Keessummaan keenya har’aa Obbo Alamaayyoo Boree yoo ta’an, Waajjira Aadaafi Turizimii Godina Booranaatti, Dursaa Garee Industirii Aadaafi Artii Oromooti. Gaafdeebii dhimmoota aadaa, marii biyyaalessaa, haala nageenyaafi hongeefi misooma turiizimii godinichaarratti Obbo Alamaayyoo waliin taasifne akka armaan gadiitti isiniif dhiyeessineera.
Bariisaa: Godinni Booranaa Torban Aadaa Oromiyaa Bitootessa 18-20 bara 2014tti Godina Arsii Lixaa, Magaalaa Shaashamanneetti adeemsifamerratti maal qabatee dhiyaate?
Obbo Alamaayyoo: Torban Aadaa Oromiyaa naannolee biyyattii 11fi godinaalee Oromiyaa 21 hirmaachisuudhaan sagantaalee gara garaatiin kabajameera. Torban aadaa kanarratti agarsiifni sirbootaafi shubbisa aadaa, nyaatawwan aadaa, faayaawwan aadaa, guluffii fardaa dhiyaataniiru. Torban aadaa kanarratti dorgommiin sirbaafi shubbisa aadaafi mariin paanaaliis adeemsifameera. Torban Aadaa kun aadaa Oromoofi sabootaa naannolee biroo beeksisuurra darbee waltajjii Oromoo godinaaleefi saboonni biyyattii biroon irratti wal arganii aadaasaanii itti agarsiisaniifi walirraa itti qooddatan ta’eera. Gareen jila Godina Booranaa Torban Aadaa Oromiyaa kanarratti sirboota aadaa, baacoo, walaloofi diraamaa nama bashannansiisuufi barsiisu qabatee dhiyaateera.
Bariisaa: Rakkoo nageenyaafi tasgabbii biyyattii keessa tureefi jiru furuuf maaltu fala ta’a?
Obbo Alamaayyoo: Sirni Gadaa Oromoo aadaafi duudhaalee dubbatamee xumuramuu hindandeenye hedduu of keessaa qaba. Rakkoo nageenyaafi tasgabbii dhabuu biyyattii keessatti mul’achaa tureefi jiru furuuf duudhaalee Sirna Gadaa keessa jiranitti fayyadamuun dhimma murteessaadha. Furmaanni rakkoo Itoophiyaa Sirna Gadaa keessa jiraachuu addunyaanillee irratti waliigala. Duudhaalee Sirna Gadaa keessa jiranitti fayyadamuun biyyattii ijaaruu keessatti gahee olaanaa qaba. Nagaafi jaalalaan tokkummaan waliin jiraachuun, hammattummaan duudhaalee Sirna Gadaa keessa jiran keessaa isaan ijoodha. Rakkoo nageenyaafi tasgabbii biyyattii karaa waaraa ta’een furuuf Sirna Gadaafi duudhaalee sirnicha keessa jiranitti fayyadamuun barbaachisaadha.
Bariisaa: Aadaa, duudhaa, meeshaalee aadaafi Sirna Gadaa Oromoo Godina Booranaa keessatti eegameefi kunuunfamee har’a gahe dhaloota ittaanutti dabarsuuf akkamitti hojjetamuu qaba?
Obbo Alamaayyoo: Sirni Gadaa sirnoota mootummaa darbaniin hacuucamaa, dhiibamaafi xiqqeeffamaa ture. Aadaa, duudhaafi Sirna Gadaa eeguu, kunuunsuufi jabeessuu keessatti gaheen Abbootii Gadaa olaanaadha. Abbootiin Gadaa yaa’a qabu. Yaa’iin isaanii kun Dabballeerraa kaasee Gaammee Xixiqqaa, Gaammee Gurguddoo, Kuusa, Raaba, Doorii jedhee Gadooma. Abbaan Gadaa ammoo abbaa yaa’a kanaati. Ijoollee dabballeen ammoo yaa’a kana keessatti guddatti. Yaa’a kana keessatti ijoolleen aadaa gochaan tolfamu, aadaa jiraachuun tolfamu, aadaa faaruun tolfamuufi meeshaalee aadaa yaa’a kana keessatti barachaafi shaakalaa deemu. Ummanni godinichaa aadaa, duudhaafi Sirna Gadaatti jiraachuudhaan akkasumas meeshaalee aadaa eegeefi kunuunsee badiirraa baraaree har’aan gaheera. Ummanni Booranaa aadaafi duudhaa Oromootti jiraachuudhaan badiisarraa oolchee har’aan gahe.
