
“Haalli mijataan nuu uumamnaan kora sabaa gaggeessuuf qophiidha” – KFO
Finfinnee: Erga kora sabaa gaggeeffannee waan waggaa hinguunneef yaa’ii waliigalaa gaggeessuun nuu hinilaallatu jechuun Addi Bilisummaa Oromoo (ABOn) beeksise.
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa waldhabbii hoggansa addichaa gidduu tureen korri sabaa akka gaaggeeffamu ajaja dabarse bu’uura taasifachuun yaa’ii adeemsifachuusaanii dubbii himaan ABO Obbo Toleeraa Adabaa beeksisan.
Haa ta’u malee, yaa’ii adeemsifame kana boordichi seeraafi qajeelfama hinguunne jechuun kora paartichi gaggeesse hinfudhanne ture. Korri ABOn gaggeesse garuu iddoo bakka bu’oonni boordichaafi miseensonni addichaa argamanitti karaa dimokraatawaatin gaggeeffachuusaa himuun bakka bu’oonni boordii argamanii sirna guuttachuun korri gaggeeffamuusaa mirkaneessanii eeyyamni akka kennamuuf mallatteessuusaanii kaasaniiru.
Murtii boordiin filannoo biyyaalessaa paarticharratti dabarserratti gara mana murtiitti geeffachuu kan ibse addichi, manni murtiis himata dhihaate ilaaluun murteessuufis, bordiin filannoo biyyaalessaa oliyyannoo dhaddacha ijibbaata gaafateen manni murtii irra deebiin ABOf murteesseera jedhan.
Kana bu’ura godhachuun dhaabichi boordii filannoo biyyaalessaaf iyyata galfatee osoo murtii eeggachaa jiruu tibbana addichi kora sabaa akka gaggeeffatu jechuunsaa sirri akka hintaane Obbo Toleeraan himaniiru.
Addichi garuu erga korri sabaa gaggeeffamee waggaa hinguunneetti akkasumas seera qabeessummaa korichaa erga manni murtii nuu murteessetti ammatti yaa’ii waliigalaa gaggeessuun yeroosaa miti jedhan.
Paartiilee yaa’ii waliigalaa akka geggeeffataniif boordichaan qajeelfamni kennameef keessaa Kongiransiin Federaalistii Oromoo (KFOn)n tokko yeroo ta’u, paartchi “Haalli mijataan nuu uumamnaan kora sabaa gaggeessuuf qophiidha’ jedheera.
Ittigaafatamaan waajjira KFO Obbo Xurunaa Gamtaa qajeelfama boordiin biyyaalessaa kenne paartiinsaanii fudhatee yeroo gabaabaa keessatti yaa’ii akka adeemsifatu ibsaniiru.
Yaa’ii gaggeeffamu kanas yoom akka gaggeeffatuufi bakki ittigaggeeffamu boordicha wajjin mari’achuun kan ibsu ta’uu eeraniiru.
Humni paartichaa sababa miseensonni paartichaa hedduun hidhaa turanitti laafeera kan jedhan ittigaafatamtichi, miseensonni muraasni mana hidhaatii gadhiifamaniis, ammas warreen mana hidhaatti argaman jiraachuusaaniitiin kora gaggeeffamuuf yaadameef sodaa danqaa ta’uu danda’a jedhu akka qaban dubbataniiru.
Fiqaaduu Dheeressaatiin
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 3 Bara 2014