Keessummaan keenya maxxansa kanaa Yunivarsiitii Jimmaatti Barsiisaafi Qorataa Seenaa akkasumas Daarektara Ininstiitiyuutii Qorannoo Oromoo Doktar Dheeressaa Dheebuu Wayyeessaati. Gaafdeebiin Gaazexaan Bariisaa torban darbe guyyaa yaadannoo injifannoo Adwaa waggaa 126ffaa Roobii darbe kabajame sababeeffachuun hayyuu kana wajjin taasise akka armaan gadiitti dhiyaateera.
Bariisaa: Ka’umsi waraana Adwaa maal ture? Hirmaannaafi tokkummaa saboonniifi sablammoonni waraanicharratti taasisaniifi injifannoon galmaa’e akkamitti ibsama?
Doktar Dheeressaa: Warraaqsa industirii booda Awurooppaanonni biyyoota Afrikaa qircatanii of jala galchuun bakka meeshaalee dheedhii warshaaleesaaniitiif barbaachisan irraa argatan, bakka omishaalee warshaasaanii itti gurguratan akkasumas bakka olaantummaasaanii itti agarsiisan gochuuf kutatanii ka’an.
Biyyoonni Awurooppaa guguddoon akka Ingiliz, Faransaay, Jarman lafa Afrikaa qircachuuf kutatanii ka’an. Yeroo sana biyyi haaraa hundoofte, Xaaliyaaniin biyyoota naannawa kaabaafi Gaanfa Afrikaa (Liibiyaa, Itoophiyaa, Ertiraa, Somaaliyaa Kibbaa) qabachuuf socho’aa turte.
Ingiliz ammoo Somaalee gara kaabaa naannawa Somaalee Laandi, Hargeessaa, Barbaraafi Galiilaa jedhaman qabattee turte. Naannawa Moqaadiishoo, Raabaa, Makkaa, qarqara Galaana Hindii kan qabatte ammooXaaliyaanidha.
Xaaliyaaniin dabalataan Itoophiyaa qabattee of jala galchuuf socho’aa turte. Ingiliziifi Faransaayis naannawa kana qabachuuf waldorgomaa turan. Ingiliz, Faransaay ofirraa ittisuuf Xaaliyaanii akka eegduusheetti ittifayyadamaa turte. Waraanni 2ffaan Addunyaas dorgommii kana keessa dhufe.
Jalqaba Kaampaaniin Guseeppee Saapeetoo jedhamu hoggantoota Afaar, Hasan Been Ahmadiifi Ibraahim Ahmadirraa Asabiin bara 1869 bitatan. Kana booda Ertiraa qabachuudhaan Itoophiyaas guutummaatti qabachuuf socho’aa turan.
Ingiliz bara 1885 lafa Masawwaa (Mitsiwwaa) duraan Gibtsoota harka ture Xaaliyaaniif dabarsitee kennite. Yeroo kana mootii Yohaannisiifi Mootii Minilik gidduu waldorgommiin tureera. Xaaliyaanonni yeroo sana Mootii Minilik waliin hariiroo cimaafi gaarii waan qabaniif Yohaannis irraa ammoo lafa fudhachuuf dorgomaa turan. Waraana yeroo sana matammaarratti taasifameen mootii Yohaannis duunaan Xaaliyaanonni hanga Minilik aangoosaa tasgabbeessutti lafa bal’aa hanga Asmaraatti jiru qabatan.
Sana booda yeroo durbiin Minilik, Raas Mokonnon Waldamikaa’el Guddisaa Room deemanii deebi’an waraanni Xaaliyaanii Marabirra ga’aniiru. Marabiin achitti waliigaltee Neeppis (Naples convention) jedhamuun mallattoodhaan dabarfamee kenname.
Waliigalteen Wucaalee ALA Caamsaa 2 bara 1889 mallatteeffame ammoo lafti bal’aan Ertiraarraa mallattoodhaan dabarsee kenneera. Waliigaltee kanarratti Afaan Xaaliyaaniitiin “Itoophiyaan biyyoota alaa waliin walqunnamuuf mootummaa Xaaliyaanii fayyadamuun dirqama” jedha.