Aadaa, duudhaafi Sirni Gadaa Oromoo yeroo ammaa miidhaa ammayyummaan bifa gara garaatiin irraan ga’uun miidhamaa jira. Mannneen barnootaas amala dhaloota aadaa keessaa baasuu qabu. Dhiibbaa ammayyummaan aadaarraan gahaa jiru xiqqeessuudhaaf Gadaan kaariikulamii barnootaa keessa galee akka baratamu taasisuun barattoonni tiraakii aadaa keessaa akka hinbaane taasisuu keessatti gahee olaanaa qaba. Ammayyummaan aadaafi beekumsa ganamaa akka hincabsineef Naannoo Oromiyaatti, Manni Murtii Aadaa hanga sadarkaa aanaatti hundaa’ee hojjechaa jira. Kun ta’uun aadaan ganamaa dhaloota dhufutti akka darbu taasisuu keessatti gahee olaanaa qaba. Maanguddoonni, Abbootiin Gadaafi hayyoonni aadaafi meeshaalee aadaa eeguudhaan, barsiisuufi kunuunsuudhaan riqicha ta’anii dhaloota ittaanutti dabarsuu qubu.
Bariisaa: Yunivarsiitii Booranatti hojii jalqaberraa maal eegdu. Yunivarsiitichi haala qabatamaa godinichaarratti hundaa’uun maal maalirratti xiyyeeffatee utuu hojjetee gaariidha?
Obbo Alamaayyoo: Xiinsammuun namaa yaadaafi duudhaa Gadaa keessaa madduun bitama. Sochiifi jiruufi jireenyi nama kamiiyyuu duudhaa, yaadrimeewwaniifi saayinsii Gadaa keessaa madduun bitama. Kanaafuu saayinsiin Gadaa sirriitti qoratamee guutuu Oromiyaatti akka babal’atu taasisuu keessatti gaheen yunivarsiitichi qabu olaanaadha. Aadaan yoo yaa’iin Gadaa hinjirre, yoo Abbaa Gadaa dura deemuufi Dabballeen jalaan guddattee itti shaakaltu hinjirre ta’e aadaan maanguddootarratti rarra’ee hafa. Aadaan maanguddootarratti rarra’ee hafnaan gaafa maanguddoonni guyyaan isaanii gahee ganda ofiitti galan dhaloonni haaraan aadaa dhaalu hinqabu. Miidhaa sirni bulchiinsaafi siyaasaa qaqqabsiisaa tureen aadaa, duudhaafi Sirni Gadaa baay’ee miidhameera.
Aadaa, duudhaafi Sirna Gadaa cabee ture bakkatti deebisuudhaaf iddoo aadaan, duudhaafi Sirni Gadaa ganamaa eegameefi kunuunfamee turetti qorannoo bal’aafi gad fagoo geggeessuudhaan qorannichi guutuu Oromiyaatti hojiirra akka oolu taasisuudhaan yaa’ii Gadaa ykn caasaan saddeettan Sirna Gadaa keessa jiru akka itti fufu taasisuun ni danda’ama. Gama kanaan yunivarsiiticharraa hojii guddaatu eegama.
Jiruufi jireenyi ummata Booranaa horsiisa looniirratti bu’ureeffata. Loowwan Booranaa yeroo ammaa balaa hongeetiin baay’ee miidhamaa jiru. Jijjiiramni haala qilleensaa omishaafi horsiisa beelladaarratti dhiibbaa olaanaa geessisaa jira. kanaafuu yunivarsiitichi jijjiirama haala qilleensaarrattis xiyyeeffannaa kennee hojjechuu qaba. Yunivarsiitichi jiruufi jireenya ummata Booranaa fooyyessuu, rakkoolee jijjiirama qilleensaa, horsiisa beelladootaa, misooma magariisaan walqabatan qorannoorratti hundaa’uun furuuf hojjechuu qaba. Pirezidaantiin yunivarsiitichaa Doktar Bokkuu Xacheefi hayyoonni biroon kanaan duras qorannoowwan gurguddoo jiruufi jireenya hawaasaa fooyyessan geggeessaa turaniiru. Gara fuulduraatti kana caalaa ni hojjetu jennee abdanna.
