Atileetota seenaa haaressan

Finfinnee: Shaampiyoonaan Atileetiksii Addunyaa Mana Keessaa barana yeroo 18ffaa magaalaa guddoo Sarbiyaa, Beelgireditti adeemsifameera. Biyyoonni miseensa Waldichaa Atileetiksii Addunyaa shaampiyoonicharratti kan hirmaatan yoo ta’u, isaan keessaa biyyoonni 31 gabate meedaaliyaa keessa galaniiru.

Dorgommiiwwan adeemsifamaniin biyyoonni gabatee meedaaliyaa keessa galan meedaaliyaa warqii 26, meetii 26fi nahaasa 27 walumaagalatti meedaaliyaawwan 79 argataniiru.

Dorgommichi akkaakuwwan ispoortii atileetiksii 26n kan adeemsifame yoo ta’u, Itoophiyaan fiigicha meetira 800, kuma 1,500, akkasumas 3,000 dhiiraafi dubaraan hirmaateetti.

Itoophiyaan atileetota 14n dorgommiiwwan sadanirratti kan hirmaatte yoo ta’u, meedaaliyaa warqii afur, meetii sadiifi nahaasa lamaan dimshaashumatti meedaaliyaawwan sagaliifi dipilomaa afur argachuudhaan addunyaarraa tokkoffaa ta’uun xumurteetti.

Kanaan dura Olompikiifi shaapiyoonaawwan atileetiksii addunyaarratti medaaliyaa hedduu argachuun tokkoffaa ta’uun kan beekamtu Ameerikaan, shaampiyoonaa baranaa kanarratti atileetota 50n akkaakuuwwan ispoortii hedduurratti hirmaattus meedaaliyaa warqii sadii, meetii torbaafi nahaasa sagaliin dimshaashumatti meedaaliyaa 19n argachuun Itoophiyaatti aantee lammaffaa taateetti. Beeljiyem ammoo warqii lama argachuun yeroo jalqabaaf addunyaarraa sdarkaa sadaffaa ta’uun xumurteetti.

Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa Mana Keessaa 18ffaa baranaarratti hirmaachuun addunyaarraa sadarkaa tokkoffaa ba’uun kan xumure jilli atileetiksii Itoophiyaa Roobii darbe waaree dura biyyatti yoo deebi’u Buufata Xiyyaaraa Idiladdunyaa Finfinneetti hoggantoota Ministeera Aadaafi Ispoortiifi Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa, Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaafi ittigaafatamtoota kilaboota atileetiksiitiin simannaa ho’aan taasifameeraa.

Jilli atileetiksii kun Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Finfinneetii kallattiidhaan gara Hoteela Sharaataan Addissitti kan imale yoo ta’u, Obbo Qajeelaa Mardaasaa atileetootaafi leenjistota qarshii kuma 20-50 badhaasaniiru.

Ministirri Aadaafi Ispoortii Obbo Qajeelaa Mardaasaa akka jedhanitti, wayita biyyattiin rakkina guddaa keessa jirtuufi haalli mijataan bakka hinjiretti injifannoo guddaa atileetonni keenya galmeessisan ummata biyyattii kan boonseefi maqaa gaarii biyyattiin gama atileetiksiitiin qabdu daran kan cimse ta’uus eeraniiru.

Pirezdaantiin Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa Komaandar Daraartu Tulluu akka jedhanitti, qabxii atileetonni Itoophiyaa shaampiyoonicharratti galmeessisan injifannoo guddaa ummata biyyattii boonseefi gammachiiseedha. Qabxiin argames dorgommiiwwan shaampiyoonaa atileetiksi garafuulduraatiif gala ta’uus eeraniiru.

Pirezidaantuu Ittiaantuu Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaafi dursituun jila atileetiksii Itoophiyaa Aadde Ababaa Yusuuf akka jedhanitti ”Gara magaalaa Beelgireed wayita deemnu injifannoo boonsaa ni galmeessifna jennee waadaa gallee turre.

Akkuma jennee dorgommiiwwan ittin hirmaaneen meedaaliyaa sagaliin addunyaarraa tokkoffaa ta’uun deebineera. Qabxiin kun kan argame atileetonni leenjistotasaanii dhaga’udhaan gareedhaan hojjechuusaaniitiini. Federeeshinichis dhaloota seenaa haaraa galmeessise horachuusaatti guddaa gammadeera” jedhu.

Atileetiin kilaba Dhaabbata Bosonaafi Bineensota Bosonaa Oromiyaa Atileeti Saamu’eel Tafarraa akka jedhetti, fiigicha meetira kuma tokkoofi 500n bara dabres tokkoffaa ta’uun Itoophiyaaf warqii argamsiiseen ture. Baranas mo’achuudhaan meedaaliyaa warqii argamsiisuu kiyyatti gammachuu dachaatu natti dhagahama.

Itoophiyaa yeroo yeroodhaan atileetota seenaa haaraa galmeessisan horataa jirti. Hangafoonni keenya seenaa yoomiyyuu hindagatamne nutti dabarsaniiru. Nutis gara fulduraatti seenaa kana irradeebiidhaan dhaloota dhuftti dabarsuun dirqama keenya jedha.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 17 Bara 2014

Recommended For You