“Haa fiignu, Magaalaa Baatuu haaqulqulleessinu,”

Finifinnee: Dorgommiin fiigicha kiiloo meetira shaniifi kudhanii boru Godina Shawaa Bahaa, Magaalaa Baatuutti mataduree, “Haafiignu, Magaalaa Baatuu Haaqulquleessinu,” jedhuun adeemsifama.

Fiigicha Kaampaaniin Paan Afrikaafi Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaa waliin ta’uun qopheessan kanarratti namoonni kuma tokkoofi 500n akka hirmaatan Komishinii Turizimii Oromiyaarraa Dursaa Garee Invastimantii Turizimiifi Michoominaa Obbo Hiiksan Dabalee ibsa dheengadda Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin himaniiru.

Hirmaattonnis Yunivarsitiiwwan Oromiyaa, Bishaan Goldi Levil, jiraattota Magaalaa Baatuufi naannawasheetti argaman ta’uus eeraniiru.

Dorgommiin kun kanaandura “Industirii Turizimii babaldhisuudhaan haala qilleensa geddaramaa haato’annu” jedhuun Godina Baaleefi Shawaa Bahaa, Naannawaa Baatuutti “Mountain Rile” jedhamuun namoota biyya alaa dabalatee atileetota bebbeekamoo jidduutti adeemsifamuu yaadachiisaniiru.

Haata’u malee xiyyeeffannaan fiigichaa baranaa qulqullina Magaalaa Baatuufi naannawasheerratti waan ta’eef jiraattotuma naannawichaa qofa hrimaachisuuf adeemsifama jedhan.

Karoora misoomaafi kunuunsa qabeenya turizimiitiin walqabatee hojiilee Komishiniin Turizimii Oromiyaa raawwachaa jiru keessaa iddoowwan ga’umsaa turistii rakkoolee adda addaatiin hubaman adda baasuun deebisanii misoomsuufi kunuunsuun isa tokko.

Haroon Dambalis iddoo hawata turistii balfaan guutamee rakkoo harichi akka gogu taasisuudha. Rakkoo kana furuufis kallattiin akka furmaataatti qabame tokko hubannoo hawaasaa cimsuudhaan haricha qulqulleessuudha. Sagantaan fiigichaa qophaa’es kanuma ka’umsa kan godhateedha jedhan Obbo Hiiksan.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 10 Bara 2014

Recommended For You