Yaadannoo Adwaaf dorgommiin fiigichaa adeemsifame

Finfinnee: Bara 1928 Faashistiin Xaaliyaanii of tuulummaa Beeniittoo Mosoloniitiin durfamuun erga Itoophiyaa weerartee waaggoota 126 ta’eera.

Haata’u malee of tuultonni kunniin gootota Itoophiyaatiin dirree waraanaarratti erga salphatanii waggoonni 126 lakkaa’amaniiru.

Itoophiyaan dirree waraanaarratti faashistii Xaaliyaanii mo’achuudhaan gootummaashee edda mul’istee booddee ummanni gurraachotaa mormasaanii akka ol qabatan ta’era. Kanaafuu bilisummaa gurraachotaaf fakkeenya ta’ee ka’a.

Itoophiyaan dirree waraanaa qofatti osoo hin daangeffamiin dirree waraana nageenyaa, ispoortii atileetiksiirrattis gootummaadhaan waamamaa ija addunyaa keessa seenteetti.

Xaaliyaaniin waraanaan injifatamtee erga ari’amtee waaggoota 19 boddee gootichi olompikii Abbabaa Biqilaa Olompikii Romaa kan bara 1952 adeemsifame Addababa’ii Mosoloniin Raayyaasaa hiriirsuudhaan Itoophiyaatti dulchiseefi ajaja dabarserratti miila duwwaa weeraruudhaan tokkoffaa ba’ee mo’atee ummata addunyaa ajaa’ibsiiseera.

Yoomiyyuu mootii fiigicha maaraatoonii olompikiifi injifannoo Afrikaanotaaf balbala kan saaqeefi akka fakkeenyaatti kan ilaalamu gooticha kana faana bu’uudhaan dargaggoonni Afrikaa dirreewwan ispoortii weeraruudhaan olaantummaa galmeessisaa jiru.

Abbabaa Biqilaa dirree Olompikiirratti dhiiraan atileetota gurraachotaaf daandii injifannoo akkuma saaqe, Daraartuu Tulluu olompikii Baarseeloonaa kan bara 1994 adeemsifame fiigicha meetira kuma kudhaniin yeroo jalqabaatiif dubaraan mo’achuudhaan dubartoonni Afrikaa mo’achuu akka danda’an irra deebiidhaan mirkaneessisteetti.

Kanaafuu Itoophiyaan dhiiraaf dubaraan dirreewwan irratti hiriirtu maratti bilisummaa ummata gurraachotaaf fakii ta’uushee oftultotatti agarsiisteetti.

Tibbanas yaadannoo ayyaana Aduwaa wagga 126ffaa gurandhala 23 sababa godhachuudhaan fiigichi kilomeetira shanii dhiiraaf dhalaan gaggeeffameera.

Dorgommii barana adeemsifame kanarratti atileetonni kilaba Poolisii Oromiyaa Korniyaa lameeniinuu injjifachuudhaan meedaaliyaawwan warqii fudhataniiru.

Fiigicha dhiiroota jidduutti adeemsifameen Atileet Gaashaaw Taaddasaa mo’achuudhaan badhaasa qarshi kuma 50fi meedaaliyaa warqii, hiriyyaan isaa Asmaraa Taammiruu qarshii kuma 25fi meedaaliyaa meetii, Waganee Sabsibee Raayyaa Ittisaarraa sadaffaa bahuudhaan qarshii kuma 15fi nahaasa badhaafamaniiru.

Kan dubaraattin ammoo atileetiin Poolisii Oromiyaa Geexee Guutaa tokkoffaa bahuudhaan medaaliyaa warqiifi qarshii kuma 50 yoo badhaafamtu,atileetiin Humna Ibsaa Itoophiyaa Sabboontuu Tarreessaa lammaffaa bahudhaan qarshii kuma 25fi meedaaliyaa meetii fudhataniiru.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 26 Bara 2014

Recommended For You