Ilmaan Akaakoo Abbichuu dirree dorgommii gufachiisa fardaa, Aljarsitti

“Oromookoo Ya Abbaa Daalee, Ya Abbaa Booraa, Ya Abbaa Shaanqoo kaafadhu fardakeetiin loli (Kaafadhu Bullookeen loli) Araatkiiloof situ aanee” kan jedhe Artsisti Haacaaluu Hundeessaati. Kaleessi seenaadha, har’i guyyaa hojiitii hojjennee lafarratti agarsiisna, bor guyyaa mul’ata keenya itti milkeessuuf karoorfannee hojjetaa jirru waan ta’eef qabsoo finiinsuun barbaachisaadha.

Biyya Itoophiyaa jedhamtu tana siyaasaan, dinagdeefi hawaasummaan ijaaruu keessatti Oromoon gahee leencaa kan tapaheefi taphatu yoo ta’u, jaarraa tokkoofi walakkaa oliif jibba sirnoonni gabroomfatoon sabichaaf qabanirra kan ka’e gaheen Oromoon biyyattii ijaaruu keessatti bahachaa ture ukkaamfamaafi hatamaa tureera.

Jaalala biyyasaatiif qabuuf hedduu wareegamus akkasumas alaabaa biyyattii olkaasee addunyaarratti tallisiisus warri seenaa hojjechuu caalaa seenaa hatuu baran akkuma abbootiisaanii eenyummaa Oromoo ukkaamsuun injifannicha saamuuf asoosama sobaatiin of tuulaa turaniiru.

Gootummaa gaarreen Adwaarratti fashistii Xaaliyaanii dhabamsiisuuf taasifamerratti injifannoo galmaa’eef qooda gootota Oromoofi fardeen Oromoo bahatan yoomiyyuu kan dagataman miti. Gootonni akka Baalchaa Abbaa Nabsoo, Gabyyoo Gurmuu, Luba Magarsaa Badhasaa (Abuna Pheexiroos) Abbichuufaa kaasuun nidanda’ama.

Seenaa kana maaf kaaste jechuun hinoolu. Gareen leenjii Fardaa Beekaa yaadannoo gootota Aduwaafi farda Oromoof qabuuf ilmaan Abbichuu sirni sirna nyaatee finxaaleyyiifi of tuultonni dabareesaanii eeggatanii qabsoo Oromootiin hundeedhaa diigamaniiru, faashistiin Xaaliyaanii Itoophiyaaf balaa ta’ee tures dhiigaafi lafee goototaafi fardeen Oromootiin daaraa botoroo ta’ee biitti Itoophiyaa jedhamtu boquushii olqabachuurra dabartee walabummaa gurraachotaatiif fakkeenyummaan kan kaatu taateetti.

Seenaan kun dagatamuu hinqabu gootummaa ilmaan Oromoofi fardeensaanii gaarren Adwaarratti kaleessa agarsiisan har’as mul’achuu akka qabu hojjetamaa jira.

Kanaaf immoo hundeessaafi qindeessaa garee Beekaa Fardaa Obbo Tsaggaahun Tasammaa isaan tokko yoo ta’an, turtii Gaazexaan Bariisaa isaan wajjin taasise haala armaan gadiitiin dhiyeessineerra.

Bariisaa: Obbo Tsaggaahun Tasammaa eenyu?

Obbo Tsaggaahun: Tsaggaahun Tasammaa Pirezidaantii Ittaanaa Asooseeshiin Ispoortii Fardaa Itoophiyaafi Hundeessaafi Qindeessaa Kilabii Beekaa Fardaa Akaakoo Abbichuuti.

Bariisaa: Obbo Tsaggaahun eessatti dhalatanii guddatan? Haalli guddinasaanii hoo maal fakkkaata?

Obbo Tsaggaahun: Ani ilma Harargeeti. Barumsa kiyya sadarkaa 1ffaafi lammaffaa achumattin baradhe. Boodarra gara Ameerikaatti imalee achumatti bultii horadhee, ijoollees godhadhee waggaa 20 oliif achi jiraachaan ture.

Bariisaa: Gara Itoophiyaatti dhuftanii ispoortii fardaarratti akka hojjettan wanni isin taasise maalimee?

