Paartiin Badhaadhinaa tibba kana yaa’iisaa jalqabaa adeemsifachuunsaa ni yaadatama. Yaa’ii waliigalaa duras dameewwan paartichaa mariifi qorannoo gaggeeffatanii turan.
Paartiin Badhaadhinaa damee Oromiyaas marii bal’aa kan adeemsise yoo ta’u, yaadota mariifi murtoowwan waltajjicharratti ka’an ilaalchisuun Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaatti, Ittigaafatamaan Damee Yaada Ummataafi Sabqunnamtii Obbo Gizaachoo Gabbisaa keessummaa keenya maxxansa kanaa taasifanneerra dubbisa gaarii.
Bariisaa: Haalli waliigalaa yaa’ii Paartii Badhaadhinaa tibbana taa’ameefi mariin isa dura ture akkamitti ibsama? Yaadota, kallattiiwwaniifi murtoowwan darban maal fakkaatu?
Obbo Gizaachoo: Yaa’ii tokkoffaan Paartiin Badhaadhinaa tibbana gaggeesse yaa’ii seenaqabeessa. Yaa’iisaa jalqabaa kanaan gama tokkoon murteewwan guguddoo dabarseera; tarkaanfiiwwan hojii fudhatamuu qabanis murteesseera.
Akkuma beekamu paartiin kun paartii rakkoo keessatti dhalatee rakkoo keessa darbee as ga’eedha. Filannoo marsaa ja’affaa bara 2013 gaggeeffame booda, yeroo ergamaafi imaanaa ummataafi biyyaa fudhatee deemaa jiru kanatti yaa’ii gaggeeffachuun adda isa taasisa.
Filannoon bara 2013 gaggeeffame imaanaa ummanni kenneef waan ta’eef carraa hojii uumeef malee injifannoo waaraa miti. Injifannoo waaraa ta’ee akka galmaa’uuf hojiin kana booda hojjetu ga’ee murteessaa qabaata.
Kanaafuu carraa filannichaan argate hojiitti hiikuudhaan imaanaa ummanni kenneef milkeessuuf hojjechuu akka qabu hubatee, yaa’ii kanaan haalota boqonnaa jijjiiramaa waggoota afran darbanii qorateera. Jalaqaba haalota hundeeffamasaa dura turaniifi tarkaanfiiwwan boqonnaa jijjiiramaa keessatti fudhataman tokko tokkoon ilaaleera. Bu’aawwan tarkaanfiiwwan fudhatamaniin argamanis lakkaa’ee ilaaleera.
Akkasumas yaa’ichi qormaatawwan keessattuu waggoota sadan afran darban akka biyyaattis akka ummataattis keessummeeffaman sirnaan ilaaluuf carraa argateera. Akka waliigalaatti Badhaadhinni erga hundaa’ee maal hojjete? Hojii kana keessatti qormaatiiwwan mudatan maal fa’i? Qormaatiiwwan kanneen gara carraatti geeddaruudhaan bu’aawwan galmaa’an lakkoofsaan adda ba’anii kan itti ilaalamaniidha. Akkasumas sagalee, yaada, gaaffiifi fedhiin ummataa sirnaan kan itti dhaga’ameedha.
Yaa’ichi kallattiiwwan hojiis kaa’eera. Kallattiiwwan kaa’aman hojiitti hiikuufis hoggansa hojicha ni madaala jedhu filateera. Miseensi erga konfiransiirratti bakka bu’aasaa filatee booda yaa’iidhaaf ergee, namoonni kumni tokkoofi 600 yaa’icharratti hirmaatanis hoggansa kallattiifi murtii paartichaa raawwachiisuu danda’u jedhu dandeettii, ga’umsa, beekumsaafi amanamummaa qaban filateera. Haaluma kanaan pirezdaantiifi pirezdaantonni ittaanoon, koreewwan giddugaleessaafi raawwachiistuun filatamaniiru.
