Marii biyyaalessaafi dantaa Oromoo fo’uu

 Kutaa lammaaffaa

 Falli jiru falaasama saba keenyaa safuufi sirna Gadaatti deebi’uudha, iddoo hanqinni jiruttimmoo hayyootni, ‘Civil Society,’ abbootiin amantiifi Gadaa furmaata waara’aa itti barbaaduun itti dabaluudha. Kan armaan olii akkuma jirutti ta’ee hanqinnotni guutamuu qabaniifi ilaalchotni sirrachuu qaban baay’eedha. Kanneen keessaa, muraasasaanii osoo hinkaasin bira hindarbu.

Tokkoffaan hubannaafi ittifayyadama ‘Aangootiin’ kan walqabatuudha. Dhaabbileen siyaasaa Oromoo bakka baay’eetti kan walqoodaniif dantaa Oromoof osoo hintaane dantaa aangoosaaniitiifi. Mootummaanis, keessumaa, qaamoleen mootummaa gara gadii jiran aangoon walqabatee ilaalcha adda ta’e hinqaban. Milkaa’ina marii kanaatiif ilaalchi paartiileen siyaasaa aangoof qaban kishaafee sirna Gadaatiin ta’uu qaba. Sirna Gadaa keessatti aangoon qabeenyaa ittiin guurrattu hinjiru, dirqama hoggansi Gadaa bahachuu qabutu caalaatti jira. Inumayyuu waanti aangoo jedhamu sirna Gadaa keessa hinjiru, Baallii (dirqama tajaajiluu) walharkaa fuudhuu qofatu jira. Faayidaarra dirqama bahattutu caala, ofii beeloftee ummata nyaachifta, ofii duutee ummata kee jiraachifta, aangoon ni tajaajilta malee ittiin of hintajaajiltu. Kanaaf namuu aangoorratti walhinloolu.

Faallaa kanaa, aadaa siyaasaa biyya kanaatti harka caalaan aangoon dantaa ofii guuttachuuf barbaadama. Sirna Gadaa keessatti Baallii kan fudhatu ummata tajaajiluufi. Ummata ofii tajaajiluun silaa kabaja dantaan hinjijjiiramne ture. Kun sirriitti irra deebi’amee kan ilaalamuu qabuudha.

Inni lammaffaan, biyya kana keessatti angafummaa Oromoo xinsammuu dhalootaa keessatti ijaaruudha. Biyya Itoopiyaa kan ijaaree saba hunda ta’ullee adda dureen ga’een ummata Oromoo guddaadha. Raas Goobanaan Gojjam, Oromiyaafi ummattota kibbaa gara Itoophiyaa amma jirtu kanaatti ida’e. Oromoon biyya hinhir’isu ni ida’a malee. Silaa kan faarfamuu qabu Raas Goobanaa ture. Kan Biyya kana ijaare Raas Goobanaadha. Garuu akka nuu ta’utti miti kan inni bu’uureesse. Angafa ta’uu dagatee Oromoo ganuun orma jala gale. Sababa angafummaa dabarsee kenneen har’a ummata Oromoo biratti galmee seenaa gurraacharratti galmaa’ee jira.

Inni sadaffaan, Hireen ummaata Oromoo Itoophiyaa Oromoof taatu ijaaruun malee foxxoquun akka hintaane namni hundi shakkii malee akka amanu gochuudha. Oromoo Matakkal, Oromoota naannoo kibbaa jiraatan, kan naannoo Asmaraafi Tigraay jiranis waan Oromoo ta’aniif jara dhiistee eessatti foxxoqxa, akkasumas dantaa Oromoo tiksuuf biyya abbootiin keenya bu’uuressan kana bifa nuu ta’uun ijaarree tiksuutu fala.

Inni afraffaan, Itoophiyummaafi eenyummaa waloo Afrikaati. Itoophiyummaan eenyummaa giddugaleessa malee eenyummaa isa dhumaa miti. Eenyummaan Oromoo inni dhumaa namoomaai uumama of keessatti qabachuudha. Anaaf Oromoon Mandii, Raayyaafi Oromoon Keeniyaa Marsabiit jiru tokkuma. Biyya garagaraa qabaannus eenyummaa tokko qabna. Kanaaf eenyuummaa waloo Afrikaa gara guddisuutti ce’uutu nu barbaachisa. Itoophiyummaa sabtokkee hanbisuuf pirojektii ‘Eenyummaa Biyyaa Oromummaan Ijaaruu’ (New Nation Building Project) sadarkaa mootummaa naannootti hundeessuun barbaachisaadha. Eenyummaa biyyaa Oromummaan ijaaruun karaa jaalalaa, nagaafi dimokraatawaa ta’een malee humnaan jechuu miti. Kana gochuuf barbaadamummaa aadaafi Afaan Oromoo babal’isuu, dinagdee Oromiyaa cimsuu, imaammata afaanii sabdaneessaa dhugoomsuu.

Inni shanaffaan, Oromiyaa keessas haata’u akka guutuu biyyaatti ‘Civil Society,’ jabaafi loogiirraa bilisa ta’e argachuun daran ulfaata. Sababnisaas duubasaanii dantaa siyaasaa dhokataa kan qabantu caala. Ijaarsa sirna dimokraasiitiif akkasumas marii biyyaalessaa dhugoomsuuf ‘Civil Society’tiin daran barbaachisa. Sababnisaas ‘Civil Society,’tiin gabaafi siyaasarraa bilisa ta’uun dantaafi haqa hawaasaatiif hojjetu waan ta’eef. Miidiyaanis akkasuma.

Kanaaf miidiyaafi ‘Civil Society,’ jabaafi bilisa ta’e akka Oromiyaatti qabaachuun barbaachisaadha. Kana mootummaanis deeggaruu qaba.

Horaa Bulaa Deebanaa!

Maddi: Waajjira Pirezidaantii Oromiyaa.

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 10 Bara 2014

Recommended For You