Addunyaarratti biyyootni %66.7 ta’an malaammaltummaa daangeessuuf tattaaffiin isaan kanaan dura taasisaa turan akka gadi bu’e qorannoo “Corruption Perception Index” jedhamu waggaatti waa’ee malaammaltummaa dabalatee maxxansa garaa garaa baasu tokko nimirkaneessa. Rakkoon malaammaltummaa rakkoo biyyoottan hiyyeessaa qofa miti. Biyyoottan dureeyyii dabalatee malaammaltummaan yeroo si’anaa kana waan mataa ol qabataa jiru fakkaata. Akkuma armaan olitti ibsame, addunyaarraatti biyyoottan 2/3 ta’an malaammaltummaan daran miidhamaa jiru. Dhaabbileen gama kanaan qoratan sadarkaa biyyootni irra jiran kan ittiin adda baafatan safaraa/madaala (scale) 0-100 fayyadamuun biyyoota garmalee malaammaltummaa keessatti dhuubamaniif 0 yeroo kennan biyyoota malaammaltummaa irraa guutummaatti walaba ta’aniif ammoo 100 kennu.
Darbees 0-50 gidduu biyyootni jiran gama malaammaltummaan rakkoo warra qaban yeroo ta’u safaraa 50-100 gidduu kan jiran garuu fooyyee qabu jedhamee itti amanama. Egaa biyyoota hiyyeessa qofa utuu hinta’in kanneen akka biyya Kanaadaa, Awustiraaliyaa, Faransaay, Ingiliz, Ameerikaa, Nikaraaguwaafi kkf., gama malaammaltummaan sadarkaarra turan irraa gadi bu’uun hanna hamaa kana keessatti argamu.
Akkuma warra kaanii rakkoon biyya Afrikaa inni guddaan isa kana, Rakkoo malaammaltummaati. ‘Transparent International’ kan jedhamu dhaabbanni tokko akka qorannoosaatiin addeessetti Kibbi Sudaan qofti erga bilisummaa argattee wagga tokko utuu hinfixin doolara biliyoona afurtu geggeessitootaan saamame. Zimbaabuween waggatti geggeessitoota biyyatiin doolaara biliyoona tokko dhabdi. Biyyoonni Afrikaa waggoota muraasa dura waggaatti qabeenyi isaan gurgurtaarraa argatan doolara biliyoona 333 yeroo ta’u, liqaafi gargaarsa biyyoota Lixaarraa kan argatanitti si’a torba naanna’a.
Sirriitti kan ofii isaaniitti utuu fayyadamanii liqaafi gargaarsaaf harka namatti hinbal’isan turan. Isa kanaaf itti gaafatamummaa adda dureen fudhachuu kan qaban gama tokkoon geggeessitoota. Malaammaltummaarraa of eeggachuun dhaabbata tokko saamicha, geggeessaa kufaatii; dhaloota badiisa nioolcha. Gara jijjiiramaattis nigeessa.
Rakkoon kana keessaa akka biyyaatti nutis qabna. Qabeenya hawaasaatti namootni fedha dhuunfaaf utuu itti fayyadaman arguun beekamaa erga ta’ee oolee buleera. Sababa malaammaltummaan dhalootaa gara dhalootaatti taru qorattootni hedduun waan baay’ee kaasaniiru. Weerara dhukkuba hamaa dhaloota dararsu kanaa hubachuuf yaalii cimaas taasisaniiru. Inni kun hojii namoota hundumaas ta’uu qaba. Malaammaltummaan nama tokko qofaan kan raawwatamu miti. Kan kennuufi kan fudhatu qaba. Nama tokko qofaanis kan badu miti. Harka walqabachuu gaafata. Waliin hojjechuu gaafata. Walitti dirmachuu barbaada. Hawaasni yeroo iyyu nama itti dirmatu qabaachuu qaba. Wal’aansoo mootummaa biras hawaasni dhaabachuu qaba. Gaafa sana rakkoon har’aa nifooyya’a.
Namootni tokko tokko malaammaltummaa bakka garagaraatti qoodu. Addumaan ammoo waajjira hawaasaa giddu galeessa godhate, gabaa kan giddu galeessa taasifate, fedha hawaasaa kan waalteffate jedhamee bakka garagaraatti hiruun nidandaa’ama. As keessatti waajjira hawaasaa kan giddu galeessa godhate hojjetaan tokko hojiisaa irraa xiyyeeffannaa kaasuun akka faayidaa dhuunfaa isaanii irratti xiyyeeffatan, seeraafi heera jiruuf bitamuu dadhabuun adeemsa seeraa alaa deemuudha.
