Israa’el Beellamaa: Ogeessa ammaafi abdii egeree biyyaa, jaalalli teknolojiifi waa kalaquu daa’imummaa hanga injiinarummaatti wajjin qaari’e

Daa’imummaasaatti oggaa namoonni bilbilaan shiboo qabuun haasa’an arga. Gaaffiin, “Sagaleen akkamitti shiboo qal’oodhaan keessa darba?” sammuusaa keessaa deddeebi’a. Baasee buusee iccitii cimaa kana bira ga’uufis murteessa.

Meeshaalee na barbaachisa jedhes naannawumasaanii funaanuu eegale. Xaasaa akka harkiftuu sagaleetti fayyadamees dhoqqeerraa ijjataa bilbilaa hojjete.

Bilbilli yaaliisaa kalaqaa kan jalqabaa miti. Yeroo hunda waantota haaraa kalaquuf yaaduurraa duubatti hinjedhu. Amallisaa daa’imummaa qabe isa wajjin ture kun ogummaa injinarummaatti akka makamuuf akka isa taasises ni hima. Dargaggeessi kun waggoota muraasa duras sagantaa dorgommii kalaqaa televizhinii Itoophiyaarratti dhiyaaturrattis dhiyaachuun kalaqasaa kanaan dinqisiifannaa olaanaa gonfatee ture.

Gama biraatiin magaalaa xiqqoo keessatti, umrii xiqqootti, hubannoofi yaadota xixiqqoon jalqabee gara gubbaa gaaraatti, fedhiin ganamaan onnee daa’ima xiqqaa tokkoo keessatti uumamtee hanga waltajjiiwwan addunyaatti fullaate.

Daa’ima yeroo hiriyyoonnisaa tapha mi’ooftuu umrii sanaa dhandhamatan inni immoo rakkoo gandasaa furuuf dhama’aa ture, nama rakkoo fure. Nama umrii 12tti manasaaniirraa eegalee ollaasaanii bilbilaan walqunnamsiisee, daa’ima, yeroo daa’imni qe’ee jeeqxutti qe’ee midhagsee mandaricha badhaase. Daa’ima cimaa qalbii qabu.

Daa’ima haala kanaan ka’etu har’a abbaa kalaqaa sadarkaa addunyaatti beekamuu ta’e. Gurbaa mandara xiqqoo Tuulamaatti dhalatetu har’a ogummaa waan faranjii qofaaf kenname fakkaatu dhuunfatee hanga dhaabbata hawaa guddicha ‘NASA’ keessa hojjachuutti ga’e.

Namni magaalattii xiggoo jijjiirama guddaa biyya kanatti dhufeef sababa taatetti /Ginci/ tti dhalatee ogummaa addummaa akka addunyaatti murteessaa ta’e horate Injiinar Israa’el Beellamaa keessummaa Bariisaa maxxansa kanaati.

Bariisaa: Gaaffiifi deebii keenyaaf eeyyamamaa ta’uu keetiif galatoomi, mee iddoo itti dhalatte nuu ibsi?

Injiinar Israa’el: Isinis keessummaa nagodhachuu keessaniif galatoomaa. Ani kan dhaladhe Shawaa Lixaa, Magaalaa Ginciitti. Barnoota sadarkaa duraafi lammaffaas achumattin baradhe. Garuu osoon barnoota sadarkaa lammataa hinxumuriin Finfinnee dhufee barnooticha ittifufe.

Osoo kutaa kudhanaffaa baradhuu kubbaaniyyaan Itiyoo Telekoom iskoolaarshiippii naa kennee akkan achitti baradhu na taasise.

Bariisaa: Iskoolaarshiippii argatteen maal hojjatte?

Injiinar Israa’el: Ani ijoollummaa kootii kaasee wantoota teknolojiidhaan walqabanirratti hojjachuuf fedhiis ta’e dandeettii waanin qubuuf umrii koo 12 irraa eegalee kalaqa bilbilaafi wantoota elektironiksii kanneen biroorratti hojjachaan ture. Teleenis wantootuma teknolojii qunnamtii ani hojjachaa jiru kanarraa ka’ee carraa kana naa kenne.

Keesattuu wanti akkan carraa kana argadhu nataasise moobaayilii mandara tokko keessatti ittifayyadaman mana keenyarraa ka’uudhaan ollaa walgeessee achumaan immoo mana barnootaa itti barachaa jirutti babal’isuu kooti.

Bariisaa: Teletti barnoota adda kutte baratta moo waan biraati ?