Koreewwan kunneenis erga filatamanii kallattiidhaan yaa’ii Paartii Badhaadhinaa kana booda waltajjii tokkoffaasaanii gaggeeffataniiru; ‘oranteeshinii’n ga’aanis kennameera. Kanaanis ummata waliin mariin taasifamuu akka qabu, murtiiwwaniifi kallattiiwwan marichaan darbaniifi kennamanirratti akka mari’atamu murtoon darbeera.
Kanarraa ka’uun gaaffii, rakkoo, komiifi fedhiin ummata keessa jiru maal akka fakkaatu kan ittiin hubatamu, hoggansi sadarkaalee hundatti kennamu hammam ga’aadha, maaltu itti hanqata, maaltu sadarkaa gaariirra jira, kamirraa baranna, kam sirreessuu qabna isa jedhu adda baafachuuf fuuldura kana ummata waliin mariin akka gaggeeffamuuf kallattiin taa’eera.
Kallattiilee kanarratti hundaa’ee yeroo torban tokko hincaalle keessatti mariin kun sadarkaalee hundatti jechuunis gandarraa kaasee hanga naannootti darbees sadarkaa biyyaatti haala walfakkaatuun waan gaggeeffamuuf ummata kan itti dhaggeeffannuudha. Carraa kanaan hojiiwwan marii ummata wajjin gaggeessinu keessatti dhimmoonni mirkaneeffataa deemnu ni jiraata.
Mariin kun gamtokkoon obbolummaa ummattootaa cimsuudhaan tarkaanfiiwwan fudhannu marii kana keessattis kan deemsifnu ta’a. Obbolummaa caalmaatti cimsuudhaan karaa waldhabdeen itti hir’atu, karaa rakkoon itti hanqataafi gaaffiin ummataa deebii ittiin argataa deemuuf haala mijeessuuf, marii ummataatiin sagalee ummataa dhaggeeffachuu cinaatti hoggansa kenninu keessattis hoggansa iddoo hundatti ummata hunda gurra walfakkaatuun dhaggeeffatu, gaaffiisaas fudhatee sirreeffamaaf of qopheessuufi gaggeessummaasaa ga’umsaan gumaachu uumuuf carraa kanatti fayyadamnee kan ilaalaa deemnu ta’a.
Keessumaa qulqullinni, ga’umsiifi bilchinni hoggansa kenninuu marii kanaan madaalamaa, sirreeffamaafi qulqullaa’aa deema jechuudha. Tarsiimoo ga’oomanii ga’oomsuu miseensa keenya ga’oomsinu ni qabna. Utuu hinga’oomiin ga’oomsuun waan hindanda’amneef leenjiidhaan, ijaarsa dandeettiitiin wanta raawwatamuudha.
Lammaffaan baay’isuudha. Baay’isuun waan qabnu miseensaafi hoggansarratti dabalataa dabalaa deemuu jechuudha. Sadaffaan sirreessuudha. Sirreeffamni balleessaafi hanqinni haalota addaddaatiin yoo jiraate maddi hanqinichaa maali kan jedhu qorachuudhaan kan raawwatamuudha.
Maddi hanqinaa beekumsaafi dandeettiirraa madda yoo ta’e leenjiidhaan akkasumas hojii ijaarsa dandeettii keessaafi barumsaan sirreessaa deemuudha. Yoo dhibaa’ummaa, haqaan tajaajiluufi naamusa dhabuurraa kan maddu ta’e, sirreeffama kan jennu sun tarkaanfii fudhachuudha.
Tarkaanfiin kunimmoo haalota garagaraatiin ibsama. Inni jalqabaa, iddoorraa gadi butuudha. Inni biraan iddoorraa jijjiirruudhaan, darbees tasumaayyuu gaggeessummaafi miseensummaa keessaa baasuudha.
Afraffaan ifatti ittisuudha. Inni kun guutummaatti hoggansas ta’u miseensi ummataaf tajaajila qulqullina, haqummaafi ga’umsaan hinkennamu taanaan, yoo gorsaan hinsirranne, tarkaanfiin fudhatamuu guutummaatti ittisuudha. Yaa’ii kanarratti tarsiimoo ga’oomanii ga’oomsuurratti gadifageenyaan mari’atamee murtaa’eera.
