Afdaneessummaa waliigaltee biyyaalessaatiif

Guyyaan afaan dhalootaa ofiitiin dubbachuu ALA bara 2000 irraa kaasee Jaarmiyaa Barnootaa, Saayinsii Aadaa /UNESCO/ Dhaabbata Mootummoota Waltaniitiin matadureewwan adda addaatiin kabajamaa jira.

Itoophiyaanis biyya danummaa afaanii fudhattee keessummeessaa jirtu waan taateef barana mataduree, “Afdaneessummaa waliigaltee biyyaalessaatiif” jedhuun yeroo 12ffaaf, akka addunyaatti ammoo al 22ffaaf Naannoo Ummatoota Kibbaa, Godina Hadiyyaa, Magaalaa Hosaa’inaa, Yunivarsitii Waachaamootti marii paanaaliif qophiilee adda addaatiin kabajameera.

Maricharratti daa’imman afaan dhalootaasaaniitiin barachuun mirga bu’uuraa ta’uusaarrayyuu ce’umsa beekumsaafi dandeettiif haala kan mijeessu, adeemsa barachuu kan si’eessu ta’uun eerameera.

Kanaafis wiirtuu qo’annoofi qorannoo afaanii hundeessuufi hojiilee jaarmiyaaalee adda addaatti afaaniin walqabatanii raawwataman qindeessuu akka barbaachisuufi afaanota Itoophiyaa barachuufi sirnaan sanadeessanii kaa’uuf bu’aalee tenkolojii adda addaa fayyadamuun akka barbaachisu bal’inaan eerameera.

Hojiileen afaan eeguu, misoomsuufi gabbisuu cimanii akka ittifufaniif qaamoleen dhimmi ilaallatu ittigaafatamummaa fudhatanii jedduseenummaa siyaasaa tokko malee hojjechuu akka qaban mara’icharratti eerameera.

Itoophiyaatti afaanonni 53 ol afaan barnootaa ta’anii tajaajilaa jiraachuu waltajjicharratti kan eerame yoo ta’u, afaan dhalootaatiin dubbachuun ibsituu eenyummaa, danummaa, amantii, walitti hidhamiinsa hawaasummaa, barumsaafi guddinaa ta’uunis ibsameera.

Heerri keenya walqixxummaa afaanota keenyaatiif beekamtii kan kenne, saboonni, sabalammoonniifi ummatoonni afaaniifi aadaasaanii akka misoomsaniif mirga kan kenne waan ta’eef damee misooma afaaniitiin milkaa’inni olaanaan galmaa’eera.

Kanaafis afaanonni 53 akaakuu barumsaafi afaan barnoonni ittikennamu ta’anii sirna barnootichaatti tajaajilaa jiraachuun akka agarsiituutti kan eeramuudha.

Imaammanni afaanii Amaariffatti dabalee Afaan Oromoo, Tigriffi, Affaariffiifi Somaaliffi afaan hojii Mootummaa Federaalaa ta’anii akka tajaajilaniif carraa kan kenne yoo ta’u, qo’annoorratti hundaa’uun sadarkaan afaanota kaaniis akka fooyya’u eerameera.

Guyyaan afaan dhalootaa kun godinaalee, magaalotaafi aanaalee Oromiyaattis qophiilee adda addaatiin kan kabajame yoo ta’u, haaluma kanaan Bulchiinsa Magaalaa Nageellee Arsiitti guyyichi Mana Barnoota Sadarkaa tokkoffaa Majaa Warqaatti kabajame.

Ittigaafatamtuun Waajjira Aadaafi Tuuriizimii Bulchiinsa Magaalattii Aadde Disaatuu Laggasaa, Afaan Oromoo afaan dhalootaa, aadaa, duudhaafi safuu ummata Oromoo ibsuu keessatti qooda olaanaa akka qabu ibsuun, afaanich biyyoota Afrikaa hedduu keessatti dubbatamu bira darbee afaan addunyaa guutuutti dubbatamu akka ta’uuf hunduu gaheesaa bahuu qabu jedhan.

Kaayyoon kabaja ayyaanichaas afaan dhalootaa kunuunsuu, dagaagsuufi guddisuu akka ta’e ibsanii, afaanota biroo dubbachuufi kabajuunis barbaachisaadha jedhan.

Hayyoota Afaan Oromoo akka guddatuufi dagaagu taasisan kanneen akka Sheek Bakrii Saphaloo, Onismoos Nasiibfa’iif kabajatu mala jechuun dhalootni Qubee ammas afaan hayyoonni asiin gahan kunuunsuu akka qabu dhaaman.

Akka odeeffannoowwan maddeen adda addaarraa arganne ibsinitti, Waajjirri Aadaafi Turiizimii Magaalichaa dagaagina afaanii cimsuuf gaaffiifi deebii afaaniifi aadaa Oromoorratti xiyyeeffate barattoota gidduutti adeemsisuun barattoota qabxii olaanaa argatan badhaasee, jajjabeesseera.

Charinnat Hundeessaatiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 3 Bara 2014

Recommended For You