Biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa dargaggoota ogummaa hojii gara garaatiin leenjisuu, hoji dhabdummaafi hiyyummaa hir’isuu, carraa hojii bal’aa uumuun dargaggootaafi dubartoota fayyadamoo taasisuufi gahee waldaaleen Intarpiraayizii Maayikiroofi Xixiqqaa IMXn guddina dinagdee biyyaa utubuu keessatti qaban dhugoomsuuf rakkooleefi harcaatii hojiirra muddatan qorachuun kallattii furmaataa kaa’uufi muuxannoowwan hojiii gaggaarii babal’isuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira.
Gareen jila hogganaa ittaanaa biirichaatiin durfamu torban kaleessaa raawwiin hojii Waldaalee IMX Magaalaa Bishooftuutti argaman gara garaa daaw’ateera. Sagantaa kanaan waldaaleen IMX faayibar gilaasi, waldaan omisha saamunaa, waldaa poolii elektirikii konkiriitiirraa omishu, waldaan baattuu buuphaa kaartooniifi waraqaa balfamerraa omishu, waldaa hojii mukaa, waldaa hojii sibiilaa, waldaan omisha abaaboofi biqiltuuwwanii, waldaan horsiisa lukkuufi waldaan horsiisa booyyee daaw’atamaniiru.
Kaayyoon daaw’annichaa raawwiin hojii waldaalee IMX qabatamaan lafarra jiru maal akka fakkaatu ilaaluu, rakkoolee isaan mudatan adda baasuudhaan kallattii furmaataa kaa’uufi muuxannoowwan gaggaarii jiran ammoo babal’isuuf gargaara.
Daaw’annicharratti ittigaafatamtoonni Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Magaalota Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee 12 argamaniiru.
Dargaggoo Hayiluu Zannabaa Magaalaa Bishooftuutti waldaa IMXn gurmaa’uun horsiisa lukkuurratti bobba’eera. Akka dargaggoon kun jedhutti, waldichi bara 2011 gara IMX giddugaleessaatti kan ce’e yoo ta’u, yeroo ammaa kaappitaala qarshii miiliyoona 4.2 horachuun namoota 16f carraa hojii uumee hojjechaan jira jedha.
Waldichi yeroo ammaa lukkuuwwan buuphaa buusan kuma ja’aafi 500 kan qabu ta’uufi kana keessaa kanneen buuphaa buusaa jiran %80 ta’u kan jedhu dargaggoon kun, gara fuulduraatti inkubeetariidhaan cuucuu (wicii) yaasisuufi nyaata lukkuu qindeessee bittaa wiciifi nyaata lukkuurraa bilisa ta’uufi kan waldicharraa hafe ammoo horsiistota lukkuuf dhiyeessuuf akka hojjetu eereera.
Waldaan Massalaafi Yoomii Magaalaa Bishooftuutti argamu ammoo hojii omisha abaaboofi biqiltuurratti bobba’eera. Waldichi bara 2009 kan hundaa’e ta’uufi yeroo ammaa hojiisaa babal’isuun of jalatti hojidhabdoota 24f carraa hojii uumeera. Waldichi habaaboofi biqiltuuwwan omishu guutummaa biyyattiif dhiyeessaafi beeksisaa jiraachuu dura taa’aan waldichaa, Massalaa Ifaa ni dubbata.
Waldaan Omisha Saamunaafi Ditarjantii Iteenashiifi Immiwaddish Magaalaa Bishooftuutti kan argamu yoo ta’u, waldichi bara 2006 hundaa’uun bara 2007 hojiitti seene. Waldichi yeroo hojii eegalu saamunaa dhangala’aa omishaa turee bara 2010 paakeejii mootummaan qopheessetti fayyadamuun Baankii Misooma Itoophiyaarraa maashiinii saamunaa liiziidhaan fudhatee yeroo ammaa saamunaa goggogaa omishaa jira.
Waldichi yeroo ammaa namoota 24f carraa hojii uumee hojjechaa jiraachuus himanii, hanqinni faayinaansii rakkoo guddaa waldaalee IMX qoraa jiru waan ta’eef mootummaan rakkoo kana akka furuuf dura taa’aan waldichaa Obbo Hagaree Tufaa gaafataniiru.
Warshichi guyyaatti saamuunaa qulqulliniisaa mirkanaa’e kaartoonii 450 hanga 500tti omishaa ta’uufi galteen saamunaa waan dabaleef saamunaa gatii gad bu’aan gabaaf dhiyeessuu akka hindandeenye eeraniiru.