Injiinar Israa’el: Teleen yeroo sanatti giddugala leenjiisaa guddicha keessatti barattoota injinariingiin yunversitoota gara garaarraa eebbifamaniif leenjii teknolojii qunnamtii kennaa ture. Ani garuu akka warra kaanii nama barnoota xumuree eebbifame ta’uu baadhus fedhiifi ogummaa kalaqaa achirratti qaburraa ka’anii akka ani jara waliin leenjii sana fudhadhu na taasisan.

Kana jechuun garuu barnoota koo isan adda kutee dhufe ittidhiise jechuu miti. Gama tokkoon leenjii teleen naa kennu hordofaa, gama kaaniin immoo barnoota koo fageenyaan barachuu ittifufe.

Kanaaf kutaa 11ffaafi 12ffaa barnoota fagootiin baradhee xumure jechuudha. Akaakuun leenjii guguddoon yeroo sana teleetti leenjine waa’eedhuma mobaayil tiranismishiiniifi daataa tiraanismiishiinii fa’arratti kan xiyyeeffatu ture.

Bariisaa: Leenjii telee booda hoo achumatti hojii eegalte moo barnoota biraatiif gara biraa imalte?

Injiinar Israa’el: Osoman teleetti leenjii fudhachaa jiruu wantoota biroos cinatti dalagaan ture. Pirojektota hedduus qaban ture. Bilbila ummataa saantimaan dalagu inni teleen magaalota gara garaa keessatti dhaabee ummanni ittifayyadamaa tures kan hojjenne yeroma sanatti ture.

Barumsakoo idilees utuman achi jiruu barnoota fagootiin xumuree carraa yunversiitii galuu argadhe. Haaluma kanaan damee barnoota kompiyuutar Injinariingiitiin Yunversiitii Jimmaatti barachuuf jechuudha.

Garuu carraa barnootaa Yunversiitii Jimmaatti barachuuf argadhetti fayyadamuu hindandeenye ture. Sababnisaas osoo ani gara Jimmaatti imalee barnoota hordofuuf jedhuu yaadni haaraan dhufe. Innis yeroo sanatti ‘INSA’n akka hundeeffamuuf murtaa’ee koreen dhaabbata sana hundeessus hundaa’ee ture. Akkan korichatti dabalamee isaan gargaaru nagaafatan.

Otoon barumsa yunversiitiis addaan hinkutiin akkan Finfinneetti baradhu haala mijeessan. Anis haaluma kanaan carraa Yunversiitii Jimmaatti barachuuf argadhee ture dhiisee Finfinnee, Kolleejjii Teknolojii Maaykiroo Liinki jedhamutti barnoota koo digrii jalqabaa barachaa hojii waajjira haaraa ‘INSA’ hundeessuutti dabalame jechuudha. Kanaaf warroota waajjira ‘INSA’ hundeessan keessa ani nama tokko jechuudha.

Bariisaa: Ministirri Muummeen Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmadis warreen yeroo sana dhaabbata INSA hundeessan keessa waan turaniif waliin turtan jechuudhaa?

Injiinar Israa’el: Eeyyee. Sirritti walbeeknas. Akka carraa ta’ee namni yeroo ani yunversiitii Jimmaatti barachuuf jedhu dhiisee akkan namoota waajjira haaraa sana hundeessuuf gurmaa’anitti dabalamu kan nagaafate Doktar Abiyyi.

“Asumatti siguddifna, carraa baay’ee sii uumna. Dhaabbata haaraa uumuuf yaadamaa jiru kana keessattis wanti sirraa eegamu guddaa waan ta’eef asumatti barachaa nu waliin hojjachuu qabda” jedhanii na amansiisan.

Akkuma jalqabatti sii kaasuuf yaale ani ijoollummaa koorraa eegalee damee teknoloojiirratti waanin fedhii addaa qabuuf hubannoon ani yeroorraa yerootti damee kanarratti qabus dabalaa dhufuusaatiin pirojektota teknolojii kanaan walqabatan hedduu boceera.

Kanaaf Doktar Abiyyis hojiin ani yeroo hedduu hojjachaa jiru kun kallattiidhaan hojima waajjira haaraa sanaan walfakkatu waan ta’eef shoora guddaa akka ani achi keessatti taphachuu danda’u natti himnaan akkan isaanitti dabalamu nataasiseera.

Haala kanaan barnoota koos asuma, kolleejjii dhuunfaa Maaykiroo Liinkitti barachaa hojii koos waajjira haaraa INSAtti yemmuu hojii eegalus daarekterri kutaa hojii kiyyaa Doktar Abiyyuma turan.

Bariisaa: INSA keessa waggaa meeqa hojjatte?