Kuufamni barnoota Gadaa harki caalu maanguddoota bira jira. Kanaafuu waa’ee Gadaa maanguddootarraa qorachuun barreeffama adda addaatiin qophaa’ee akka irraa baratamu gochuun barbaachisaadha. Naannoo Oromiyaatti barnoonni Gadaa kutaa 1ffaa hanga 8ffaatti akka gosa barnootaa tokkootti kennamaa jira. Barnoonni Gadaa kariikulamii barnoota biyyattii keessa galee sadarkaa gadiirraa kaasee hanga yunivarsiitiitti kennamuu qaba. Sirna Gadaa dhiibamee ture beekumsarratti hundaa’uun bakkasaa ganamaatti akka deebi’u taasisuu keessatti yunivarsiitiin Booranaa gumaacha isarraa eegamu ni bahata jennee abdanna.
Bariisaa: Sirna Gadaatiin buluufi seera mootummaatiin buluun garaa garummaa akkamii qaba?
Obbo Alamaayyoo: Sirna Gadaa keessatti namoonni yoo wallolan akkaataa aadaafi duudhaa sirnicha keessa jiruun kan balleesse adabamee akka walitti araaraman taasifama. Seerri mootummaa kan balleesse adabuu malee namoota wal lolan walitti araarsuu keessatti gahee taphatu hinqabu. Sirna Gadaa keessatti namni nama ajjeesellee gumaa baasee araarama. Sirna Gadaa keessatti yakki kamiyyuu jaarsoliifi maanguddoota biyyaatiin ilaalamee dhugaa bitaafi mirga jiru adda baasuun akka walitti araaraman taasifama. Sirna Gadaa keessatti hariiroon namoonni wal lolanii walitti araaramanii kan duraaniirra caala ykn araara onneerraa madde buusa. Akka seera ammayyaa’aa ykn heera mootummaatti namoonni yoo wal lolan kan balleesse adabuu malee walitti araarsuun waan hinjirreef carraasaan deebi’anii wal loluuf qaban ykn walitti bu’uuf qaban bal’aadha. Seerri Gadaa garuu namoota wal lolan walitti araarsuun hammattummaafi jaalalaan guduunfee ba’a.
Bariisaa: Mariin biyyaalessaa Itoophiyaatti adeemsifamuuf jedhu haala kamiin yoo adeemsifame bu’aa barbaachisu argamsiisuu danda’a? Duudhaalee Sirna Gadaa keessa jiran keessaa maricha haala gaariin adeemsisuuf kan fayyadan yoo jiraatan?
Obbo Alamaayyoo: Mariin biyyaalessaa Itoophiyaatti adeemsifamuuf jiru nageenyaafi tasgabbii biyyattii mirkaneessuuf baay’ee murteessaadha. Sirnoonni darban sabootaafi sablammoota biyyattii walitti buusaa turan. waliigalteen biyyaalessaa kun jibba sabootaafi sablammoota biyyattii gidduutti dhabamsiisuufi jaalalaafi nagaan akka waliin jiraatan taasisuu keessatti gahee olaanaa qaba. Mariin biyyaalessaa kun gaaddisa araaraa guddaadha. Mariin biyyaalessaa kun garee miidheefi miidhame walitti fidee araarriifi nageenyi akka bu’u taasisa. Rakkoon waliin taa’anii mari’achuudhaan hinfuramne hinjiru. Sirni walitti nama buusus darbeera.
Namoonni ummata bakka bu’an, hawaasa biratti dhageettii guddaa qabaniifi siyaasa keessatti gahee olaanaa qaban maricharratti hirmaachuu qabu. Maricharratti dhugaan jiru dhokachuu hinqabu. Dhugaa jiru dhoksuudhaan araarri, nageenyiifi waliigalteen dhufuu hindanda’u. Maricharratti rakkooleen jiran tokko lamaan dhiyaatanii karaa dhugaafi haqaa furamuu qabu. “Kan dhugaa hinquufin dhugeellee hinquufu” jedha Oromoon. Dhugaan nama hundumaa fayyisa. Dhugaan duudhaa Gadaa keessatti gahee olaanaa qaba. Sirna Gadaa keessatti nama waa balleesse sobaan utuu hintaane waan inni kaffaluu qabu gargaaru. Dhugaa jiru qulqulleessanii lafa kaa’uun araara buusuu keessatti gahee olaanaa qaba.
