Ijaarsi Pirojektii Ikkoo turizimii haroo Wancii-Dandii haala gaariirra jira

Finfinnee: Ijaarsi Pirojektiin Ikkoo turizimii haroo Wancii-Dandii haala gaariirra jiraachuu Qindeessaan Pirojektichaa Obbo Dhaabaa Jinfeessaa beeksiisan.

Qindeessaan Pirojektichaa ibsa dheengadda Gaazexaa Bariisaatii kennaniin akka jedhanitti, pirojektichi ijaarsa daandii, hojii hawaasummaa, kunuunsa naannoo, ijaarsa loojii, leenjii hubannoo cimsu hawaasa naannawaaf kennuufi hojii abbooti qabeenya hawwachuun akka invastimantii gaggeessan taasiisuu hammata.

Ijaarsi daandii kilomeetira 31 haguuguu haroowwaan Wanciifi Dandii walqunnamsiisuuf kayyeefatamee hojjetamaa jirachuu eeranii, haalli raawwii waliigalaa dhibbantaa 43rra jiraachuufi akka saffisaan xumuramuuf kontiraaktaroota jahaaf qoodamee halkanii guyyaa hojjetamaa jiraachuu himu.

Ijaarsi daandii biroo kan Intarpiraayizii Konistiraakshinii Raayyaa Ittisa Biyyaan hojjetamaa jiru kilomeetira 15 kan haguugu ta’ee dhibbantaa 18rra jiraachuu ibsanii, annisaa elektirikaa magaalaa Ginciirraa gara haroo Dandiitti fiduuf boolli dhibbaa ol qotamuun qophaa’uu beeksiisaniiru. Ijaarsi Mana Barnootaa naannawaa Haroo Wanciitti eegaluufi Buufata Fayyaa ijaaruuf caalbaasiin gaggeefamaa jiraachuus eeraniiru.

Namoota ogummaa addaddaa qabanifi pirojekticharratti hojjechuu danda’an godinoota lameen, aanaaleefi gandoota pirojektichi haguugu keessaa filatamanii leenjii hubannoo gabbisu kennameefi akka hojiitti galan taasiifamuu ibsaniiru.

Akka ibsa Obbo Dhaabaatti, loojiiwwan pirojektichaan ijaaramuuf karoorfataman 37 keessaa torba dizaayiniinsaanii qophaa’uufi abbootiin qabeenyaa ijaaruuf galmaa’an keessaas torba calalamanii Biiroo Invastimantiifi Industiirii Oromiyaaf eergamuu dubbataniiru.

Dhaabbanni Misoomaa Ijaa Develooppariifi dhaabbanni ijaarsa Xaaliyaanii walta’uun qarshii miliyoona dhiibba 550’n loojii sadarkaasaa eeggatefi waan hedduu hammate Haroo Wanciirratti ijaarsisaa eegaluufi haalumma walfakkaatuun haroo Dandiirrattis lafa heektaara saddeetirratti ijaarsi eegalamuuf qophiin xumuramuu himaniiru.

Kunuunsa qabeenya uumamaan walqabatee haroon Wancii bosona waan qabuuf eegumsa naannawaan foyyaa’aa ta’uufi gama Haroo Dandiin garuu Biiroo Qonnaafi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa waliin ta’uun daagaan hidhamaa jira jedhaniiru.

Ijaarsa Pirojektichaa walqabatee qonnaan bultoota lafasaarraa buqqa’aniif Mootummaan Naannoo Oromiyaa kaffaltii beenyaa qarshii miliyoona 300 ramadee keessaa miliyoonni 150 kaffalamuufi kan hafe kaffaltiirra jiraachuu eeraniiru.

Sinqinash Alamuutiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 24 Bara 2014

Recommended For You