Kana jechuun Itoophiyaan gara fuulduraatti kolonii Xaaliyaanii jala galti jechuudha. Waliigaltechi Amaariffaan ammoo “Itoophiyaan yoo barbaadde karaa mootummaa Xaaliyaanii mootummoota Awurooppaa wajjin walqunnamuu dandeessi” kan jedhu ture. Xaaliyaaniin waliigaltecha biyyoota Awurooppaa hundatti erguudhaan Itoophiyaan kolonii kooti jettee turte.
Minilik yeroo mootummaa Xaaliyaaniitiif Xalayaa barreessuuf jedhan mootummaan Xaaliyaanii “Waliigaltee walii mallatteessineerra Afaan Xaaliyaaniitiin yoo ta’e malee xalayaa naaf barreessuu hindandeessu” jedheen.
Mootiin Minilik bara 1893 waliigaltecha akka hinfudhanne Itoophiyaa guutummaatti labsan. Kana keessatti haati warraa Minilik Gannee ykn Giiftii Xaayituu Bixul warri Yajjuu gahee olaanaa taphataniiru.
Sochii Xaaliyaaniin Itoophiyaa bittaa ykn koloniishee jala galchuuf taasisaa turte hinfudhannu jechuudhaan Minilikiin onnachiisuudhaan akka isaan waliigalticha hinfudhanne taasisan.
Duraan waliigalticharratti irra deebinee mari’anna jechaa kan turan Mootii Minilik bara 1893 waliigaltecha kan hinfudhanne ta’uu labsan. Warri Xaaliyaanii ilma mootii Yohaannis Mangashaa Yohaannis fayyadamuudhaan Minilik waliigalticha dirqiidhaan akka fudhataniif yaalaa turan.
Boodarra Xaaliyaanonni qonnaan bultoota buqqisanii lafa irraa waan fudhataniif boodarra Ertiraa, bakka ‘Akaala Guzaay’ jedhamutti fincilli qonnaan bultootaa ka’e. Qonnaan bultoonni lafti isaanirraa fudhatame bara 1894 Xaaliyaaniirratti fincila banan.
Xaaliyaanonni Minilik waliigalticha akka fudhataniif sossobanii amansiisuuf yaalanii waan dadhabaniif Itoophiyaa guutummaatti weeraruuf sochii taasisuudhaan Marabiin ce’anii Tigraayiin galan.
Yeroo kana Mootii Minilikiifi Giiftii Xaayituun loltoota kuma 100 ol Itoophiyaa giddugaleessaa, bahaa, lixaa, kaabaafi kibbaarraa walitti qabuun loltoota Xaaliyaaniirratti duulchisan.
Azaazh Gizaawu, mootii Taklahaymaanot (Adaal Tasammaa ykn Gooshuu Zawudee Tulluu) Amuruurraa ce’anii nama Gojjamiin bulchaa turaniifi loltoota baay’ee ‘Begge Midirii’fi Gojjamirraa duulchisaniiru. Yeroo sana Oromoota baay’eetu Gojjam keessa jiraachaa turan.
Akkasumas Wallaggarraa namni Fitawuraarii Taklee jedhaman loltoota baay’ee sochoosuudhaan garasitti duulchisan. Mootii mootota Minilik jalatti mootii ta’ee Walloo hogganaa kan turan Raas Mikaa’el (Mahaammad Aliin) ammoo Oromoota dabalatee namoota Walloo baay’ee qindeessuudhaan calalanii gara adda waraanichaatti ergan.
Akkasumas hogganaa olaanaa Harar kan turan Raas Mokonnin Mikaa’el Guddisaa Harargeerraa loltoota baay’ee sochoosuun gara waraanaatti erganiiru. Loltoonni kaaba, kibba, bahaafi lixa biyyyattiirraa walitti babba’uun waraanicharratti hirmaachuun hedduunsaanii aarsaa ta’aniiru.
Wallagga, Harargee, Arsii, Baaleefi Shawaarraa loltootaafi hoggantoota waraanaa baay’eetu adda waraanichaatti duule. Hoggantoota waraanaa keessaa tokko kan ta’aniifi maqaan abbaasaanii barreeffama seenaa Itoophiyaa keessatti hindha’amne ykn lagatamu keessaa tokko Fiitaawuraarii Gabayyoo Gurmuu nama waraanicharratti aarsaa guddaa kaffalaniidha.