Mariin biyyaalessaa Itoophiyaatti adeemsifamuuf jiru dhugaafi haqarratti hundaa’uun kan adeemsifamu yoo ta’e wal amanuu fida. “Namni wal hinamanne karaa waliin deemuu hindanda’u” jedha Oromoon. Mariin biyyaalessaa kun dhugaarratti bu’uureffatee kan adeemsifamu yoo ta’e biyya nagaafi tasgabbii qabdu ijaaruuf gargaara. Biyya keessatti nagaan ba’anii galan, keessatti hojjetanii misooman ijaaruun dubbii guddoodha. Kana milkeessuuf wal amanuu danda’uun dubbii duraati. Wal amanuun akka dhufuuf ammoo dhugaan jirtu ba’uu qabdi. Wal amanuun jiraannaan walgargaaruu, garaa walii laafuu, waljaallachuufi wal hammachuutu jira. Sirna Gadaa keessatti namni nama ajjeesellee dhugaarratti hundaa’uun gumaa baasee walitti araaramuun fira ta’u. Duudhaan Sirna Gadaa kun marii biyyaalessaarrattis hojiirra ooluu qaba.
Bariisaa: Godinni Booranaa godinaalee Oromiyaa jiran 21 keessaa maaliin beekama ykn adda ta’a?
Obbo Alamaayyoo: Godinni Booranaa Sirna Gadaatiin akka malee beekama. Manni guutuu qaba. Gadaan wantoota Boorana jala jiran hundaaf guutuudha. Booranni beekumsa Gadaafi Gadoomarraa dhufuun horii horata. Godinni Booranaa aartii, aadaa, duudhaafi Sirna Gadaa Oromoo ganamaa eeguu, kunuunsuufi jabeessuudhaan akkasumas horsiisa looniitiin beekama. Godinni Booranaa aadaafi seenaa Oromoo gabbataa qabaachuudhaan beekama. Aadaa Oromoofi loowwan walirraa adda baasuun hindanda’amu. Namni loowwan hinqabne aadaa tolfachuu hindanda’u. Mucaa dhalchitee maqaa yeroo moggaaftu sangaa qalta. Sangaa yoo hinqalle jila tolfachuu hindandeessu. Mucaa dhalchitee sangaa yoo hinqabaanne mucaa maqaa hinqabne guddifatta jechuudha. Jiruufi jireenyi Booranaa aadaafi looniin walitti hidhamiinsa guddaa qaba. Loowwan eenyummaafi madda dinagdeefi jiruufi jireenyasaati ummata Booranaatif.
Godina Booranaatti loowwan dhabuun eenyummaa dhabuudha. Akka Sirna Gadaatti namni horii hinqabne qoratamee warra, ollaafi gosa itti waamanii akka inni loowwan horatu taasifama. Yoo horii horachuu dide abbaan olla itti waamee narraa kutaa jedha. Jaarsoliin biyyaas yaa’anii kun nama hojii miti jedhanii alatti isa baasu. Booranatti aadaafi loowwan hidhata guddaa akkasii waliin qabu.
Bariisaa: Balaa hongee Godina Booranaatti mudateen miidhaan qaqqabe maal fakkaata? Deeggarsi taasifamaa jiruwoo maal fakkaata?
