi bishaan naannicha akka hinfaalle mirkaneessutu isaanirraa eegama.

Bulchiinsi magaalattiis namni tokko invastara ta’ee hojjechuudhaaf waan dhufeef qofa kan simatee lafa kennuuf osoo hintaane, qorannoodhaan kan mirkanaa’e invastimantiin sun miidhaa naannawaafi qilleensa naannawa sanaa irratti akka hinqabne agarsiisu yoo dhiheeffachuu danda’e qofaadha.

Bariisaa: Gama Turiizimiitiin humni magaalattiin qabdu akkamitti ibsama?

Obbo Gazzaanyi: Naannawaan kun humna turizimii bal’aafi iddoowwan biraa akka biyyaattis hinargamneedha. Akka duratti siif kaasuuf yaaletti Haroon Dambal haroowwan sulula qiinxamaa guddaa Afrikaa baha qaxxaamuree darbu kana keessatti argaman 10 keessaa isa bal’inafi guddinaanis sadarkaa jalqabaa irratti argamuudha.

Bal’inaafi guddinaan qofa osoo hintaane, qabeenyi uumamaa haroo kana keessatti argamus hedduudha. Akka fakkeenyaatti akaakuuwwan shimbirroo haroo kana irra jiraatanii fudhannee ilaaluu ni dandeenya. Haroo kanarra shimbirroota garagaraa biyya keenya qofatti osoo hintaane, akka addunyaattuu iddoo birootti hinargamne heddutu jiraatu. Qurxummii akaakuuwwan garaa garaa kanneen qabiyyeen saanii dhala namaatiif barbaachisaa ta’e hedduun badhaadhantu jiru.

Haroon Dambal odola shan of keessaa kan qabu yemmuu ta’u, odolowwan kunniinis qabeenya uumamaa garagaraatiin kan midhaaganiifi iddoowwan qalbii nama bifa olaanaa ta’een hawwachuu danda’aniidha. Namni haroo kana daawwachuuf dhufe hedduunsaa odolowwan kanneen keessaa isaan tokkoo lama osoo hindaawwanne hindeebi’u.

Odolowwan Haroo Danbal keessatti argaman kunniin immoo seenaa guddaafi akkuma addunyaattuu baratamaa hintaane tokko qabu. Inni maali yoo jedhame; addunyaa irratti guyyaa ayyaanna Cuuphaa kabajamutti, ayyanni cuuphaa hararratti eegalee hararratti xumuramu yoo jiraate iddoo kana qofaadha. Iddoowwan birootti guyyaa ayyaana Cuuphaa taabootni iddoo jirurraa ka’ee barbaadamee bakka bishaan jirutti geeffama. Sirni cuuphaas achummatti gaggeeffama. Inni Haroo Dambal garuu achuma bishaanicha giddutti odola tokkorraa odola birootti, yookiin immoo gara qarqaraatti ba’ee bidiruudhaan achumatti deebi’a.

Kanaaf iddoo ayyaanni Cuuphaa bifa adda ta’eefi haala iddoo birootti tasumaa hinbaramneen kabajamu kana hojiin beeksisuu baay’inaan irratti hojjatamee wagga waggaadhaan ummanni iddoo biroo irraas dhufanii ayyaana Cuuphaa akka asitti kabajaniif carraa kanatti fayyadamee waamicha dhiheessuu barbaada.

Wantoota Haroo Dambal kana Haroowwan isaan biroo kanneen sululuma qiinxamaa kana keessatti argaman keessaa adda isa taasisu keessaa inni biroo bishaan isaa Ashaborraa qulqulluu ta’uusaati. Akkuma beekamu immoo haroowwan sulula qiinxamaa guddaa baha Afrikaa kana keessatti argaman isaan hafan hundisaanii bishaan isaanii ashabowaadha.

Haroo diriiraafi bal’aa, odola hedduu qabeenya uumamaa garaa garaan badhaadhan of keessaa qabu, shimbirroowwan akaakuuwwan garagaraa biyya keenya qofatti argaman kan of keessatti hammate ta’uuniifi haalli kabajaa ayyaana Cuuphaa as jiru iddoo birootti kan hinargamne ta’uun qabeenyaafi humna turizimii naannawa kanaa kan agarsiisaniidha.

Bariisaa: Fiigichi magaalattii keessatti tibbana adeemsifame ture magaalattii beeksisuufi hawata turiizimii magaalattii dabaluu keessatti shoora akkamii qabaata?

Obbo Gazzahaanyi: Fiigichi kun Haroo Dambal qulqulleessuu, magaalattii beeksisuufi hojii invastimantii naannichaa hubachiisuufi humna magaalaan Baatuu gama turizimii harkisuutiin qabu mul’isuudhaaf ga’ee olaanaa kan qabaatuudha.

