Finxaaleessi qomoos amantiis hinqabu

Erga yeroo dhihoo as finxaaleessummaan gama garagaraan mul’atu hammaachaa dhufeera. Keessumaa finxaaleessummaan sabaafi amantii da’oo godhatanii socho’an ammo kaansarii tokkummaa ummata Itoophiyaa ta’aa jira. Sababa kanaan waldhabdeewwan garagaraa sabaafi sablammoota akkasumas amantiiwwan waggoota dheeraaf waliin turan gidduutti ija shakkiin wal ilaaluun mul’achuu eegaleera.

Inni dur namummaadhaan walkabaju amma sabummaafi amantiidhaan walkabajuu yaada. Keessumaa miidhaa miidiyaan hawaasummaa fide keessaa inni ijoo finxaaleessummaa sabummaafi amantiiti.

Waan nama dhibu garuu humnoonni kun akkaataa odeeffannoo isaan tamsaasaniin hordoftootaafi jaallattoota baay’ee kan qaban fakkaata malee dhugaa lafarra jiru faallaa sanaati. Baay’een miidiyaa hawaasaarratti deeggaraa qaban lafarratti nama isaan dhaga’uyyuu hinqaban. Finxaaleeyyiin kunneen yeroodhaaf qalbii namoota hedduu hawwachuu, ajandaa ummataafi mootummaa ta’u, akkasumas uwwisa miidiyaa idileellee argachuu danda’u.

Ta’us ummanni yommuu wanticha qalbeeffatu baay’eensaa soba waan ta’uuf duudhaa waliin jireenyaasaa ganamaatti deebi’uun ajandaa isaan bocanitti bishaan naqa. Kanaaf ammoo yaalii yeroo garagaraa ummata baroota dheeraaf walfuudhee, walirraa horee jiraate ummata Oromoofi Amaaraa walitti buusuuf wanti hin yaalamne hinjiru.

Finxaaleeyyiin kunneen saboota kanneen walitti buusuuf gaaftisaan rafanii bulan waan jiru hinfakkaatu. Inumaayyuu araada dhiigaa waan qabaniif nageenyi tasgabbii isaaniif hinkennu. Ofiin rakkoo uumanii ummata walitti kakaasuuf wixxirfatu, ofiin ajandaa bocanii ofiin iyyaa oolu.

Akka dhamaatiisaaniif silaa yoona Itoophiyaafi Itoophiyaanummaan diigameera. Saboonnis walirratti ka’anii walfixaniiru. Kana malees hordooftoonni amantii garagaraa jireenya hawaasummaa waliingaggeeffachuu miti, ijaanuu walarguu hinbarbaadan ture. Dhugaan qabatamaadhaan lafarra jiru garuu sanaan faallaadha. Kanaaf taateedhuma tibba kanaa kaasuun ga’aadha.

Wayita ammaa hordoftoonni Amantii Islaamaafi Ortodoksii akkasumas, Kaatoolikii sooma isaanii guddicharra jiru. dursee sooma kan eegale Ortodoksiifi Kaatoliikii yoo ta’u, Muslimonni boodarra eegalan. Magaalota biyyattii hedduu keessattis kiristaanonni soomatti jiran obbolaasaanii muslimotaa faxarsiisaa jiru. duudhaan waliin jireenyaa kun yeroo dheeraa turuusaarraan kan ka’e sooma Muslimotaa Kiristaanonni hawwiidhaan eeggatu. Keessumaa sagantaan afxiraa galgala galgala mana Muslimotaatti adeemsifamtu gaaddisa tokkummaa Kiristaanotaafi Muslimotaa bara dheeraati.

Egaa ummata haala kanaan waliin jiraatu diiguudhaafi finxaaleeyyiin uffata sabummaafi amantii hodhisiifachuudhaan yommuu munyuuqan kan mul’atu. Kan nama dhibummoo akka hinmilkoofne utuu beekanii dhama’u. ajandaansaanii umurii torban tokkoo caalaa qabaatee hinbeeku; garuu rafanii hinbulan.

Tibba kanas ummata waldhabdeewwan naannoolee addadddaa keessatti mul’atanii turan qaamuma dhamaatii finxaaleeyyiiti. Ummata lafarratti wal lolchiisuun isaan bu’aa siyaasaa argachuuf herreggatanii kan hojjetaniidha.

Akka waliigalaatti sochii umurii gabaabaa finxaaleeyyiirraa kan hubatamu uffata amantiifi qomoo haa uffatan malee dhugaa waan hinqabneef bakka yaadan hinga’an. Jalqabumarraayyuu finxaalessi qomoos amantiis hinqabu; utuu qabaatee duudhaa amantiifi sabaatiin gaggeeffamee dhiiga obboleessasaatiin bu’aa argachuuf hincarraaqan.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 1 Bara 2014

Recommended For You