Lammiileen Itoophiyaa hammeenya biilii ‘HR 6600’ hubachuun akka hinraggaaneef daran mormuu qabu

Finfinnee: ‘HR 6600’ kan jedhamu wixinee biilii hamaa Itoophiyaa ilaallatuufi miidhu, yoo Ameerikaatti qaama dhimmi ilaallatuun ragga’e imaammata ta’ee Pirezidaantii biyyattiin akka raawwachiisu kan taasifamuudha.

Gaazexaan Bariisaas qabiyyee wixinee biilii kanaafi lammiileefi dhalattoonni Itoophiyaa Ameerikaatti argaman wixinicha mormuuf maal gochaa akka jiran akka ibsa kennaniif qindeessituu diyaaspooraafi rogeessituu Birhaanee Beekaa dubbisee ibsa ittaanu argateera.

Qabiyyee biilichaa

Qabiyyeen biilii ‘HR 6600’ Itoophiyaafi mootummaashiirratti qoqqobbii gochuudha. Dinagdeeshiis kan hubuudha. Fakkeenyaaf qoqqobbiin kun kanirratti xiyyeeffatu, tokkoffaa waa’ee dhimma nageenyaati. Lammaffaan gargaarsa faayinaansii Ameerikaan akkasumas biyyoonni biroo akka dhaaban gochuudha.

Faayinaansiirratti akka mootummaan gargaarsawwan adda addaa bifa liqiifi kennaatiin argatu irraa dhaabatu kan taassisuudha. Biilichi nu, warra maatii keenya gargaarrullee ni ilaallata. Akka duraa sana maallaqa akka feenetti erguu akka hindandeenye nu daangessa.

Ittaansee waa’ee invastimantiiti. Dhimma kanarratti akka namoonni deemanii Itoophiyaa keessatti invasti hingoone kan taasisuudha. Keessattuu lammiileen Ameerikaafi dhaabbileensaanii Itoophiyaatti invasti gochuu dhorka.

Dinagdeen Itoophiyaa sadarkaa maaliirra akka jiru beekamaadha. Yoo invastimantiin tokko dhaabate hammam akka biyyattii miidhu tilmaamuun waan danda’amuuf dhimmichi ulfaataadha jechuudha.

Inni biraan dhorkaa immigireeshiniitiin walqabatee lammiileen bilisaan gara Ameerikaa deemuu dadhabuu, akka barbaadanitti bahuu dhabuu, viizaa argachuuf rakkachuu kan ilaallatuudha.

Walumaagalatti biilichi waantota baay’ee of keessaa qaba. gabaabumatti ibsuuf dhimma, tikaa, faayinaansii, invastimantii akkasumas waantota mirga bu’uuraa ta’an kanneen akka viizaa argachuu dhabuufi daangessa immigireeshiniifaa of keessaa qaba.

Biilichi eenyu miidha?

Akkuma beekamu qondaaltonni mootummaa ummata kaanirra jireenya gaarii jiraatu. Eegumsaan konkolaataa gaariidhaan deemu. Biilii kanaan mootummaan waan miidhamu hinqabu jechuudha. Kan miidhamu ummata hiyyeessa. Kan invastimantii keessatti mindeeffamee mindaa argatutu waan nyaatu dhabee miidhama. Lammii keenya hiyyeessa, waan alaa ergamuufiin jiraatutu miidhama.

Kanaaf wanti yaadame kun rakkina kana babal’isa jechuudha. Caalumattuu hojidhabdummaa dargaggootaa babal’isa. Yoo hojidhabummaan babal’ate ammoo sirna dhabummaan amma mul’atu hammaatee ummatas gidiraaf saaxila.

Dhimmichi akkamitti hubatamuu qaba?

Dhimmicha xiqqeessinee kan paartii tokkoo kan goonu miti. kan callifamee ilaalamus miti. Dhimmichi waan biyyaati. Waanti biyyaa ammoo isa siyaasa amma jiru deeggarus ta’e mormu hunda waan miidhuuf hubannaadhaan ilaalamuu qaba.

Biilichi waan Ameerikaan karaa harka lafa jalaa Itoophiyaa bulchuuf waan qophoofte fakkaata. Kan seera tumuu qabu warra isteet dippaartimantii akka ta’an aangoo kennaaf. Keessumaa jaarraa 21ffaa kana keessa waanti akka koloniziimii kallattii kan jedhamu sanaaf waan hojjetamaa jiruudha.