Injiinar Israa’el: Yeroo hundeeffamuu kaasee walittaansuudhaan waggoota sadiif INSA keessa hojjedhara. Utuman achi keessa hojjadhuu barnoota koos waanin ittifufeef digrii jalqabaatiin eebbifameera.

Yeroon booda immoo waan biraa yaade. Innis teknolojii Oromiyaatti babal’isuun barbaachisaa akka ta’eefi gaggeessaan tajaajila si’ataa akka kennuufi ummannis tajaajila fooyya’aa akka argatuuf pirojektii ‘ICT’ oromiyaa keesatti babal’isuuf nu gargaaru tokko uumnee hojiitti galle.

Kunis waajjiraaleen naannichaa hojiilee babal’inaafi diriirsa ICT wajjin walqabatan bal’inaan akka hojjatamu taasisee ture.

Hojiiwwan diriirsa interneetiifi networkii akkasumas hojiilee teknololojii qunamtii odeeffannoo duraan mootummaan dhaabbilee dhuunfaatiin hojjachiisaafi maallaqa olaanaa irratti baasaa ture nuti waajjiraaleedhuma naannichaatiin akka hojjatamu taasifne.

Dabalataanis Oromiyaa guutuurraa ogeeyyota damee kanatti dhiheenya qaban walitti fidnee leenjiiwwan gara garaatiin hubannoofi dandeettiinsaanii akka cimu taasifnee hojiitti bobbaafne.

Ijoollee dandeettii kalaqaa qaban naannicha keessaa walitti qabnee giddugala qorannoo tokko hundeessuu dandeenyeerra. Haala waliigalaatiin yemmuu ilaalamu waggoota sadeen Oromiyaa keessatti hojjachaa turretti ce’umsa hojiilee bifa baratamaafi boodatti hafaarraa gara ammayyaafi teknolojiitti gargaaramuutti taasifamuuf bu’uura keenyee bu’uura buusne.

‘Meetingi Kaabinet siistemii’ yeroo ammaa pirezidaantiin Naannoo Oromiyaa, Obbo Shimallis Abdiisaa ittifayyadamaa jiranis natu hojjate.

Bariisaa: Hojiin gaafas Oromiyaarratti eegaltan sun ittifufemoo ni dhaabbate?

Injiinar Israa’el: Ittihinfufne. Yeroon booda akka dhaabbatu taasifame. Kanaan walqabatee ilaalchota garaa garaatu ture. Isaan keessaa inni guddaan hojiin akkasii sadarkaa federaalaatti malee naannoorratti hojjatamuu hinqabu kan jedhuudha. Kanaaf anis sana booda gara biyya alaatti qajeele.

Bariisaa: Biyya alaatti kan imalte hojiif moo barnootaafi?

Injiinar Israa’el: Akka carraa ta’ee ani yeroman INSA keessa dalagaa tures ta’e Oromiyaatti dalaguuyyu gara biyya alaatti deddeebi’aan ture; haaluma hojii kiyyaatiin walqabatee jechuudha.

Yeroo barachaa tures ta’e yemmuun iddoo tokko hojjadhu cinaatti qorannoofi pirojektota gara garaa bocuu addaan kutee hinbeeku. Hojiiwwan kalaqaa kanneen waltajjiiwwan sadarkaa Afrikaattis ta’e addunyaatti uumamanirratti hirmaachuun agarsiisaaf dhiheessaan ture.

Haaluma kanaan biyyoota akka Morokoo, Ikuwaatoriyaal Giinii, Israa’eliifi biyyoota Awurooppaa birootti kalaqa koo agarsiiseera.

Boodarra garuu kanin deemee achumaan hafe isa Ameerikaati. Waltajjii kalaqa koo irratti agarsiifadhu argadhee yemmuu Ameerikaatti imalu achumaan carraa barnootaa iskoolaarshiippii argadhe barachuu eegale.

Carraa biyyoota hedduurra naanna’ee hojiikoo agarsiifachuuf na dandeessisan kanin argadhe dhaabbilee guguddoo akka Mootummoota Gamtoomaniifi Gamtaa Afrikaa waliin hojjachuudhaani.

Dhaabbilee kanneen wajjin hojjachuun faayidaalee hedduu kan qabu ta’us, hojii kalaqaa koo biyyoota gara garaatti imalee akkan agarsiifadhuuf na gargaareera.

Bariisaa: Ameerikatti maal baratte?

