Finfinnee: Yunvarsiitiin Barnoota Kotobee barattoota KMU (Kotebe Metropolitan University, Menilik I Science Shared Campus) jedhamutti qormaata biyyaalessaa seensa yunvarsiitii fudhachuun qabxii Olaanaa galmeessisaniif sagantaa beekamtii qopheessuun badhaase.
Pirezidaantiin Yunvarsiitichaa Doktar Birhaanamasqal Xannaa saganticharraatti argamuun akka jedhanitti, mana barnootichaatti bara 2012 yeroo jalqabaatiif barattoonni 82 qormaataaf taa’an keessaa 74 akka biyyaatti qabxii olaanaa kan galmeesiisan yoo ta’uu yaadachiisanii, kanneen 61 ta’an qormaata Ministeerri Saayinsiifi Innoveshinii kenneef darbuun Inistitiyuutii Teknolojiitti barachaa jiru jedhan.
Manni barnootaa kun barana barattoota 78 qormaataaf dhiyeesse keessaa 42 qabxii 600fi isaa ol kan galmeesiisan ta’uu eeranii, akka biyyaattis qabxii olaanaa 659 kan galmeessise barataa mana barnootichaa jedhan.
Barsiisota barattoonni akka qabxii olaanaa galmeessisan gumaacha gamasaanii taasisanis galateefatanii, kana boodas barsiisota barattoota ga’oomsuuf addatti tattaafatan faayidaa addaa akka argatan kan taasifamuu ta’uu himan.
Hogganaan Biiroo Barnoota Magaalaa Finfinnee Obbo Zalaalam Mulaatuu gamasaaniin, qabxii olaanaa galmaa’e keessaa hordoffii maatii, tattaaffiin barattootaafi barsiisotaa olaanaa waan tureef galateeffamuu qabu jedhanii, boriifis biyyattiin waan guddaa dhaloota dhufurraa waan eegduuf hojiifi milkaa’ina caalmaaf qophaa’uun barbaachisaa ta’uu ibsan.
Biirichi deeggarsa, hordoffiifi to’annoo taasisu cimsee akka ittifufuufi barattoonni barataa jiran kanneen barana qabxii olaanaa galmeessisan fakkeenya godhachuun qabxii caalu galmeessisuuf ofqopheessuu akka qaban dhaamaniiru.
Barataa cimaa barana qabxii olaanaa akka biyyaatti galmeessise Alaazaar Takkaa Gammachuu gamasaatiin, qabxii olaanaa galmeessiseen walqabatee isaafi maatiisaatti gammachuu guddaan dhaga’amuu eeree, qabxii galmaa’e kanaaf hordoffii maatii, deeggarsi barsiisotaa mana barnootaatti taasifamaafii ture utubaa ta’uufii ibseera.
Gara fuula duraatti barnootaa kompiwutar injinariingii qo’achuun biyyaafi addunyaaf waan haaraa dabaluu akka yaadus eeree, baratoonni qabxii gaarii galmeessisuu barbaadan fayyadama yeroofi haala qo’annoo sirnaan mijeeffachuu qabu jedheera.
Sinqinash Alamuutiin
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 17 Bara 2014