Hogganaan waraanaa kun lola cimaa Mudde 7 bara 1895 loltoota Xaaliyaanii wajjin adda waraanaa Tigraay kibbaa, Ambaalaageetti argamutti taasifamerratti aarsaa ta’e. Waraana kanaan loltoonni Xaaliyaanii gara Maqaleetti akka baqatan ta’eera. Erga Fiitaawuraarii Gabayyoo Gurmuu wareegamanii booda Dajjaazmaach Baalchaa Saafoo (Baalchaa Abbaa Nabsoo) waraanicha hogganaa turan.
Loltoonni Itoophiyaa Maqaleerratti dahoo loltoota Xaaliyaaniitti marsuudhaan torban lamaaf (Amajjii 7-21 bara 1896)tti nyaataafi dhugaatii akka hinarganne gochuudhaan bahaa gala dhorkanii rakkisaa turan. Mootii Minilik waan nagaa barbaadaniif loltoonni Xaaliyaanii akka gadhiifaman fedhan.
Giiftii Xaayituun garuu loltoonni Xaaliyaanii gadidhiifamuu hinqaban, asumatti dhumuu qabu, yoo gadidhiifaman humna jabeeffatanii dhufanii nutti deebi’uu danda’u jedhanii morman.
Minilik nagaadhaaf abdii waan hinkutanneef loltoonni Xaaliyaanii Maqaleetti loltoota Itoophiyaatiin marfamanii ba’uufi galuu dhorkaman akka gad dhiifamanii gara Ertiraatti deebi’aniif eeyyaman.
Waraanni Xaaliyaanii haala kanaan gadidhiifaman achi hiiqanii bakka Idaagaamus jedhamutti loltoota Itoophiyaa wajjin waraana cimaa geggeessuun waan injifatamaniif duubatti deebi’anii Ertiraarraa loltoota kuma 20 sochoosuun Addigraat karaa bahaatiin, Inticcoo karaa giddugaleessaatiin, Adwaa karaa lixaatiin Guraandhala 29 bara 1896 weerara cimaafi bal’aa taasisan.
Utuu loltoonni Itoophiyaa Addigiraatiin hinga’in bakkawwan adda addaatti (Addigraat, Inticcoo, Saawuraa) irratti loltoota Xaaliyaanii wajjin waraana cimaa adeemsisaa turan. Basaastuu cimaa dhalataa Tigiree kan ta’e Awwaloom haala loltoonni Xaaliyaanii dandamachuu hindandeenyeen odeeffannoo ciccimaa loltoota Itoophiyaatiif kennuudhaan akka loltoonni Itoophiyaa injifatan taasiseera.
Awwaloom hoggantoota garee loltoota Xaaliyaanii afuriif isaan fakkaatee odeeffannoo dogoggoraa kennuufiidhaan akka nama isaan hinwalquunnamneefi moo’aman taasiseedha.
Dilbata Dilbata loltoonni, hoggantoonniifi ummanni Itoophiyaa waan kadhannaadhaan qabamaniif waraanni Xaaliyaanii guyyaa kana kallattiilee adda addaatiin loltoota Itoophiyaarratti waraana bana.
Waraanni Adwaa guyyaa Dilbataa ALA Bitootessa 1 bara 1896 loltoota Xaaliyaaniifi Itoophiyaa gidduutti guyyaa walakkaaf adeemsifamuun injifannoo waraana Itoophiyaatiin goolabame.
Waraana Adwaarratti loltoonni Xaaliyaanii kuma ja’a kan du’an yoo ta’u, loltoonni Itoophiyaa kuma 13 ta’an du’aniiru. Waraanni Adwaafi injifannoon Adwaa seenaa waraana addunyaa keessatti adda. Injifannoon Adwaa Xaaliyaaniifi koloneeffattoota biroof cabiinsa hamilee yoo ta’u, ummattoota gurraachota Afirikaafi addunyaatiif ammoo kaka’umsa guddaadha.
Injifannoon Adwaa Xaaliyaniidhaaf cabiinsa guddaa waan tureef Finsiiskoo Kiriispii, kan yeroo sana Xaaliyaanii bulchaa ture aangoorraa kaafamee akka nama ‘Antoonio Starabba, Marchese di Rudini’ jedhamuun bakka buufame.