Bariisaa: Paartiin Badhaadhinaa kun waggoota afran darban rakkoolee akkamiitu isa mudate, rakkoo keessatti hoo injifannoowwan akkamii galmeesse?
Obbo Gizaachoo: Qormaatiiwwan waggoota sadan afran darban mudatan bifa lamatti qoodnee ilaalle. Inni jalqabaa qormaata uumamaati. Qormaatawwan mudatan kanneenis adda kan taasisu baroota seenaa ijaarsa biyya kanaafi jireenya ummataa keessatti bifasaaniitiin adda, baay’ee jajjaboo, ciccimoofi rakkisoo kan ta’an, keessa darbuufillee sodaachisaa turuusaaniiti.
Kanas humnaafi beekumsa ummata keenyaatiin, duula kallattiilee hundaatiin injifannee darbineerra. Qormaatawwan uumamaa nu mudatan tokko tokkoon yoo ilaallu, inni tokkoffaan, akkuma hundi keenya yaadannu weerarri hoomaa Hawwaannisaa qonna keenya miidheera. Kanaafis humna guddaa alaa itti gaafanne hinqabnu. Beekumsa mandhaleetiin, kan ummataatiiniifi keemikaala ammayyaatiin utuu deeggarsa baay’ee hingaafatiin biyyuma kana keessatti to’achuu dandeenyeerra.
Gaaga’amni Koviid-19 nurraan ga’es salphaa miti. Gaaga’ama qaqqabsiise keessaa yoo ilaalle filannoo marsaa ja’affaan bara 2012 adeemsifamuun irra ture akka ce’u taasiseera.
Gama dinagdeetiin yoo ilaalle vaayirasichi deeggartoota misooma biyya keenyaa adda nurraa kutuudhaan, hariiroo dippilomaasiitiin liqiifi faayidaa addaddaa argachuu dandeenyu hir’isuudhaan, warshaalee ykn wiirtulee omisharratti dhiibbaa geessisuudhaan, omishawwan aleergiis ta’u alaa galchinurratti dhiibbaa geessisuudhaan gaaga’amni geessise salphaa miti.
Kana yeroo ilaallu qaala’ina jireenyaa amma mul’atuufillee qooda mataasaa akka qabu hubachuun ni danda’ama. Akka waliigalaatti dhibeen kun humna omishaafi omishtummaarratti dhiibbaa geessiseera. Gama hawaasummaatiinis hariiroorratti dhiibbaa olaanaa qaqqabsiiseera.
Qormaati uumamaa biraan rooba yeroosaa hineegganne, guutiinsafi kkf ture. Kana malees gogiinsaan walqabatee hamma yoonaattillee rakkoo keessummeessaa jirra. Keessumaa godinaalee horsiisee bulaa naannoo keenyaafi biyyaa mudateera.
Balaawwan namtolcheen ammoo yommuu ADWUIn angoorraa ka’ee humni jijjiiramaa aangootti dhufu waanti ta’e ni yaadatama. Isa duras humni aangoo biyyattii dhuunfatee ummata cunqursaa ture shira siyaasaatiin walitti bu’iinsa ummataafi amantii fakkeessuuf socho’aa ture.
Akka fakkeenyaatti walittibu’iinsa naannolee Oromoofi Somaalee gidduutti akka uumamu gochuun miidhaa olaanaan akka qaqqabu kan taasise ‘TPLF’ dha.
Yeroo walitti makamiinsi paartii raawwatamettis ta’e Paartiin Badhaadhinaa hundaa’etti murni kun shirasaa hindhaabne. Naannolee hundatti humnoota addaddaa bobbaasuun rakkoo humna jijjiiramaa boqonnaa dhorkuu, akka biyyi hintasgabboofne taasisaa tureera.
Kanaafis waan Oromiyaa lixaafi iddoowwan kaanitti ta’aa ture yaadachuun ni danda’ama. Keessumaa Oromiyaatti humnoota akka Shanee bocuudhaan, humnoota akkasii bobbaasee magaalota keessatti humna nama ajjeesu, humna gurmaa’ee, hidhatee, hoggansa dhiphisuufi yaaddessu, miidiyaa hawaasaattis fayyadamee boqonnaa dhowwu, tooftaalee addaddaatiin lammii buqqisu uumuun miidhaan biyyattiirraan ga’e olaanaadha.
