Lammiin Itoophiyaa ijaarsa Hidha Haaromsa Itoophiyaa guddicha keessaa qooda hinqabne jira jechuun rakkisaadha. Ayyoon sabbatashee keessaa kan guduunfatte, Abboon horiifi omishasaa gurguree, obboleen waan humnasaaniitiin ifaajanii argatanirraa, akkoofi akaakaa akkasumas barattoonni illee waan humnasaanii itti gumaachaniiru.
Pirojektiin ummata biyyattii kallattii arfaniin hirmaachise kun amma ija godhatee gaaffii barootaa deebisuu eegaleera. Dhiheenya kana humna maddisiisuu kan eegale yoo ta’u, harki caalaan ijaarsichaa xumuramuunsaa abdiifi xiiqii nama baay’ee keessatti uumeera. Miira kanaan hanga guutuutti xumuramuutti deeggarsa barame taasisuus itti fufaniiru.
Erga hojiin ijaarsa Hidha haaromsa Itoophiyaa Guddicha jalqabee akka naannoo Oromiyaatti qarshiin biiliyoona lamaa ol walitti qabamuusaa ragaaleen ni mul’isu.
Manni Maree Qindeessa Hirmannaa Ummataa Ijaarsa Hidha Haaromsa Guddichaa, Naannoo Oromiyaa, Kibaxata darbe mata duree “Hidhi haaromsa guddichaa badhaadhina waloof’” jedhuun simannaa waancaa hidha guddichaafi waltajjii marii magaalaa Adaamaatti adeemsisee ture. Naannoon Oromiyaa Waancaa hidha haaromsaa Magaalaa Dirree Dhawaa irraa fudhateera.
Waancaa hidha haaromsaa kanas godinootaafi magaalota naannichaarra naannessuun qarshii miiliyoona 600 walitti qabuuf karoorfamuunis saganticharratti ibsameera.
Waltajjicharratti argamuun haasawaa kan taasisan Pireezdaantii Ittaanaan Naannoo Oromiyaafi walitti qabaan Mana Maree Qindeessaa Hirmaannaa Ummataa Ijaarsa Hidha Haaromsa Guddichaa, Naannoo Oromiyaa, Obbo Awwaluu Abdii akka jedhanitti, dhiibbaa keessaafi alaa dandamachuun hidhicha maddisiisuu jalqabuun dhaloota kana kan boonsedha. Hidha haaromsaaf ummanni Oromoo akkasumas, sabaafi sablamoonni Naannoo Oromiyaa karaa addaddaatiin tumsa taasisaniis galata argachuu qabu.
Pirojektichi rakkoolee hedduu keessa darbamee dhugoomaa kan jiru waan ta’eef lammilee biyyattiif hiika olaanaa kan qabu ta’uu kaasanii, sababa biyyoonni Itoophiyaa diinooffatan liqii ittiin hojjettu dhorkanis maallaqaafi dandeettii ilmaansheetiin hojjetamaa kan jiru ta’uu himu.
Haadholiin sabbatasaanii hiikuun waan qaban kan gumaachan abdii bor dukkanaafi aara gaazii keessaa ni baana jedhu hirachuun akka ta’e eeranii, pirojektii kana dhugoomsuuf ammas hirmaannaan ummataa cimee akka itti fufuu qabu kaasu.
“Hidha kana miira ni dandeenyaan ummanni keenya aarsa guddaa itti kaffaleera; itti kaffalaas jira. Akka waliigalaatti pirojektichi mallattoo eenyummaa Itoophiyummaati; mallattoo cimina tokkummaa keenyaatis. Akkasumas pirojektichi yoo tokkoo taaneefi gamtoofne waan nuti milkeessuufi seenaa nuti hojjechuu hindandeenye akka hinjirre kan agarsiisuudha. Kan dhaloonni haaraa hiyyummaa dhabamsiisee Itoophiyaa badhaatuu ijoolleen ishee qananiidhaan keessa jiraatan uumuuf kutannoo qabnu itti agarsiifnedha” jedhu.
Akka Obbo Awwaluun jedhanitti, hidhi haaromsaa siidaa misooma dhalootaa dhalootatti darbuu yoo ta’u, ijaarsa hidha kanaaf gumaachuun naannoo ofii, biyya ofii akkasumas egeree ofiif gumaachuudha. Bu’uura kanaan waancaa hidha haaromsaa godina hundarra naanneessuun galii sassaabamu ijaarsa hidhichaa xumursiisuuf kan oolu waan ta’eef yeroo seena qabeessa kanatti carraa kana argachuun gammachuu kan uumuudha.
Ummannis kana hubachuun hoggansa hidha haaromsaa ijoolleesaatiin gaggeeffamaa jiru yeroo gabaabaa keessatti xumursiisuuf isa kanaan duraa caalaa onnatee maallaqa walitti buusuufi bittaa boondiitiin gahee irraa eegamu akka ba’atan waamicha dhiheessu.
