Biyya malaammaltummaan jiru guddinni hinjiru

Malaammaltummaan rakkoo ardii tokkoo qofa miti. Rakkoo hawaasa tokkoo qofas miti. Bubbee hamaa biyya lafaa kana irraa jireenya namaa, qabeenya biyyaafi misooma quucarsuudha. Bakka hundumaatti kan argamu dhukkuba hamaadha. Gufuu guddinaati. Gufuu nagaati. Burqaa ofittummaati. Maxxansa darbe irratti isa kana ilaalleerra. Malaammaltummaan hangam hawaasa irratti, dinagdee biyyaa irratti, guddina biyyaa irratti, bulchiinsa gaarii irratti, olaantummaa seeraa irratti miidhaa hamaa fiduun qabeenyi biyyaa bakka sirrii irratti akka hindhangalaane taasisuun biyyaafi hawaasa akka deegsu agarreerra. Malaammaltummaan dhaabbilee dhuunfaas ta’e kan mootummaa akkaataa inni itti miidhu ilaalleerra. Dhalootni borii akka biyya baqatee biyya ormaa keessatti sadarkaa namaa irraa gadi bu’ee jiraatu, namni tattaaffatee hojjetu akka hinguddanneefi hamilee isaa kan miidhu, hundumaa irra hiyyeessota kan miidhuufi biyyoottan hiyyeessota ta’an keessatti akka hundee gadi fageeffatee jiru agarreerra. Haa ta’u iyyuu malee rakkoon kun rakkoo biyyoottan hiyyeessaa qofa mti. Biyyoottan kanaan dura malaammaltummaan keessatti xiqqatee ture yeroo ammaa rakkoo kanaaf akka saaxilamaa jiran qorannoon tokko tokko ni mirkaneessa. Tarii biyyootni fooyya’an sun waan fooyya’e yookaan bade kan itti fakkaates jiraachuu nidanda’u.

Maxxansa keenya kana keessatti garuu malaammaltummaan akka dhuunfaattis ta’e akka walootti biyyaafi dhaloota akka dararsu gabaabaatti ilaalla. Wanti baay’ee nama ajaa’ibsiisu garuu akaakuun malaammaltummaa kun lamaan biyya keenya keessattis ta’e biyyoottan garaa garaa keessatti nimul’atu.

Malaammaltummaan dhuunfaan kan nama tokkoon raawwatuufi cimda hedduu kan hinqabneedha. Namni aangoo bakka tokkotti qabu seeraan ala faayidaa dhuunfaa isaaf/ isheef jecha namoota tajaajila barbaadan irraa matta’aa fudhachuudha. Karaa biraa ammoo malaammaltummaan waloo gartuun kan raawwatamuudha. Malaammaltummaan akkasii namoota muraasaan kan eegalu yoo ta’e illee cimda cimaa kan qabuufi namoota baay’ee kan hirmaachisuudha. Aangawootni sadarkaa addaaddaa irra jiran qindaa’uun namaafi biyya saamuudha. Guddina biyyaa quucarsuudha. Dhalootni geggeessitootaafi biyya irraa akka abdii dhabu taasisuudha.

Inni kun ammoo bakka tokko ga’ee kan dhaabatu miti. Guddataa deema. Guyyaatii gara guyyaatti kan fooyya’aa deemu hinta’u. Namootni malaammaltummaa akka aadaa godhatan taasisa. Irraa jalaan matta’aan akka seera qabeessa ta’etti gara fudhachuutti deemu. Matta’aa utuu hinkennin akka waan tokko hinarganne of amansiisu. Inni kun ammoo gochaa hamaa kana babal’isaa deema.

Akka biyya keenyaattis, malaammaltummaan hidda hamaa hundee gadi fageeffatee ija godhatee iji isaa faca’ee biyya walga’aa jiruudha. Namootni tajaajila hawaasummaa garaa garaa akka kennaniif kaa’aman faallaa dalaga irraa eegamuu irra jiraachuun isaanii beekamaadha. Seeraan hawaasa tajaajiluu irra gara of tajaajiluutti xiyyeeffataniiru jechuun nidandaa’ama. Inni kun kan biyya ormaa keessatti agarru qofa miti. Biyya keenya keessattis rakkoo cimaa ta’aa dhufeera. Bakka tokko tokkotti ammoo aadaa ta’aa jira jechuun nidandaa’ma.