Torban tokko booda Bitootessa 9 bara 1896 Phaaphaasiin Kaatolikii Roomaa Pooppi Liyoo 13ffaan xalayaa Minilikiif barreessaniin loltoonni Xaaliyaanii loltoota Itoophiyaatiin booji’amaniifi hidhaman akka hiikaman gaafataniiru. Mootiin Minilikis loltoonni Xaaliyaanii gadidhiifamanii Finfinnee, naannawa Sidisti Kiiloo (Caffee Araaraa) safara Xaaliyaanii akka qubatan taasisan.
Caamsaa 26 bara 1896 Finfinneetti waliigalteen mootummaa Xaaliyaaniifi mootummaa Itoophiyaa gidduutti taasifameera. Waliigaticharratti Itoophiyaan akka biyya bilisaatti akka ilaalamtu, Xaaliyaaniin ammoo waliigaltee Wucaalee isa Afaan Xaaliyaaniitiin “Itoophiyaan karaa Xaaliyaaniitiin malee biyyoota alaa quunnamuu hindandeessu” jedhu akka haqxu, akkasumas Xaaliyaaniin Itoophiyaadhaaf beenyaa waraanaa qarshii Xaaliyaanii (Liiree) miliyoonotaan lakkaa’amu akka kaffaltu itti murtaa’e.
Isa booda namoonni adda addaa Xaaliyaanii, Ingiliziifi Faransaayirraa dhufanii Itoophiyaa wajjin waliigaltee mallatteessuudhaan Itoophiyaan biyya bilisaati jechuun Embaasiisaanii Itoophiyaatti banatan. Embaasiin jalqaba Itoophiyaatti banames Embaasii Xaaliyaaniiti. Ittaansee kan Faransaay, ittaansee kan Ingilizi.
Waliigaltee bara 1897 keessa mallatteeffameen biyyoota koloneeffatan waliin daangaan sararamee waraqaarratti akka mallattaa’u, daangaan Itoophiyaa akka kabajamu ta’eera. Biyyoonni adda addaas Itoophiyaa keessatti embaasii akka banataniif koloneeffattoota Xaaliyaanii, Ingiliziifi Xaaliyaanii waliin akka mallatteeffamu ta’e.
Haaluma kanaan Itoophiyaan lola Adwaatii kaastee waggaa 40f ykn hanga 1936tti akka biyya bilisaatti akka ilaalamtu taasifame. Waggaa 40 booda mootummaan Xaaliyaanii (mootummaan Mosoloonii) akka haaloo bahannaatti deebi’ee dhufee Itoophiyaa weeraruudhaan waggoota ja’aaf akka bulchan ta’eera.
Biyyoonni Afrikaas walga’anii Teessoon Dhaabbata Tokkummaa Afrikaa yeroo ammaa Gamtaa Afrikaa jedhamu Itoophiyaatti akka hundaa’uuf bu’uura kan ta’e injifannoo Adwaati.
Qabsoofi falmii Itoophiyaan bara Adwaa, Maayicawuufi isa booda yeroo Xaaliyaaniin deebitee dhufte taasisteefi injifannoon isheen galmeessifte biyyoota birootiif fakkeenya ta’uun bilisummaa fideera. Injifannoo Itoophiyaan galmeessifte kanarraa ka’uun Komishiniin Dinagdee Afrikaa (Economic Commission for Africa or ‘ECA’)n bara 1958 Itoophiyaatti akka hundaa’u ta’eera. Kanarraa ka’uun Ameerikaa dabalatee biyyoonni adda addaa embaasiisaanii Itoophiyaatti akka banatan ta’eera.
Afrikaanonni tokkummaa dhabuun kolonii Awurooppaa jala isaan galcheera. Seenaa addunyaa keessatti warri adiin yeroo jalqabaatiif harka gurraachotaan akka moo’aman kan taasise injifannoon Adwaati.
Injifannoon Adwaa kun Afrikaa Kibbaa keessattis sochii qonnaan bultootaa kakaaseera, Bataskaanni Ortodoksii Itoophiyaa gurraachotaan Ameerikaa keessatti akka hundaa’u akkasumas sochiin Afrikaanota guutuu (Pan Africanism) Ameerikaa keessatti akka hundaa’u taasiseera.
