Sabboonummaan keenya inni dhugaa kan mul’atu aadaa keenya kunuunfachuudhaani

Shaashamannee: Torban aadaa Oromiyaa mataduree, “Misooma Aadaa keenya guddina turiiziimiif” jedhuun Bitootessa 18-20 bara 2014tti Godina Arsii Lixaa, Magaalaa Shaashamanneetti kabajameera. Saganticharratti agarsiisni nyaatawwan, meeshaalee, uffannaa, faayaawwan akkasumas sirbootaafi shubbisa aadaa, guluffii fardaafi dorgommiin sirbootaafi shubbisa aadaa akkasumas mariin paanaaliis adeemsifameera.

Torban Aadaa Oromiyaa kun qindoomina Ministeera Aadaafi Ispoortii, Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa, Bulchiinsa Godina Arsii Lixaafi Waajjira Aadaafi Turizimii Magaalaa Shaashammanneetiin kan qophaa’e yoo ta’u, jilawwan aadaa godinaalee Oromiyaa 21fi naannolee biyyattii 11 irraa walitti babba’an irratti hirmaataniiru. Torban aadaa kun haala kanaan kabajamuun hariiroo ummanni Oromoo sabootaafi sablammoota biyyattii waliin qabu daran cimsuu, aadaa beeksisuufi guddisuun dhalootaa dhalootatti akka daddarbu taasisuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uu hirmaattonni himaniiru.

Hoggantuu Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Aadde Saadaa Usmaan akka jedhanitti, aadaan miidhaginaafi calaqqee eenyummaa saba tokkooti. Aadaan haala jiruufi jireenyaa saba tokkoo kan ibsuufi kalaqa guddaa of keessaa qabuudha. Aadaan yeroo rakkoo tokkummaa uumuun nageenya buusa. Aadaan dhaloota darbeefi dhaloota ammaa gidduutti riqicha ta’ee tajaajila. Aadaa keenya beekumsaan kunuunsinee utuu kalaqa itti daballee guddina dinagdee naannichaas ta’e biyyattii deggeruu keessatti gahee olaanaa qaba.

Biyyoonni addunyaa hedduun aadaasaanii kunuunfachuufi aadaasaaniirratti sona dabaluudhaan guddina dinagdeesaanii akka utubu taasisuusaanii kaasanii, biyyoonni akka Chaayinaa, Jaappaan, Indooneezyiyaafi Koriyaa aadaasaanii dinagdee biyyasaanii akka utubuuf daran kan itti fayyadaman ta’uu himaniiru.

Aadaa qabnu lakkaa’uufi dinqisiifachuu bira darbinee misoomaafi guddina dinagdee naannichaatiifis ta’e biyyaattiif akka oolu taasisuuf daran cimnee hojjechuu qabna kan jedhan Aadde Saadaan, fedhii ummanni keenya aadaasaa misoomsuuf qabu guutuufi kuufama aadaa guddaa qabnutti fayyadamuudhaan aadaa keenya madda galii turizimii gochuuf hojjetamaa jira. Misooma aadaafi aartii indastirii aadaafi aartiif oolchuun dinagdee turizimii guddisuuf pirojektoonni aadaa, aartii Oromoofi ogummaa industirii guddisan qophaa’anii hojiirra oolaa jira. Hojiin indastirii aadaafi aartii Oromoo guddisuu mootummaa qofaan waan hinmilkoofneef qaamoleen hawaasaafi abbootiin qabeenyaa gahee isaanirraa eegamu bahachuu akka qaban gaafataniiru.

Sadarkaa Pirezdaantii Ittaanaatti Qindeessaan Kilaastara Hawaasummaa Obbo Abdulhaaakiim Muluu akka jedhanitti, aadaan keenya eenyummaa, faayaafi agarsiistuu tokkummaa keenyaati. Kanaafuu aadaa keenya eeguu, kunuunsuu, barachuu, misoomsuufi guddisuu qabna. Mootummaan naannichaas seenaafi aadaa Oromoo guddisuuf, beeksisuufi dhalootaa dhalootatti akka darbuuf ejjennoo bu’uuraa qabatee hojjechaa jira. Aadaan rakkoolee nageenyaa, hawaasummaafi dinagdee furuu keessatti gahee olaanaa waan qabuuf aadaa keenya ganamaatti akka deebinuuf mootummaan naannichaa xiyyeeffannaa addaatiin aadaa Oromoo eeguu, kunuunsuufi babal’isuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira.

Mootummaan naannichaa seerotaafi sirnoota aadaa Oromoo guddisuuf gargaaran diriirsuudhaan eenyummaafi jireenya obbolummaa ummanni Oromoo sabootaafi sablammoota biyyattii waliin qabu guddisuudhaaf hojiilee hedduun raawwatamaa jiraachaa himanii, hojiin gama kanaan raawwatamaa jiru gara fuulduraattis cimee kan itti fufu ta’a. Sabboonummaan keenya inni dhugaa kan mul’atu aadaa keenya kunuunfachuufi safuufi safeeffannaa keenyatti deebi’uu, waljaallachuufi gamtoomuudhaani. Icciitiin guddinaafi babal’ina Oromoo inni guddaan aadaa, duudhaa, safuufi Sirna Gadaatti jiraachuusaati. Aadaa, duudhaafi Sirna Gadaa eeguufi kunuunsuun Oromoos ta’e biyyattii tiksuudha jedhu.

Ministirri Aadaafi Turizimii Obbo Qajeelaa Mardaasaa gamasaaniin akka jedhanitti, Torban Aadaa Oromoo kun calaqqee biyyaa ta’ee kabajameera. Waggaa darbe sadarkaa biyyaatti torbee Itoophiyaa jechuun sagantaan guddaan sabootaafi sablammoota biyyattii waltajjii tokkorratti hirmaachise qophaa’ee turuufi waggaa dhufu sadarkaa federaalaatti waltajjii guddaan saboonniifi sablammoonni biyyattii irratti hirmaataniifi aadaasaanii irratti beeksisan kan qophaa’u ta’a. Ministeerichi giddugala aadaa guddaa aadaan sabootaafi sablammoota biyyattii keessatti calaqqisuufi beekamu Finfinneetti ijaaruuf karoora kan qabate ta’uus eeraniiru.

Aadaa keenya guddina addunyaatti beeksisuudhaan gabaaf dhiyeessuudhaan guddina dinagdeef akka ooluuf jabeessinee irratti hojjenna kan jedhan Obbo Mardaasaan, ministeerichi aadaa sabootaafi sablammoota biyyattii guddisuuf Biiroo Aadaafi Turizimii naannolee waliin kan hojjetu ta’uus eeraniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 24 Bara 2014

Recommended For You