Dargaggoo Dhaabii Bosee Godina Shawaa Bahaa Aanaa Adaamaa Ganda Baadiyyaa Roggee Baalawalditti dhalatee guddate. Akkuma ilma baadiyyaa tokkoo umuriinsaa yommuu barnootaaf ga’u maatiisaa gargaaraa barnoota eegale. Barnootasaa sadarkaa tokkoffaas achuma bakka dhalootaasaatti xumuree, barnoota sadarkaa lammaffaaf gara Magaalaa Adaamaa dhufe.
Barnoonni inni hawwee dhufeef garuu kutaa 10 caalaa akka deemuuf hineeyyamneef. Qormaata biyyaaleessaa kutaa 10 fudhatee qabxii gara qophaa’inaatti isa galchu waan hinarganneef carraa biraa barbaaddachuuf eegale. Haala kanaan osoo jiruu Waajjirri Tajaajila Elektiriikii Magaalaa Adaamaa beeksisa qacarrii nama elektiriikii hojjetuuf baase dorgomee darbe.
Hojii eegalee utuu miindaa ji’a tokkoo hin nyaatiin garuu taateen jireenyasaarratti gufuu olaanaa ta’u tokko isa mudate. Hojiirra utuu jiruu balaa elektirikaa irra ga’een harkasaa lamaan dhabe. Isaa booda Hospitaala Jeneraalaa Adaamaa seenuun ji’a afuriifi torban sadiif yaalamaa turee, “kanaa booda hinfayyu baasaa” waan jedhameef hospitaalichaa ba’e. Akkuma hospitaalichaa ba’een jaalalleesaa yeroosii haadha warraafi haadha daa’imasaa tokkoo ammaa waliin bultoo dhaabbate.
Jireenya yeroos dabarse duubatti deebi’ee yaadachuun imimmaan isa hudhaa Gaazexaa Bariisaa yommuu ibsu, maatii, firoottaniifi hiriyyoonnisaa irraa waan fagaataniif saantima 25 ishee ‘simuunii’ jedhan dhabee kibriitii bituuf illee rakkatee akka ture yaadata. Kana keessatti garuu hiriyyaansaa tokko hojii guyyaadhaan of jiraachisu hamma humnasaa isa deggaraa akka ture hima.
“Jireenyakee keessatti wanti tokko akka tasaa sitti dhufe taanaan ulfaataa ta’uus fudhachuu malee carraa hinqabdu. Akkuma Oromoon jedhu “Inni hooqxoo sitti naqe waan ittiin hooqxu sindhawwatu”. Anis qaamnikoo miidhamullee haadha warraa hir’uu qaamakoo naa guuttu waan naa laateef jabinan horadhe. Akkasumas, yommuun hospitaala cisee ture akka carraa televizyinii irraa lammii biyya alaa harka lamaafi miila lama osoo hinqabaatiin jireenyasaatti milkaa’ee, maatiis horate argeen ture. Inni kun immoo keessakootti cimina biraa naa dabale” jedha.
Haala kanaan waggoottan sadiif utuu hojiitti hinseeniin deeddeebi’ee madaasaa yaalsifachaa jireenya ulfaataa dabarsuusaa kan himu Dargaggoo Dhaabiin, sababa balaa irra ga’een maatiifi firootisaa irraa baqachuurra darbee maatiin haadha warraasaammoo “akkamitti miidhamaa qaamaatti heerumta” isheedhaan jechuun isheerraas baqachuu kaasa.
Jireenyasaa kiraa manaa keessatti gaggeeffataa kan ture yoo ta’u, manni inni kireeffate akka isaan ‘istoovii’ fayyadaman waan isaaniif hineeyyamneef kasala bituuf dirqamaa turan. Ta’uus qarshii ittiin kasala bitan waan hinqabneef guyyaa baay’ee agabuu buluusaaniillee ni yaadata.
“Waggoottan sadeen kunneen anaaf baay’ee ulfaatoodha. Wantin hubadhe tokko Itoophiyaa keessa yoo Waaqni si gargaare malee miidhamaa qaamaa taatee jiraachuun baay’ee ulfaata. Sababnisaa ilaalchi jiru daran gadaanaadha. Ofii miidhamaa qaamaa ta’uu mitii, inni manaa qabuyyuu ija namaatti ba’uu sodaata. Akka waan cubbuu waan qabduuf miidhamni qaamaa sirra ga’eetti ilaalama. Haala kanaan yeroo ulfaataa dabarsuuf dirqameera” jedha.
Boodarra garuu akka hojiitti seenuu qabu of amansiisuun haaloota qorachuu akka eegale eeree, hojii hojjechuuf kan barbaachisu sammuu malee qaama miti ejennoo jedhuun sochii eegaluusaa hima.