TPLF erga Maqaleetti deebi’ees biyyattiif boqonnaa kennuu waan hinbarbaanneef Onkololeessa 24 bara 2013 ifaan waraana baneera. Raayyaa Ittisa Biyyaa ajaja Kaabaarratti haleellaa raawwachuunsaa ni yaadatama. Kanaanis utuu hinbarbaadiin waraanatti galuuf dirqamne.
Yeroo waraanatti galamu humni kun rogawwan addaddaa fayyadamuun miidhaa geessisaa ture. Maallaqa biyya kanaa saamee kuufatetti fayyadamuun, biyyattiirratti olola sobaa oofee rakkoo uumaa tureera. Hariiroo dippilomaasii biyyi kun biyyoota addaddaa wajjin qabdurratti dhiibbaa geesisuun adeemsa keessa biyyootarraa addaan nu kutuufi socho’aa ture. Akkasumas olola sobaa bocee miidiyaa idil addunyaarratti himata hinjirre banuun sochiin badii taasisaa ture kan yaadatamuudha.
Akka waliigalaatti dhiibbaawwan rogawwan addaddaatiin ibsamuu danda’an biyyattiirra ga’aniiru. Waraana meeshaa ‘TPLF’ nurratti baneen ol waraanni ololaafi dhiibbaan dippilomaasii dhaabbilee idil addunyaa guguddoofi biyyoota guguddootiin nurra ga’e salphaa hinturre.
Kun adeemsa keessa mirga misoomuu keenyallee dhiibuuf deemameera. Hidha haaromsaa keenyaan walqabatee, seenaa addunyaa keessatti yommuu ilaalamu dhimma bishaanii fuudhanii Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii gochuun seenaa keessatti kan jalqabaati.
Ijaarsa piroojektii guddaa gaggeessine kana gufachiisuuf tattaaffiin taasifame salphaa miti. Dhimma Itoophiyaa qofa yeroo waggaa tokko hincaalle keessatti marsaa14 ol Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti dhiheessuun biyya kana boqonnaa dhorkuuf tarkaanfiin murna kanaafi diinota keessaafi alaatiin fudhatamaa tureera. Kunis kaayyoonsaa birmadummaafi bilisummaa biyyattii dhiibuudhaan tarkaanfii nurratti fudhatamaa tureedha.
Gama keenyaan ummanni tarkaanfii akkamii fudhate jennee yoo ilaallu, tokkoffaa dhimmi birmadummaa, misooma biyyakoo na ilaallata jechuudhaan deeggarsa addaa gochaa tureera. Deeggarsa kanas paartiin keenya yaa’iisaatiin dinqisiifatee beekamtii kennee darbeera. Sadarkaa idil addunyaatti karaa hinbaratamneefi hinbeekamneen diiyaaspooraa dabalatee dhimma biyya keenyaatiif falmiin taasifamaa ture. Falmiin kunis ija godhatee birmadummaa keenya mirkaneeffannee injifannoo olaanaa galmeessisuu dandeenyeerra.
Yaa’ii kanaanis qormaata keessa teenyee injifannoo galmeessisneerra oggaa jennu akkamiin ibsama waanti jedhu ilaalameera. Yeroo kana keessatti gamtokkoon birmadummaa biyya keenyaa kabachiifneerra; hidhi haaromsaas akka humna maddisiisu gooneerra.
Hojii piroojektii kanaa gufachiisuuf tarkaanfii addaa nurratti fudhatameefi dhiibbaa deeggarsaa nurratti godhameen utuu hingufatin sadarkaa idil addunyaatti dhaabbilee faayinaansiifi namoomaa dur deeggarsa nuu taasisan nurraa kutuun tarkaanfii kan fudhatan ta’us sababa kanaan misoomni keenya hingufanne. Qormaatuma kana keessa ta’uun hidha haaromsaa marsaa lamaaf bishaan guutuun darbees seenaa injifannoo Adwaa booda isa guddicha kan ta’e galmeessuu dandeenyeerra.
