Imaammata Waldaa Hojii Gamtaa: Rakkoo sirna gabaa hiikuuf

Mootummaan Itoophiyaa karoora dinagdee hiyyummaa hir’isuun badhaadhina sadarkaa maatiitti mirkaneessuu qabatee hojjetaa jiraachuunsaa nii beekama. Kun akka milkaa’uufis keessumaa imaammatawwan biyyaalessaa qopheessuun, ummata imaammaticha hojiitti hiiku kakaasuufi dadammaqsuun akkasumas, qaama dhimmicha kallattiin irratti hojjetu caasessuun hojii bal’aan hojjetamaa jira.

Sektaroota hojii dinagdee si’eessan keessaa waldaaleen hojii gamtaa isaan tokko. Guddina biyyaa ittifufsiisuuf rakkoo hawaasummaa miseensotasaanii gama hiikuutiin akkasumas, fayyadamummaa mirkaneessuutiin cinaatti gaheefi hirmaannaan isaan guddina dinagdee biyyaa keessatti qaban dabalaa dhufeera.

Waldaaleen hojii gamtaas ummanni magaalaafi baadiyyaa jiraatu qabeenya naannawaasaa jiru bu’uura godhachuun rakkoolee hawaas-dinagdeesaa akka hiikkatuuf sadarkaa federaalaarraa hanga naannootti hundaa’uun hojii bal’aa hojjechaa jiraachuusaati Komishinarri Komishinii Waldaa Hojii Gamtaa Fire’aalam Shibaabbaawu tibbana watajjii qorannoo raawwii ji’oota ja’aa Adaamaatti taasifamerratti kan ibsan.

Waldaalee hojii gamtaa sadarkaafi akaakuu gargaraatiin gurmeessuu, cimsuufi ammayyeessuu akkasumas, hirmaannaafi qooda sirna gabaa keessatti qaban sadarkaa biyya keessaafi alaatiin guddisuu, bu’a qabeessummaa indastiriiwwan agiroo pirosasiingii guddisuu, qusannaafi invastimantii dabaluu, seerqabeessummaafi nageenyasaanii eeguu, waldaalee hojii gamtaa fayyadamummaa miseensotasaanii mirkaneessan uumuun hojii ijoo komishinichi hojjetu ta’uus ni kaasu.

Bara 2014tti haala addaan hojjechuuf kallattii taa’een karoorri hordooffiifi deeggarsa hoggansa olaanaatiin qophaa’ee, kan waggaa 10, shaniifi kan bara 2014 qophaa’ee raawwattoonni hundi qorataniifi irratti mari’atanii hojiitti seenuu eeranii, karoorri qophaa’ees imaamatawwan, tarsiimoowwan, labsiiwwaniifi dambiiwwan biyya keessaa bu’uureffatee qopheeffamuu dubbatu.

Akka ibsa komishinarittitti, hojii hanga yoonaa hojjatameen waldaalee hojii gamtaa bu’uuraa kuma 99fi 545 ijaaruun miseensoota miliyoona 24.4 ol horachuun danda’ameera. Akkasumas yuniyeenoota 393, waldaalee hojii gamtaa miseensa yuniyeenii ta’an kuma 19fi 752fi federeshinoota waldaa hojii gamtaa shan hundeessuun danda’ameera. Kanaanis kaappitaala qarshii biliyoona 31.7 horachuun, qusannaafi kaappitaalarraa qarshii biliyoona 25.4 sassaabuun danda’ameera.

Miseensonni tajaajila fooyya’aa kennuudhaan fayyadamummaasaaniis mirkaneeffachuu eegaluusaanii kan himan Komishinar Fire’aalam, fedhiin gurmaa’uufi miseensa ta’uus yeroodhaa gara yerootti dabalaa dhufuusaa himu. Damicha keessatti keessumaa fayyadamummaan dubartootaafi dargaggootaa dabalaa dhufuufi hariiroon waliin hojjechuufi muuxannoo waljijjiiruu naannolees dabaluu eeru.