Obbo Tsaggaahun: Gaaffii guddoo sammuukoo keessa naanna’u tokkotu ture. Innis Oromoon Abbaa Fardaati. Goota Adwaati isa jedhu dhagahaan ture. Kan durii sun amma maaliif hindabalamu; silaa Oromoon fardeeniifi gootota baay’ee qabaa? Kana addunyaa hinagarretti baasuu qabna yaada jedhutu nakeessa ture.

Bariisaa: Gaaffii sammuu keessan keessa naanna’u kana hojiitti hiikuuf gara Itoophiyaatti wayita dhuftan maatii keessan achumatti dhiistan moo akkam ture?

Obbo Tsaggaahun: Hojiif erga bahanii kutannaan jiraachuu mala. Kun ta’us maatiirraa gargar nanbaasne. Yeroon haala haala mijataa argadhu maatiis deemeen ilaala.

Maatiin kiyya Ameerikaa jiraatu. Ijoollee sadarkaa 2ffaafi kolleejjii baratanin qaba. Jaalalli maatii hammam ulfaataa ta’us ergan imaanaa biyya ofii galmaan gahuuf manaa bahee duubatti hinjedhu.

Kanan amma deeggaree leenjisaa jirus ilmaan qonnaan bulaa Oromoo yoo ta’an, anaafis ilmaan kooti. Kanaaf gootummaa Oromoon fardaan loluurratti qabu gama ispoortii ammayyaatiin deeggaree dhaloota qubee gahoomsuuf hojjechuunkoo seenaa Oromoo kan yaadachiisuufi bu’aa guddaas buusuufiif karoorseen hojjedha.

Bariisaa: Qabeenya fardeeniifi gootummaa akkasumas ga’umsa fardarratti Oromoon qabu gadi baasnee agarsiisuun bu’aa akkamii qaba jettu?

Obbo Tsaggaahun: Takkaan Oromoon biyya Itoophiyaa jedhamtu tana ijaaruu keessatti gaheen qabu gahee fardeensaa qabaniifi keessumattuu sochii hawaas dinaagdeefi siyaasa biyyattii waaltessuu keessatti shoorri Oromoon taphate akka kaleessaa afaaniin osoo hintaane qabatamaan katabamee dhalootaaf akka darbu taasisuuf gargaara.

Kanamalees ga’umsa tapha fardaarratti Oromoon qabu hawata turistii ta’uun galii olaanaa biyyattiif argamsiisuurraa darbee duudhaleefi aadaa Oromoo gara garaa dhokatanii jiran gadi baasnee addunyaatti akka mul’isnu sharafa alaa akka argannu waan nugargaaruuf abjuu kana milkeeffachuuf yaadaan turee amma kunoo hunduu karaa qabatee ija godhachaa jira.

Bariisaa: Wayita daa’ima turtan ispoortii fardaa kana jaalattuuyyuu?

Obbo Tsaggaahun: Waanin baadiyyaatti guddadheef eeyyee nan jaaladhan ture. Jaalalli tapha fardaa nakeessa jira. Innis akkan damee kanarratti xiyyeeffadhee hojjedhu nataasiseera.

Bariisaa: Yoom gara biyyaatti dhuftan? Abjuun keessaniifi mul’atni isin keessa ture ija godhateera jettuu?

Obbo Tsaggaahun: Ergan gara biyyaa dhufee waggoota sadii lakkoofsiseera. Sana booda Kilabii Beekaa Fardaa jedhamu hundeesseen gootummaa yaadannoo Oromticha Abbichuuf oolu deebisuuf hojjetaan jira.

Bariisaa: Hammam milkaa’aa jirtu, kilabii Beekaa Fardaa eessatti hundeessitan?

Obbo Tsaggaahun: Ganda Akaakoo Abbichuutti hundeesseen ijoollee qonnaan bulaa gandichaa muraasa fudhadhee tapha fardaa gufachiisaan leenjisaan jira.

Erga Beekaan Fardaa banamee waggaa saddeet dura ta’us waggaa sadii as abbummaan hojiitti natu seensise. Leenjitoonnikoo kunniinis aadaa ganamuma itti guddatan abbootiisaaniirraa dhaalaanifi argaa jiran waan ta’eef salphaatti ga’umsaan of ijaaraniiru jechuun danda’a.

