Bara keessa jirru kana mareen biyyoolessaa biyyoottan garaa garaa keessatti, rakkoolee gama siyaasaan mul’atan furuuf galumsawwan (context) addaa addaa keessatti geggeeffamaniiru. Biyyoonni maree kana sirriitti geggeeffatan egereesaanii ittiin jijjiiraniiru. Kaan ammoo kennanii fudhachuu dadhabuun faayidaasaarra miidhaasaa dhandhamaniiru.
Dhaloonni hedduunis ittiin miidhamaniiru. Biyyoonni sirriitti itti fayyadaman ce’umsa siyaasaafi nagaa amansiisaa akka ijaarrataniif gargaareera. Fakkeenyaaf, qorannoo manni barumsaa “Graduate Institute of International and Development Studies” jedhamu magaalaa guddittii Siwiizerlaandi, Jeneevaatti argamu tokko bara 1990 hanga 2014tti mareewwan biyyoolessaa hedduu geggeeffaman keessaa maree biyyoottan 17 irratti taasiseen yaada armaan gadii akka faayidaasaatti kaa’a.
Mareen biyyoolessaa meeshaa ittiin rakkoo siyaasaa biyya tokko qunname ittiin furaniifi daandii ce’umsa siyaasaa ta’uun nigargaara jedha. Akka qorannoo kanaatti rakkoo siyaasaa yookaan rakkoo biyya tokko qunname kan seerri biyyattii yookaan siyaasni jiru hiikuu hindandeenye hiikuu akka danda’u ibsa.
Akka qorannichaatti biyyoonni hedduun maree taasisan irratti yoo walii galan illee walii galtee ta’an kana keessaa dhibbeentaa 50 kan ta’u qofatu hojiitti hiikame. Kanaaf, yaadota addaa addaa irratti walii galuu qofa utuu hinta’in murtoo ta’an hojiitti hiikuun akka isaan danqe ibsa.
Biyyoota mareen biyyaalessaa keessatti firii gaarii qabu ga’een beektotaas ba’eessa akka ta’e dubbata. Bakka isaan yaada sirriin dhiyaatanitti walii galteen tures gaarii akka ta’e dubbata. Haa ta’u malee maree biyyaalessaa geggeessuuf qopheen ta’u, akkaataan itti geggeeffamuufi walii galtee ta’an akka ijatti geeddaraman, hirmaannaan namootaa shakkii kan hinuumne, hunda kan hammatu, ifaafi bilisaan kan geggeeffamu ta’uu qaba.
Yeroo ce’umsa siyaasaa, mareen biyyoolessaa ga’ee guddaa qaba. Sababiin isaa mareen biyyoolessaa walii galtee dhaabbileen siyaasaa yookaan maree beektonni taasisanii olitti kan bal’atuufi hawaasa bal’aa kan hirmaachisuudha. Mareen biyyaalessaa marii namoota siyaasaa ta’uufi waliigaltee isaan taasisanirraa gara hawaasa fedhaafi ilaalcha addaa addaa qabutti ceesisuun akka isaan mari’atanii furmaata barbaadan taasisuudha.
Kanaaf, mareen biyyaalessaa waliigaltee beektonni qofti taasisanirraa adda. Namoonni siyaasaa muraasni walitti dhufanii kan murteessan miti. Maree paartiilee siyaasaa qubaan lakkaa’amaniis miti. Darbees qaamni biyya bulchu yookaan manni maree kan murteessus miti.
Namoota hunda kan of keessatti hammatuudha. Haa ta’u malee akkaataa itti hawaasni keessatti hirmaachuu qabu irratti yaaduun barbaachisaadha. Qaamni mareen kun hammachuu qaburratti hirmaatee, mari’atee, falmee dhumarratti kan dhiisuu qabu, kan fooyyessuu qabu, kan jijjiiruu qabus yoo jiraate egeree isaa fooyyeffachuuf kan murteeffatu hawaasa.
Murtoo kanaaf dhaabbileen siyaasaa kamiyyuu bitamuun dirqama. Maree hawaasaa, falmii ta’u, walii galtee ta’u hundumaa kabajuu qabu. Sababiinsaa qaamni dhimmi ilaallatu irratti falmee ofiif murteeffata malee dhaabbileen siyaasaa yookaan paartiileen jiran murteessuufii hindandaa’an.