Haalota kanneen hunda injifannee seenaafi alaabaa keenya ol qabuu danda’uun injifannoo guddaadha. Injifannoo kana ammas ummatatti ni himna, injifannoo dabalataaf immoo ni hojjenna. Kana jechuun injifannoo dhaadannee jiraachuu osoo hintaane injifannoorratti injifannoo dabaluuf yaa’iin keenya ummataa waliin mari’achuu akka qabnu kallattii kaa’eera.
Kana qofa osoo hintaane piroojektoota meeggaa warshaa sukkaaraa dabalatee eegalamanii sababoota hanna, saamichaafi malaammaltummaa bara ‘TPLF’ tureen gufatan hunda hojiitti deebisuudhaan injifinnoo olaanaa galmeessuu jalqabuun keenya seenaadha.
Injifannoo biroon yeroo ADWUIn kufee mootummaan jijjiiramaa aangootti dhufe dinagdeen biyyattii hunkutaa’ee sadarkaa mindaa hojjetaayyuu kaffaluu hindandeenyerra ga’ee ture. Sana qofa osoo hintaane liqiin sadarkaa addunyaatti ammaafi ammatti deebi’uuf itti dirqamnu hedduutu ture. Kufamnumti liqii himamu mataansaa biyya kanaaf yaaddoodha. Humni liqiifi humni dinagdee keenya oggaa walbira qabamee ilaalamu liqiin akka galaanaatti biyyaafi ummata kana fudhatu ture.
Kanas hojii dippilomaasii hojjetamee hariiroo uumameen liqiiwwan kaan barasaanii dheeressuun, kaan dhiifamaan akka bira nuu darbamu gochuun jijjiiramni dhufe olaanaafi seenaan rakkoo keessa teenyee galmeessine guddaa ture.
Bariisaa: Kunneen eeraman akkuma ta’ee, ammas wantoonni qormaata ta’an yaa’ii kanaan adda baafamee ni jiraa? Isaafoo furmaata akkamiitu taa’e?
Obbo Gizaachoo: Eeyyee jiru. Tokkoffaa rakkoo nageenyaati. Kunis ummanni akka fedhetti bakkaa bakkatti socho’ee, hojjetee, misoomsee, omishaafi omishtummaasaa dabalee jiraachuu danqaa guddaa itti ta’eera. Kanaan walqabatee qaala’insi jireenyaa rakkoo olaanaa ta’eera. Kunis karaa tokko sababa nageenyi dhabamuutiin karaa biraammoo hanqina omishaafi omishtummaa akka biyyaafi idil addunyaatti jiru wajjin walqabatee kan uumamaa jiruudha. Kunis ummata rakkoofi yaaddoo
keessa galchuunsaa ilaalamee irratti mari’atameera.
Kana malees tajaajila dhaabbilee mootummaa keessatti kennamuun walqabatee gaaffiifi komii ummataa ka’aa jirurraa ka’uun rakkoo bulchiinsa gaarii duguuganii adda baasuudhaan tarkaanfii fudhachuu akka barbaachisurrattis marii bal’aan gaggeeffameera.
Waliigala dhimmoonni misooma keenya saffisiisuun milkaa’aa taasisaniifi ummata keenya gammachiisanirrattis mariin adeemsifamee murtiin irratti darbeera. Haala kanaan amma gamtokkoon ummata keenyatti kallattii maal keenye, murtiiwwan maal dabarsine, isammoo akkamitti raawwachuuf deemna kan jedhurratti mariin ni gaggeeffama. Gama biraatiin immoo ummatumti waan nuti jennuufi wanti isin bira jiru maal fakkaata kan jedhu walbira qabannee carraa itti ilaallu uumaa jirra.
