Carraan garee dubartoota Itoophiyaa boru beekama

Finfinnee: Walmorkii waancaa kubbaa miilaa dubartoota Addunyaa ALA Hagayya 10-28 bara 2022 Kirooshiyaatti gaggeeffama jedhamee eegama. Walmorkicharratti ardiiwwan mararraa gareewwan dubartoota umrii 20 gadi 16tu hirmaata. Afrikaa bakka bu’uudhaan biyyoota lamatu qooda fudhata.

Walmorkichaaf biyyoonni Afrikaa 32 tapha gulaalaa godhachuudhaan biyyoonni 28 sadarkaa sadarkaadhaan harca’anii biyyoonni afur qofti hafaniiru.

Biyyoota afran kanneen keessaa Itoophiyaan takka yoo taatu, waancaaf darbuuf tapha deebii maahessaa boru Gaanaa wajjin Magaalaa Akraatti falmii taasifti.

Itoophiyaan tapha boruu kanaaf kan dhaqqabde Taanzaaniyaa 2-1n, Botiswaanaa 8-2n, Ruwaandaa 8-0n mo’achuudhaan yemmuu ta’u, Gaanaadhaan immoo 3-0n mo’amuudhaani.

Haluma kanaan carraan gareen kun waancaa addunyaatiif darbuuf qabu Gaanaa 4-0n oliin mo’achuudha.

Tapha darbeen tapha Finfinnetti taasifameen deeggartootasaa duratti 3-0 n kan injifate gareen Itoophiyaa, dirree ofiitiin ala galii afuriifi sanaa oliin injifachuun ulfaataa fakkaata.

Waancaa kubbaa miilaa dubartoota addunyaatiif darbuuf balbalarra kan gahe gareen dubartoota umrii 20 gadii kun sadarkaa kana gahuunsaa seenaa guddaadha.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 17 Bara 2014

Recommended For You