Rakkoo hamaa kana yeroo addaa addaatti ittisuuf yaaliin hedduun ta’eera. Seenaa biyya keenyaa duuba deebinee yeroo ilaallu, bara mootummaa Haayilasillaasee keessa addumaan bara 1942 matta’aa ittisuuf yaaliin cimaan ta’eera. Aangawootni baras turan akka matta’aa hunfudhanne taasisuuf yaalameera. Waggaa kudhan booda seerri namoota matta’aa fudhatan adabsiisus hojii irra ooleera. Malaammaltummaa dhorkuuf yaaliin hanga kana ga’u haa taasifamu iyyuu malee rakkoon hamaan dhaloota miidhu kun hindhaabanne. Mootummaa bara sana turee wajjinis hindabarre.

Itti fufuun bara 1974 mootummaan Haayile Sillaasee kufee mootummaa Dargiin yeroo bakka bu’e, malaammaltummaa dhaabuun hindandaa’amne. Mootummaa Haayile Sillaasee kufise malee saamichi hamaan dhaloota miidhu kun itti fufe. Hanga Dargiin aboo irra turetti hiddi isaa raawwatee hingogne.

Mootummaan dargii erga darbee booda bara 1991, mootummaan ABUTiin geggeeffamu aboo erga qabatee boodas rakkoon kun hinraawwatne. Haa ta’u iyyuu malee dhaabbileen akka komishinii farra malaammaltummaafi amala gaarii jedhaman dhaabatanii nihittisu, rakkoo jiru nifuru jedhamee itti amanamee ture. Haa ta’u iyyuu malee bara sana keessattis malaammaltummaa ittisuun, dhaloota saamicha tuffatuufi hojiitti amanu, dhaloota amala gaarii qabu horachuun matumaa hindandaa’amne jechuun nidandaa’ama.

Waggaa muraasa dure dhaabbanni ‘UNDP’ jedhamu tokko akka ibseetti yoo xiqqate waggaa 18 keessatti doolarri Ameerikaa biliyoonni 8.3 kara seeraan alaa biyya Itiyoophiyaatii ba’uu isaa murkaneessa. Inni kun yeroo sanatti gargaarsa dhaabbilee garaa garaa irraa misoomaaf argattu keessaa yoo xiqqate dhibbeentaa 3.6 akka ta’u beekamaadha. Dhaabbileen rakkoo kana to’achuuf hundaa’anis dhukkuba hawaasni qabu yaalee fayyiuu hindandeenye. Sababiin isaa malaammaltummaan hundee yaafatee sadarkaa qabaa dhorkuu irra ga’ee ture.

Malaammaltummaa to’achuuf waan hedduutti bu’uu gaafata. Dhaabbilee mitimootummaa sakatta’uu barbaada. Dhaabbilee nageenyaa qoratanii ilaaluu gaafata. Amala namootaa irratti hojjechuu barbaada. Bulchiinsa gaarii horachuu gaafata. Geggeessitota hawaasa tajaajiluuf aarsa kanfalan qabaachuu barbaada. Geggeessitoota fakkeenya ta’an, hawaasa saamichaaf hinmijoofne, bulchiinsa saamichaaf hinmijoofne, dhaloota malaammaltummaa ciigga’an qabaachuu barbaada. Hanga isaan kun hinjirreetti salphaatti jijjiirama fiduun hindandaa’amu. Haa ta’u iyyuu malee akkaataa itti gochaa hamaa kana laamshessan irratti hojjechuun ga’ee namoota hundumaati. Hojii nama muraasaa miti. Ga’ee dhaabbilee dhuunfaafi mootummaati. Ga’ee dhaloota kanaati. Sababiin isaa rakkoon uumamu nama muraasa qofa kan miidhu utuu hinta’in guutummaa hawaasaa miidha. Egeree biyyaa balleessa. Dhaloota boriis nihiyyoomsa.

Akkuma beekamu malaammaltummaan yeroo hedduu biyyoottan hiyyeessatti nihammaata. Sababiin isaa biyyootni hiyyeessotni rakkoo kana to’achuuf meeshaalee ammayyaa garaa garaa akka biyyoottan kaanii hinqaban. Karaa biraa ammoo malaammaltummaan hiyyummaa kan cimsu ta’uun isaa beekamaadha. Hiyyummaan sababa malaammaltummaati; malaammaltummaanis hiyyummaa nihammeessa.

Qorattootni garaa garaa akka addessanitti malaammaltummaa kan hammeessan keessaa tokko hiyyummaadha. Haalli dinagdee ga’ee mataa isaa danda’e qaba. Namootni dhaabbata mootummaas ta’e miti mootummaa keessaa sadarkaa garaa garaa irra jiran galiin isaanii xiqqoo yoo ta’e malaammaltummaaf akka saaxilaman qorattootni kun nimirkaneessu. Galiin isaanii kan isaan hinjiraachifne yoo ta’e bakka jiranitti fayyadamuun hawaasa irraa akka matta’aa fudhatan dubbatu.