Keessattuu haroon kun akka qulqullaa’uufi erga qulqullaa’een booda madda turizimii biyya keesaafi alaa akka ta’u, turistiin as dhufe immoo baasiisaatti osoo hingaabbine gammachuu guddaa bitatee galuu danda’a. Inni biraa immoo namootni hojii invastimantii garaaaraa irratti bobba’uu barbaadanis carraa kanaan fayyadamanii humna magaalattii arguu danda’u.

Kanaaf fiigichi asitti adeemsifame kun sochii haroo kana qulqulleessuufi aramaa bocee dhabamsiisuuf taasifamuu kan cimsu, qabeenya uumamaa haroo kanaafi magaalattii hawaasa biyya keessaafi alaatiif kan agarsiisu waan ta’eef akka carraa guddaatti kan ilaallamuudha.

Bariisaa: Fiigichi kun baranuma qofaaf moo itti fufiinsa qabaata laata?

Obbo Gazzahaanyi: Fiigichi Haroo Dambal qulqulleessuufi invastimantiifi turizimii magaalattii beeksisuuf eegalame kun kan yeroo tokko qofaa adeemsifamee dhaabbatu osoo hintaane, kan itti fufiinsaa wantoota haaraa hedduu dabalataa waggaa waggaadhaan gaggeeffamuudha.

Haroo Dambaliif sodaa kan ta’aa jiru aramaa bocee kana duwwaa osoo hintaane, balfi qarqara haraatti gatamaa jirus bishaanicha faalaa waan jiruuf duulli aramaa kana buqqisuu kun balfa qarqara haroo kanaa qulqulleessuun deeggaramuu qaba.

Barana isa jalqabaa waanta’eef baay’inni namoota fiigicharratti hirmaataniis kuma tokkoofi 500 qofaadha. Bara dhufu garuu baay’ina hirmaattota gara kuma shaniitti giddisuudhaan bifa ho’aafi midhaagaa ta’een akka adeemsifamuuf gamanumarraa qophii kan eegallu ta’a.

Baay’ina hirmaattotaa dabaluu qofa osoo hintaane, iddoo itti gaggeeffamuufi haalota walii gala jiran hunda bifa fooyya’aafi kaayyoo qabameef guutumaatti milkeessuu bira darbee ummannis akka bashannanaaf itti fayyadamu ni taasifama. Waan ta’eefis kanaan booda magaalaa Baatuutti akka feestivaala tokkootti fiigichi taasifamu ni jiraata jechuudha.

Bariisaa: Gama Invastimantiitiin sochiin magaalattii maal fakkaata? Misooma qarqara Haroo kanaa dabalatee?

Obbo Gazzahaanyi: Dhugaa dubbachuuf magaalaan Baatuus ta’ee Haroon Dambal hamma misoomuu qaban misoomaniiru jechuun hindanda’amu. Kanaaf immoo sababootni garagaraa ka’u ni danda’u.

Rakkoolee keessoofi alaatiin magaalattiin qabeenya uumamaa garaa garaatiin badhaate tun waan ittiin misoomuu qabdu osoo hinfayyadamiin turuunshee har’a xiiqiidhaan gara hojiitti kan nama galchuudha malee waan abdii nama murachiisuu miti. Haroon Dambal osoo sirnaan misoomsuun danda’ame ta’ee ummata magaalattii keessa jiraatu keessaa isa walakkaa ta’eef carraa hojii uumuu kan danda’u ture.

keessattuu qarqara Haroo dambalitti lafti bal’aan hojii invastimantii garaa garaatiif ooluu danda’u jira. Lafti kun immoo pilaanii waan hinqabneef invastarri fedhii guutuufi abdiidhaan lafa pilaanii hinqabnerratti hojjaachuudhaaf ni sodaata ni shakka.

Lafti bifa kanaan pilaanii malee iddoo invastimantii kamiifuu filatamaa ta’e kanatti argamu gara hektaara kuma tokkoofi 310 kan ta’u yommuu ta’u, wanti akka carraa guddaatti ilaallamu garuu lafti kun qabiyyee nama dhuunfaatiin osoo hintaane, qabiyyee mootummaafi ummataa harka turuudha.

Osoo harka nama dhuunfaa qonnaan bulaas ta’ee abbaa qabeenyaa dhuunfaa harka ture ta’ee silaa har’a lafa kana beenyaa kan falanii invastarootaaf dhiheessuuf maallaqa olaanaa kan gaafatu ture. Garuu laftichi harka mootummaa waan tureef, hangamis barfatu yeroo ammaa pilaaniin isaaf ta’u qophaa’urratti argama.

Kana waan ta’eef yeroo muraasa keessatti pilaaniisaa xumuruudhaan invastimantiidhaaf qophii ni ta’a jechuudha. Qarqaruma Haroo Dambaliitti kan argamu lafti hektaara 20 ta’us gama hundaan qophaa’ee invastaroota irratti hojjachuu barbaadan simachuuf qophii ta’eera.