Seenaataroonni Kibxata darbe sagalee irratti kennuuf karoorfatanii ture. Warri yaadnisaa nuu hingalle jedhan waan jiraniif guyyaa biraatti darbeera. Seenaataroonni dhugaadhaan mirga namaatiif falman qabiyyeesaa sirriitti hubatanii dhiibbaa gochuu danda’u, namni hundi tokko waan hintaaneef.

Kanneen olaantummaa Ameerikaatiif hojjetanis jiru. Kanneen mirga biyyoota birootiif quuqamanis akkasuma. Kanneen mirga namootaafi biyyootaa keessa hinseennu jedhan jiru; biilicha sirriitti hubatanii. Warri akkanaa akka sagalee hinkennine beekamaadha. Sababiinsaas bara addunyaa qaroome keessatti harka wayyaa jalaatiin Itoophiyaa bulchuu yaaluu waan ta’eef kana hunduu waan fudhatu natti hinfakkaatu.

Hammeenya kanarra aanuuf malli maali?

Hammeenya kanarra aanuuf eenyumtuu kan dhalootaan Itoophiyaa ta’e hundi mormuu qaba. Dhalataa Itoophiyaa maatii asii qabu, maatiisaatiif quuqamu, dhugaatti hiyyummaan Itoophiyaa biyyaa isa baase, maatiifi biyya jaalaturraa adda bahe hunda waan ilaallatuuf mormuu qaba.

Nutis pitiishinii qopheessinee raabsaa jirra; karaa imeeyiliifi tooftaalee adda addaatiin. Pitiishinichi ergaa waan kana nan morma jedhu kan of keessaa qabu waan ta’eef ni mallatteeffama. Kan biraa ammoo kanaan dura Niiwu Jarsiitti nama wixinee kana barreesse biratti hiriira guddaa qopheessinee turre.

Amma ammoo Maarchi 28 Waashingitan Diisiitti geggeessuuf qophiirra jirra. Kunis bakka bu’oota biyya kanaa seenaatariifi kongirasii, naannawa waajjira jaraa ‘US’ kaappitool jedhamutti kan gaggeeffamu ta’a. Kan Ameerikaa jiru hundi achitti dhufee sagalee ta’uu qaba; warri dhimmi kun nu ilaallata jedhan.

Biyyi kanaan dura warra adiitiin hinkoloneeffamne amma ammoo karaa lafa jalaatiin yeroo nuti qabeenyaanis beekumsaanis guddannee, bal’annee lafa guunnee kanatti darbuu akka hinaqabne ofitti himuudhuma qabna; eeyyamuu hinqabnu. Dhimmichi waa’ee biyyaati, birmadummaa biyya tokkooti. Biyya dhaloota keenyaati. Waan boru ijoolleen keenyallee ittiqaana’uu hinqabne ta’uu qaba. Kanaaf hundi keenya baanee dubbachuu qabna.

Lammaffaa, bakka bu’oota keenya kanneen Kongirasiis ta’e seenaatarii keessa jiran gareedhaanis ta’u dhuunfaadhaan akka isaan dhimma kana hinraggaasisne hubachiisuu qabna. Biilichi, nu miidha, maariifi saba keenya, biyya miidha jennee ittihimuu qabna. Hinmallatteessiin, sagalees hinkenniin jennee ittihimuun dirqama.

Biyya kanatti kan namatti tolu beellama fudhatanii, yoo bilbilaanis ta’e imeeyiliidhaan yoo ergiteef nama jalaa fuudhu. Waan baay’ee nu kabajaniif sagaleefi mirga qabnutti fayyadamuudhuma qabna.

Qoodni mootummaa akkamitti ibsama?

Dhimma kanarratti mootummaan Itoophiyaas nu utubuu qaba. Nuti mootummaa Itoophiyaa amma aangoorra jiru kana akka inni waan hunda sirreesseera, Itoophiyaatti mirgi dhala namaa kabajameera jennee miti.

Dhimma mootummaatiif miti. dhimma birmadummaa biyyaatiifi, kan nuti akka biiliin kun hindabarreef qabsaa’aa jirru. Itoophiyaan of dandeessee jiraachuunshii kabaja guddaadha. Nuti kanumaafi, malee nutis akka mootummaan Itoophiyaa nageenya kabachiisaa hinjirre argaa jirra. Waraanni Naannoo Affaaritti adeemsifamaa jira. Kun dhaabachuu qabaayyu. Keessumaa baadiyyaa Ambootti shiftoonniifi mootummaan akka ummata gidirsaa jiran dhaga’aa jirra.