Obbo Alamaayyoo: Waggoota 30 dura Godina Booranaatti hongeen waggaa saddeet keessatti yeroo tokku dhufuu danda’a. Dhiyeenya kanaa as garuu jijjiirama haala qilleensa addunyaan walqabatee hongeen godinichatti waggaa lamaafi sadii keessatti irra deddeebiin mul’achaa jira. Godinni Booranaa waggaa keessatti waqtii roobaa yeroo lama qaba. Innis waqtii arfaasaafi gannaati. Hongeen godinichatti mudatee jiru hongee waggaa shantamaan dura mudatee tureedha jedhamee dubbatama. Balaa hongee mudatee jiru kanaan loowwan godinichaa kuma 100tti tilmaamaman du’aniiru. Loowwan lubbuun jiranis hanqina nyaataafi bishaaniitiin daran miidhamanii jiru. Yeroo ammaa godinichatti duumessi mul’achaa jira. Bokkaa xiqqoon awwaara qabbaneessus darbee darbee roobuu jalqabeera. Yeroo bokkaan roobu lafti qabbanaa’u loowwan nyaataafi bishaaniin miidhamanii turan baay’een ni du’u, ammas du’aa jiru.
Deeggarsi mootummaan naannoofi federaalaa, dhaabbilee dhuunfaafi abbootiin qabeenyaa ummataafi beelladoota Booranaaf taasisaa turaniifi jiran guddaadha. Namni tokko hanga loowwan 400tti waan qabuuf loowwan kunneeniif nyaataafi bishaan dhiyeessuu hindanda’u. Deeggarsi taasifame garuu godinicha rakkoo keessaa baasuu hindandeenye. Sanyiin loowwan Booranaa akka hinbanneefis deeggarsi adda addaa taasifamaa jira. Haalli roobaa yeroo ammaa sadarkaa amansiisaarra waan hinjirreef deeggarsi gama hundaan godinichaaf taasifamaa jiru cimee itti fufuu qaba.
Ummanni godinichaa bu’aa loowwan irraa argamuun jiraata waan ta’eef bokkaan yeroo dhiyootti hinroobu taanaan beelladoota mitii namniyyuu rakkoo hamaa keessa gala. Yeroo ammaa namoonni harka qalleeyyii hedduun deeggarsa barbaadaa jiru.
Bariisaa: Hojiin qabeenya turiizimii godinichaa misoomsuufi beeksisuuf raawwatamaa jiru maal fakkaata?
Obbo Alamaayyoo: Godinni Booranaa qabeenya tuuriizimiif oolan hedduu qaba. Iddoowwan hawwata turistii misoomsanii madda galii taasisuurratti garuu hanqina guddaatu mul’achaa ture. Yeroo ammaa gareen sadarkaa Biiroo Aaadaafi Turiizimii Oromiyaatti hundaa’e tokko qabeenya turiizimii godinichaa naanna’ee ilaaluun iddoowwan hawwata turistii ta’an 20 adda baasee galmeesseera. Sochiin mootummaa naannichaa yeroo ammaa iddoowwan hawwata turistii gudinichaa misoomsuuf taasisaa jiru jajjabeessaadha.
Godinichi ardaalee jilaa hedduu qaba. Ardaaleen jilaa kunneen iddoo hawwata turistii gurguddoodha. Godinichi paarkiiwwan bineensotaafi simbirroota akaakuuwwan garagaraa qaban hedduu qaba. Simbirroonni addaddaa godinicha qofatti argamanis jiru. Holqoonni hawwata turistiif oolan hedduunis aanaa Dirreefi Yaaballoo keessa jiru. Iddoowwan hawwata turistii kunneen misoomsuufi beeksisuurratti garuu hanqina guddaatu jira. Godinni Booranaa irra caalaansaa gammoojjiidha. Iddoowwan hawwata turiizimii armaan olitti eeraman hedduun ammoo fageenyarratti argamu. Daandiin gara iddoowwan hawwata turiizimii kenneenitti geessu hedduun waan hinijaaramneef konkolaataan bira ga’uu waan hindandeenyeef miilaan hanga sa’aatii shanii deemuu gaafata.
Bariisaa: Yeroo ammaa haalli nageenya godinichaa maal fakkaata?
Obbo Alamaayyoo: Godinni Booranaa godinaalee Oromiyaa keessaa rakkoo nageenyaaf daran saaxilamaadha ture. Haalli nageenya godinichaa yeroo akka odeeffamuufi sodaatamu utuu hintaane fooyya’aadha. Namni nagaan ba’ee nagaan galaa jira. Haala nageenya godinaalee Oromiyaa tokko tokko waliin yoo madaalamu haalli nageenya godinichaa gaariidha.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 24 Bara 2014