Komiin ummati nurraa qabu dhugumaan ummata bira akka jedhame sanatti dhufaa jiraa kan jedhus hawaasa wajjin mari’annee adda baasna. Carraa kanaan ga’umsiifi bilchinni hoggansa keenyaa, qophaa’ummaan rakkoo hiikuuf agarsiifame, karaa dhiba’ummaarraa bilisa ta’een hojjechuuf haalli nuti irra jirru kan jedhus keessatti kan itti of ilaalluudha mariin fuuldura kana gaggeeffamu. Marichi kan ummata wajjin waliigaltee uumnuudha.
Marichaan waanti ummataafi mootummaa bira jiru erga walitti agarsiifamee booda, fakkeenyaaf rakkoo nageenyaa furuuf hanqinni akka caasaa mootummaatti jiru maali, otoo maal gochuu qabnuu hin raawwatiin hafnaan rakkinichi uumame isa jedhu kan itti ilaalluudha. Gama ummataatiinis haaluma kanaan hanqinni ummata bira jiru maali, utuu maal gochuu qabuu maal gochuu dhabuudhaan rakkoon kun dhufe, kana sirreessuufoo akkamittiin deemna kan jedhurrattis ni mari’atama.
Ummata hirmaachisuun walqabatees mootummaan hirmaannaa ummataa dabaluuf maal raawwachuutu irraa eegama, ummannis hirmaannaasaa karaa dammaqina qabuun itti fufsiisuudhaan nageenya waaraa mirkaneessuuf maal hojjechuu qaba kan jedhu ka’eera. Keessattuu paartichi addatti murtiisaa keessatti filannoowwan jiran hundatti fayyadamuudhaan nageenya waaraa mirkaneessuuf ni hojjenna kan jedhu ejjennoo cimaan qabatameera.
Tarkaanficha fudhachuuf ammoo qabatamaadhaan dura mari’achuutu barbaachisa. Mariin kun yeroo torban tokko hincaalle gidduutti tibbanuma kan gaggeeffamuudha. Kutaaleen hawaasaa hundi qoodinsaafi dhorkaa tokko malee sadarkaa sadarkaadhaan kan irratti hirmaatan, yaadasaanii ifaan kan tarkaanfachiisan, komiisaanii dhageessisuan, gaheesaaniis kanitti ibsan ta’a.
Bariisaa: Keessumaa gama Oromiyaatiin rakkoo nageenyaafi qaala’ina jireenyaa furuuf gamanumaa qophiifi kuteenyummaan jiru maal fakkaata? Ummannihoo Paartii Badhaadhinaa irraa maal haa eegu?
Obbo Gizaachoo: Jala bultii yaa’ii adeemsifameetti miseensaafi hoggansa paartii keenyaa sadarkaa hundatti jiru waliin mari’anneerra. Miseensa Paartii Badhaadhinaa akka biyyaatti jiru miiliyoona 11 keessaa kan Oromiyaa miiliyoona 3.4n ga’uuf yaalameera.
Kanaanis mari’annee madda rakkoowwan keenyaa adda baafanneerra. Tarsiimoon ga’oomanii ga’oomuus qaama marii keenyaa ture. Marii mataduree, “Filatamuun jijjiiramanii biyya jijjiiruuf” jedhuun gaggeessine keessatti filatamuun carraadha malee manii dhumaa ykn injifannoo waaraa akka hintaane kaasneerra.
Injifannoo waaraa galmeessisuuf hojjechuun akka nurraa eegamuu irratti waliigallee ittigaafatama waggoota shaniif nuu kenname keessaa amma waggaan tokko dhumaa jiraatus waggoota hafan akka waggoota 25tti hojjennee jijjiiruu qabna; yoo jijjiiruu dhabne ummanni ifatti nu adabuuf carraafi mirga guutuu qaba kan jedhu kaasneerra.
Kana yeroo jennu biyyaafi misooma kamuu keessatti hirmaannaa ummataa mirkaneessuun bakka hindanda’amnetti misoomni dhufuu danda’u hinjiru. Kanaaf tarsiimoofi tooftaawwan addaddaa ummata ittiin hirmaachiifnuufi ga’oomsinu qophaa’eera. Fakkeenyaaf ummata wajjin ta’amu malee loltuu dhaabnee ykn meeshaa waraanaa binnee humna farra nageenyaa dhukaasa qofaan dhabasiifnee nageenya waaraa mirkaneessina jechuun of gowwomsuudha.