Israa’el: Akkuman irra deddeebi’ee itti himetti ani durumarraa kaasee wanti keessoo koo jiru waanuma teknolojii dameensaa bal’aa ta’e kana. Kanaaf Ameerikaatti digrii 2ffaa koo kanin hojjadhe Saayibar sekuriitiidhaani. Kanaaf gama kanaan ispeeshaalizdi godheera jechuun ni danda’ama.

Barnoota koo kana ergan waggoota sadiif baradhee booda barumsicha tumuree akkuman eebbifameen waggoota afuriif achuma, Ameerikaatti erga pirojektota gara garaa keessa hojjadhee waliigalaan turtii waggoota torbaan booda gara Itoophiyaatti deebi’e jechuudha.

Briisaa: Amma hoo erga Ameerikaa deebitee maalirra jirta?

Injiinar Israa’el: Amma ergan alaa dhufeen hojima dur osoo biyya jiruu yaadaa tureefi hojjachuuf garuu rakkoowwan gara garaa gufuu natti ta’aa turanirratti xiyyaaffadheeti.

Hojiin keessoo kootti yaadu hunda dalaguuf wantoota gufuu natti ta’aa turan keessaa inni guddaan maallaqa. Kanaaf carraan alatti argadheen hamma tokko waanin ittiin dalagu waanin horadheef hojjachuudhaaf maallaqni sababa natti ta’uu hindanda’u jechuudha.

Hojiin amma hojjachuuf yaalaa jirru caalatti haala dargaggoonni baratanii carraa hojii dhaban leenjii gahaa argatanii hojiitti akka bobba’an gochuudha. Uwwisaafi babal’ina teknolojii biyyattiirrattis fooyya’iinsi akka dhufus hojjachuudha.

Kanaaf immoo yeroo ammaa dhaabbata ‘Itiyoo-Innovation center’ jedhamu hundeessinee hojii galleerra. Dhabbata kanatti leenjiiwwan teknolojiin walqabataniifi qorannoowwan ni gaggeeffamu.

Dabalataanis dargaggoota damee teknolojii kanaan baratanii carraa hojii dhaban leenjisuudhaan carraa hojii mataasaanii akka uummatan kan taasisuudha.

Yeroon Ameerikaa turetti pirojetota gara garaa keessatti hirmaadhee hojjachaa ture. Pirojektii naasaan ‘out source’ godhe ture keessattis hirmaachuuf carraa argadheedha. yeroo sanatti gama networkiingii, saayibariifi teknolojiiwwan gara garaarratti waanin dalagaa tureef muuxannoofi ogummaa hedduu argadheera.

Dhaabbanni amma biyya kanatti hundeessine gara fuula duraatti dhawaata dhawaataan gara dhaabbata guddaa giddugala ce’umsa teknolojii biyya kanaa ta’u shakkii hinqabu. Hojii kana hunda yemmuu hojjannutti garuu namnis ta’e dhaabbanni na gargaaru tokkollee hinjiru. Mootummaanis akkasuma. Kanaaf hojii kana beekumsaanis ta’e deeggarsa maallaqaatiin anumatu of utuba jechuudha.

Bariisaa: Hojii kana waan hundaan kophaa kee utubuun sitti hinulfaatuu? Akka dura jettetti immoo gara fuula duraatti dhaabbata guddaa akka ta’u babdatama waan ta’eef?

Injiinar Israa’el: Akkuma duraan sii kaasuuf yaale hojii koo isan Ameerikaatti dalagaa ture ammas ittifufeera. Pirojektota gara garaa achitti dalagaa yeroo kaan immoo maallaqa achii argadheen hojii kana gaggeessa. Ammatti tajaajilli leenjii nuti dargaggootaaf kennuuf jirru kanfaltii bilisaani.

Dhaabbileen gara garaa garuu hojiiwwan diriirsaafi babal’ina informeeshiin komunikeeshiin teknoolojii kanarratti akka hojjannuuf nu gaafatan kanfaltii raawwachuu ni danda’u. Garuu leenjitootarraa kanfaltiin fudhatamu hinjiraatu.

Bariisaa: Hojiiwwan kalaqaa hanga ammaatti hojjatteen badhaasota meeqa argatte?

Injiinar Israa’el: Hojiiwwan kalaqaa hanga ammatti hojjadheen akkuma dura sitti himetti dhaabbilee guguddoo keessattuu Gamtaa Afrikaa wajjin walitti dhihaadhee hojjachuunkoo hojiin koo akka beekamu taasisuu keessatti shoora olaanaa taphateera.

Carraa haala kanaafi kan biraatiin uumameen hanga ammaatti badhaasota 36fi paatantii sadii qaba. Paatantiin kun hojii addaa sni kalaqe, kan beekamtiin abbaan kalaqaa kanneenii ana ta’uusaaniitiin maqaakootiin galmaa’an jechuudha.

