
Finfinnee: Dhimmi ajjeechaa abbootii Gadaa Karrayyuu fala abbootiin Gadaa kennaniin ilaalamaa akka deemu Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa himan.
Obbo Shimallis yaa’ii Caffee Oromiyaa tibbana taa’amerratti dhimma ajjeechaa abbootii Gadaa Karrayyuu wajjin walqabatee miseensota Cafficharraa yaada dhihaateef ibsa kennaniin, gochoonni badii raawwataman adeemsa seeraa hordofanii akka deeman taasifamuu eeraniiru.
Ajjeechaan abbootii Gadaa Karrayyuurratti raawwatame qaanessaafi kan abbootii Gadaarrattii gocha raawwatamuu hinqabne, mootummaan naannoo Oromiyaas dhimma kana ilaalchisee qorachaa turuu ibsanii, naannichatti yakkoonni ajjeechaa guguddoon lama akka raawwataman himaniiru.
Gaafa duraa humna nageenyaa naannichaafi hoggantoota poolisii dabalatee namoota 40 caalanirratti tarkaanfii sukkanneessaan fudhatamuu akkasumas namoonni haala hinmalleen hanga qaamnisaanii cicciramutti taasifame isa tokko jedhan. Barii gochi kun raawwatametti gochi sukkanneessaa walfakkaataafi qaanessaan abbootii Gadaa Oromoo Karrayyurratti raawwatamuu ibsan.
Yerichatti gareen shororkeessaa ABUT gara naannawa Finfinneetti siqaa deemuun wajjin walqabatee madaawwan adda addaa ummata gidduutti uumuuf ta’e jedhamee gochi sukkanneessaan akkanaa raawwatamuu himanii, Mootummaan Naannoo Oromiyaa gochoota badii raawwataman kanneen qorachaa turuu beeksisaniiru.
Mootummaan naannichaa qaamolee yakkoota lamaan kanneenirratti hirmaatan adamsee seeratti dhiheessuun ala abbootii Gadaafi hawaasa naannawa Karrayyuu wajjin mari’ateera jedhan.
Haaluma kanaan gochi abbootii Gadaarratti raawwatame aadaafi duudhaa saba Oromoo kan ta’e, sirna Gadaarratti kan aggaamame waan ta’eef akkaataa aadaatiin kan fala argate, aadaadhaan ilaalamuufi dhimmi seeraan qabames akkaatuma sanaan kan deemu ta’uus dubbataniiru.
Waqtii mootumman naannoo Oromiyaa aadaafi duudhaa sirna Gadaa deebisuuf tattaafataa jiru kanatti gochi akkanaa raawwatamuun sirrii miti jechuunis ibsaniiru.
Dhimma ajjeechaa abbootii Gadaa Karrayyuu kanaan walqabatee mootummaan naannoo Oromiyaa fala abbootiin Gadaa kennan giddugaleessa godhatee kan deemu ta’uus Obbo Shimallis eeranii, mootummaan dhimmicharratti akkaataa tokkummaafi nageenya naannichaa cimsuun hojjeechaa jiraachuu addeessaniiru.
Gamtaan abbootii Gadaa Oromoos gamasaatiin dhimma kana ilaalchisuun ibsa miidiyaaleef kenneen dhimma ajjeechaa abbootii Gadaa Karrayyuutiin walqabatu araaraan goolabuuf mootummaa wajjin waliigaluu eereera.
Abbootiin Gadaa Karrayyuu dogoggoraan ajjeefamuu waliigalteerra gahamuufi mootummaan gocha kana akkuma saba Oromoo kaaniitti itti dhagahamuufi gumaan abbootii Gadaa kanneenii akka bahuuf waliigalteerra gahamuus gumichi eereera.
Dhimmichis araaraan akka xumuramu, akkaataa duudhaafi seeraa akkasumas safuu Karrayyutti akka ilaalamu, meeshaaleen qaamolee naannawichaarraa guuraman akka deebi’aniifi dhimmoonni kanaan walqabatan akkuma aadaa Oromootti akka ilaalaman himaniiru.
Fiqaaduu Dheeressaa
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 17 Bara 2014