Inni kan biraammoo namootni dhaabbata keessaa hojjetan kan saba bal’aa ta’uusaa dagatanii akka kan dhuunfaasaanii ta’etti ilaalu. Kanaaf fedha mataasaanii guuttachuuf itti fayyadamu. Namootni harkisaaniifi ilaalchi isaanii malaammaltummaan mo’ame akkasii deggertoota bakka isaan jiranitti utubanii isaan tursan argachuuf waan hingoone hinqaban. Akka tajaajiltoota hawaasaatti of hinilaalan. Daldaltoota waajjiratti fayyadamanii bu’aa dhuunfaa argatu. Inni dhumaammoo geggeessummaa keessatti namootni tokko tokko miindaansaanii xiqqaa yoo ta’e daandii carraa argatan kamitti fayyadamanii of ijaaruuf yaalii taasisu. Haa ta’u iyyuu malee, kunneen hundi jireenya hawaasaa irrattis ta’e guddina biyyaarratti miidhaan isaa hamaadha. Kanaaf akka dhaabbatni Qorannoo Mallaqa Addunyaa (IMF) addeessutti ganna tokko qofa keessatti qabeenyi hawaasaa saamamu hanga doolaara tiriiliyoona 1.5 hanga tiriiliyoona lamaa akka ta’e dubbata. Inni kun galii addunyaa ganna tokkoo irraa %2 ol ta’uu isaati.
Malaammaltummaan rakkoon isaa hedduudha. Kanneen keessaa muraasni hiyyummaa babal’isuu, hawaasa gidduutti garagarummaa dinagdee (economic inequality) uumuu, misooma qisaasessuufi kkf., maqaa dha’uun nidandaa’ama. Darbees biyya malaammaltummaan itti dagaage keessatti namootni dandeettii qaban alatti hafanii namootni horii qaban hojii argatu. Humni hojjetee biyya geeddaruu danda’u alatti hafee inni beekumsa hinqabne bakka qabatee akkaataa itti dhufe babal’isa. Namni malaammaltummaan dhufe hojiisaa kana salphaatti nidhiisa jechuun hindandaa’amu. Bakka jiruttis malaammaltummaa niciigga’a jedhanii eeguun gowwummaadha.
Malaammaltummaan misoomaafis balaadha. Keessumatti bara keessa jirru kana hojii ijaarsa garagaraa matta’aa kennuun dhaabbileen injifatan bakka hedduutti miidhaa cimaa qaba. Sababiin isaa namootni malaammaltummaan misooma biyyaa keessa seenan dogoggoraan akka argatan hojii dhumni isaa hinmiidhagne hojjechuun isaanii hinoolu. Wantootni akkasii yeroo uumaman namootni akka biyyaatti dhiibbaa gaarii geessisuu dandaa’an, jijjiirama biyyarratti fiduu kan dandaa’an, dandeettiifi muuxannoo sirrii kan qaban abdii kutachaa deemu. Biyyasaaniis qajeelinaan tajaajiluu dadhabu.
Rakkoon akkasii hanguma babal’achaa deemu, dinagdeen biyya tokkoos qisaasa’aa deema. Keessumatti biyyoottan guddataa deeman keessatti malaammaltummaan tattaaffii isaan guddinaaf taasisan dhorkuun biyyiifi hawaasni akka hinfooyyofne taasisa. Invastimantiin biyyaas nimiidhama. Sababiin isaa qabeenyi biyya guddisuu malu namoota dhuunfaan hirmaatamee dhuma. Inni kunis balaan isaa salphaa miti.
Malaammaltummaan hawaasa ulee hiyyummaan kan dhaanu diina hamaadha. Akkuma beekamu biyyootni akka Naayijeeriyaa warri boba’aa qaban sooromuutu irra ture. Galii guddaas niargatu. Haa ta’u iyyuu malee yeroo ammaa ummatni biyya Naayijeeriyaa dhibbeentaan 50 ol (50%) hiyyummaa hamaa keessa jiraatu. Biyya isaanii keessa boba’aan yoo jiraate illee galiin isaa hedduun harka saamtotaa keessa seena. Hanga geggeessitootni harki isaanii qulqulluu hintaane jiranitti galii biyyaa gaarii yoo ta’e illee hawaasaaf faayidaa hinqabu. Biyyi malaammaltummaaf obsa qabdu qabeenyi barnootaa, fayyaa, gargaarsaa, misoomaafi kkf., hundi kan nama dhuunfaa ta’u. Sirni malaammaltummaan keessatti dagaage namoota muraasa kan fayyaduufi sabni bal’aan kan keessatti dararamu uuma. Isa kana laamshessuuf wal’aansoo walirraa hincinnetu barbaachisa.