Kun immoo hojiiwwan kanaan booda hojjachuuf yaaduuf akka carraa guddaatti na gargaaru. Keessattuu eebbifamtootni damee teknolojii giddugala keenya dhufanii leenji’uudhaan softiweerota haaraa ‘develep’ ykn uumuudhaan gama dijitaaliiyzeeshiiniitiin biyya kanatti jijjiiramni akka dhufuuf ni hojjanna.

Hojiin biyya kanatti hojjatamu ammas waraqaarraa adda bahuu hindandenye. Kanaaf teknolojiitti fayyadamuudhaan qisaama kama kanaan jiran hambisuu qofa osoo hintaane teknolojitti gargaaramuudhaan hojii kamuu hojjachuun akka danda’amu qabatamaan ummataafi mootummaafis ni agarsiifna.

Bariisaa: Biyyoota kaan wajjin oggaa madaalamu jalqabbii teknolojii Itoophiyaa akkamitti hubatte?

Injiinar Israa’el: Dhugaa dubbachuuf sadarkaa teknolojiin yeroo ammaa akka addunyaatti irra ga’e yemmuu ilaallu Itoophiyaan hedduu dubaatti hafteerti jechuun ni danda’ama. Garaagarummaan gama teknolojiitiin jirus samiifi lafa. Waanti si ajaa’ibu Itoophiyaan osoo teknolojiitti sirriitti fayyadamuu eegaltee rakkoon hojidhabdummaa hangana hinbaay’atu ture.

Kana jechuun garuu sammuun ijoollee biyya kanaa teknolojiidhaaf hinta’u jechuu miti. Osoo bu’uurri teknolojii bal’aafi iddoon ijoolleen irratti waan hunda guuttattee ittileenjitu jiraatee, ijoolleen biyya kanaa faranjiirra kalaqoota gara garaa uumuu akka danda’an shakkii tokkollee hinqabu.

Teknolojii kana siyaasarraa adda baasanii xiyyeeffannoo addaatiin namni hubannoofi beekumsasaatiin baheen hamma hinhoggamnetti rakkoo kana furuun ulfaataadha.

Ani yeroo as turetti nan beeka. Kan biraa dhiisii ministeeruma saayinsiifi teknoolojii jedhamu kan hogganaa ture nama siyaasaan muudame malee dhimmacharratti ogummaa qabuufi waa’eesaa barate hinturre.

Yeroo hedduu namni ministira jedhamee iddoo sana kaa’ame Doktar, Pirofeesara jedhameef ogummaa sana qaba jechuun hindanda’amu. Damee biraatiin digrii 3ffaa qabaatus hanga bu’uurrisaa teknolojiidhaan hintaanettiifi jalqabumarraa damee kanarratti fedhiifi dandeettii gahaa hinhorannetti saayinsiifi teknolojii hogganee bu’aa gaarii fiduu hindanda’u.

Bariisaa: Gara fuula duraatti karoorri biyya kanatti hojjachuuf qabdu maali?

Injiinar Israa’el: Kana booda hojiin teknolojii ani irratti xiyyeeffachuuf yaadaa jiru kan qonnaan bulaarratti xiyyeeffatuudha. Akka biyyaattis ta’e naannootti irra jireessi jireenya madda jiruufi jireenya namoota hedduu kan ta’e qonna. Ummata biyya kanaa keessaa dhibbantaan 85 qonnaan bulaa bakka ta’etti namni biyya kana geeddaruuf yaadu kamuu kan xiyyeeffachuu qabu asirratti ta’uu qaba.

Kanaaf anis kanaan booda hojii teknolojii qonnaan bulaa giddugaleessa godhate hojjachuuf karoora guddaa qaba. Keessattuu qonna ammayyaa, jallisiitti akka fayyadamuufi jallisiitti gargaaramuu qofa osoo hintaane, yeroo kam bishaan akka obaasu, qoricha akka afuufufi hojiiwwan hunda bilbila harkaatti fayyadamuun akka hojjatu taasisuudha.

Kana jechuun fakkeenyaaf biqiltuun sun har’a bishaan dhuguu qaba yoo ta’e gama bilbila mobaayiliitiin ergaan “bishaan obaasi” jedhu akka itti ergamu taasisuufaa kan dabalatuudha.

Kanaaf hojiin qonnaan bulaa gargaaruu hojii biyya gargaaruu waan ta’eef xiyyeeffannoon inni guddaan achirratti.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 3 Bara 2014

Recommended For You