“Ispoortii biyyaa rogawwan maraan guddisuuf ga’een dubartootaa olaanaadha” – Dubaree Saamiyaa Abdallaa

Asallaa: Ispoortiin hawaasa tokko keessatti jaalalaafi walittidhufeenyi gaariin akka uumamu, aadaan walkabajuu akka cimu gochuu keessatti iddoo guddaa qaba. Akkasumaas misoomaafi guddina si’aayaa ittifuufinsa qabu mirkaneessuu keessattis ga’eensaa olaanaadha.

Kanaan walqabatee bu’aalee misoomaafi guddina dubartootaa, akkasumas dhimmoota fayyadamummaasaanii mirkaneessaniif xiyyeeffannaa kennuudhaan barana yeroo 5ffaaf hirmaannaa ummataafi mootummaatiin deeggaramee shaampiyoonaan ispoortii dubartoota Oromiyaa Magaalaa Asallaatti gaggeeffamaa jira.

Shaampiyoonichi Asallaatti Dilbata darbe yoommu banamu ittigaafatamtun Biiroo Dargaggootaafi Ispoortii Oromiyaa Dubree Saamiyaa Abdallaa akka ibsitetti, ispoortiin biyya keenya beeksisuu keessatti ga’een dubartootaa iddoo olaanaa qaba. Biyyaa keenya addunyaarratti sadarkaa olaanaadhaan injifannoo biyya keenyaa ittifufsiisuu keessattis ga’ee guddaa ba’achaa jiru.

Injifannoon atileetota kanneen dhufe carraa walqixa argataniin osoo hinta’iin haala mijataa hintaane keessatti. Kunis sababoota adda addaa qabaatus ka’umsi hundaa hubannoo ykn beekumsa.

Kanaaf waltajjiin akkanaa carraa guddaa uuma. Sochii guddaa sadarkaa sadarkaadhaan uumuun xiyyeeffannoo guddaan dubartootaaf akka kennamu taasisuun, hirmaannaa dubartoonni ispoortii keessatti qaban dagaagsuudhaan olaantummaa naannoo keenyaa ittifufsiisuun dhimma filannoof dhiyaatu akka hintaanes eerteetti.

Dubartoonni Oromiyaa misooma ispoortiirraa kallattiin fayyadamoo akka ta’aniif Biiroon Dargaggootaafi Ispoortii Oromiyaa xiyyeeffannoo guddaan hojjetaa akka jirus Dubree Saamiyaan dubbatteetti.

Guddina ispoortiif bu’uura guddaafi ummataawaa ta’ee haala ittifufiinsa qabuun ykn dhaabbataan guddisuuf hojiin ispoortii dubartootaarratti hojjetamu ga’ee maaliinuu bakka bu’uu hindandeenye qaba. Biiroonsaaniis hojiirra oolmaa karoora misooma ispoortii dubartootaatiif hojii bal’aa hojjetaa jirachuu ibsiteetti.

Keessumaa akaakuuwwan ispoortii hundaan gareen dubartootaa akka jiraatu taasisuun hirmaannaansaanii akka jiraatuuf hojii bal’aan hojjetamaa jira.

Karaa biraatiin liigii dubartootaa kubbaa miilaa piroojektoota keessatti qixa akka hammataman taasisuufi Akkaadaamiifi giddugala leenjii ispoortii keessatti carraa akka argataniif hojii bal’aan hojjetamaa jiraachuus dubbatteetti.

Guddinaafi misooma dorgommii ispoortii dubartoota Oromiyaaf ga’ee olaanas kan gumaachan ispoortessitoota ciccimoo naannoo bakka bu’an kanitti calalaman akka ta’u abdii guddaan qaba jetteetti.

Ispoortii biyyaa rogawwan maraan guddisuuf ga’een dubartootaa olaanaa ta’uu kan ibsitu Dubree Saamiyaan, ispoorteessitoota shaampiyoonaa kanarraa qabxii olaanaa fidan Oromiyaa bakka bu’uudhaan shaampiyoonaa dubartootaa sadarkaa biyyaatti barana gaggeeffamurratti akka hirmaatan himteetti.

Akaakuuwwan ispoortii 10n guyyoota 12f kan turu shaampiyoonaan kun, hojjettoota dubartoota sektaroota saddeetii, godinaalee 12fi magaalonni 11 akkasumas giddugala leenjii kubbaa miilaa Amboorraa ispoorteessitoonni kumni tokkoofi 18 hirmaachaa jiru.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 3 Bara 2014

Recommended For You