Egaa hawaasni tokko malaammaltummaa shaakaluun balaa guddaadha. Gara aadaa godhachuutti deemuu danda’a. Fakkeenyaaf, tajaajila horiin argachuu yoo shaakale inni kun salphaatti barsiifata ta’aa deema. Mirgasaa mallaqaan bituu eegala. Matta’aan waraqaa eenyummeessa argata. Matta’aa kanfalee mana yaalaatii wal’aansa argata. Ijaarsa manaaf matta’aatu barbaachisa. Manni murtii kan nama dhugaa qabuu utuu hinta’in kan nama horii qabuu ta’a. Dhugaan horiin dhokata. Matta’aan dhugaa awwala. Namootni seeraa murtoo dhugaaf ta’an jal’isuu eegalu. Abbaan humnaa balleessee miliqa. Inni humna hinqabnemmoo sobaan niyakkama. Matta’aa kennuu diduun sababa hidhaa, reebamuu ta’uu danda’a. Waliigalatti akka dhuunfaatti jireenya hawaasaarratti miidhaa haamaa geessisa. Sababa nagaa dhabiinsaa ta’a. Tokko sooromaa kaan ammoo hiyyoomaa, abdii kutataa akka deemu taasisa. Biyyaafis ta’e dhaabbata keessa hojjetaniif akka kaka’umsaafi ilaalcha gaarii dhaban taasisuun biyya miidha. Sababiin isaa namootni biyya fayyadan jabaatanii hojjechuu, waa kalaquuf fedhii dhabuutti dhufu. Haalli jiru abdii isaan kutachiisa.
Malaammaltummaan biyyoottan garagaraa keessatti sababa barbadaa’uu qabeenyaafi badiisa lubbuu namaa ta’aa jira. Bu’uurri rakkoolee kanaa yeroo qoratamu malaammaltummaadha. Dhaabbanni ijaarsaa malaammaltummaan dorgommii mo’achuun hojii ija hinqabne hojjetu. Meeshaa sadarkaa isaa hineegganne fayyadamuun gamoon ijaarame galagalee namoota fixeera; daandiin ji’oota muraasa keessatti faayidaan ala ta’eera. Miidhamuu namootaafis sababa ta’eera. Kun hunduu namoota itti gaafatamummaan itti hindhagaa’amneen, dhaloota boriif kan hin yaadneen wantoota raawwataniidha. Rakkooleen kun kan namoota muraasaa miti. Kan biyyaati. Biyyatu itti duuluu qaba.
Walumaagalatti malaammaltummaan biyya quucarsa; dhaloota abdii kutachiisa; amantaa hawaasni geggeessitootarraa qabu qisaasessa; tokko gadi buusee isa tokko sababa malee ol kaasa; garagarummaan dinagdee hawaasa gidduutti akka dagaagu taasisa; hawaasa gidduutti sababa jeequmsaa ta’a. Malaammaltummaan dhukkuba kaansarii irraa jalaan hawaasaafi qabeenya biyyaa nyaatee fixuudha.
Wanti dagatamuu hinqabne garuu rakkoo kana hiikuuf dhaloota amala gaarii qabu horachuun murteessaa akka ta’e dubbatu. Geggeessaa amala gaarii qabu horachuun barbaachisaadha. Geggeessitoota dhaloota ceesisuuf dhamaa’an; geggeessitoota jireenya fakkeenyummaa qaban of irra taranii namoota kaan kan qaran ta’uun barbaachisaadha.
“Malaammaltummaan gufuu misoomaati; diina guddina dinagdeeti. Dhalootni malaammaltummaa hinlolle qubsuma isaa ta’a. Malaammaltummaa wal’aansoo qabun injifachuun nidanda’ama. Inni kun garuu waliin dhaabachuu gaafata.”
Doktar Zarihun Gabree
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 17 Bara 2014