Beniitoo Siilvi’aan Mootiin Minilik pirezidaantii kabajaa sochii Paan Afrikaanizimii akka ta’aniif yeroo gaafatu Minilik “Ani sanyii Solomoon isa Israa’eel waanan ta’eef gurraachotaaf Pirezidaantii kabajaa ta’uu hindanda’u” jechuun deebisan. Beniitoo Siilvi’aan deebiisaaniitti daran qaana’ee Ameerikaatti deebi’uun Minilik waan dhufuu hindandeenyeef ana bakka buufataniiru jechuun haamileesaanii kakaasuudhaan sochiin Paan Afrikaanizimiin Ameerikaa keessatti akka hundaa’u taasise.
Hayyuufi gaazexeessaan Naayjeeriyaa beekamaan ‘H.O. Davies’ jedhamu Hayilasillaaseen pirezidaantii kabajaa sochii Afrikaa guutuu akka ta’aniif yeroo gaafatan Hayilasillaaseenis “Ani sanyii Salamoon mootii ‘Za’imnagada Yihuudaati’ malee mootii gurraachotaa miti” jechuudhaan deebiidhuma mootii Minilikiin walfakkaatu deebisan. Ta’us hamileen warra sochii Afirikaanota Guutuu geggeessanii waan hincabneef sochichi cimee ittifufe. Injifannoon Adwaa injifannoo saba tokkoo qofa utuu hintaane injifannoo gurraachota maraati.
Birruu Nagawoo, Fitawuraarii Habtagoorgis (Qusee Dinagdee), Baalchaa Abbaa Nabsoo, Gabayyoo Gurmuu, Raas Mokonnin Waldamikaa’el Guddisaa, Gabramaariyaam Gaariifaa hoggantoonniifi qondaaltonni Oromoo loltoota Oromoo qindeessanii calalanii waraana Adwaatti duulchisaniifi waraanicha hogganaa turaniidha.
Qabeenyi galaaf oolus irra jireessaan kan deeme giddugaleessa biyyattiifi dachee Oromiyaarraa ture. Waraana Adwaa kanarratti Oromoo ykn warra kaabaa qofa utuu hintaane hanga ummattoonni Itoophiyaa guutummaa jechuun danda’amutti kallattiilee biyyattii afranirraayyuu babba’uun waraanicharratti hirmaataniiru.
Kanaafuu injifannoon Adwaa kan ummata biyyattiifi ummata gurraacha maraati. Dubartoonnis galaa qopheessanii gara adda waraanaa addunyaatti erguufi galaa fuudhanii dhaqanii hojjechuudhaan waraana Adwaa keessatti gumaacha guddaa taasisaniiru.
Giiftii Xaayituu Bixulis hoggantuu dubartootaa ta’anii hojjechaa turan. Kanaafuu injifannoon Adwaa injifannoo sabootaafi sablammoota hundaa kan ta’e, kan tokkummaan ummattoota Itoophiyaa irratti mul’ateedha jedhu.
Gabramaariyaam Gaarii maqaansaanii ganamaa Gameessaa Gaarii ture. Baalchaa Abbaa Nabsoofi Gabiramaariyaam Gaarii namoota waraana Adwaarratti aarsaa guddaa kaffalaniidha. Baalchaa Abbaa Nabsoofi Gabramaariyaam Gaarii Waraana Adwaafi Maa’icawurratti hirmaataniiru. Baalchaa Abbaa Nabsoo yeroo Xaaliyaaniin waggaa 40 booda bara 1936 Itoophiyaa weerartee turtes waraanicharratti hirmaachuun injfannoo boonsaa galmeessisaniiru. Waraana Adwaarratti gumaachi ummanni Oromoofi qabeenyi Oromiyaa iddoo olaanaa qaba jechuun ni danda’ama.
Bariisaa: Injifannoon Adwaa injifannoo sabootaafi sablammoota Itoophiyaa maraan ta’ee utuu jiruu maaliif akka injifannoo saba ykn garee tokkootti lallabamaa ture? Dogoggorra kana sirreessuuf maaltu ta’uu qaba?
