Mariin Biyyaalessaa waldhabdeefi rakkoo nageenyaa biyya tokko mudate bifa walittifufiinsa qabuun furuuf kan adeemsifamuudha.
Mariin biyyaalessaa kaayyoo yeroo gabaabaafi dheeraa kan qabu yoo ta’u, dhumarratti walhubannaafi jijjiirama waaraa fiduudha, yoo haalaan milkaa’emmoo waliigaltee haaraa ummataa hundeessuun maniisaati.
Mariin biyyaalessaa kan hubatamuu qabu humnoota hawaasa keessa jiraniifi hawaasa garagaraa walhubachiisuuf akkasumas rakkoo waloon furuuf ta’uusaati. Faayidaan marii biyyaalessaa qabatamaan rakkoo biyya kanaa walittifufiinsaan kan furu yoo ta’eedha.
Akka falaasamaa Jürgen Habermas (Theory of Communicative Action) jedhutti mariin ykn haasaan qindoomina walittifufiinsa qabuufi aadaa dimokrasii hariiroo ummataa giddugaleeffate ijaaruuf akka fayyadu kaa’a.
Akka hayyuun kun jedhutti maallaqniifi humni siyaasaa qindoomina yeroo gabaabaatiif namoota jidduutti fiduu danda’a garuu mariin qindoomina cimaa walittifufiinsaafi walqixxummaa qabu uuma.
Mariin biyyaalessaa mataasaatiin akka meeshaa tolchamee ittifayyadamuuf qophaa’e tokkootti ilaaluun yaada guutuu hinta’u. Waa’ee marii biyyaalessaa yaaduunuu mataasaatiin marii guddaa barbaada.
Kanaaf naannoleen biroonis gumii Balalirraa muuxannoo fudhachuun osoo itti adeemanii kanan jedhun qaba. Sababnisaas naannoon sabaafi sablammii garaagaraa of keessa hinqabne waan hinjirreef. Caalaatti ummanni biyya kanaa walhubannaa ga’aa hinqabu, akkasumas dantaa walfaalleessuufi falaasama garaagaraallee kan qabu jira.
Garaagarummaan mataasaatiin rakkina miti. Garaagarummaan qo’annoo ykn qorannnoof nu affeera, qorannon ammoo Dhugaatti nugeessa. Dhugaan ammoo walitti nama araarsa. Mariin biyyaalessaa sadarkaalee guguddoo sadiitti qoodamee kan adeemsifamu ta’a.
Inni jalqabaa Qophiidha: Qophiifi karoorri bifa hunda galeessaafi qabatamaa ta’een kan qindaa’uufi fo’amuudha. Akkuma Oromoon ‘hodhaan jalqaba bada jedhu’ jalqabbiin keenyas galmii keenyas miidhaguu qaba. Asirratti adeemsi jiru kan hunda hirmaachiseefi hirmaachisuuf kan nama rakkisan, qaamota seeraan ala hidhatanii socha’an akkamiin gara karaatti akka deebi’an mariyachuunillee barbaachisaadha.
Mootummaanis marii biyyaalessaa kana kan karoorseef tapha siyaasaaf akka hintaane mirkaneessuun, akkasumas beektonniifi qaamni deeggarsa hawaasaa qabu hundi biyyasaaniif yoo kan yaadan ta’e dhugaafi haqaan ga’eesaanii bahachuuf of qopheessu qabu.
Gulaantaa lammaffaan adeemsaaafi ijaarsa. Adeemsi marii biyyoolessaa ifaafi haqa qabeessa ta’uu qaba. Ijaarsi marii biyyaalessaa namootaafi dhaabbilee hundagaleessa ta’aniin kan hogganamuufi adeemsi marichaa qabiyyee rakkoolee walxaxoorratti sirriitti gadi fageenyaan qoratee kan hiiku ta’uu qaba.
Inni dhumaa Raawwiidha. Marii biyyaalessaa hojiirra oolchuun danqaa adda addaaf saaxilamuu waan danda’uuf of eeggannoo cimaan kan rawwaatamu ta’uu qaba. Biyyoonni garagaraa aadaa, siyaasa-dinagdeefi hawaasummaa adda addaa qaban marii biyyoolessaatiin kanneen milkaa’an jiru. Kanneen hinmilkoofnes jiru. Warri milkaa’an maaliif milkaa’an warri kufan hoo maliif jennee haala biyya keenyaa wajjin walbira qabnee ilaaluun muuxannoo gaariirraa fudhachuun daran barbaachisa.
Dhimmi ijoo lammataa ‘Dantaa Ummata Oromoo fo’uudha’. Sabni Oromoo har’a iddoo kaleessaa hinjiru; kan biraas akkasuma. Kaleessa harka ormaatu nurra ture, har’a biyya of harkaa qabna. Kanaaf akka kaleessaatti yaaduun hinbarbaachisu.
Qaamotni siyaasaa ofiisaaniitii waldhabanii Saba Oromoos milkaa’ina dhabsiisuu hinqaban. Akka Oromootti Dantaa tokkoofi muldhata tokko qabaachuutu nurraa eegama. Kanaaf dantaa marii biyyaalessaaf dhiyeessunis qabiyyeen kan tokko ta’eefi afaan tokkoon dhiyeessuutu nurraa eegama.
Akka sabaattillee falaasama haaraafi waan rakkoo biyya kanaatiif furmaata waloon maddisiisuufi dhiyeessuutu barbaachisa. Waloomaan dantaa Oromoof dhaabbachuun akka salphaatti hindhufu.
Maddi: Waajjira Pirezidaantii Oromiyaa
Ittifufa
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 3 Bara 2014