Gama biraatiin ammoo omishaafi omishtummaa dabaluudhaan wabii badhaadhina maatii sadarkaa hundatti mirkaneessuun bakka hindanda’amnetti wanti hawwiidhaan dhufu tokkollee akka hinjirre marii bilchaataa adeemsifneen irratti waliigalleerra. Kana yeroo jennu maaliif miseensaafi hoggansa jenna, ummata bal’aatti utuu hinba’iin maaliif achiirraa jalqabna kan jedhuudha. Paartiin filannoodhaan mootummaa hundeesseefi mootummaan hundeeffamemmoo akkaataa imaanaan ummataa harka jirutti hojii hojjechuu kan jalqabu yoo waliigalteen tokkummaan ilaalchaafi gochaa keessa jiraateedha jechuudha.
Tokkummaa ilaalchaafi gochaa keessoo fiduu jechuun naamusaan, hojmaataan, yaadamaan, ilaalchaafi gochaan qulqullina yoo qabaanneedha kan jedhurratti sirriitti waliigalle. Yaadama bilchaataa ittiin hogganamuu dandeenyu ni qabna; garuu yaadamicha gurguruurratti qaawwi tureera. Kanaafuu yaadamicha sadarkaalee hundatti sirnaan gurgurree lafa qabsiisuun, isarra dhaabannee hojii ittiin karoorsuu, hojjechuufi raawwachuu qabna kan jedhurrattis waliigalameera.
Hojiicha keessattis naamusniifi hojmaanni jiraachuu qaba. Paartiin naamusaan hincimne jabaachuu hindanda’u kan jedhurrattis waliigalteerra ga’ameera. Kana jechuun alnaamusummaan haalota addaddaatiin jiru fakkeenyaaf, hanni, qisaasamni yeroofi qabeenyaa, akkasumas rakkoon kenna tajaajilaarratti jiru gaaffii ummataa bal’aa akka ta’e ifatti ilaalleerra.
Kanarraa ka’uun tarkaanfiin ummata hirmaachise akka fudhatamu gochaa jirra. Wanta marii kana keessatti hojjennu keessaa tokko, qulqullina, ga’umsaafi bilchina hoggansaa, mana hojii mootummaafi hoggansa paartii kennuu keessatti tajaajila kennuun maal fakkaata, hojiinsaawoo hammam fedhiifi gaaffii ummataa wajjin walsimaadha kan jedhu ni qulqulleeffama.
Hoggansaafi kenna tajaajila keenyaas ni qulqulleessina. Bakka dhibaa’ummaan, hanni, alseerummaafi alnaamusummaan, jirutti araarama tokko malee tarkaanfii fudhachuudhaan fedhii ummataatiif yoo hojjechuu baate waanti paartii paartii jedhamu, ejennoofi murtiinsaa akkasumaan ta’a.
Kanaaf tarkaanfii fudhatamurratti cimuu akka barbaachisu murtaa’eera. Kanammoo qabatamaan hojiirra oolchuuf ummata wajjin irratti mari’achuun, ittifufiinsaan walitti dhufuun, ummatatti dhihaatanii hojjechuun dirqama. Ministirri muummeen wayita miseensota koree giddugaleessaaf ‘oranteeshinii’ kennaniin koreen waan ummanni irraa barbaadu baruuf ummatatti dhihaatee mariisisuu, gadi bu’uu, rakkoo sadarkaalee hundatti jiran ilaaluu akka qabu, ilaaluu qofa osoo hintaane akka itti dhaga’amu kallattii kaa’aniiru.
Yommuu kana ibsanis, “Utuu nuti waa’ee foon diimaafi burundoo haasoofnuu, yoo ummata biraa shiroon gubate, hiiknisaa waan gargar ta’uuf sadarkaa nutti dhaga’amuu danda’utti, ummatatti siqnee, mari’annee, waliin hojjennee rakkoosaa hiikuu qabna” jedhan.