Kanarratti mootummaanillee nu gargaaruu qaba. Nuti paartii ykn mootummaa kana deeggaruu qofaaf miti kan halkanii guyyaa dhama’aa jirruuf. Garuummoo hojiin keenya kun akka milkaa’uuf mootummaan rakkoo keessoosaa jiru ummata wajjin ta’ee furachuu qaba.

Qoodni paartiilee morkattootaa maal?

Fakkeenyaaf, paartiileen mootummaa kana morman danuun diyaaspooraa keessaa deeggartoota qabu. Mootummaan warri biyya keessa jiran dhimma kana mormanii akka sagalee ta’an gochuu qaba. Isaan keessatti dippilomaasii hojjechuu qaba. Paartiileen morkattootaa dhimma kanarratti ejjennoo ibsachuu qabu. ABOn, KFOn, ABN…hundi warri alaa deeggartoota qaban mootummaa wajjin hojjetanii ibsa baasuu qabu. Akkaan mormuu qabu.

Karaa biraa ammoo warri TPLF deeggaraniifi paartiileen Oromoo mootummaa morman akka biilichi darbuuf dhiibbaa gochaa jiru. Isaanis akkuma keenya tattaafataa jiru jechuudha. Akka baay’inaatti garuu dhimma kanarratti akka hinraggaaneef kan mormutu caala.

Aangoof jecha mirga bilisummaa biyya dhalootasaanii sarbuufi dabarsanii kennuu hinqaban. Paartiin kamuu kana hubachuu qaba, inni biyya bulchus ta’e inni isa biyya bulchuun mormu.

Waa’ee birmadummaa biyyasaaniirratti mari’achuu hinqaban. Dhimma biyyaa waan ta’eef keessoosaaniitti waliin mari’achuu qabu. Waa’ee biyyaarratti ilaalchaan tokko ta’anii dhaabachuu qabu.

Ummata biyya jirurraa maaltu eegama?

Fakkeenyaaf Ministirri Muummee Ittaanaafi Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Obbo Dammaqaa Mokonnin, diyaaspooraawwan walittiqabee maal isin haa gargaarru jedhanii nu gaafatanii turan. Waan mootummaan nu gargaaruu qabus kallattiin itti dhaammanneerra.

Ergaan ummataaf qabnu garuu isaanis nurraa dhaabaa jedhanii artistiin, namoonni siyaasaa, jaarsa, jaartiin otoo hinhafiin gocha kolonii alkallattii jaarraa 21ffaa kana mormuu qaba. Embaasii Ameerikaa fuulduratti hiriira bahee mormiisaa agarsiisuu qaba.

Biiliin kun waan akkam ta’u isinitti fakkaata?

Yoo duulli mormii geggeessinu cimee sirriitti hubachiisne inuma irra aanna, nihambisiisna jedheen yaada. Kanaafis sosochiin eegalameera. Itoophiyaa akka miidhus hubachiisaa jirra. Qabiyyeensaallee akka jijjiiramuuf xiyyeeffannaan irratti hojjechaa jirra. Ani akka dhuunfaatti biilichi waan darbu natti hinfakkaatu.

Yoo darbe ammoo mootummaan Itoophiyaa haala qoqqobbii irra ga’u dandamachuun danda’amurratti hojjechuu qaba. Mootummaan guddaan Ameerikaa qofa waan hintaaneef tooftaa biraa baasee of qopheessuu qaba. Fira qopheeffachuu qaba jechuudha.

Dhiibbaan Ameerikaan biyyootarraan geessu akkam akka ta’e ni beekama. Biyyattiin yoo ijaaruu dadhabdellee balleessuu akka dandeessu biyyoota kanaan dura badanirraa hubachuun ni danda’ama. Kanaaf biyyattii oolchuuf wajjin xiiqiidhaan otoo hintaane malaan, abshaalummaan hojjechuu barbaachisa.

Dhaamsa

Dhumarratti kanin jedhu keessumaa dhaabbileen siyaasaa mootummaa amma jiru morman isaaniifis biyya jigde ykn kolonii jalatti kufte simachuu ykn irratti aangoo argachuun waan gaarii hintaaneef darbees Itoophiyaa biyya alaatiif jilbeeffattu, olaantummaa biyya biraa fudhattu uumuun daba ta’uu hubachuu qabu. Kanarra biyyaafi ofiisaanii kabachiisuurratti otoo hojjetanii gaariidha.

Charinnat Hundeessaatiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 17 Bara 2014

Recommended For You