Oromoon durii kaasee waldhabdee jirus ta’e rakkoo gidduusaatti uumamuuf furmaata kennuuf duudhaafi aadaasaarratti hundaa’ee dubbii fixata.
Kanuma bu’uureffachuun, ajjeechaa Abbootii Gadaa Karrayyuu ilaalchisee sirni gumaa baasuu akka raawwatamuuf waliigalteerra ga’ameera.
Qaama abbootii Gadaa Karayyuurratti ajjeechaa raawwateefi maatii miidhamtootaa jidduutti akkaataa aadaafi duudhaa ganamaa sirna Gadaatti hayyootaan lallabamee araarri sirna gumaa baasuu akka raawwatamu waliigalteerra gahamuu Gamtaan Abbootii Gadaa Oromoo ibseera.
Badiin raawwatame safuufi safeeffannaa Oromoo kan faallesse ta’uurra darbe Oromoo addaan qooduuf gocha raawwatame ta’uun beekamuu qaba jechuunis ibseera, gamtichi.
Otoo gochichi namoota dhuunfaadhaan raawwatameera ta’ee akkaataa sina Gumaa baafannaafi lulluuqqii obbaafannaan gumaan waggaa waggaan kanfalamaa ittifufa ture, amma garuu haala rakkoo nageenyaa naannichaa tureen dogoggora uumameen gocha hammeeyyummaa mootummaafi ummata walitti buusuuf raawwatame ta’uu Gamtaan Abbootii Gadaa Oromoo adeemsa kadhaa araaraafi ifaajjii keessa turameen hubachuu eereera.
“Gochi raawwatame gara jabina kan qabuufi sirna waloo kan faallesse ta’us gochi raawwatame ilmoo finna ofiin tahus, walmalee rakkoo baratti dhufte hinceenuutii gumaa kaffaluun araara buusuuf Gumiin Abbootii Gadaafi hayyuulleen Gadaa Oromiyaa mararraa Adaamaatti walgeenye marteessineerra” jedhan.
Pirezdaantiin BMNO Obbo Shimallis Abdiisaas yaa’ii Caffee tibbana taa’amerratti gocha raawwatametti mootummaan naannichaatti gaddi olaanaan dhaga’amuu eeraniiru. Kanneen yakkicha keessaa harka qabanis seeraan akka gaafatamaniif hojjetamaa jiraachuu ibsan.
Murtee Gumiin Abbootii Gadaa murteesses seeraafi safeeffannaa murtoosaanii fudhachuuf mootummaan naannichaa qophii ta’uu eeraniiru.
Waligalteen Gamtaan Abbootii Gadaas ta’e mootummaan naannichaa irra ga’an kun ijaarsa dinagdee, nageenyaafi hawaasummaa qofa osoo hinta’in rakkoon yoo mudate duudhaa hawaasichaatiin akka furamu taasifamaa jiraachuusaatiif ibsuu gaariidha.
Kanaafis dhimmichi sirna gumaatiin akka goolabamu waliigalamuun Oromoon akka aadaa, duudhaafi ofitti deebi’aa jiraachuufi ejjennoo nageenya waaraaf dursa kenne ta’uu kan agarsiisuudha.
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 17 Bara 2014