Bariisaa: Ga’umsa tapha fardaa horatan kana hojiitti hiikanii argamuufi dorgomanii injifachuurratti leenjitoonni keessan maal fakkaatu?

Obbo Tsaggaahun: Oh! nama gammaachiisa. Kanan eegeen olitti. Bakkeewwan gara garaatti dorgommiiwwan adda addaarratti hirmaatanii qabxiilee olaanaa galmeessisuun waancaa warqii badhafamaniiru.

Dorgommiiwwan adda addaa akka Finfinneetti taasifamanis gareen keenya Beekaa Fardaa adda durummaasaa qabatamaan mirkaneessaa tureera. Badhaasni kanaan argatanis hedduudha.

Bariisaa: Ijoollee kilabiin keessan leenjisu daangaa umrii qabaa?

Obbo Tsaggaahun: Egaa kaayyoon koo inni jalqabaa leenjisee lafa kaa’uu qofa osoo hintaane shaampiyoonaa gufachiisa fardaa akka Afrikaattii taasifamurratti darbees akka addunyaatti hirmaachisuuf kan akeeke waan ta’eef ijoollee ganna 12-18tti jiran qofarratti xiyyeeffadheen hojjetaa ture.

Ijoollota jaha ganna 12-18tti jiran leenjisee hundisaanii sirriitti ga’umsa horachuurra darbanii Oromiyaafi Itoophiyaa Afrikaarratti maqaa waamsisuuf xiiqiin ka’aniiru.

Ijoolleen Kilabii Beekaa Fardaa keessa turan dorgommiiwwan akka biyyaatti kilaboota gara garaa gidduutti gaggeeffamaa turan mara bilchinaan injifachuun biyyasaanii bakka bu’anii Shaampiyoonaa Afrikaatiif dhiyaataniiru.

Bariisaa: Shaampiyoonaan Ispoortii Gufachiisa Fardaa alanaa kun eessatti, yoom gaggeeffama?

Obbo Tsaggaahun: Bitootessa 14-16 Aljeeriyaatti gaggeeffama. Kanaafimmoo dorgomtoota qaxalee ta’an torba fudhannee deemna. (gaafdeebii kana otoo gara Aljarsitti imaluuf qophiirra jiraniiti kan Gaazexaa Bariisaa wajjin taasisan).

Bariisaa: Ijoollee leenjistan jaha keessaa shaampiyoonaa fardaa Afrikaaf kan dhiyaatan meeqa?

Obbo Tsaggaahun: Ijoollee ani leenjisaa jiru jahanuu akka biyyaatti injifatanii Itoophiyaa bakka bu’anii shaampiyoonaa Afrikaarratti hirmaachuuf garasitti imalaniiru. Kilabii gara biraa keessaa kan dhufe yoo jiraate dorgomaa tokko qofa. Innis ga’umsa gaarii qaba. Isa waliin dorgomtoonni torba Aljarsitti imalaniiru.

Ijoollee nuti ergine kunniin umrii 12 -17 ta’anis ga’umsi isaan gufachiisa fardaarratti agarsiisan qabxii olaanaa Itoophiyaa boonsu akka galmeessisan isaan taasisa jedhamee amanama.

Bariisaa: Silaa erga gara biyyaatti dhuftanii leenjicha kennuu eegaltanii dhiyoodha mee leenjitoonni keessan yeroo hangamiif leenjii fudhatan?

Obbo Tsaggaahun: Waggaa lamaafi ji’a jaha leenji’aniiru. Ijoolleen kunniin yeroosaaniitti haalaan fayyadamaniiru jechuun ni danda’ama.

Sababnisaas bu’aa isaan galmeessisaa jiran ibsituusaaniiti. Keessumaa daa’imti ganna 12fi inni bicuun ga’umsa addaa waan qabuuf badhaasawwan gara garaa kilabiisaatiif argamsiiseera. Ijoolleen leenjii gahaa fudhatan jahanuu bu’aa guddaa galmeessisu yaada jedhun qaba.

