Seenaa Gootichaa Dajjaazmaach Garasuu Dhukii

Garasuu Dhukii goota Oromoo waraana Xaaliyaanii waraanuun beekkamu yoo ta’u irra caala naannoo Walisoofi Jimmaatti Xaaliyaanii wajjin waraana geggeessaa ture. Boodarras bulchaa konyaa ‘Caboofi Guraagee’ ta’ee hojjateera.

Garasuu Dhukii abbaasaa Dhukii Gulummaafi haadhasaa Warqee Elemoorraa Caamsaa 1905 dhalate. Bakki dhalootasaa karaa Finfinneeraa gara Magaalaa Walisootti geessu cinaatti kan argamu Aanaa Walisoo, Gandaa Maaruu jedhamutti.

Akkuma umuriinsaa barumsaaf ga’een, maatiinsaa waldaa amantii Ortodoksii Maaruu Mikaa’el jedhamurraa barsiisaa mindeessuun obbolaasaa wajjin barumsa mana amantichaa akka hordofu taasisan.

Tapha Garasuun jaalatu keessaa inni guddaan fardaan gulufuu ture. Akkuma ijoollee abbaa lafaa naannoo Maaruu, fardaan gulufuu, gaachana qolachuu, eeboo darbachuufi adamoo shaakalaa ture.

Abbaa isa duukaa waltajjii adda addaarratti argamuun akkaataa dubbii barachaa hojiirra oolchuun hunda durse. Ija jabinaafi ciminasaa kanarraa kan ka’e, bifa farda inni yeroo hundaa gulufsiisuu jaalatuun umurii waggaa kudhaniitti maqaan masoo ‘Abbaa Booraa’ jedhu kennameef. Yeroo dirree waraanaa ture farda adii yaabbatullee, maqaadhuma kanaan amma lubbuunsaa darbuutti waamamaa ture.

Yeroo tokko mootii Hayilasillaaseefi haati warraasaa yeroo bishaan ho’aa lafa keessaa burqu kan Walisoo daaw’achuuf deemanitti, Garasuun fardasaatiin fuuldura gulufuun karaa agarsiisaa ture. Sana malees, fuulduratti ba’uun waa’ee naannawichaa haasawa nama hawwatuufi ogummaan guutame ummataafi mootichaaf taasise.

Hunduu ittigammadee, ‘Ijarraa hafi; guddadhu’ jedheen. Ogummaafi ciminni akkasumas, ija jabinni isaa qalbii mootiifi giiftii seenee ija gaariin akka isa ilaalan taasise. Odeeffannoo Gabramaaram Gaarii irraa argameefi waan guyyicha hubatanirraa ka’uun guyyuma sana Finfinneetti waamsisuun Ministeera Ittisaa keessatti ajaja mootiitiin akka mindeeffamu ta’e.

Erga loltummaanis waggoota torbaaf tajaajilee booda jabinaafi amanamummaasaatiin filatamee itti dhiyeenyaan mooticha akka tajaajilu taasifame. Waggoota muraasaaf erga mootii tajaajilee booda, eeyyama mootiitiin loltoota ilma isaa Asfaawasanitti makame.

Garasuun loltoota Asfaawasan waliin gara Walloo deemuun achirraas loltoota Raas Kaasaa Ambaalaagee jiranitti dabalamee Xaaliyaaniitti duulan. Lola Tambeenitti gaggeeffameefi kan Maayicawurratti gaggeeffame keessatti loltuu diinaa madfiifi matarayasii, qilleensarraan ammoo, Xiyyaaraan gaasii summii facaasuun lolu jala dhaabatee waan dadhabaniif kaan dhumanii kaan booji’amanii, kaan baqatanii lubbuun harkaa ba’anii gara Wallootti deebi’uun karaa Warra Iluu, Finfinnee galan. Haala kana keessatti cimina gaggeessummaasaarraan kan ka’e loltoonni Garasuu dursaa turan.

Kumaalaa Garasuun erga Finfinneetti deebi’ees, kutannoofi jaalala biyyasaatiif qaburraan kan ka’e naannawa dhalootasaa Maaruutti deebi’uun qabsoo itti fufuuf murteesse. Yeroo kana mootii Hayilasillaaseen hoggantoota waraanaa hedduu wajjin Ingilaanditti baqate.