Waajjira Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Magaalaa Galaanirraa kan dhufaniifi daaw’annaa waldaalee IMX Magaalaa Bishooftuurratti kan argaman Obbo Tasfaayee Tarreessaa akka jedhanitti, hojiilee waldaaleen IMX gara garaa Magaalaa Bishooftuutti argaman hojjechaa jiran daaw’achuun muuxannoo gaggaarii kan qooddatan ta’uufi muuxannoo kanas waldaalee IMX magaalaa Galaan biratti babal’isuuf kan hojjetan ta’uufi hojiilee waldaleen hojjechaa jiran meeshaalee biyya alaatii doolaaraan bitamanii galan bakka bu’aa jiraachuu eeru.
Waldaaleen IMX omishaalee gara garaa dhiyeessuun gabaa biyya keessaa tasgabbeessaa jiraachuufi carraa hojii bal’aa uumuun rakkoo hojidhabdummaa hir’isaa jiraachuus dubbataniiru.
Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaatti Hogganaa Ittaanaafi Ittigaafatamaan Damee Carraa Hojii Uumuu Obbo Maateyoos Sobbooqaa saganticharratti akka jedhanitti, kaayyoon daaw’annichaa inni guddaan hojiilee barana gama carraa hojii uumuutiin raawwataman qabatamaan lafarratti maal akka fakkaatan ilaaluun rakkoolee waldaalee IMX mudatan adda baasuun kallattii furmaataa kaa’uufi hojiilee gagggaarii jiran bakka hundatti babal’isuuf ta’uu eeraniiru.
Hawaasa ogummaawwan gara garaa gonfate horachuu, dargaggoota yunivarsitiiwwanirraa eebbifaman leenjisuufi carraa hojii bal’aa uumuun ergama guddaa biirichaati jedhanii, barana akka naannichaatti dargaggoota miliyoona 1.5f carraa hojii uumuuf karoorfachuun raawwii hojii ji’oota saddeetiitiin dargaggoota kuma 970f carraa hojii uumuu himan.
Dameelee hojii IMX hunda keessaa damee hojii manifaakcheriingiif xiyyeeffannaan addaa kennamee hojjetamaa jira. Dameen hojii kun meeshaalee biyya alaatii galan kan biyya keessaatiin bakka buusuufi gatii madaala’aan dhiyeessuu keessatti shoora olaanaa qaba. Meeshaalee biyya alaatii galan omisha biyya keessaatiin bakka buusuun doolaara omishaalee biyya alaa bituuf ba’us hir’isuun dinagdee biyyattii utubuu keessatti gahee guddaa kan qabu ta’uu dubbataniiru.
Dameen hojii manifaakchariingii dargaggoota biroofillee carraa hojii bal’aa uumuu keessattis gumaacha olaanaa kan qabu ta’uu himanii, waldaaleen IMX Magaalaa Bishooftuutti daaw’ataman hedduun meeshaalee biyya alaatii galan omisha biyya keessaatiin akka bakka bu’an taasisaniiru jedhan.
Intarpiraayizoonni doolaara meeshaalee alaa galan bituuf ba’an hambisuun guddina dinagdee biyyaa keessatti gumaacha olaanaa taasisaa jiraachuu eeraniiru. Waldaaleen IMX damee hojii manifaakchariingii hedduun galiisaanii guddisuun dargaggoota kolleejota BLTO ba’aniif carraa hojii bal’aa uumaa jiraachuus dubbataniiru.
Biirichi intarpiraayizoota gurmeessee hojiitti galchuu qofa utuu hintaane hordoffiifi deggersa barbaachisu taasisaafii jira kan jedhan Obbo Maatewoos, waldaalee IMXf bakkeewwan omishaafi gurgurtaa, maashinoota gara garaa liqii kaappitaalaa malee kan dhiyeessuufi leenjii ogummaa kan kennuuf mootummaadha. Hanqina humna ibsaa itarpiraayizoota mudatan furuufis bulchiinsa magaalotaa waliin hojjechaa kan jiran ta’uu himaniiru.
Biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa ji’a ittaanu itarpiraayizoota 700 ol moodela ta’aniifi kaappitaala horatan gara intarpiraayizoota guddattuu giddugaleessaatti ceesisuuf hojjechaa jiraachuu himanii, intarpiraayizoonni kunneen ulaagaalee ittiin ce’an waan qabaniif hojiin bu’aaqabeessummaa intarpiraayizoota kunneenii qorachuu adeemsifamaa kan jiru ta’uu eeraniiru.
Barana qofa intarpiraayizoota kuma 60 ol hojiitti galchuun danda’ameera. Gurmiidhaan intarpiraayizoonni kuma 750 ol hojiitti galaniiru. Akka waliigalaatti hojiileen raawwatamaa jiran abdachiisoodha jedhu.
Biirichumatti Hogganaa Ittaanaafi Ittigaafatamaan Damee Paakeejii Deeggarsaa Obbo Abdurazaaq Ahmad gamasaaniin, intarpiraayizoonni omishaasaanii kallattiin gabaaf akka dhiyyeessaniif walittihidhaminsa gabaa uumuuf akkasumas rakkoo dhiyeessii faayinaansiirratti isaan mudate furuuf Baankii Siinqee wajjin qindoominaan hojjechuun gabaa keessatti dorgomaa akka ta’an gochuuf hojjetamaa jira jedhu.