Kunis dandeettii isaan leenjicharraa horatan hojiirratti madaalaa wayitan deemu abdii cimaa kan namatti horuudha.

Bariisaa: Dorgomtoonni kunniin hundi barattoota leenjichi barnootasaanii waliin walitti hinbu’uu? Gama kanaan akkamiin hojjetaa jirtu?

Obbo Tsaggaahun: Shaakalliifi leenjiin kennamuuf barnootasaanii wajjin akka walitti hinbuuneef yeroo boqonnaasaaniitti kennaafii jirra.

Bariisaa: Dorgommii alana Aljarsitti gaggeeffamu kana waanti adda taasisu jiraa?

Obbo Tsaggaahun: Itoophiyaan seenaa keessatti dorgommii gufachiisa faardaatiin dhiyaattee hinbeektu.

Kilabiin Beekaa Fardaa cimee hojjechuun yeroo jalqabaatiif gufachiisa fardaatiin Itoophiyaa maqaa waamsisuuf dorgommii Aljarsitti gaaggeeffamurratti hirmaachuuf garasitti imaluunsaa seenaa addaati.

Maqaansaanii yoomiyyuu hindagatamu. Ijoolleen kunniin seenaa gootota Adwaa abbootiinsaanii hojjetanii darban yaadachiisuuf ga’umsa qabanitti fayyadamanii injifannoo cululuqaa galmeessisuun Itoophiya maqaa waamsisu jedhamee eegama.

Shoora gareen kun akka biyyaatti yeroo jalqabaatiif galmeessise kanaaf kabajni guddaa isaaniif mala, isaan nama jalqabaati.

Ijoolleen Oromoo atileetiksiin gootummaan, barnootaan siyaasaan, aadaafi duudhaa dhala namaafi uumamaaf kabaja kennu qabaachuun maqaa guddaa qabu.

Tapha fardaanis abbootiin keenya ga’umsa akka qaban fardeenis akka qaban dhagahaa turre. Isa kanammoo hojiitti hiiknee isa hinbeekne barsiisuun nurraa eegama.

Kanaaf ilmaan Akaakoo Abbichuu jahan Aljarsitti imalan kunneen seenaa addaa hojjetanii Oromummaafi Itoophiyaa olkaasanii dhufu abdiin jedhu jira. Kun jalqaba. Ammas kanaa ol leenjisnee dorgommii birootiif dhiyeessuuf hojjenna.

Bariisaa: Dorgommii akkasiirratti hirmaachuun Itoophiyaaf bu’aa akkamii qaba?

Obbo Tsaggaahun: Hariiroo Itoophiyaan biyyoota waliin qabdu kan cimsuudha. Muuxannoo ispoortii fardaa akka qooddattu ishee taasisa. Dameen ispoortii fardaa daran akka babal’atu haala mijeessaaf. Kanamalees gamanumaa dandeettiin aadaa fardaa jira isa jedhamu aadaa Oromoo dhokate gadi baasee mul’isuu keessatti shoora olaanaa tapahata.

Bariisaa: Dameen ispoortii fardaa Itoophiyaa keessatti hagas xiyyeeffannoo hinarganne. Kun maaliif ta’e?

Obbo Tsaggaahun: Dhugadha, kanaan dura ispoortii fakkaatee ilaalamaa hinturre. Ta’us ga’umsi ummatichi tapha fardaarratti qabu ajaa’ibsiisaadha. Yeroo faranjiin ittiin dorgomtu kansaanii qofa goonee ilaalaa turre. Ta’us warra adii caalaa dandeettii tapha fardaatiin ganamuma ijaaramee itti guddateera.

Sun ammayyaa’uu dhabuusaatiin dameen ispoortii fardaa Itoophiyaa keessatti harkifateeera. Dhiyoo hundaa’us kilaboonni dhuunfaa gara garaa Beekaa Fardaa dabalatee ijaaramaa jiru. Bu’aan kilaboota kanneeniin galmaa’aa jiru ija godhatee kunoo Shaampiyoonaa Afrikaaf gahuu dandeenyeerra.

Bariisaa: Wayita Kilabii Beekaa Fardaa hundeessitan leenjisaan barbaachisaadha; ga’umsi leenjistoota keessanii akkamiin ibsama?