Iddoon kun immoo kan gosa hojii invastii hundaa, hoteelaafi Riizoortii addaddaa dabalatee iddoo baay’ee filatamaafi yeroo gabaabaa keessatti ittiin of jijjiiruu danda’an waan ta’aniif namni asitti hojjachuuf dhufu kamiyyuu carra qabeessaadha.

Bakkichi iddoo filatamaafi mijataa ta’etti kan argamu waan ta’eef qofa osoo hintaane, bulchiinsi magaalattiis deggarsa barbaachisu hundaan kan isaan cinaa dhaabbatu waan ta’eefi.

Daandiin ariitii Finfinnee Hawaasaa qaxxaamuru inni hanga Baatuu jiru xumuramuusaatiin imala magaalattii irraa gara magaalaa guddoo Oromiyaa, Itoophiyaafi Afrikaa Finfinneetti taasifamu hedduu gabaabseera. Kun immoo invastaroota asitti hojjachuu barbaadaniif carraa gaarii isa birooti jechuudha. Sababnisaas omishaafi omishtummaasaanii yeroodhaan gabaatti dhiheeffachuufi, hojichi iddoo bashannanaa kanneen akka Hoteelaafii Riizoortii taanaan immoo turistootni Finfinnerraa ka’anii sa’aa tokkoofi daqiiqaa 20 keessatti achi ga’uu waan danda’aniif carraa gaariidha.

Misooma Haroo Dambalii qofaan jiraattota magaalattii keessaa isaan walakkaa ta’aniif carraa hojii uumuun akka danda’amu waan hubatameefis yeroo ammaa hojii humna magaalaatiin hojjetamu, kan abbootii dhuunfaan hojjetamuufi kan mootumma naannoofi federaalaan hojjetaman jennee iddoo saditti qoodnee hojjechaa jirra.

Inni humna magaalaatiin hojjetamu rakkoo kan qabuufi yeroo dheeraas kan nutti fudhatu hinta’u. abbootiin qabeenyaa dhuunfaafi invastarootni humna qabaniin hirmaatanii ofiifi magaalattiif guddisuu qabu. Isa humna magaalaafi abbootii qabeenyaatii ol ta’e immoo mootummaan naannoo Oromiyaafi mootummaan federaalaatiin akka misooman ni taasifama.

Bariisaa: Gama nageenyaatiin hoo yeroo ammaa magaalattiin maal fakkaatti?

Obbo Gazzahaanyi: Magaalaan Baatuu gama nageenyaan haala gaariifi nageenya amansiisaa ta’e qabdi. Nageenyaafi tasgabbii magaalattiitiif immoo gahee olaanaa taphaachuudhaan kan beekamu ummatuma magaalattiiti. Baatuun kan tasgabbooftuufi nageenyishee kan mirkanaa’uun haala waliin jireenyaafi aadaa dawoo waliif ta’uu, haala jiruufi jireenya hawaasa magaalattiifi naannawa sanaatiin.

Dhimma nageenyaafi tasgabbii magaalattiitiif tokkummaan dhaabbachuun ummata magaalichaa kun immoo waldanda’uufi walkabajuu amantiiwwan garagaraa magaalattii keessatti argaman hunda qabatamaan kan mirkaneesseedha.

Aadaa waliin jireenya magaalattii keessatti wanti iddoo biroo hinjirreefi magaalattii kana qofaa keessatti argamu tokko iddoon awwaalcha amantii hundaa bakka tokko ta’uusaati.

Bariisaa: Awwaalchi amantii hundaa iddoo tokko maaliif ta’e, hanqina iddooti moo waa biraati laata?

Obbo Gazzahaanyi: Yeroo dhaga’an namatti ulfaachuu danda’a garuu dhugaan jirus kanuma. Magaalaa Baatuu keessatti iddoo awwaalcha kiristaanaa, musliimaa, pirotestaantii wanti jedhamu hinjiru. Iddoon awwaalcha jirus tokkoo namni amantii kamiyyuu hordofu gaafa boqate sirni awwaalchasaa kan raawwatamu achumatti. Kun immoo waan hunda caalaa tokkummaafi waliin jireenya amantiilee garaa garaa magaalattii keessatti argamanii kan agarsiisuudha malee hanqina lafaatii miti.

Aadaan waliin jireenyaafi waldanda’uu amantiiwwan magaalattii keessatti argamaniin uumame kun immoo nageenyaafi tasgabbii magaalattiitiif bu’uura cimaa ta’eera.

Bariisaa: Yeroo nuuf kennitaniif guddaa galatoomaa!

Obbo Gazzahaanyi: Isinis galatoomaa!

Bayyannaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 1 Bara 2014

Recommended For You