As keessatti wanti dagatamuu hinqabne miindaa hojjetaan tokko argatu kan isa jiraachisu ta’uu qaba. Karaa biraas namootni sadarakaa garaa garaa irra jiran namoota amala gaarii biyyaafi dhaloota hindeegsine ta’uu qabu. Harkiifi sammuun isaanii wantoota xuraa’aa irraa kan adda ba’e ta’uu qabu. Rakkoo jiruuf jecha eenyummaa isaanii xiqqeessuu hinqaban.

Gama kan biraa ammoo qabeenya uumamaa kanneen akka lafaa, albuuda, boba’aafi kkf. namoota malaammaltummaaf daran nisaaxilu. Qaamni lafa kennuufi dhimmoota lafaa wajjin walqabatan irratti hojjetan rakkoo hamaa kanaaf nisaaxilamu. Keessumatti akka biyya keenyaatti seekterootni gama kanaan hojjetan namoota biyyaafi hawaasaaf dhimman yoo tauudhaabaatan dhukkuba hamaa kanaaf nisaaxilamu.

Karaa adda biraas wallaalummaafi dammaqiinsa dhabuun sababa malaammaltummaa akka ta’etti qorattootni niaddeessu. Biyyootni yookaan hawaasni barate hawaasa hinbaratin caalaa malaammaltummaa irraa walaba. Hawaasni barate hawaasa gadi fageessee yaaduudha; hawaasa sababa irratti hundaa’ee hojjetuudha. Caasaalee garaa garaa jiranii wajjin namoota hariiroo uumuu dandaa’an sababa ta’aniif salphaatti namoota matta’aa fudhatanitti harka hinkennan.

Walumaa galatti, malaammaltummaan bifa hedduu qaba. Dhaabbileen hojiiwwan garaa garaa to’ataniifi mirkaneessan malaammaltummaadhaaf kallattiin kan saaxilamaniidha. Addumaan ammoo namootni dhaabbata heyyama garaa garaa kennan yookaan dhaabbata heeyyama/ ragaalee garaa garaa mirkaneessan keessa hojjetan matta’aa fudhachuuf carraa isaan qaban bal’aadha. Namootni ragaalee garaa garaa barbaadan yoo haalli jiru rakkisaa fakkaatee itti mul’atu yookaan namootni ragaa mirkaneessan yoo lafa irra jalaa harkisan filannoon isaan qaban matta’aa kennuudha. Inni kun baay’inaan rakkoo biyyoottan guddachaa jiraniiti jedheen amana. Sababiin isaa biyyoottan guddatan keessatti heyyama tokko argachuun yookaan ragaa qaban mirkaneeffachuun danqaa cimaa hinqabu. Inni kun akka biyya keenyaatti yeroo hedduu fudhachuu danda’a.

Kana qofa utuu hinta’in invastimantii gurguddaa harka nama tokkootti galchuun malaammaltummaaf daandii cimaadha. Fakkeenyaaf, kanneen akka boba’aa, sibiila, simintoo, mi’a biyyoottan alaatii galaniifi kkf. nama tokkotti kennuun qaama dhimmi kun ilaallatu malaammaltummaaf saaxiluudha. Sababiin isaa carraa akkasii namootni argatan namoota angawoota mootummaa wajjin walitti dhufeenya qabaniidha. Inni kun hawaasaafis ta’e biyyaaf rakkoo cimaadha. Isa kana irraa of eeggachuun barbaachisaadha.

Malaammaltummaan karaa alkallattiin biyya tokko keessatti babal’achuu nidanda’a. Fakkeenyaaf, seeraafi heerri dhaabbanni tokko ittiin geggeeffamu, ittiin hojjetu ifaa miti yoo ta’e, qacarriifi hojjetaa hojii irraa geggeessuun ifaafi bilisaan kan ta’u miti yoo ta’e namootni bakka akkasii jiran matta’aa fudhachuun nama qacaruu nidanda’u. Addumaan yeroo ammaa akka biyya keenyaatti namni tokko qacaramuuf dandeettii utuu hinta’in matta’aa kennuun ta’aa jira. Namootni dandeettii qaban hojiitti akka hingalle ta’eera. Namni horii qabu ammoo dandeettii malee hojjiitti galeera. Inni kun ammas gadi fageenyaan irratti hojjechuu gaafata. Sirreessuu gaafata. Addabbii cimaa barbaada.

“Rakkoon malaammaltummaa hawaasa miidhuu qofa utuu hinta’in walitti dhufeenya hawaasaafi mootummaa gidduu jiru qiinqanii horsosseessee fixuudha. Biyya hedduu waraana utuu hinta’in malaammaltummaatu harka kennisiise”

 Doktar Zarihun Gabree

BARIISAA SANBATAA Ebla 1 Bara 2014

Recommended For You