Dhaabanni Bosonaafi Bineensota Bosonaa Oromiyaa atileeti Saamu’eeliifi leenjisaa isaa badhaase

Finfinnee: Sochii dhalli namaa erga dachee kanarratti uumamee kaasee jiruufi jireenyasaa mo’achuuf guyyaa guyyaan taasisu fayyummaafi jabeenya qaamaaf murteessaa ta’uu seenaan jalqabbii ispoortii atileetiksii ni ibsa.

Sochiin ispoortii atileetiksii jaarrawwan hedduun dura utuu itti hinyaadin kan jalqabe yoo ta’u, yeroo ammaa bifa qinda’eefi jaalatamummaa ummataa gonfateen, akkasumas kabjaafi ulfina biyyaa eegsiseen gaggeeffamuu erga jalqabee as garuu sadarkaa idil addunyaatti mallattoo eenyummaa biyya tokkoo ta’uun nageenya, jabeenyaafi tokkummaa ummata addunyaa ibsuun ga’ee oolaanaa taphachaa jira.

Mootummaan Oromiyaas akka naannoottis ta’u biyyaatti yaadrimee addunyaan ispoortiif qabu fudhachuun madda ispoortii atileetiksii kan ta’an kilabootarratti xiyyeeffachuun bara 2002 “Ispoortii atileetiksii madda osoo hintaane galaana goona” jechuudhaan kilaboota 20 hundeesuudhaan bu’aan argame olaanaadha.

Kilaboota 20 hundaa’an keessaa tokko kan ta’e kilabni atileetiksii Dhaabbata Bosonaafi Bineensota Bosonaa Oromiyaa atileetota ciccimoo horachuudhaan Oromiyaa bira darbee maqaa biyyattii addunyaarratti waamsisan hedduu horateera.

Atileeti Saamu’eel Tafarraas kilaba kana keessaa kan argamee yoo ta’u, dhiyeenya kana shaampiyoonaa atileetiksii addunyaa 18ffaa Sarbiyaa, Beelgireeditti adeemsifameetti fiigicha meetira kuma tokkoofi 500n tokkoffaa ba’uudhaan meedaaliyaa warqii argamsiisuun isaa ni yaadatama. Dhaabbati Bosonaafi Bineensota Bosonaa Oromiyaas kanuma sababeeffachuudhaan dheengada iddo leenjiifi bultii atileetotaa (Kaampii) isaanii kan Inxoxootti argamutti atileet Saamu’eeliifi leenjisaasaa Birhaanuu Mokonniniif badhaasa addaafi beekamtii kenneeraaf.

Daarikterri dhaabatichaa Obbo Araarssaa Raggaasaa sirnicharratti argamuun akka jedhanitti, dhaabatichi erga hundaa’ee kaasee atileetota bebbeekamoo akaakuuwwan ispoortii adda addaatiin biyyatii bakka bu’an horachuudhaan gumaacha olaanaa taasisaa jira. Dhaabbatichi yeroo ammaa kilaba atileetiksii kana cimsuuf jecha Inxooxootti kaampii atileetiksii ammayyaa’aa ijaaruudhaan atileetoota 46f iddoo bultii mijeeseera. Atileetota kunneenis leenjistoota lama miindeesuudhaan akaakuuwwan ispoortii 11n leenjisaa jiraachuu himaniiru.

Kilabichi shaampiyoonaawwan irratti hirmaattu hundarratti medaaliyaadhaan ala ta’e hin beeku kan jedha Obboo Araarsaan, dhihenya kanas shaampiyoonaa atileetiksii addunyaa 18ffaa Sarbiyaa, Beelgireeditti adeemsifameetti atileetiin kilabichaa Saamu’eel Tafarraa mo’achuurra darbee sa’aatii gaarii kan galmeesise ta’uus eeraniiru.

Itoophiyaan shaampiyoonicharratti medaaliyaawwan warqii afur, meetii sadiifi nahaasa lama walumaagalatti medaaliyaawwan sagal kan argatte yoo ta’u, atileet Saamu’eel medaaliyaa warqii tokko aragamsiiseera. Itoophiyaan Shaampiyoonicharratti medaaliyaawwan sagal argachuudhaan yeroo jalqabaaf addunyaarraa sadarkaa tokkoffaa ta’uun xumuruunshee ni yaadatama.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 1 Bara 2014

Recommended For You