Ijaarsa piirojektota aadaa

Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaa Qabeenya Hawwataa Turizimii, Iddoowwan gahumsa Turizimii qorachuu, beeksisuu, haala mijeessuu, Uummata Oromoo Duudhaafi Aadaa Ganamaatti deebisuun cinaatti Magaalaa Finfinnee keessatti pirojektota Aadaa, seenaafi duudhaa Oromoo ibsan hedduun hojjatamaa jiru.

Hàaluma kanaan muuxannoo duudhaalee ganamaa ittiin Oromoon akka sabaatti of ijaaree, biyya Itoophiyaa ijaaruufi gaanfa Afrikaa tasgabbeessuuf fayyadamaa turetti deebi’uun murteessaa waan ta’eef mootummaan jijjiiramaa waggoota sadan kanneen keessatti tarkaanfiiwwan fudhataman giddggaleessa godhachuun hojiiwwan gama misooma aadaatiin Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaatiin iddoo ijaarsaatiif ta’an karaa seera qabeessaan fudhachuun ijaarsa pirojektota Magaalaa Finfinnee keessatti gaggeeffamaa kan jiruudha.

Pirojektonni ijaaramaa jiranis:

1. Pirojektii Kutaa Magaalaa Boolee (Boolee Bulbulaa)

Pirojektiin kun lafa ‘km2 2000’ irratti kan ijaaramaa jiru ta’ee kaayyoonsaa Giddugala Qophiifi Leenjii Nyaata Aadaa Oromoo itti qophaa’uufi ittiagarsiifamuudha.

Pirojektichi bajata mootummaa qarshii miliyoona 97, kuma 475fi 276.88 hayyamameen bara 2012 ijaarsisaa kan jalqabe yemmuu ta’u, yeroo ammaa %92 irra jira.

2. Pirojektii kutaa magaalaa Qirqoos (Tulluu Ejersaa)

Pirojektiin kun lafa ‘km 2, 5000’ irratti kan ijaaramaa jiru ta’ee kaayyoonsaa Giddugala Leenjii Aartii Oromoo ta’ee kan tajaajiluudha. Ijaarsi pirojektii kanaa bajata mootummaa qarshii miliyoona 185, kuma 847fi119.82 hayyamameen bara 2012 kan jalqabame yemmuu ta’u, yeroo ammaa % 54.2irra jira.

3. Pirojektii kutaa magaalaa Lidataa (Caffee Aannanii)

Pirojektiin kun lafa ‘km2 2300’ irratti kan ijaaramaa jiru ta’ee kaayyoonsaa Giddugala Gabaafi Egzibishinii Omisha Aadaa Oromoo ta’ee tajaajiluudha. Ijaarsi pirojektii kanaas bajata mootummaa qarshii miliyoona 120, kuma 220fi 318. 78 hayyamameen bara 2012 kan jalqabame yemmuu ta’u, yeroo ammaa %60 irra.

Ijaarsi pirojektota kanneenii Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaatiin hordofamaafi deeggarsa barbaachisaan taasifamaa kan jiru yoo ta’u, haala qulqullinnisaaniif immoo ogeessa dhaabbiidhaan ramaduun yeroo yeroodhaan duukaa bu’amaa akkasumas kontiraaktaroota wajjin mari’achaa itti adeemamaa jira.

Akka waliigalatti deeggarsaa Mootummaan Naannoo Oromiyaafi Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee taasisaa turaniifi ammas nu cinaa dhaabbachuusaaniif osoo hingalateeffatiniifi hindinqisiifanne bira dabruun hindanda’amu jedha BATOn.

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 3 Bara 2014

Recommended For You