Obbo Tsaggaahun: Leenjistoota lama qabna. Lamaanuu ijoollee tapha fardaatiin ga’umsa addaa qabaniidha. Dabalataanimmoo barruulee barbaachisoo alaa galchuun, miidiyaa hawaasaarraa buufachuun muuxannoo alaa qooddachuun maxxansawwan gara garaa qopheessinee ittifayydamaa jirra.

Kanamalees leenjii online kennamu buufachuun ijoollee keenya leenjisaa ga’umsasaanii cimsaa Itoophiyaa bakka bu’anii Afrikaaf akka dhiyaatan taasisuu dandeenyeerra.

Gama kanaan dandeettii addaa uumamumaan dur leenjistoonni hawaasarraa baratan isaan gargaareera. Kan barruuleen deeggarame bicuu itti dabaluun ga’umsa leenjitootaa gabbisuun danda’ameera.

Bariisaa: Kilabii keessan kana cimsuuf humni namaa isin barbaachisa. Isaan kanaaf kaffaltii mindaa kan taasisu eenyu?

Obbo Tsaggaahun: Hamma tokko carraa hojii uumeera. Kaffaltiin mindaas anumaan raawwatana malee deeggarsi biraa hinjiru. Fuulduratti kilabichi yoo cime namoota baay’eef carraa hojii uumuurra darbee dameen ispoortii fardaa akka babal’atu taasisa jedheen abdadha.

Bariisaa: Kilaboota fardaa akka biyyaatti jiran hedduu keessaa gareen keessan leenjitoota hundaan caalee bahuunsaa maalirraa kan ka’eedha, iccitiin milkaa’ina keessanii maali?

Obbo Tsaggaahun: Ga’umsi leenjii gahaa kennuu, shaakallii barbaachisaa taasisuu, dhiyeessii murteessaa guutuun kutannaafi miirri caallee argamna jedhu uumamuusaatiin hunduu dorgommichaaf kaadhimamaniiru.

Bariisaa: Kilabii mataa ofii hundeessanii leenjii kennuurra darbanii hanga dorgommiif biyya alaatti erguun ga’umsa addaa, baasiifi dhiyeessii gaafata. Kanneen hunda ofumaaf dandeessan moo dhaabbata isin gargaarutu jira?

Obbo Tsaggaahun: Quuqamni lammummaa sikeessa bullaan qabeenya dhuunfaakee hinqusattu. Anis kutannaan akkasii nakeessa waan jiruuf qabeenya dhuunfaakootti fayyadameen kilabii kana hundeesse. Dhiyeessii barbaachisaas bakka leenjii hunda ofii guuttachuun ilmaan qonnaan bulaa leenjisaan jira.

Bariisaa: Fardeen meeqa qabdu?

Tsaggaahun: Ammaaf fardeen 23n qaba. Tokkoo tokkoosaanii qarshii kuma 20-30ttin qonnaan bulaarraa bitee ilmaansaanii ittiin leenjisaan jira.

Bariisaa: Fardeenkee kunniin bifaanis ga’umsaanis kanneen biyya alaa qabannaa gaarii qaban fakkaatu. Kunuunsi taasifamuuf maal fakkaata?

Obbo Tsaggaahun: Fardeen kiyya dur gaafa bitaman biftisaanii akkas hinturre. Nyaata madaalawaan nyaachisa. Akkuma namaa ispoortii nan dalagsiisa. Nafasaanii nan dhiqsiisa. Boqonnaa nan kennaaf. Kanatu adda isaan taasisa.

Afaan addaa barataniiru. Harcummeen ykn alangeen hinrukutaman. Xiqqumashii tuquu qofa. Sanbooda ajajamu malee alaa kan galan miti. Fardeen dura kuma 20-30n bitaman kunneen har’a kuma 200 osoo naa kennanii hingurguru. Sabanisaas naamusaafi afaaniin ga’umsaan waan ijaaramaniif.

Bariisaa: Dorgomtoonni Itoophiyaa bakka bu’uun gara Aljarsitti imalan kunneen fardasaanii fudhatanii deemumoo achumaa kan biraatiin dorgomu?