Waldaaleen hojii gamtaa gabaa biyya keessaafi biyya alaarratti hirmaachuun hojii bal’aa kan hojjetan yoo ta’u, akka agarsiisaattis, bara 2014tti gabaa biyya keessaattif omisha toonii miliyoona 1.6 dhiheessuuf karoorfame keessaa, kurmaana tokkoffaatiin kuntaala kuma 756 dhiheessuuf karoorfame keessaa kuntaala kuma 440 (%57) dhiheessuun danda’amuusaa himu. Kunis hamma yaadameen gadi kan ta’eef waldaaleen hojii gamtaa sadarkaa sadarkaarra jiran ragaa gabaa seeraan galameessanii qabachuu dhabuusaaniitiini jedhu.

Gama gabaa biyya alaatiinis buna, midhaanota quyyisaafi dheedhii tooniidhaan kurmaanatti kuma 13fi 500 dhiheessuuf yaadamee toonii kuma ja’aafi 713 (%49) dhihaateera. Kanarraas galii doolaara miliyoona 75.7 argachuuf yaadamee miliyoona 30.2 (%41) argamuu himu.

Hojiin qusannaafi invastimantii maallaqaa babal’isuutiin karooraa ol hojjetamuusaa eeranii, bu’uura kanaan gama qusannaatiin hamma qusannaa miseensotaa ji’oottan ja’an darbanii qarshii biliyoona 1.3n ga’uuf karoorfamee, qarshii biliyoona 1.8n ga’uu danda’ameera.

Liqaa kennuun walqabatees ji’oota ja’an darban qarshii biliyoona 1.3 liqii kennuuf yaadamee qarshii biliyoona 2.3 kennamuusaa addeessu. Gama kanaan ammoo Naannoleen Oromiyaafi Amaaraa akkasumas, Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee raawwii gaarii akka qabanis ni kaasu.

Waldaaleen hojii gamtaa kunneen gama gabaa tasgabbeessuutiin hojii gaarii hojjechuusaanii kan himan Komishinar Fire’aalam, keessumaa Magaalaa Finfinneetti gabaa sanbataafi Oro-Fireesh waliin hojii hojjetameen miseensoota waldichaa qofa osoo hintaane ummannillee fayyadameera jedhu. Kunis, ummanni gatii madaalawaadhaan omisha barbaadu akka argatu, miseensoonni waldaaleemmoo kanaan dura faddaalaan gidduutti fayyadamuun waan argachuu qaban akka hinarganne isaan taasise sana kan hambiseedha jedhu.

Hojiin kun fuulduratti cimee kan itti fufu ta’uu kaasanii, ta’us kun furmaata waaraa waan hintaaneef, keessumaa gama galii lammiilee guddisuufi omishaafi omishtummaa dabaluutiin xiyyeeffannaadhaan hojjechuu akka barbaachisu dubbatu. Kana malees imaammanni sirrii qonnaan bulaa dafqee ifaajuuf gatii humnasaa kennisiisuu danda’u hamma hinijiraanneetti rakkooleen damichaa hiikkachuu akka hindandeenye kaasu.

Kanaafis qorannoon taasifamaa jiraachuu himanii, qaamoleen dhimmichi ilaallatu hundi keessumaa miidiyaan kanarratti hojii bal’aa hojjechuun akka irra jiru hubachiisa.

Akka Oromiyaatti waldaaleen hojii gamtaa bu’uuraa kuma 21fi 902 kan jiran yoo ta’u, kannaen keessaa 284 kanneen ji’oottan ja’aan darban hundaa’an ta’uudha Ittigaafatamtuun Ejensii Babal’ina Waldaa Hojii Gamtaa Oromiyaa Aadde Masarat Asaffaa kan ibsan. Akkasumas, yuniyeenota 120fi federeeshiniin tokkos hojii keessa kan jiru yoo ta’u akka waliigalaatti miseensonni waldaa hojii gamtaa naannichaa miliyoona 9.8 ta’uu ibsu.

Kaappitaalli waliigalaas qarshii biliyoona 9.2 yoo ta’u, bara kana qofa qarshii miliyoona 767 horachuusaanii eeranii, qusannaansaaniis qarshii biliyoona 6.2 qaqqabuufi bara bajataa kanattis qarshiin miliyoona 700 ol liqaarraa sassaabamuu dubbatu.

