Imaanaa dhaloota egeree dhaloota har’aatiin

Jechi gabaabbatee tarii ‘dha-l-oo ta’ jedhu kun waan salphaa sitti fakkaachuu mala. Garuu dhugaan addunyaa kanarra jiru tokkoofi guddaan dhimma jiraachuufi baduu biyyaafi hawaasa biyya tokkoo tasayyuu filannoo biraa hinqabne tokkichi dhimma dhalootaati.

Dhaloota jechuun biyyaafi hawaasa biyya tokkootiif madda kuufama anniisaa humna biyyaafi hawaasa tokkoo kan bara jireenyaasaa guutuu ida’ama fedhii siyaasaa, dinagdee, hawaasummaafi eenyuummaa akkasumas ittifufiinsa qaroomaasaatiif dabree dabarsaadhaan ittiin tarkaanfachiisuudha.

Dhaloota maal haa goonuree jechuu dandeessan? Dhaloota beekii dhalootaafi akeeka biyyaafi hawaasa biyyichaa waliin masakii guddisi ykn qopheessi. Gaheen dhaloota har’aa inni tokko dhaloota kunuunsuudhaan fedhiifi faayidaa biyyaa barsiisaa irratti qopheessuudha. 2ffaa fedhiifi dantaa dhaloota boruu imaanaa tahu beekee tika barbaachisuun tiksaa dhalootatti dabarsuudha.

Dantaan dhaloota maalii? Dantaan dhalootaa dantaa biyyaati. Dantaan biyyaa dantaa hawaasa biyya sanaati. Dantaawwan kanneen keessaa dantaan siyaasaa isa tokko. Dantaan kun fedhii siyaasa hawaasa sanaa kan ibsuufi calaqqisuu jechuudha. Eenyummaa, abbummaa, qarooma aadaa, daangaa biyyaa, gootummaa, taateewwan bara jireenyaasaa dhaloonni dabre raawwate kan akka barnootaas ta’u seenaafi kkf roga siyaasaatiin hawaasichaafi biyyaaf akka suuraa dhaabbiitti ibsu jechuudha.

Kanaaf dhaloonni har’aa osoo dhaloonni dabree dantaasaa eegee kunuunsee nuu dabarsuu baatee tarii dhaloonni har’aa kun matummaansaatuu jiraachuu hindanda’u.

Dhaloonni har’aa fedhii dhunfaafi gareesaa qofa jiddugaleessa godhatee yoo fedhiifi dantaa dhaloota boruu gatii salphaan nyaatee garaasaa guuttata tahe sirrii miti. Yakki kun seera uumaa dabsuudha.

Uumamni madaalasaa eegee imalaa adeemsasaa akka ittinfufne gochuufi biyya ganuudha. Walumaagalati dhaloonni qaroo ijaa yoo tahu, dhimma dhalootaarratti dogoggoruun qaroo ija hawaasa biyyaa tokko balleessuudha.

Kanaaf nuti, dhaloonni har’aa idaa dhaloonni dabre nurraa qabu ofirratti beeknee ofeeggannoo guddaadhaan dhalootaaf dabarsuudhan gahee keenya bareechinee taphachuun seera (aadaa) yoo tahu, faallaa kanaan fedhii yeroo dhunfaafi garee keenyaan booji’amuun gochaafi jecha farra dhaloota egeree raawwachuun seermalee ykn aadmaleedha.

Dargaggoo Fu’aad Jamaal (walittiqabaa koree odiitii waldalaa dargaggoo Oromiyaa)

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 26 Bara 2014

Recommended For You