“Marii biyyaaleessaa qarqara dhaabbatanii ilaaluun seenaadhaan nama komachiisa” -Doktar Abiyyi Ahimad

 Mariin biyyaalessaa kan milkaa’u Itoophiyaanonni hundi qajeeltoo sirriifi abbummaan adeemsicha deeggaruu yoo danda’aniidha jechuun Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahimad kaleessa fuula feesbuukiisaanirratti ibsaniiru. Nutis yaada ibsasaanii akka armaan gadiitti qindeessineerra.

Akkasaan jedhanitti, Itoophiyaa yeroo adda addaatti carraan jijjiiramaa gaariin seenaa hinjijjirre mudateera. Siyaasa biyyattii sadarkaa tokkoo gara fuulduraatti kan tarkaanfachuufi yeroo itti aanu gaarii kan taasiisan jijjiiramni hedduun eegalamaniirus. Jijjiirramoota kanneen kan walfakkeessan wanta tokkotu jira, gaabbiin uumamee, gaabbiin adeemamee, gaabbiin xumuramuudha.

Yeroo baay’ee yaadonni jijjiiramaa wayita boqonnaawwan jijjiiramaa eegalanitti qabannee kaanu galma osoo hin ga’iin wayita hafan irra deddeebiin argineerra. Wayita adeemsa jijjiiramaa galma keenya milkeessuuf waldeeggaruurra dhimmoota xixiqqaarratti duubatti walharkisuu waan dursinuuf firiin jijjiiramaa jalqabarra nama hawwataa ture osoo galma hinga’iin karaatti gufatanii hafu. Gufachuusaanii kan yaadannu yeroo booda waan ta’eef, carraawwan jiran erga darbanii booda akka biyyaatti deebinee gaabbina.

Nuti dhaloonni darbe “kanaafi sana raawwateera osoo ta’ee” jennee akkuma komannu dhaloonni darbes dhaloota isa dura ture komachaa ture. Maraammartoo seenaa kana keessaa hanga hinbaanetti carraan keenyas kanarraa adda hinta’u. Taateewwan nuti har’a maal na dhibdeen bira dabarru boru ijoolleen ijoollee keenyaa nu komachuuf sababa ta’a. Kun akka hintaaneef carraa jijjiiramaa harka keenya jiru duguugnee fayyadamuu qabna.

Rakkoolee siyaasaa waggoota dheeraaf gangalachaa har’a ga’an daraan hambisuu kan dandeessisuufi egeree keenya bu’uura haaraarra dhaabuuf humna kan qabu adeemsi marii biyyaalessaa akka carraa gaarii harka keenya jiruutti fudhachuun barbaachisaadha. Carraan kun bu’aa dhamaatii hedduu ta’uu dagachuun, akka salphaatti ilaallaan haala salphaan dhabuu dandeenya. Faallaa kanaa akka albuuda gatii jabeessaatti lakkoofneefi kunuunsinee yoo itti fayyadamne bu’aan isaa olaanaafi seenaa kan jijjiirudha.

Ijoolleen keenyas “Abbootiin keenya akkas gochuu isaaniin biyyi keenya guddina kanarra geesse” jedhanii carraa itti galateeffatan uuma. Mariin biyyaalessaa hirmaachisaa ta’e milkaa’aa akka ta’uuf adeemsi isaa haala fudhatamummaa qabuun gaggeeffamuu qaba. Kunis kan ta’u hundi adeemsa marichaa olaantummaan kan hogganu komishinii marii biyyaalessaa karaalee garaagaraa deeggaruufi jajjabeessuu yoo danda’eedha.

Dhimma kanarratti qarqara dhaabbatanii ilaaluun seenaan kan nama komachiisudha. Qaamoleen hundi miira abbummaan adeemsa marichaaf ga’ee irraa eegamu ba’achuun hirmaachisummaa isaa kan mirkaneessu malee, tokko affeeraa tokko ammoo affeeramaa akka ta’etti ilaaluun ittigaafatamummaa seenaarraa bilisa ta’uu hindandeessisu.

Mootummaan gamasaatiin, caasaan komishinii maree biyyaalessaa hanga gadiitti hundaa’ee hojiisaa si’oominaan akka hojjetuuf deeggarsa barbaachisu hunda ni taasisa Bulchiinsonni naannolee qajeeltummaan, abbummaaniifi itti gaafatamummaan hojii komishinichaaf galtee barbaachisu dhiyeessuun haala mijataa uumuu qabu. Paartileen siyaasaa dorgomtootaa maricharratti akka hirmaataatti qofa osoo hintaane akka abbummaatti si’oomina adeemsasaafi milkaa’inasaaf deeggarsa barbaachisaa taasisu qabu.

Hayyoonni wayita komishinichi yaadaafi yaada murtoo barbaadu qofa osoo hintaane dursa kaka’umsaafi adeemsa isaarratti dammaqinaan hirmaachuun ga’eesaanii akka ba’atan gaafataniiru.

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 24 Bara 2014

Recommended For You