Dhaabbanni ‘Top Beverages Industries and Trading’ Godina Booranaatti hawaasa dheebuu baasaa jira

Yaaballoo: Dhaabbanni ‘Top Beverages Industries and Trading’ jedhamu Godina Booranaa, Aanaa Dhaas, Ganda Borboritti bishaan boollaa qarshii miliyoona shaniin ji’oota lamaaf qotaa ture xumuruun torban har’aa eebbisiisuun hawaasaafi beelladoota naannawichaa rakkoo bishaanii hamaaf saaxilamanii turan dheebuu baaseera.

Daarekteerri ittaanaan dhaabbatichaa Obbo Shimallis Ajjamaa sirna eebba pirojektichaarratti akka jedhanitti, dhaabbatichi Finfinneerraa kiiloomeetira 900 ol imaluun pirojektii bishaan boollaa qarshii miliyoona shaniin ji’a lama keessatti ijaaree xumuruun hawaasaafi beelladoota naannawichaa dheebuu baaseera. Hawaasni naannawichaa boolla bishaanii ba’e akka qabeenya dhuunfaasaatti eeggachuun sirnaan ittifayyadamuu akka qabus gorsaniiru.

Boolli bishaanii kun sakondii tokkotti bishaan liitirii 10 kan maddisiisu ta’uus eeranii, bishaan boollaa kun namoota kuma tokkoofi 500 irraa hafee beelladootasaanii ittifufiinsaan dheebuu baasa jedhan.

Boolli bishaanii kun naannawichatti qotamuun keessumaa dubartootaafi daa’imman karaa dheeraa deemanii bishaan waraabuurraa kan baraare ta’uus himanii, akkasumas daa’imman barumsasaanii akka addaan hinkunneefi hawaasni bishaan dhugaatii qulqulluu naannawaasaatti akka argatu taasisuudhaan fayyummaasaanii akka mirkaneessu himaniiru.

Balaan hongee ummataafi beelladoota Godina Booranaa mudateefi deggersi gama mootummaa, dhaabbilee gara garaafi abbootii qabeenyaatiin taasifamaa jiru ga’aa miti kan jedhan Obbo Shimallis, deggersi taasifamus rakkoo yeroo furuu qofarratti utuu hintaane furmaata waaraarratti kan xiyyeeffatu ta’uu qaba jedhu.

Dhaabbatichi ummata magaalaatiif bishaan haayilaandii dhiyeessuun, ummata baadiyyaa bishaan dhugu hinqabneef ammoo boolla bishaanii qotee bishaan dhiyeessuun dheebuu baasaa jiraachuu himanii, gara fuulduraattis hawaasa kutaalee biyyattiitti rakkoo bishaan dhugaatiif saaxilameef bishaan dhiyeessuuf hojjeta jedhan.

Itoophiyaa keessa dhaabbileen bishaanii 120 ol jiraachuus himanii, dhaabbileen kunneeni fakkeenyummaa dhaabbata bishaan ‘Top’ hordofuun otoo boolla bishaanii tokko qotanii rakkinichi furamuu akka danda’u eeru.

Bulchaan Godina Booranaa Obbo Jaarsoo Boruu akka jedhanitti, abbaan qabeenyaa dhaabbata ‘Top Beverage Industries and Trading’ Obbo Abbabaa Dinquu qabeenyi ummataaf hintaane anaaf homaa miti jechuun boolla bishaanii baasuun ummataaf dhiyeessuun aantummaasaanii hojiin agarsiisaniiru jedhan. Bishaan kana yeroo gabaabaa keessatti sararasaa diriirsuun, taankariifi boonoodhaan ummata biraan ga’uuf kan hojjetan ta’uus eeraniiru.

Godinichatti hongeen yeroo gara garaa kan mudatu ta’uus himanii, balaa hongee barana mudateen qabeenya beelladootaa godinichaa miliyoona 6.8 keessaa beelladoonni kuma 500 kan du’an ta’uufi namoonni kuma 600 ta’an ammoo rakkoo bishaan dhugaatiif saaxilamuus himaniiru.

Mootummaan federaalaafi naannichaa rakkoo bishaaniifi nyaata beelladootaa godinichatti mudate furuuf deggersa taasisaa jiraachuu himanii, godinichatti bakkeewwan hanqinni bishaanii bal’inaan mul’atutti bishaan bootteedhaan dhiyeessaa jiraachuu dubbatu.

Mootummaan federaalaafi Oromiyaa rakkoo bishaan godinichaa ittifufiinsa furuuf pirojektiin networkii bishaan Booranaa waggaa dheeraan dura karoorfamee utuu hojiirra hinoolin ture erga Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad dhiyeenya kana godinicha daawwatanii booda doolaara kuma 250n hojjetamee akka xumuramuuf kallattiin kaa’amuu himan.

Bulchiinsi Mootummaan Naannoo Oromiyaas rakkoo bishaan godinichaa karoora yeroo gabaabaafi dheeraatiin furuuf hojjechaa jiraachuu eeranii, rakkoo bishaan godinichaa humna mootummaa qofaan waan hinfuramneef warra hirmaate galateeffatanii qaamoleen kaanis akka hirmaataniif gaafataniiru.

Utuu balaan hongee kun gara beelaatti hinjijjiiramin deggersi gama hundaan ummataafi beelladoota godinichaaf taasifamaa jiru cimee itti fufuu qaba jedhanii ummata godinichaa keessaa %60 deggersa mootummaatiin akka jiran dubbatu. Yeroo ammaa namoonni kuma 182 seeftineetiidhaan bulaa jiraachuufi namoonni kuma 118 ta’an ammoo Komiishiinii Hoggansa Sodaa Balaafi Kaafamtoota Misoomaa Oromiyaarraa ji’a ji’aan gargaarsa argachaa jiraachuus eeraniiru.

Beelladoonni godinichaa hanqina marga nyaataafi bishaaniitiin daran miidhamanii waan jiraniif yeroo bokkaan roobu baay’inaan du’uu danda’uu danda’u kan jedhan Obbo Jaarsoon, bokkaa dhiyeenya kana guyyaa tokko roobeen guyyaatti loowwan kuma 76 kan du’an ta’uu himaniiru.

Jiraattonni godinichaa balaa hongeef saaxilaman akka jedhanitti, balaa hongee hamaa barana godinichatti mudateen loowwan waan nyaataniifi dhugan dhabanii akkasumas dhibeewwan gara garaatiin qabamanii du’aa jiru. Deggersi gama mootummaa, dhaabbilee gara garaafi abbootii qabeenyaatiin isaaniif taasifamaa jiru jajjabeessaa ta’us rakkoo mudatee jiru waliin yoo ilaalamu gahaa miti jedhan.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 26 Bara 2014

Recommended For You