Kanaafuu qabatamaan hojiitti seenuun akka barbaachisuufi hojiirra oolchuufis hoggansi bilchaataan filatameera. Hoggansi filatames sadarkaadhaan ittigaafatamummaa hordofsiisuuf kan deemu ta’uu ammumarraa kaasee karoorfatee hojiitti seenee ummata waliin mari’achuuf qophii xumureera.
Bariisaa: Mariin adeemsifamu haala kamiin ta’a? Ajandaan mariiwoo bakkawwan hundatti walfakkaataadhaa?
Obbo Gizaachoo: Mariin kun bakkaa bakkatti garaagarummaa qabaata jedhamee eegama. Sababnisaas iddoo rakkoon nageenyaa humnaa ol itti hammaateefi gatii kanfalchiise akka jiru ni beekama. Iddoon rakkoon bulchiinsa gaarii daran ittihammaate akka jiru ni hubatama. Kanaaf haala qabatamaa naannawaarratti hundaa’ee mariin kan taasifamu ta’a.
Rakkoon baadiyyaafi magaalaa jiru mataansaayyuu gargari. Iddoo hongeen jiruttimmoo rakkoon jiru garabiraa ta’uun ni hubatama. Akkuma amala rakkinichaatti taa’anii mari’achuun furmaata waloo akka kaawwatu ni taasifama.
Bariisaa: Dhumarratti Paartiin Badhaadhinaa waan karoorfate milkeeffachuuf eenyuuf maal, dhaamtu?
Obbo Gizaachoo: Hunda dura hayyoota sadarkaalee addaddaarra jiran, qorattoota akkasumas namoota naannawa miidiyaa jiran dabalatee waamichin dhiheessuu barbaadu, eessas haa jiraannu, maalirrattis haa hojjennu ummanni kun hiyyummaa injifachuu qaba. Rakkoofi gidiraa keessa jiru keessaa ba’uu qaba. Afaan tokko taanee dubbii ummata keenya baraaruufi rakkoo keessaa baasuurratti waliigallee hojjechuu qabna kan jedhurratti amantaa horachuu qabna.
Kanaaf carraa kanaan Paartiin Badhaadhinaa paartiilee morkattootaa dabalatee, humnoota rakkoon ummata keenyaa nu ilaallata jedhan wajjin hojjetee, bara seenaa rakkina biyya kanaa gabaabsuun ummata kana gara sadarkaa fooyyeetti fiduudhaaf hojjechuudhaaf qophii ta’uusaa beekanii hundinuu ummata keenyaaf haa hojjennu waamicha jedhu dhiheessuun, akka nu tumsan gaafachuun barbaada.
Ummanni bal’aas, marii sadarkaasaatti gaggeeffamu kanarratti iftoominaan, bilisaan, karaa tasgabbii qabuun rakkoo jirurratti ba’ee akka mari’atu, yaadasaa tarkaanfachiisu, komiisaa dhiheessu, komii dhiheessuu qofti furmaata waan hintaaneef waan mootummaarraa barbaadu iftoominaan akka gaafatu gaafanna. Akkasumas mootummaa deeggaruun rakkoon akka hiikamuufiif akka of qopheessu waamicha dhiheessuun barbaada.
Xumurarratti biyya kanatti rakkoon hiyyummaa, hojii dhabdummaa caalmaatti kan miidhu dargaggeessi keenya hirmaannaansaa ga’ee olaanaa qaba. Sababnisaa harki caalu ummata biyya keenyaa kan hammatu isa.
Kunimmoo dinagdee biyyaa guddisuufi badhaadhina hawwinu bira ga’uuf carraadha, humnasi. Kanaaf dargaggoonni keenya waltajjicharratti hirmaachuun yaada dhiheessuun cinaatti humna, beekumsaafi dandeettii qabaniin bakka jiran hundatti carraa misoomaa qabnu hunda duguuganii fayyadamuudhaan fuulduratti tarkaanfachuuf waliin haa hojjennuun dhaamsa kooti.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 10 Bara 2014