
Baatuu: Oromiyaan naannoo qabeenya uumamaatiin badhaateefi haala qilleensaa garagaraa, teessuma lafaa, haroowwaniifi laggeen bonaafi ganna ya’aan hedduu qabduudha.
Paarkiiwwaniifi bineensota bosonaa, allaattiiwwaniifi shimbirroota akkaakuu garagaraa biyya keenya qofatti argaman hedduu kan hammattee Oromiyaan, iddoowwan hawata turiizimii hangana gahu qabaattee garuu jaarraa hedduuf ulaa cufattee turistootaanis dagatamtee turte.
Turistiin biyya alaas ta’ee biyya keessaa gaafa waa’ee turiizimii yaadu kan durse sammuusaa keessa dhufu Aksum, Laalibala, Gondariifi iddoowwan hawata turiizimii gara kaaba biyyattiitti argaman qofaa ture. Isarra darbee akka tasaa Oromiyaa keessa darbanii gara Kibba biyyattii Arbaaminciifi Hawaasaa deemu.
Daba gama turizimiitiin Oromiyaarratti hojjatamaa ture duuchuuf waggaa tokkoof ji’a saddeet dura kan hundeeffame Komishiiniin Turiizimii Oromiyaa, naannichi humna gama kanaan qabutti bifa guutuu ta’een akka fayyadamuuf sochii cimaa taasisaa jiraachuu Komichiinarri Ittaanaa Komishiinichaa Obbo Naggaa Wadaajoo ni dubbatu.
Qabeenya turiizimii naannichi qabu adda baasuun hojii jalqabaa akka ture eeranii, sana booda misoomsuufi beeksisuu ittaansuun immoo hawata turiizimiitiif oolchuuf sochii cimaa keessa galuusaanii ibsu.
Akka ibsasaaniitti, sochii ‘Visit Oromi’ ykn Oromiyaa haa daawwannu jedhuun cinatti magaalota garagaraa keessatti sagantaa fiigichaa qopheessuun isa tokko yemmuu ta’u, hanga ammaatti magaalota akka Roobee, Adaamaafi torbee darbe immoo magaalaa Baatutti adeemsiseera. Sababa fiigichaa kanaan magaalota beeksisuun faayidaa tokkoo ta’uufi namootni iddoo garagaraatii fiigicha kanarratti hirmaachuuf dhufan immoo magaalota sanaaf waan heddu qabanii dhufu waan ta’eef kunuu turiizimii tokko ta’uu himu.
Hojiin magaalotaafi iddoowwan hawata turiizimiif ooluu danda’an beeksisuu cimee kan itti fufu ta’uusaafi, ittaansuunis magaalota akka Jimmaatti qophii fiigichaa kana taasisuuf yaadamuusaas Obbo Naggaan ibsaniiru.
Bayyanaa Ibraahimiin
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 17 Bara 2014