Addunyaa keenyarratti hawaasni ce’umsa siyaasaa keessa darbe, kanneen wantoota addaa addaa irratti walii galuun danqe maree taasifatanii egereesaaniis ta’e kan dhalootasaanii jijjiiraniiru. Kaan ammoo ittiin miidhamaniiru.
Fakkeenyaaf biyyoota Afrikaa Lixaa keessaa hedduun bara 1990 keessa mootummaa abbaa irree jalaa gara mootummaa dimokraatawaatti ce’uuf mareewwan gara garaa geggeeffataniiru.
Isaan keessaa biyyoota muraasa yoo fudhanne kanneen akka Beniin, Toogoo, Koongoo Biraazaaviil, Niijer, Maalii, Zaayeriifi kkf., maqaa dha’uun nidandaa’ama. Biyyoonni gara garaa maree geggeeffachuun haala irratti waldhaban fooyyeffatanii tarkaanfii gaarii eegalaniiru. Akka biyya keenyaattis mareen qophaa’aa jiraachuun ni beekama.
Haa ta’u malee mareen kun kan dhaabbilee siyaasaa yookaan kan paartilee siyaasaa qofa jennee yaadna yoo ta’e sirrii miti. Isaan keessatti hirmaachuu nidanda’u. Ta’us abbaan dhimmaa sabicha. Abbaan dhimmaa isa kaleessa ittiin maatiifi fira isaa dhabeedha. Inni kun bor akka itti hinfufneef mareetu barbaachisa. Maree jijjiiramaa, mare egeree dhalootaa geeddaru, maree rakkoo har’aa seenaa taasisutu hawaasaaf barbaachisa. Isa kana irratti of qopheessuun, yaada namaa dhaggeeffachuun, yaada ofiis ibsuun murteessaadha.
Yeroo tokko tokko mareen akka biyyaalessaatti geggeeffamu kun erga kan dhaabbilee siyaasaa qofa miti ta’ee, ergaa dirree paartiileen siyaasaa qofti akka kanaan duraa keessatti wal ha’an qofa miti ta’ee attamitti geggeeffama jennee gaafachuu dandeenya.
Mareen biyyoolessaa yeroo geggeeffamu kanneen dagatamuu hinqabne nijiru. Hawaasni keessatti hirmaatee egeree isaa qajeelfachuun akkuma jirutti ta’ee kanneen armaan gadii garuu daran barbaachisoodha. Isaan keessaa muraasa maqaa dha’uun yoo barbaachise hangaafi hammattummaa marichaa irratti hojjechuun barbaachisaadha.
Fakkeenyaaf, mareen ta’u kun namoota attamiifi hangam guddachuu qaba kan jedhu duraan dursanii itti yaaduun barbaachisaadha. Namoonni barbaachisan, qaamoonni hawaasaa maree kana keessatti hammatamuu qaban akka keessaa hinhafne irratti hojjechuun gaarii ta’a.
Namoonni maree biyyaalessaa irratti hirmaatan yaada qajeelaa rakkoo jiru furuu irratti xiyyeeffateefi maniisaa egeree biyyaafi dhalootaarratti dhiibbaa gaarii geessisuuf kan kaayyeffate malee yeroo tokko tokko daandii ittiin fedhii dhuunfaa keenyaa fiixan baafannu yookaan caalanii argamuu qofaaf yeroo itti carraaqan miti.
Muuxannoon biyyoota ittiin milkaa’anii isa kana agarsiisa. Waan dhiisan qabu. Waan argatanis ammoo qabu; Tarkaanfii muraasa isa kaanitti deemuu gaafata. Inni kaanis akkasuma. Yoo akkas ta’u kaayyoon maree fiixaan ba’a. Wantoonni har’a agarru bor itti hinfufan. Isa kanaaf ammoo murteessaan paartilee siyaasaa miti, Abbaa dhimmaatu murteeffata. Abbaan dhimmaa ammoo saba bal’aadha.
