Hojiilee dhaabbanni ‘Top Beverages Industries and Trading’ gama rakkoolee hawaasummaa furuutiin raawwachaa jiru

Finfinnee: Dhaabbanni ‘Top Beverages Industries and Trading’ jedhamu abbaa qabeenyaa Obbo Abbabbaa Dinquutiin bara 2010 hundaa’e. Dhaabbatichi Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee Magaalaa Buraayyuutti hojiisaa kan jalqabe yoo ta’u, bishaan dhugaatii qulqulluu (Top water) gabaadhaaf dhiyeessaa jira. Dhaabbatichi hojii yeroo jalqabu sa’aatiitti bishaan liitirii kuma 18 kan omishu yoo ta’u, yeroo ammaa maashinoota ammayyaa’aa galchuufi dameesaa ‘Top’ tokkoo hanga ‘Top’ ja’aatti babal’isuudhaan sa’aatii tokkotti bishaan liitirii kuma 138 omishaa jira.

Hojjettoota 150n hojii kan jalqabe dhaabbanni kun yeroo ammaa hojjettoota dhaabbii kuma tokkoofi hojjettoota yeroo 400 waliigalatti hojjettoota kuma tokkoofi 400 qaba. Dhaabbatichi bishaan dhugaatii qulqulluu gabaaf dhiyeessuun gamatti damee hojii hoteelaa, riil isteetii, konistiraakshinii, warshaa sibiilaa, alergiifi alaa galchuufi qonna irrattis hirmaatee hojjechaa jiraachuu himu Daariktarri Ittaanaan dhaabbatichaa Obbo Shimallis Ajjamaa.

Dhaabbatichi bakkeewwan rakkoo bishaan dhugaatiitiif saaxilamaniif bishaan boollaa qotuufiin ummataafi beelladoota rakkoo bishaan dhugaatiif saaxilaman dheebuu baasaa jiraachuu himanii, dhaabbatichi torban lamaan har’aa Godina Booranaa, Aanaa Dhaas, Ganda Borboritti qarshii miiliyoona shaniin boolla bishaanii qotuun eebbisiisee hawaasaafi beelladoota dheebuu baaseera. Dhaabbatichi gara fuulduraattis bakkeewwan rakkoon bishaanii jiranitti boolla bishaanii qotuun rakkoo bishaanii karaa waaraa ta’een kan hojjetu ta’uunis himaniiru.

Obbo Shimallis akka jedhanitti, dhaabbatichi rakkoolee hawaasummaa gara garaa furuurrattis xiyyeeffatee hojjechaa jira. Mana barnootaa Abdii Boruu Magaalaa Buraayyuutti ijaarameef deeggarsa qarshii miiliyoona afurii taasiseera. Manneen barnootaa Aanaa Galaanitti argamaniif deeggarsa qarshii miiliyoona sadii taasiseera. Dhaabbatichi pirojektii Shaggariif deggersa qarshii miliyoona shank an taasise yoo ta’u, Magaalaa Jimmaatti ammoo qarshii miiliyoona 57n mana barumsaa bultii addaa ijaarsisaa jira. Manneen barnootaa biroofis deeggarsa meeshaaleefi qarshii taasiseera.

Yeroo weerrarri vaayirasii koronaa daran babal’atee turetti dhaabbatichi bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaatiif qarshii miiliyoona tokko, bulchiinsa magaalaa Finfinneetiif bishaan samsame kuma 60, hawaasa Magaalaa Jimmaafi naannawaasheetiif boqqolloofi qamadii kuntaala kuma 300 ol deeggarsa taasiseera kan jedhan Obbo Shimallis, dhaabbatichi waggoota sadan darbanitti qofa deeggarsa qarshii miiliyoona 100 olii taasiseera.

Dhaabbatichi faalama naannawaa haayilaandiin bishaaniifi pilaastikii adda addaatiin qaqqabaa jiru hambisuuf warshaa pilaastikii daakuudhaan deebi’ee dhimma akka baasu taasisu qarshii miiliyoona 200 oliin ijaaraa jiraachuu himanii, maashinichi dhiyeenyatti xumuramee hojii kan jalqabu ta’uufi saa’atii tokkotti pilaastikii toonii tokkoo ol daakuu kan danda’u ta’uus eeraniiru.

Pilaastikiin warshichatti daakamee gara biyya alaatti ergamu waggaatti sharafa alaa doolaara miiliyoona 10 ol kan argamsiisu ta’uu himanii, maashiiniin kun dhaabbachuun naannawaa faalama pilaastikiirraa bilisa taasisuurra darbee namoota pilaastikii kana funaananiif carraa hojii uumuun galii akka argatan taasiseera. Pilaastikiin kiiloon tokko qarshii saddeetii hanga 10n bitaa jiraachuus eeraniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 3 Bara 2014

Recommended For You