Obbo Tsaggaahun: Lakki fardeen achumaa qophaahaniiru. Asii kan deemu dorgomtootaafi qindeessitoota qofa.

Bariisaa: Tarii afaan fardaa isin leenjitoota keessan itti leenjisaa turtaniifi kan farda biyya ormaa adda adda hinta’uu? Dorgommicharratti hoo rakkoo hinfiduu?

Obbo Tsaggaahun: Dorgomtoonni keenya gara dorgommiitti osoo hinseeniin guyyoota lamaaf shaakallii taasisu. Kanamalees kitaabni wabiifi viidiyoowwan nuti ittifayyadamnee barsiisaa turre tokko waan ta’eef hangas rakkoo hinuumu. Ta’us akka rakkoon tokko tokko hin mudanneef shaakalliin guyyoota lamaaf taasisnu hamma tokko nugargaara.

Bariisaa: Seenaa gootota Oromoofi fardaasaanii deebisuuf sochiin jalqabadan jajjabeessaadha. Mee shamarran akka hirmaataniif maaf hinhojjenne?

Obbo Tsaggaahun: Gaaffii gaariidha. Shamarran Oromoo farda kaachisuu keessatti maqaa qabu. Kana barnootaafi leenjii ammayyaatiin deeggarree dorgomaa taasisuuf hojiitti seenneerra. Yeroo ammaattis shamarran ijoollee qonnaan bulaa ganda Akaakuu Abbichuu jaha simaannee leenjisaa jirra.

Ga’umsisaaniis jajjabeessaadha. Yeroo booda akkuma warra dhiiraa dirree dorgommiirratti bahuun Oromiyaarra darbanii akka Itoophiyaa maqaa waamsisaniif kutannaan hojjetaa jirra.

Bariisaa: Jalqabbii isin gootummaa Oromoofi fardeen Oromoo agarsiisuuf Ganda Akaakoo Abbichuutti eegaltan kun guutummaa Oromiyaatti akka babal’atuuf karoorri qabduu?

Obbo Tsaggaahun: Kun gaaffii bu’uuraati. Oromoon goota. Akkuma gootatu fardaan lola jedhamu sochii nuti eegalleefi qabxii gareen keenya galmeessisaa jiru kan argan godinaaleen Oromiyaa tokko tokko leenjichi akka babal’atuuf gaaffii dhiyeessaa jiru.

Fakkeenyaaf Godinni Shawaa Lixaa nugaafateera. Nutis muuxannoo qabnu qooduufiif yaada qabna. Ani nama dhuunfaa tokko. Oromoonni biroos yaada kana deeggaruun ispoortiin fardaa kun Oromiyaa keessatti akka babal’atu hojjechuu qabun jedha.

Bariisaa: Qabeenyi fardaa Oromoon qabu osoo haala amma eegalameen hojiirra oolee faaydaasaa akkam ta’a?

Obbo Tsaggaahun: Sochii amma jalqabneen cimnee osoo hojjenne qabeenyi farda keenyaafi ga’umsa abbbaan fardaa qabu barnootaan osoo deeggaramee hawata tuuristii ta’a. Carraa hojiis uuma. Kanaaf damee kana cimsuuf mootummaanis ta’e abbootiin qabeenyaa dhuunfaa hojjechuu qabu.

Bariisaa: Egaa Oromoon fardasaaf maqaa baasee ittiin waama. Isinoo fardeen keessaniif maqaa hinmoggaasnee?

Obbo Tsaggaahun: Maqaa baaseefiira. Hundinuu maqaa qabu. Fakkeenyaaf Bilisaa, Boonaa, Adwaa, Biiftuu, Caaltuu, Iftuu, Piriinsi, Raasiifi kkf.

Bariisaa: Farda bittanii ijoollee kana leenjisaa, wiirtuu leenjii fardeenii ijaartanii hojii guddaas hojjeta jirtu. Sochiin faayinaansii keessanii dhaabbata biraatiin deeggaramamoo isin qofaan haguugama?

Obbo Tsaggaahun: Baasii marti kanuma kooti. Qaamni biraa nadeeggaru hinjiru. Nyaatasaanii biyyuma keessattin qopheessa. Uffati leenjitootaa, meeshaaleen faaya fardaa marti anumaan haguugamu. Baasiin baasu caalaa injifannoo duubarra dhufutu nagammachiisa.