Gama omisha gabaa biyya alaafi keessaaf dhiheessuutiin hojiin hojjetame gaarii ta’uu kaasanii, keessumaa haala qabatamaa yeroo waliin hojiin gabaa tasgabbeessuu biyya keessatti raawwatame abdachiisaa ta’uu eeru.

Gabaa sanbataafi Oro-Fireesh wajjin walqabatee Finfinneefi magaalota biroo keessatti sochii gaariin mul’achuufi gama kanaan fayyaadamummaan miseensotaafi shamattootaa dabaluu dubbatu.

Finfinneetti bakkeewwan sadii filatamaniitti yuniyeenonni waldaa hojii gamtaa 26 ta’an omishasaanii dhiheessaa jiraachuu himanii, gama kanaan ummanni akka adda hincinne gaafachaa jiraachuullee ni kaasu.

Akka naannichaatti ji’oota ja’an darban hojiin waldaalee cimsuu, babal’isuu, nageenyasaanii eegsisuufi bu’aaqabeessa taasisuuf hojjetamaa turuu eeranii, gama kanaan hojii gaariin galmaa’uu dubbatu.

Hojii agiroo piroosasingiitiin omishatti sona dabaluun gabaaf dhiheessuun walqabatee boqqolloo, qamadiifi garbuu biiraarratti hojii bal’aan hojjetamuu kaasu. Makaanaayizeeshiniin walqabatees kilaastaraan qonna ammayyeessuuf, keessumaa qamadii bonaarratti hojii jajjabeessaan hojjetameera jedhu.

Hojiileen akka milkaa’inaatti hojjetaman akkuma jiranitti ta’ee sababa rakkoo nageenyaafi hongeetiin walqabatee humna guutuun hojjetamaa akka hinjirre kan himan Aadde Masarat, fuulduratti dhimma xiyyeeffannaadhaan ittiin hojjetamuu qabu ta’uus ni kaasu. Akkasumas gama agroo pirosasiingiitiin keessumaa qamadiirratti humna guutuun hojjetamaa kan hinjirre ta’uufi kanas furuuf qamadii jal’isiidhaan omishamaa jiru sassaabuun dursi agiroo piroosasiingiif akka kennamu kallattiin taa’uu eeru.

Hojii makaanaayizeeshinii wajjin walqabatees hojichi dhiheenya kan eegale waan ta’eef ammayyeessuufi hoggansa geesisuurratti hojii bal’aan akka hafuufi ogeessoonni leenji’an damicharratti baay’achuu akka qaban dubbatu.

“Akka waliigalaatti garuu rakkooleen damee waldaa hojii gamtaarratti mul’atan kanneen imaammataan deebi’aniidha. Biyya keenyatti imaammanni damichaa dhabamuun seektarichi rakkoo keessaa akka hinbaaneefi inni fayyadamuu qabu akka hinfayyadamne taasisaa jira. Akkuma barnoonni, fayyaaniifi kkfn imaammata qaban; kunis qabaachuu qaba.

Utuu imaammanni waldaa hojii gamtaa jiraatee sirni gabaa tasgabbaa’ee ni jiraata ture. Achi biraa omishaan gatii dadhabbiikoo hinarganne, asimmoo bitataan gatiin omishaa humna bituukoo oli jedhee kan boo’uufillee kanumaafi” jedhu.

Gama kanaan keessumaa miidiyaafi ogeessonni dinagdee dhiibbaa taasisuu akka qaban eeranii, yoo imaammanni qophaa’eef namni hunduu kallattiidhaan fayyadamaa akka ta’u hubachiisu.

Walumaagalatti waldaaleen hojii gamtaa ga’eesaanii gabaa tasgabbessuufi dinagdee biyyaa utubuu keessatti qaban olaanaa waan ta’eef, ergamasaanii qixa sirriin hojiitti akka hiikaniif imaammanni qophaa’eefi qajeelfamaafi seeraan hogganamuu qabu.

Mootummaanis kana hubachuun rakkoo tasgabbii dhabuu gabaa yeroo yerootti bifa jijjiirratee uumamuuf furmaata akka ta’uuf imaammanni dafee akka qophaa’u gochuu qaba. Ogeessonnis qorannoo sababaafi bu’aarratti bu’uureeffate qopheessuun gaheesaanii bahachuu qabu jenna.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 3 Bara 2014

Recommended For You