
Finfinnee: Oromiyaa maratti godinaaleen hongeedhaan miidhaman qaala’ina jireenyaatiin walqabatee rakkoo dabalataaf akka hinsaaxilamne xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaafi Kaafamtoota Misoomaa beeksise.
Komishinarri Ittaanaan komishinaraa Garramuu Oliiqaa ibsa dheengadda Gaazexaa Bariisaatiif kennanniin, osoo rakkoo hongeen fide keessaa hinbahamiin qaala’iinsi jireenyaa rakkoo dabalataa akka hintaane qindoominaan hojjetamaa jiraachuu ibsan.
Wayita hongeen godinaalee Oromiyaa saddeet mudate irraa jalqabee nyaata namaafi beeyiladaa akkasumas bishaan dhugaatii dhiyeessuun ittifufeera jedhanii, hojiin lubbuu namaa baraaruu milkaa’aa ta’uufi sanyii beeyiladaa keessaa dhibbeentaa kudhan miidhamarraa oolchuuf hojjetamaa jiraachuu dubbatan.
Hojii hojjetamaa jiruun rakkoo hawaasa hongeen miidhamee guutummaan furamuun dadhabamus rakkoon dabalataa sababa qaala’iinsa jireenyaa akka hinmudanne taasiifameera jedhan.
Tumsa godinaalee, magaalotaafi dhaabbilee faayinaansii naannicha keessatti argaman taasisaniin hojiin lubbuu namaa baraaruu milkaa’aan hojjetamuu eeranii, Baankiin Gadaa, Siinqeefi Awaash hojii kana keessatti hirmaachaa jiraachuufi keessumaa Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa zayita nyaataafi qarshii miiliyoona 70 gumaachuu dabalanii eeraniiru.
Godinaalee hongeen mudatetti haga ammaa roobni kan hinroobne ta’uufi ibsa Instiitiyuutii Meetirooloojii Biyyaalessaafi muuxannoo jirurraa ji’a kana keessa akka roobu eegama jedhan.
Roobni roobus rakkoo hawaasaa furuu baatullee midhaan yeroo facaasuufi loon marga biqilchuun rakkinicha nifooyyessa jedhanii, osoo hinroobin hafnaan rakkinichi waan hammaatuuf hanga hojiin deebisanii dhaabuu hojjetamutti deeggarsi gama hundaan cimee ittifufuu akka qabu eeraniiru.
Ji’a kana keessa roobni yoo roobe sanyii, bakkaafi pilaastikiiwwan rooba itticim’isan qopheessuun barbaachisaa ta’uuS himanii, bakka kun hinargamnetti qaamota isaan ilaallatu waliin haasa’uun haala mijeessuun qophiin taasifamuu akka qabu dhaaman.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 17 Bara 2014