Daarektarri Waajjira Mana Maree Biyyaalessaa Qindeessaa Hirmaannaa Ummataa Hidha Haaromsaa Doktar Aragaawii Barihee gamasaaniin, Naannoon Oromiyaa hojii ijaarsa hidhichaa keessatti gahee olaanaa akka bahe himanii, ammas marsaa lammaffaatiif waancaa hidha haaromsaa fuudhuun galii sassaabuuf jechuun isaa hojii jajjabeessaa ta’uusaatiin maqaa mana marichaatiin galateeffataniiru.
“Hidhi haaromsaa akka hidhawwan kaanii osoo hintaane hidha addaati. Hidha birmadummaan biyyaa itti mirkanaa’eedha. Gaaffiin haqummaa keenya deebii akka argatus taasiseera. Bishaan ofii keenyaatiin bishaan kadhataa turreerra. Akkasumas kan bilisummaa dinagdee keenya mirkaneesseedha. Hanga yoonaa liqaafi deeggarsaan ture bajata keenya kan uwwifannu. Utuu qabeenya hedduu of harkaa qabnuu waan waltaanee hojjechuu dadhabneef waan argachuu qabnu dhabne” jedhu.
Amma garuu tokkummaadhaan hojjechuun waan danda’ameef hidha kiloomeetira 266 duubatti bishaan qabatu ijaaruun humna elektirikii olaanaa maddisiisuu danda’amuu eeranii, kana maaliif dursinee hinhojjenne jennee utuu of gaafannee, sababa tokko taanee, sirna qopheeffannee hojjechuu hindandeenyeef ta’uu himu. Akkuma tokkummaan ummataa Adwaarratti deebii kenne, hidhi haaromsaas kennaa jiraachuus ni kaasu. Hidhi haaromsaa kan fayyadu Itoophiyaaf qofa miti kan jedhan daarektarichi, Afrikaa guutuun falaafi mala wallaaluun liqaafi deeggarsaan jiraachaa kan jiran waan ta’eef isaaniifis kan fayyaduudha jedhu.
Mana Maree Qindeessaa Hirmaannaa Ummataa Ijaarsa Hidha Haaromsa Guddichaa, Naannoo Oromiyaa Aadde Qoonjit Baqqalaa gamasaaniin, erga hojiin hidha haaromsa guddicha Itoophiyaa jalqabee akka naannoo Oromiyaatti qarshii biiliyoona lama ol hojii ijaarsa hidha kanaaf walitti qabamuu eeru. Galii marsaa lammaaffaatiin walitti qabuuf karoorfame kanaanis qarshii miiliyoona 600 ol walitti qabuuf koroorfameera.
Deeggarsa maallaqaafi bittaa boondii taasifamu cinaattis, hidha haaromsa guddichaa umuriin isaa akka dheeratu biyyoodhaan akka hinguutamneef laggeen gurguddoo Oromiyaa keessaa yaa’anii laga Abbaayyaatti makaman saddeet akka hingoggogneef hojii misooma sululaafi ashaaraa magariisaa hojjetamuu ibsanii, hojii hojjetameenis waggaa waggaan ummanni miiliyoona 6.9 hirmaachuu kaasu. Kunis yeroo maallaqatti tilmaamamu qarshii biiliyoona 47fi miiliyoona 800 ol akka ta’u himu.
Sadarkaa Pirezdaantii Ittaanaatti, Qindeessaan Kilaastara Hawaasummaa Obbo Abdulhaakim Muluu gamasaaniin, pirojektiin hidha haaromsaa Itoophiyaa guddina dinagdee biyya keenyaaf ga’ee olaanaa qabaachuusaa dubbatanii, caasaaleen kominikeeshinii sadarkaan jiran akkuma kanaan duraa hojii kominikeeshinii cimsuun milkaa’ina hidhi haaromsaa xumuramee faayidaarraa eegamu ummataaf akka kennuuf ciminaan hojjechuu akka qaban dhaamaniiru.
Waancaa Hidha Haaromsaa Guddicha Naannoon Oromiyaa Bulchiinsa Magaalaa Dirre Dhawaa irraa fudhatee sagantaa kanaan Godinni Jimmaa kan simate yoo ta’u, godinaaleefi magaalonni hunduu dabaree isaaniin waancicha simachuun galiin kan walitti qabamu akka ta’e sagantaa qophaa’e irraa hubachuun danda’ameera.
Xumurarrattis godinoota, magaalota, dhaabbileefi namoota boondii bituuf deeggarsa olaanaa gochaa turaniifi caasaalee kominikeeshinii sadarkaan jiraniif beekamtiin kennameera.
Namoota beekamtiin kennameef keessaa Obbo Musaa Sheekoo Miidiyaa Addunyaa gurguddoo kanneen akka Aljeziraafi kanneen biroo irratti Afaanota adda addaan hayyoota biyya Misir, Sudaaniifi Gaazexeessitoota adda addaa waliin mareefi falmii geggeessuun haqa Itoophiyaan laga Abbayyaa irratti qabdu Addunyaatti nama ibsaa ture jedhamuun badhaafamaa addaa ta’uusaanii OBNfi Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Oromiyaarraa odeeffanne.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 10 Bara 2014