Xiyyeeffannaa keenya hojii misoomarratti taasisnaan …

“Warra bitaa mirgaan oduudhaan nu jeeqan dhiifnee xiyyeeffannaa keenya hojii misoomaarratti goonaan ummata keenya wajjin biyya keenya ni jijjiira” jedhan wayita misooma qamadii bonaa Shawaa Bahaatti misoomaa jiru daaw’atanitti.

“Misoomni qamadiin bonaa hektaara kuma torbaan jalqabne, amma garuu gara hektaara kuma 500fi 600 gahaa jira, bara dhufu hektaara miliyoona tokko qaqqabsiifnaan waa’een nyaataan of danda’uu milkaa’aa deema.

Biyya kana misoomsuufi badhaadhina fiduuf kaayyeffannee mul’ata haaraa qabannee deemaa jirra, kanaaf qonnaan bulaan Oromoofi Mootummaan Naannoo Oromiyaa hojii guddaa hojjechaa jiru.

Wanti biyya kana jijjiiru qonna. Naannoon kun ammoo qonnaaf humna guddaa qaba, wanti Oromiyaatti jalqabame abdii guddaa kan namatti horuudha. Hojii eegalle kun halkan tokkoon kan milkaa’uu miti, yeroofi xiyyeeffannaa, gaggeessummaa addaafi investimantii guddaa barbaada.

Kanuma gochuufi, kan namoota nu deeggaran wajjin ilaalleerra. Isaanis daran gammadaniiru; nu gargaaruufis fedhii guddaa qabu.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa keessattuu qonnaan bulaan hojii dinqii hojjechaa jiru. Hojii eegalle kana waggaa lamaafi sadiif babal’ifannee deemnaan dubbiin biyya kanaa karaa qabachaa deema.

Harka tokkoon qamadii kadhachaa karaa biraatiin bilisummaa hawwuun waliin hindeemu. Yoo xiqqaate nyaannee quufnee kaanee isa kaan dubbachuuf akka nutti tolu ija keenya, xiyyeeffannaa keenya qonnarraa, misoomarraa kaasuu hinqabnu.

Xiyyeeffannaa keenya balleessuuf xiyyeeffannaa keenya balleessuuf, ija keenya bitaa mirga bittinneessuuf carraaqqii guddaatu godhama. Mootummaan Naannoo Oromiyaa xiyyeeffannaasaa guutuu kan gochuu qabu qonnarratti. Waan qonnaan gochuu qabnu taasisnaan Oromiyaa jijjiirama guddaa ofiifis naannoo biraafis fiduu danda’a.

Teknolojii fiduufi faayinaansiin deeggaruu dandeenyaan gabaa wajjin qindeessinaan waan guddaa hojjechuu akka dandeenyu abdii guddaa horanneerra. Waggaa kana keessatti nyaataan of danda’uun ni milkaa’a.

Keessumaa dargaggoon rakkoo amma jirru keessaa baanee jireenya gaarii qaqqabachuu danda’a. Waaqayyos nu gargaara. Ijaafi xiyyeeffannaa keenya misoomarra gochuudha. Warra bitaa mirgaan oduudhaan nu jeeqan dhiifnee xiyyeeffannaa keenya hojii misoomaarratti goonaan jennaan ummata keenyaa wajjin biyya keenya jijjiiruuf kutannaan biyyi kun biyya jijjiiramuufi misoomu waan ta’eef yeeroo gabaabaa keessatti ni jijjiirra” jedhan.

Daaw’annaa Gondar Giddulaleessaatti taasisaniinis, “Qonni hundee dinagdee biyya keenyaa ta’ee tureera. Dhiyeessiin qamadii taateewwan addunyaatiin dhiibbaan irra gahaa waan jiruuf, nyaataan of danda’uuf homishtummaa keenya guddisuun daran nubarbaachisa.

Homishtummaan har’a Naannoo Amaaraatti argine abdachiisaadha. Adeemsi qonnaa keenya dadhabsiisaa ta’uu danda’a. Haa ta’u malee dhamaatiin keenya omishtummaa qonnaa keenya miliyoonaan bal’isuufi” jedhan.

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 17 Bara 2014

Recommended For You