Akka inni jedhutti, qaamonni keenya sochiif malee hojiif nun fayyadan; hojii kan hojjetu sammuudha. Waa tokko kan hojjechuun kan danda’amu yoo qaamni namaa nama ajaje qofa. Erga kana of amansiiseen booda naannawaa inni jiraachaa jiru hojiin ijaarsaa baay’inaan adeemsifamaa bakka ture waan ta’eef hojiisaa isa waliin walqabsiisuuf murteesse. Isaa booda haala jiru hunda qoratee maatiifi hiriyyoonnisaa akka isa deggaran ija jabaatee gaafate.
Yaadnisaas lafatti hinhafne, qarshii kuma kudhan deggarsa namoota gargaraarraa argateen waggaa sadiin dura Waldaa Hojii Mukaa Dhaabii Bosee jedhamu hundeessuun namoota sadii qacaruun hojii eegale. Yeroo sana namoonni baay’een dhuguma milkeessa jedhanii isa amanaa akka hinturreefi, “lakkii dhiisi sitti ulfaata” ittiin jechaa akka turan illee ni yaadata.
“Gaafan hojii kana eegale bakka guddaa akkan ga’u abdii guddaan qaban ture. Abdiifi xiiqiin qabu hojiitti hiikeen waggoota sadan kana cimee hojjechuun har’a qabeenya horachuullee danda’eera. Wayita ammaa kaappitaalliikoo qarshii miliyoona 1.6 kan qaqqabae yoo ta’u namoota 15f carraa hojii dhaabbiifi yeroo uumeera” jedha.
Hojiisaa miidhamtoota qaamaaf qofa osoo hintaane kanneen qaama qabaniif illee fakkeenya ta’uu danda’u kan ilaaluudhaan Biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa sagantaa Intarpitraayizoota gara guddattuu giddugaleessaatti ceesisuu tibbana magaalaa Adaamaatti adeemsiseerrattis moodeela taasisuun badhaafamaa addaa taasiseera. Dargaggoon kunis haadha warraasaa waliin ta’uu Pirezdaantii Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa harkaa badhaasa waancaafi meedaaliyaa fudhateera.
Beekamtii argate kanatti gammaduusaas nuuf ibsee, fuuldurattis, dameedhuma hojjetaa jiru kanaan bal’isee hojjechuu yaada akka qabu hima. Ta’uus bakki hojii amma itti hojjetaa jiru ji’aan qarshii kuma kudhanii ol kaffalaa jiraachuusaatiin utuu bulchiinsi magaalichaa bakka hojii akka kennuuf gaafata. Keessumaa Obbo Shimallisiifi Obbo Addisuu Araggaan waltajjicharratti bakka hojiisaa dhaqanii akka daawwataniifi deggarsa barbaachisu hunda akka isaaf taasisan waadaa seenuufi kaasanii, waadaasaanii kanas utuu hintursiin hojiirra akka oolchan gaafata. Gaaffii bakka hojii kana Kantiibaa Magaalaa Adaamaa Obbo Haayiluu Jaldeetti beeksisee, isaanis waraqaa deggarsaa kan kennaniif ta’uullee, hanga yoonaa akka hinraawwatamneef eera.
Akka waliigalaatti, namni kamiyyuu miidhamaa qaamaas ta’u inni qaama guutuu qabu hojjennaan of jijjiiruu waan danda’uuf hojiitti seenuun ofiifi biyyasaa akka jijjiiruu dhaama.
Faayee Fiqaaduummoo haadha warraa Dargaggoo Dhaabiiti. Isaanis yaada nuuf kenniteen bakka hojiisaatti wajjiin ta’uudhaan deggarsa inni barbaadu hunda ni taasiftiif.
“Dhaabiin utuu miidhamaa qaamaa hinta’iin barattummaa keenyarraa eegallee jaalalleekoo ture. Utuu hojii hojjetu balaan irra qaqqabee miidhamaa qaamaa ta’e. Anis sababa miidhamni qaamaa isarra ga’eef isa dhiisuu hinmurteessine; sababnisaa anarras bor maal akka ga’u waanin hinbeekneef. Qaamaan miidhamuu jechuun homaa jechuu miti. Inni guddaan sammuun nagaa ta’uudha” jetti.
Namoonni kaanis keessumaa shamarran nama miidhama qaamaasaa ilaalanii irraa dheessuu akka hinqabneefi itti dhihaatanii deggaranii jijjiiramuun akka danda’amu jireenyasaaniirraa akka baratan dhaamti. Nutis cimina Dhaabiifi Faayee dinqisiifachaa, qarreefi qeerroon isaanirraa barachuu qabu jenna.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Ebla 1 Bara 2014