Bariisaa: Fardeen keessan kan qonnaan bulaarraa bifaan adda. Ni miidhagu. Iccitiinsaa maali?

Obbo Tsaggaahun: Akkuman sila sii kaase qonnaan bulaarraan bite. Ta’us waanan nyaatasaanii haalaan dhiyeessuufiif bifnisanii miidhageera.

Hordoffiifi deeggarsiifi kunuunsi addaa ni taasifamaaf. Nyaannisaanis yoo ta’e waanuma naannawa keenya jirurraa kan hojjetamuudha.

Fardeen qonnaan bulaa biroos hordoffii osoo qabaatanii akkasuma ta’u. Kun ammallee irratti hojjetamuu qaba. Oromoon fardaaf kabaja guddaa qaba. Fardi ulfoodha. Kanaaf xiyyeeffannoo kennuun barbaachisaadha.

Bariisaa: Silaa maatii horatteettanillee Ameerikaatti dhiistanii as jiraattu. Kun faaydaa moo aantummaan ibsama?

Obbo Tsaggaahun: Otoon faaydaa addaa fedhee ani Ameerikaa taa’uun dandaha. Ta’us jaalalliifi gootummaa ilmaan Oromoo fardeensaaniin gaarren Adwaarratti agarsiisan sammuu keessa nadeddeebi’a. Yeroo baay’ee gootota keenya amallee fardeen keenya hin yaadannu. Sana bakkatti deebisuufan biyyatti dhufe.

Faaydaa caalaa wanti na quufsu yoo jiraate injifannoo leenjitoonnikoo argatanii biyyasaanii maqaa waamsisaniidha. Jalqabbiin keenyammoo hawwii nuti qabnu hojii qabatamaatti jijjiiraa jiraachuu lafarratti argaa jirra.

Bariisaa: Ispoortii Fardaa babal’isuuf sochiin isin taasistan qofti gahaadhaa?

Obbo Tsaggaahun: Dameen ispoortii kun Oromiyaa keessatti irratti hojjetamuu qaba. Akkuma kilabii kubbaa miilaa, kubbaa saaphanaa, kilabii atileetiksiifaa sadarkaa gandaatti gadi bu’ee osoo irratti hojjetamee gaariidhan jedha. Oromoon farda qabu gara misooma ispoortiitti osoo naannessee galii guddaa irraa argata.

Kanaafis abbootiin qabeenyaa, diyaaspooraawwan gama kanaan gara biyyasaaniitti deebi’uun ofis biyyasaaniis fayyaduu qabu. Ispoortii babal’isuun gahee mootummaa qofa goonee ilaalla taanaan dogoggora.

Bariisaa: Qeerroofi Qarreen Oromoo ispoortii fardaarratti akka hirmaataniif maal gorsitu?

Obbo Tsaggaahun: Ispoortiin fardaa takkaan ga’umsaafi dandeettii ofii dabala. Lammaffaa araadarraa nama fageessa. Cimanii hojjennaan akkuma atileetota keenya beekamoo madda galii nuu ta’uu danda’a. Kanaaf dargaggoonni keenya damee kenaaf xiyyeeffannoo kennuu qabun jedha.

Bariisaa: Turtii yeroo keessaniif galatoomaa; Jila keessan gara Aljarsi deemeef mirgaan galaan dhaamsa keenya. Itoophiyaa caaltee argamtu arguuf hawwiin keenya guddaadha. Ijji dhamaatee keessanii injifannoo haata’u.

Obbo Tsaggaahun: Oromoon tapha fardaatiin maqaa qaba. Kanaafis gaarreen Adwaa ragaa bahu. Kanamalees agarsiisni tapha fardaa Finfinnee keessatti ayyaanota gara garaarratti gaggeffamaa tures ga’umsasaa ganamaa kan mul’isaniidha. Kana gadi baastanii agarsiisuuf haguuggii miidiyaa nuu kennitaniif galatoomaan jedha.

Horaa Bulaa!

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 17 Bara 2014

Recommended For You