Dhukkubbiin mataa ykn mataa boowwuu kan jennu dhaabbanni fayyaa addunyaa (World Health Organization) akka qoratetti namoota waggaa 18 ol ta’an keessaa walakkaa (50%) kan ta’an yoo xiqqaate waggaa tokko keessatti altakkaa dhukkubsatu. Namoonni %90 ta’an immoo umurii isaanii keessatti yoo xiqqaate altokko mataa dhukkubbiin isaan mudata.
Dhalli namaa sababa garagaraa irraan kan ka’e amma jiraatu keessatti mataa dhukkubbiif ni saaxilama. Kanaafuu waa’een mataa dhukkubbii dhiira, dhalaa, xiqqaa, guddaa, adii, gurraacha osoo hinjedhiin namoota hundaa kan ilaallatuufi namoonni hedduun hubannoo bal’aarratti argachuu kan barbaadanidha.
Akkaata sababa ka’umsa isaarratti hundaa’uun mataa dhukkubbiin gosoota gurguddaa lamatti qoodama. isaanis
- Primary headache:- Akaakuun mataa dhukkubbii kun dhukkuba biraa waliin osoo wal hinqabatiin ofumasaatii of danda’ee yoo mataan nama dhukkubu jechuudha.
- Secondary headache:- Akaakuun mataa dhukkubii kun ammoo dhibee biraa qaama keenya keessa jiruun ykn dhukkuba biraan walqabatee kan nu dhukkubuudha. Akkuma beekamu, keessi qaama keenyaa sababa garagaraa irraan kan ka’e yoo miidhamu miirri mataa dhukkubbii nutti dhaga’ama. Inni lammaffaan kun sababa dhukkuboota hedduun dhufuu waan danda’uuf mallattoo dhukkubaati malee dhukkuba of danda’e miti. Akkasumas gargaarsi godhamu dhukkuba jalqabaan jiru sanarratti waan hundaa’uuf waa’eesaa haasa’uun hubannoo addaa kennuun rakkisaadha.
Kanaaf hawaasa keessatti yeroo baayyee “dhukkubbii mataa” jennee kan haasofnu baay’inaan “primary headache” waan ta’eef waa’eesaa akka armaan gaditti ilaalla. Dhukkubbii mataa kan “primary headache” jedhamu bakka gurguddoo sadiitti qoodnee ilaaluu dandeenya. Isaanis:
- Tension Headache
Gosti mataa dhukkubbii kun dhukkubbii mataa kan guutummaa mataa keenyaa dhukkubuufi dhukkubbiin isaa salphaa ta’e, yeroo baay’ees hojiiwwan guyyaa guyyaatti hojjennu irratti dhiibbaa uumuu hindanda’u. Gosti mataa dhukkubbii kun inni kun qorichoota hawaasni yeroo baay’ee mataa dhukkubbiifi fudhatu akka “paracetamol, daayikiloofeenaakifi kkf yoo fudhanne kan nu dhiisudha. Ka’umsi isaa guutumaa guututti beekamuu baatus mukuu ykn gaddabuu hamaa, muddamuu, dheebochuufi beela’uufaa waliin wal qabata.
- Migraine Headache
Akaakuun dhukkubbii mataa inni kun dhukkubbii mataa hamaa ta’eef, namoota muraasa qofa mudatu yoo ta’u, dhukkubbiin isaa baay’ee hamaafi kan hojii idilee ykn mana barumsaarraallee hanga nama hambisuutti ga’udha. Akaakuun dhukkubbii mataa kun yeroo baay’ee gara fuula ykn mataa gar tokkoon kan nama dhukkubudha.
Akaakuu dhukkubbii mataa duraa (tension headache) kan jennu irraa adda kan isa taasisu mallattoolee biraa kan akka balaqqamsiisuu, ol nama tuquu, nyaata jibbisiisuufi ijaan ifa ilaaluu dadhabuufaa of keessatti qabata Yeroo tokko tokko dhukkubbiin kun dhufuun isaa dura mallattoolee akka ija ofiitti balaqqeessa’uu, sararawwaan jajjalloo ykn zigzaagii fakkaatan ija ofiitti mul’achuufi haasa’uu dadhabuufi kanneen biroo argisiisa. Dhukkubbiin sababa akaakuu mataa dhukkubbii kanarraan dhufu daqiiqaawwan ykn sa’atii muraasaaf qofa kan turuudha. Dhukkubbii kana kan namatti kaasan:
- Garmalee yaadda’uu ykn muddamuu,
- Dhugaatii alkoolii
- Beela’uufi dheebochuu
- Baay’ee rafuu ykn hirriba dhabuu
- Marsaa laguu yoo dhufu (dubartootaaf)
- Sagalee garmalee olka’ee nama jeequ
- Ifa cimaa ykn baay’ee guddaa ilaaluu
- Waan foolii badaa qabufi kkfdha.
Kanaaf namoonni dhibee akkasii qabdan wantoota gosa dhukkubbii kana isinitti kaasanirraa fagaachuu qabduu dhaamsa keenyadha. Jireenya keenya guyyaa guyyaa ykn haala hojii keenyaarratti sana irra darbee miidhaa kan fidu yoo ta’eefi qoricha xixiqqaa dhukkubbii mataa fudhannuun yoo dhiisuu dide, hospitaala deemnee qoricha ogeeyyii yaalaa nuuf ajajan fudhachuu qabna.
