Gucni fincila diddaa cunqursaafi ukkaamsaa Itoophiyaatti keessumaa Oromiyaatti bara 2008 qabate laboobaa deemee imalliifi qilleensi jijjiiramaa amma mul’atu akka dhufuufi bubbisu taasiseera.
Akkuma artistii qaaliin Oromoo, Haacaaluu Hundeessaa otoo harka yartuutiin hingalaafatamiin dura “…yaa waa irraanfachuu, keenyaa yaa nuyii…” jedhee weellise sana yoo ta’e malee jijjiiramni kun biyya keenyatti akka galmaa’uuf karaan irra deemamee as ga’ame daran ulfaataafi gidirsaa ture.
Jijjiiramni guca qeerroofi qarreen Oromoo lubbuu ofiitti murteessuun harka duwwaa agaazii taankiifi isnaayipparii hanga funyaaniitti hidhate fuuldura dhaabachuun; paartii ADWUI biyya bulchaa ture keessaa ammoo gootota jijjiiramaaf kiyyoo hamaa keessatti onnataniin haalli amma biyyattiitti mul’atu kun mul’achuu danda’eera.
Waanti keessa turameefi darbamee as ga’ame dagatamee ittifayyadamasaa hubachuu dhabuu yoo ta’een ala keessumaa akka Oromootti waanti harka keenya gale akka laayyootti kan ilaalamu miti. Kanaafis isa nu harka jiru tikfachaa isa hafeef ammoo haala guddummmaa, safuu, duudhaafi aadaa keenya madaaluun, bilchinaafi waldhageettiidhaan fuulduratti tarkaanfachuutu nuuf ta’a.
Egaa waan irranatti jenne kana waa malee hinkaafne. Paartiin biyya bulchaa jiru; Badhaadhinni torban dhufu, Bitootessaa 2 hanga 4 bara 2014tti mataduree, “Qormaatarraa gara Injifannoo waaraatti” jedhuun yaa’iisaa waliigalaa jalqabaafi seenaqabeessa Finfinneetti adeemsifamu ka’umsa godhachuun dhaamsa dabarfachuufi.
Paartiin filannoo biyyaalessaa baatii Waxabajjii darbe geggeeffameen sagalee olaanaadhaan ummataan filatamee biyya bulchuuf eeyyama guutuu argate kun imaanaa ulfaataa kennameef milkeeffachuuf dhimmoota alaa keessaa biyyattiitti qormaata ulfaataa ta’an kanneen akka nageenya waaraa dhabuu, qaala’ina jireenyaa, hattummaa, finxaalessummaa, walqooduufi kkf irratti mari’atee murtii seenaqabeessa ummata biyyattii isa filate garaa ga’u dabarsuu qaba.
Paartichi keessoosaa gaaraa hanga dakaatti sirnaan gingilchee kanneen billaa lamaan nyaachuu baran, miila laman qaba jedhanii muka lama yaabbachuuf wixxirfatan of keessaa calaasuufi seeratti dhiyeessuuf yeroo kamuu caalaa yaa’ii kanaan murtii hadhaa’aafi barsiisaa dabarsuu qaba.
Kana malees akkuma boordii filannoo, komishinii mirgoota namummaafi manneen murtiifaa dhaabbilee miidiyaafi kkf dhiibbaa siyaasaa kamuu jalaa bilisa gochuurrattis paartichi ejjennoo jabaa qabachuun irraa eegama. Finxaaleyyii alaa keessaa takka amantiitti, yeroo kaan ammoo qomootti hirkachuun summii jibbiinsaafi qoodiinsaa facaasuuf tattaafatan iddootti galchuuf xiiqiidhaan hojjechuun irraa eegama.
Qaamolee maqaa sabaafi kaan diratanii dirree bal’ifamee kennameefitti fayyadamuu wallaalanii nageenya ummataatti daldaluufi burraaquu barbaadan, yaaddoo nageenyaa ta’aa, qondaalota mootummaafi saba isaan duuba jiru xureessuuf yaalan golaafi cancala isaan barbaadan qopheessuufiin yaa’ii Paartii Badhaadhinaa tokkoffaa kanaan xiyyeeffannaa cimaa argachuu qaba.
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 26 Bara 2014