Kaan ammoo, Xaaliyaanitti harka kennatan; gariinsaaniis ni booji’aman; kaan ammoo ni dhuman. Kunniin marti Garasuufi gootota akkasaa jilbiinfachiisuu hindandeenye. Waggoota shaniif yeroo Xaaliyaaniin biyyattii bulchaa turte keessatti lotuusaa wajjin riphee loluun diina bahaa-gala dhowwaa ture. Kallattiinis ba’uun diina humna lafoofi qilleensaan lolu mo’achaa loltoota hedduu booji’aa, barbadeessaa, kanneen jalaa booji’aman deebifachaa qabsoo hidhannoofi hojii gootummaa ittifufe.

Gaggeessitoonni Xaaliyaaniifi baandaan sodaatanii yeroo hedduu araaraaf jaarsa itti ergaa turan. Garasuun gargaarsa ummataafi onnee waan qabuuf shiraafi kiyyoosaaniitiin qabamuu hindandeenye.

Roorrisaan biyya abbaa qabu gabroomfateefi baandaan biyyasaa saamsisuun alagaa jala kaatu ramaca caalaa isa guba ture. Keessumaa ummanni Itoophiyaa Xaaliyaanotaan Finfinneerratti ajjeefame ijasaa duraa baduu dide.

Guyyaa tokkollee osoo miilasaarra rasaasan rukutamee loltoonni harkaa dhumanii kanneen hafan ammoo isa gatanii deemanitti akkas jechuun yaadannoosaa barreesse. “Ani Garasuudha; hojii koos xumureera; du’us giroo koo miti; kan na yaaddessu garuu Finfinneen bakki ummanni koo irratti dhume bilisa baatee osoo hinargin du’uu kooti” jedha.

Haa ta’u malee, yeroo marfame sanatti diina jalaa ba’uun madaansaa fayyee loltoota abdii kutatanii faca’an walitti qabuun lola ittifufe. Dhumni hojii gootummaa Garasuus lola Jimmarratti Xaaliyaanii wajjin geggeeffameedha. Garasuun loltoota diinaa kan Jimmarra buufatan marsuun yaaddesse.

Loltoota Garasuun hogganuun marfamuu cinaatti oduun biyyatti deebi’uu mootii Hayilasillaaseefi gargaarsi Ingilaandi waan dhaga’ameef osoo dhiigni hindhangala’in loltoonni Xaaliyaanii warri naannawicha akka harka kennan taasise.

Garasuunis, Hayilasillaaseefi ummata Itoophiyaa biratti gootummaafi tooftaa lolasaanitiin hundaa olitti dinqisiifame. Kanarraan kan ka’e, waamicha mootirraa taasifameen loltuusaa Shawaa Lixaa kan qabsoo finiinsaa tureefi Jimma kan bilisa baase mara dhiisee Finfinnee deeme.

Marti namaa ajajaa waraana biyyattii ta’a jedhee eegaa ture; innis akkanatti of beeka ture; hojiinsaas kanaa gadi miti. Mootiin garuu biyya Oromoo fudhachuun olaantummaa na dhabsiisa jedhee waan shakkeef, bulchaa konyaa Caboofi Guraagee taasisuun muude.

Erga mootummaa tajaajilaa turee booda soorama ba’e. Sana malees, Garasuun hindhukkubsate. Dhukkubasaa kana ogeeyyiin biyya keessaa waan dadhabaniif, qabeenyinsaa hundi gurguramee ilmisaa Taabor Garasuu biyya Ingilaanditti geesse akka yaalchisu ta’e.

Akka odeeffannoon Waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii Godina Shawaa Kibba Lixaarraa arganne ibsutti Garasuun achittis fayyuu akka hindandeenye waan hubateef, gara biyyaatti deebi’e. Dhukkubni isa qabes kaansarii ture.

Dhibeen kun daran itticimee Caamsaa, 1958 lubbuunsaa dabarte. Ulfinaan jiraatti dhabe du’aatti hinbarbaadu jechuun wayita lubbuun jiru bakka gootonni Itoophiyaa hundi itti awwaalaman Bataskaana Sillaasee osoo hintaane, kan ofiisaa ijaarsise Bataskaana Caffoo Gabri’eelitti akka awwaalan waan firootasaa kakachiiseef, sirni awwaalchasaa achuma, Maaruutti raawwatame.

Seenaan gootichaa Dajjaazmaach Garasuu Dhukii dhalootaa dhalootatti akka darbuuf yeroo hunda yaadachuun barbaachisaadha.

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 26 Bara 2014

Recommended For You