“Baatiin Ramadaana guddichaa dhiifama kan itti waliif goonudha” – Muftii Hajii Umar Idiriis

Soomni Ramadaanaa har’a eegala

 Finfinnee: Baatiin Ramadaana guddichaa dhiifama kan itti waliif goodhamu ta’uu Pirezidaantii Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaaa Itoophiyaa Muftii Hajii Umar Idiriis ibsan.

Muftii Hajii Umar Idiriis, sooma baatii Ramadaana guddichaa ilaalchisuun ibsa dheengadda miidiyaaf kennaniin, baatiin Ramadaanaa musiliimonni ofiisaanii nyaataafi dhugaattirraa fagaatanii Allaah waliin kan walitti dhiyaatanifi miira dhuunfaa isaaniifi ofittummaa  isaaniirraa kan fagaatan ta’uu himaniiru.

Ibsasaaniitiin sagantaa sassaabbii deggarsaafi tola ooltummaa kan iftoomsan pirezdaantiin kun, sagantaa deggarsaa kunis naannawaa gamoo Gamtaa Afrikaa, bakkee ijaarsa masjidaaf dalleeffametti yoo ta’u, namoota deggarsa taasisu barbaadan hundaaf haalli mijataa qophaa’uusaas ibsaniiru. Keessumaa yerichi yeroo lammileen sababa waraanaafi kan birootiin qe’eefi qabeenyasaaniirraa buqqa’aan akkasumas, baay’een Saawud Arabiyaarraa yeroo itti deebi’an waan ta’eef saganticha qopheessuun akka barbaachise kaasaniiru.

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 24 Bara 2014

Recommended For You