Doktar Dheeressaa: Seenaan dhugaa barbaaduu waan ta’eef seenaan sirriin barreeffamuu qaba. Seenaan Adwaa sirriitti barreeffamee qindaa’ee kariikulamii barnootaa keessa hingalle. Seenaan hoggantoota waraana Adwaa keessatti gumaacha olaanaa taasisanis yeroo barreeffamu maqaa abbaa isaanii hambisanii barreessuufi eenyummaasaanii haguuguun ni mul’ata.
Dogoggorri seenaa kun sirratee kaariikulamii barnootaa keessa galee miidiyaadhaanis beeksifamuu qaba. Dogoggorri kun ummata waan walirraa fageessuufi jibbiinsa waan facaasuuf sirrachuu qaba.
Gareen tokko qofti akka waan Itoophiyaa hundeesseetti of ilaaluun dogoggora guddaa, badii hamaa fidhuudha. Dhugaan ni qal’atti malee hincittu jedhama mitiiree. Seenaan ammoo dhugaa barbaaduu waan ta’eef dhugaa jal’ate sirreessuun barbaachisaadha.
Seenaa dhugaafi sirriin ummata walitti fiduun tokkumaasaa cimsuu, walqixxummaa ummataa kabachiisu keessatti gahee olaanaa qaba. Kun yoo ta’e ummanni biyyattii seenaan biyya kanaa seenaa kooti, aadaan biyya kanaa aadaa kooti jedhee wanta waliin qabu kanneen akka injifannoo Adwaa kana waliin akka gabbifatu taasisa. Seenaa dabsuun jibbiinsa facaasuudha.
Injifannoo Adwaas akka injifannoo saba ykn garee tokkootti leellisuun fuulduratti nu hintarkaanfachiisu waan ta’eef seenaa dhugaafi sirrii ta’e hordofuun barbaachisaadha.
Seenaa sirriin waa’ee injifannoo Adwaarratti barreeffame hedduun ummata bira waan hingeenyeef qindeessanii ummata biraan ga’uufi kariikulamii barnootaa keessa galee akka irraa baratamuufi ummanni dhugaa jiru akka hubatu taasisuun barbaachisaadha.
Bariisaa: Dhaloonni ammaa injifannoo Adwaarraa maal barachuu qaba?
Doktar Dheeressaa: Injifannoo Adwaa dhaloonni ammaa dhugaafi nagaadhaan walitti dhiyaatanii tokkummaafi walqixxummaan akka waliin jiraatan, ofirra darbanii addunyaaf waa akka gumaachan akkasumas tokkummaafi jaalalaan nageenya biyyaa akka eeggatu, misoomsu, guddisuufi dagaagsu taasisuu keessatti gahee olaanaa qaba.
Waraanni Adwaa Injifannoo loltoota Itoophiyaatiin xumuramus miidhaa guddaa qaqqabsiiseera. Waraana Adwaarratti loltoonni Xaaliyaanii kuma ja’aafi loltoonni Itoophiyaa kuma 13 ta’an du’aniiru.
Waraana yeroo gara garaa Itoophiyaatti adeemsifamerrattis loltoota baay’ee hirmaachisuun injifannoon galmaa’us namoota hojjechuufi biyyattii misoomsuu danda’an hedduun waraanarratti waan du’aniif waraanni badii malee gaarummaa hinqabu. Kanaafuu nagaaf dursa kennuu, karaa nagaatiin deemuufi tokkummaa uumuun barbaachisaadha.
Waraana booda yeroo hunda beela, qaala’ina jireenyaafi rakkoolee hawaasummaa gara garaatu dhufa. Sababa waraanaatiin lubbuu namoota hedduufi qabeenya guddaatu barbadaa’a. Bakka waraanni jirutti yeroo hundumaa faalama qilleensaa, hongee, beela, dhibeefi du’atu jira.
Rakkoo kanarraa hafuuf nagaaf dursa kennuun barbaachisaadha. Tokkummaa qabaannaan waan hundayyuu injifachuu akka dandeenyu injifannoo Adwaarraa barachuu qabna. Tokkummaa qabaannaan gara fuulduraatti tarkaanfachuu, guddachuufi dagaaguu akka dandeenyu injifannoo Adwaarraa barachuu dandeenya.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 26 Bara 2014