Darbees aangoofi ga’ee maree biyyoolessaa irratti yaaduun barbaachisaadha. Fakkeenyaaf walitti dhufeenyi inni qaamolee kanneen akka mana maree (paarlaamaa), aangoo murtoo kennuu isaa, walitti dhufeenya mootummaa wajjin qabuufi kkf., adda baasanii beekuun barbaachisaadha. Inni ittaansuun of danda’ummaasaarratti yaaduun gaariidha. Of danda’ummaa (independence) yeroo jennu murtoon komishina kanaan dhiyaatu isa dhumaati moo qaamni ilaalee mirkaneessu nijira kan jedhu jechuudha.
Inni kun akka biyya keenyaatti waan rakkoo qabu hinfakkaatu. Sababiin isaa mootummaan seera qabeessi waan jiruufi gama kan biraan filannoon geggeeffames gaaffii hedduu waan qabu hinfakkaatu. Inni gudddaan garuu amanamummaafi iftoominaan geggeessuun barbaachisaadha. Namni waan garaasaatii sirriitti akka ibsuu danda’u, waan irratti mari’achuu qabu irratti akka mari’achuu danda’uufi daandii saaquun murteessaadha.
As keessatti dhaabbileen siyaasaas ga’ee qabu. Barbaachisummaa maree biyyaalessaa irratti walii galuun isaanii gaariidha. Duraan dursanii dhaabbileen siyaasaa ijoo ta’an seera adeemsasaarratti mari’achuufi waliigaluun gaariidha. Haa ta’u malee garuu kan mari’atu, abbaan murtiis hawaasicha. Abbaa dhimmaati.
Yoo akkas ta’u mareen ta’u kun hawaasa walii galaa kan hammatuufi qaamota hundumaa kan hirmaachisu ta’a. Egeree isaanii irratti walii galtee taasisuun murtoo gara fuula duraa akka qabaataniif nigargaara. Maniinsaa inni guddaan garuu hawaasa gidduutti walamantaa ijaaruun akka isaan rakkoosaanii bara dheeraa hiikkataniif isaan gargaara.
Wanti guddaa dagatamuu hinqabne marii biyyaalessaa keessatti walii galtee namoota hundumaa of keessatti qabate irra ga’uun hojii cimaa gaafata. Sababiinsaas akka biyya keenyaatti mareen ta’u wantoota ijoo ta’an garaagaraa irratti mari’achuun gara walii galteetti dhufuudha.
Isaan kunniin kanneen kanaan dura hawaasni irratti walii hingalleefi sababa jibbaafi loliisaa ta’aa turaniidha. Mareen daawaa dhibee kanaati. Xumura rakkoo kaleessaati. Tarii xumura jibbaafi waliigaltee dhabiisaati. Kanaaf garuu of qopheessuun murteessaadha.
Waliigalatti mareen walqixxummaatti ilaaluu gaafata. Yaada nama kan biraas dhaggeeffachuu barbaada. Wantoota gar-gar nama fageessan utuu hin ta’in yaada walitti nama fidan irratti xiyyeeffachuun rakkoo jiru hiikuuf yaaluu barbaada. Namoonni hunduu akka keessatti hirmaataniifi akka keessatti hammatamaniif gargaaruun murteessaadha.
Wantoota gaaffii dhalootatti ta’an, kanneen sababa rakkoo ta’an waliin furuuf duraan dursanii rakkoolee kana adda baafachuun ajandaa maree sirrii qabaachuun murteessaadha. Maree keessatti ammoo yaada namaa kabajuun kan ofiis seeraan ibsuun barbaachisaadha. Sababiin isaa namoonni addaa addaa yaada tokko qofa qabu utuu hinta’in yaada addaa addaa niqabaatu.
Yaada namoonni qaban kana kabajuun, kan ofiis seeraan ibsuun barbaachisaadha. Yoo akkas ta’e jijjiirama yaadameef fida. Rakkoo mul’atu hiikuuf humna qabaata. Nagaa amansiisaa fida. Burqaa rakkoo keenya har’aa gogsa. Milkaa’uusaarratti hojjechuun ga’ee namoota hundaati.
Doktar Zarihun Gabree
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 3 Bara 2014