Paartiin Badhaadhinaa tibbana yaa’iisaa tokkoffaa geggeeffateera. Paartichi yaa’iisaa kanaan murtiiwwan danuu dabarseera, kallattii xiyyeeffannoos keewwateera.
Paartichi miseensota miliyoona 11 ol qabu keessaa hoggansisaa sadarkaalee adda addaarratti argaman kuma 108fi 258 irratti qorannoo bal’aafi gadifagoo kan adeemsise yoo ta’u, kanneen keessaa hoggansa kuma 10fi 658 irratti tarkaanfii fudhateera. Dhimmoonni tarkaanfii kanaaf ka’umsa ta’anis naamusa, miira tajaajilummaa, bu’aaqabeessummaa hojiifa’i.
Paartii guddaa eeyyantaa ummataa argatee, imaanaasaas fudhatee biyya bulchu waan ta’eef hoggansisaa sadarkaalee adda addaarratti argaman kanneen ittigaafatamummaa kennameef sirnaan bahachuu hindandeenyerratti tarkaanfii fudhatameedha.
Kanaanis hoggansa kuma 10fi 658 keessaa kuma lamaafi 574 tarkaanfiinfiiwwan ittigaafatamummaarraa kaasuu, sadarkaarraa gadi siqsuu, bakka jijjiiru fudhachuun ibsameera.
Paartiinsaanii qormaata akka biyyaatti isaan mudateef osoo hinjilbeeffatiin miira kutannoofi murannoon socho’uun hojiilee badhaadhina Itoophiyaa mirkaneessan gara garaas hojjechuu eereera.
Kanarraa ka’uun tarkaanfiin ummata hirmaachise akka fudhatamu gochaa jirra. Wanta marii kana keessatti hojjennu keessaa tokko, qulqullina, ga’umsaafi bilchina hoggansaa, mana hojii mootummaafi hoggansa paartii kennuu keessatti tajaajila kennuun maal fakkaata, hojiinsaawoo hammam fedhiifi gaaffii ummataa wajjin walsimaadha kan jedhu ni qulqulleeffama.
Hoggansaafi haala kenniinsa tajaajilaasaas akkasuma yeroo yeroodhaan madaalamaa deemuu qaba. Bakka dhibaa’ummaan, hanni, alseerummaafi alnaamusummaan, jirutti araarama tokko malee tarkaanfii keessa deebii hinqabne fuidhachuun irraa eegama. Haalli biyyi keessa jirtu akka kanaan duraa gara bal’ina qofaan kan hinsirranne ta’uu waan maluuf paartichi kana booda gama hundaan waan paartiin biyya bulchu tokko raawwachuu qabu ciniinnatee raawwachuu qaba.
Kanaafis ga’umsaafi dandeettii akkasuma mirga guutuu ummanni biyyattii kenneef waan qabuuf keessumaa gochoota nageenya biyyaafi ummataatti aggaamaman kamiifuu araaramaa qabaachuu hinqabu; maaliif yoo jedhame ummanni nuffeera kaa.
Kanaaf paartichi tarkaanfii fudhatamurratti yeroo kamuurra cimuu qaba. Kana qabatamaan hojiirra oolchuuf ammoo ummata wajjin mari’achuun ittidhihaatanii hojjechuun dirqama. Akkuma ministirri muummeen tibbana jedhanis hoggansi waan ummanni barbaadu baruuf ummatatti dhihaatee mariisisuu, gadi bu’uu, rakkoo sadarkaalee hundatti jiran ilaaluu akka qabu.
Kanas, “Utuu nuti waa’ee foon diimaafi burundoo haasofnuu, yoo ummata biraa shiroon gubate, hiiknisaa waan gargar ta’uuf sadarkaa nutti dhaga’amuu danda’utti, ummatatti siqnee, mari’annee, waliin hojjennee rakkoosaa hiikuu qabna” jechuun akkuma yeroon waan jedhame ta’anii argaman amma ta’eef isa sirraa’u sirreessaa, ga’oomsaa, isa hintaane ammoo otoo inni hidda yaafatee miidhaa hinqaqqabsiisiin buqqisaa deemuun kun cimee ittifufuu qaba.
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 10 Bara 2014