Daaw’annaa hojii waldaalee IMX Magaalaa Bishooftuutti taasifamerratti magaalonni 12 hirmaataniiru. Kanaanis hojiileen biirichi barana gama carraa hojii uumuutiin raawwachaa jiru qabatamaan maal akka fakkaatu ilaalameera. Daaw’annaa taasifameenis muuxannoowwan gaggaariifi rakkoolee waldaalee IMX mudatan argineerra jedhan.
Hinqinni iddoo omishaa, gurgurtaafi faayinaansiifi walitti hidhamiinsa gabaa rakkoolee gurguddoo waldaalee IMX mudatanii jiran ta’uus argineerra. Rakkoo keessumaa gama faayinaasiitiin jiru furuuf Baankii Siinqee waliin hojjechaa jirra jedhan.
Humna faayinaansii Baankii Siinqee cimsuuf qusannoodhaanis ta’u qarshiin saanquqa mootummaa keessa jiru gara baankichaa akka galu taasifamuu himanii, baranumallee qarshiin biiliyoonni saddeet baankichatti galuu himaniiru.
Bara 2014 qarshii biiliyoona 3.5 liqii kennuuf karoorfame keessaa hanga ammaatti qarshii biiliyoonni 1.5 kennameera. Keessumaa waldaaleen IMX manifaakchariingiirratti hirmaataniif maashinii tubboo pilaastikii, saamunaafi uffata omishu akkasumas baadiyyaatti ammoo tiraaktaroota 63 bitanii liqii kaappitaalaa malee kan dhiyeessaniif ta’uufi kunis omishaalee ga’aa akka omishaniif akka gargaaru.
Rakkoo iddoo omishaatiin walqabatee waldaalee IMX mudatee jiru furuuf kilaastaroota mootummaa naannichaafi bulchiinsota magaalaatiin ijaaramanii hojii malee taa’an, kanneen bu’uuraaleen misoomaa utuu hinguutaminiif hafan, kanneen ijaaramanii hinxumuramneefi bakki isaan itti ijaaraman gabaa hinqabne adda baasuudhaan irratti hojjetamaa jiraachuus beeksisaniiru.
Barana qabeenya mootummaa qofaan utuu hintaane abbootii qabeenyaa, abbootii warshaafi dhaabbilee garagaraa waliin kilaastaroonni haaraa hedduun ijaaramaa jiru kan jedhan Obbo Abdurazaaq, haaluma kanaan kilaasteroonni balbala 123 qaban qarshii miliyoona 46n Magaalaa Baatuutti ijaaramaa jiraachuu akka fakkeenyaatti eeraniiru.
Waldaaleen IMX rakkoo walitti hidhamiinsa gabaan walqabatee isaan mudate furuufi gabaarratti dorgomaa ta’uuf omishasaanii qulqullinaan dhiyeessuu akka qaban kan yaadachiisan Obbo Abdurazaaq, omishasaanii karaa egzibiishinii, baazaariifi gabaa dijitaalawaatiin akka beeksifataniif haala mijeessaafii jiraachuufi leenjii gara garaas akka argatan taasisaa jiraachuu himu. Kana malees omishaaleen waldaalee IMX gabaa biyya keessaafi biyya alaarratti dorgomaa akka ta’uufi omishaalee biyya alaatii doolaaraan bitamanii galan akka bakka bu’an taasisuurratti xiyyeeffatanii hojjechaa jiraachuus eeraniiru.
Rakkoo liqii deebisuun walqabatee waldaalee IMX tokko tokko biratti mul’atan furuurrattis xiyyeeffatamee hojjetamaa jiraachuu himanii, rakkoon kun waldaalee IMX hojii keessa seenan utuu hintaane waldaalee IMX haaraa reefu hojiitti seenan biratti bal’inaan kan mul’atu ta’uus dubbataniiru.
Damee hojii waldaalee IMX guguddoo torba adda baafaman keessaa damee hojii manifaakchariingiif xiyyeeffannaan addaa kennamee irratti hojjetamaa jiraachuu himanii, dameen hojii kun waldaalee IMX gurmaa’anii hojiitti seenan qofa utuu hintaane dargaggoota ogummaa qaban of jalatti gurmeessuun carraa hojii bal’aafi itti fufiinsa qabu uumuuf gargaara.
Damee hojii kun bu’aa barbaachisu akka argamsiisuuf humna namaa gara damee hojii kanaatti seenu leenjisuu, ogummeessuu, maashiinota damee hojichaaf barbaachisan liqiidhaan dhiyeessuufi walittihidhamiinsa gabaa uumuufiif kan hojjetan ta’uu himaniiru.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 10 Bara 2014