- Cluster Headache
Akaakuun dhukkubbii mataa sadaffaan kun, dhukkubbii mataa naannawaa ija keenyaa gam tokko, bitaa ykn mirga qofa kan dhukkubu yoo ta’u, gama dhukkubu sanaan ija keessaa bishaan akka imimmaanii gadi dhangalaasuufi funyaan cufuudhaan ykn cuqqaaluun adda ta’a.
Dhukkubbiin isaa garmalee hamaafi sadarkaa dhukkubbii isaatiin kanneen armaan olii lamaan kan caaludha.Yoo jalqabu suuta jedhee osoo hintaane, akka tasaa yeroo tokkotti akka ibiddaa kan namarra bu’uudha. Guyyaa keessaa sa’atii walfakkaataa irratti namatti kan dhufuufi yeroo tokko tokko hirriba keessaallee nama kaasa. Ka’umsi dhukkuba kanaa tasumaa kan hinbeekamnedha. Kitaabonni tokko tokko garuu sanyiidhaan ni darba kan jedhanis jiru.
Dhukkuba kana fayyisuun dadhabamus qorichootni dhukkubbiiisaa hir’isaniifi daddafee akka hindhufne taasisan ni kennamu.
Gosoota mataa dhukkubbii armaan olitti tarreeffaman kanaan alatti akaakuuwwan namoota muraasa irratti mul’atan akka: dhukkubbii mataa kan sochii qaamaa qofa waliin walqabatu (exercise headache), dhukkuubbii mataa jijjiirama hoormoonii qaama keessaa kan akka yeroo marsaa laguu, yeroo ulfaafi hafuu marsaa laguu waliin walqabatu (hormonal headache) fikkf illee ni jiru.
Mana yaalaa deemuun alatti akkamiin dhukkubbii mataa ofitti fooyyessuu dandeenyaa?
Yaalli tokkoo tokkoo akaakuu dhukkubbii mataa mana yalaatti kennamu akkuma jirutti ta’ee ofii keenyaan ofgargaaruuf maal gochuu qabna kan jedhuuf, kanneen armaan gadii mataa dhukkubbii hanga tokko akka hir’isan qorannoowwan adda addaa ni argisiisu:
- Waan hojjannu irraa boqonnaa fudhachuu, keessumaa koompiwutaraafi moobayilii yoo fayyadamnu gidduu gidduutti boqonnaa fudhachuu.
- Bishaaniifi dhangala’aa biroo sirriitti dhuguu, nyaata altakkaatti baay’ee nyaachuu irra xixiqqeessanii itti deddeebi’anii nyaachuu
- Yeroo dhukkubbiin mataa nu eegalu uffata bishaan qor’aan cuuphanii adda ofiirra kaa’achuu.
- Alkoolii dhuguu dhiisuu ykn baay’ee xiqqeessanii dhuguu, buna dhuguu (Haga humnaa ol hintaanetti) sochii qaamaa yeroo yerootti hojjachuu
- Aduu keessa yeroo dheeraaf deemuu ykn taa’uu dhiisuu, gaafa konkolaataan deeman fuuldura taa’anii deemuu, mastiikaa yeroo dheeraaf (yeroo baay’ee) alanfachuu irraa of qusachuu.
Namoonni dhukkubbii mataa qaban mallattoo akkamii yoo ofirratti argan hatattamaan gara mana yaalaa deemanii qorannoof yaala argachuu qabu?
Namni dhukkubbii mataa qabu mana yaalaa deemee yaalamuun akkuma jirutti ta’ee namoonni mallattoowwan dhukkubbiin mataa yaala hatattamaa akka barbaadu agarsiisan (red flags of headache) kana qabu ammoo hatattamaan deemee yaalamuu akka qabu agarsiisu. Mallattoowwan kunneenis:
- Dhukkubbii mataa jalqabee daqiiqaa xiqqoo keessatti dhukkubbiin isaa garmalee cimee sadarkaa obsuu hindandeenyerra nama geessisu (Thundercalp headache).
- Dhukkubbii mataa sochii qaamaa, waa hojjechuu (exertion) qufa’uu, haxxifachufi kkf irraan nama eegalufi dhukkubbiin isaa haala taa’umsa qaamaa (positional change) irraan garmalee namatti cimu ykn jijjiiramu.
- Dhukkubbii mataa walitti fufaa (kan gidduutti hinfooyyofne ykn hindhiifne)fi mataa dhukkubbii cimaa haaraa (kan duraan hinjirre) keessumaa namoota waggaa 50 olii yoo mudatu.
- Dhukkubbii mataa yeroo mara buqqee mataa (head) irraa bakka tokkotti deddebi’ee dhukkubu.
- Dhukkubbii mataa duraan dhukkubbii xiqqoo qabuufi daddafee deebi’ee hindhufne yoo haala jijjiiratee garmalee haala duraa caalaa namatti yoo cimaa deemu.
- Dhukkubbii mataa mallattoowwan biroo kan akka dhaqna gubaa, sochii dadhabuu kutaa qaamaa akka harkaa ykn miilaa, ulfaatina baay’ee hir’isuu of biratti qabatee deemu.
Fayyaa hindhabinaa!
Doktar Naafyaad Geetuu
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 3 Bara 2014