
Finfinnee: Lammiilee Itoophiyaa Sa’udi Arabiyaarraa deebi’aniif akka fedheesaaniitti leenjii ogummaa kennuuf qophii xumuruu Ministeerri Hojiifi Ogummaa Federaalaa beeksise.
Ministir De’eetaan ministeerichaa Doktar Bakar Shaallee gaaf deebii addatti Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin, lammiilee Sa’udi Arabiyaarraa deebi’aa jiraniif koreen deggersa kennu sadarkaa federaalaatti ijaaramus akka waajjirasaaniitti ammoo lammiileen kun hojiin of danda’anii jiraachuuf kan isaan gargaaru leenjii ogummaa gaggabaabaa kennuuf qophii barbaachisu taasiseera. Lammiileen Itoophiyaa Sa’udiirraa gara biyyaatti ni deebi’u jedhamanii eegaman kuma 100 akka ta’an eeruun, namoota kanneeniif leenjii ogummaa fedhiisaaniirratti hunda’ee danqaa tokko malee kennuuf haaldureen xumuramuu dubbataniiru.
Kaayyoon leenjii kanaa namoonni, keessattuu dargaggootni Sa’udiirraa gara biyyaatti deebi’an ogummaa fedhaniin leenjii fudhachuun gurma’aanii akka hojjetaniif kan isaan gargaaru ta’uu himanii, koreen sadarkaa federaalaatti dhaabbates namoota kanaaf haala mijeessa abdii jedhu akka qaban ibsaniiru.
Hundaa ol karoorri mootummaa namootni kunneen biyya keessatti gurmaa’anii hojjechuun akka jijjiiraman taasisuu ta’uu eeranii, ta’us warra biyya alaatti deebi’aniii hojjechuu barbaadaniifis leenjii ogummaa ga’aa kennuun kanneen qormaata ga’umsa ogummaa fudhatan karaa seera qabeessaa akka deeman haalli kan mijaa’u ta’uus dubbataniiru.
Akka Doktar Bakar jedhanitti, lammiileen Itoophiyaa biyya Arabaa deeman hojjetanii maallaqa ga’aa argachuu kan isaan dandeesisu leenjii ogummaa cinatti leenjiin afaanota garaagaraa isaaniif kennama. Mootummaanis nageenya lammilee kanneeniif karaa seera qabeessaan akka deeman haala mijeessee jira. Kanaafuu, leenjii ogummaa kennamu fudhachuuf karaa seera qabeessa filachuun dirqama lammiilee kunneeniiti.
Biyya ormaa deemanii hojjechuuf qophiin dursaa qophii qorqalbii ta’uun hubatamee leenjii kennamu keessatti hammatamuu akka qabu eeranii, haaluma kanaan naamota Sa’udiirraa deebi’uun gara naannoo irraa dhufanitti deebi’an hundaaf dhaabbilee tekiniikaafi ogummaa filatamoo isaaniif mijatutti akka leenji’aniif waamicha dabarsaniiru.
Lammiileen Itoophiyaa yeroo ammaa gara biyyaatti deebi’aa jiran kunneen kana dura mana hidhaa Sa’udii keessatti darara hamaan irra ga’aa tureefi karaa miidiyaalee hawaasaa tamsa’aa turan addatti ummata Itoophiyaa daran dheekkamsiisuun ni yaadatama. Mootummaanis lammiilee kunneen gara biyyaatti deebisuuf anga’oota Sa’udii waliin dubbachuun lammiilee kunneen mana hidhaatii baasisee gara biyyatti geejibsiisuusaa jira.
Waaqshuum Fiqaaduu
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 24 Bara 2014